Oromia: Ilmaan Oromoo Hundaaf, Artist Hawwii Tazarraa irraa January 18, 2016
Posted by OromianEconomist in Oromo Artist Hawwii Tazarraa, Uncategorized.Tags: Famous Oromo artist, Hawi Tazara, Hawi Tezera, Mother of all earth, Xalayaa Hawwii
trackback
Akkami jirtu yaa ilmaan Oromoo, inuma jirtanii?
Anas Ayyanni Oromoo, Ayyanni saba cunqurfamaa osoo hin du`in har`aan na gaheera. Dararaa hundaa dandamadhee lubbuun koo osoo hin bahin har`a gaheera. Reebameera, akka dubartiitti osoo hin taane, akka sanyii namaatti osoo hin taane, akka bofaatti, ykn bineensa biraatti. Yakka tokkos hin dalagne. Waallee garaagaraa ummata oromoof weellise malee. Gaafa hiriiraa sana anis akka nama dhiiga Oromoo qabuutti baheen falme. Mirga koof falmadhe, gaafii abbaa biyyummaa gaafadhe. Yeroo muraas booda inni tokko dhufee sammuu keessa na rukute. Ergasi isaan wal qabanne, Qawwicha ofirraa dhoowwe. Booda jaha(6) tahanii akka dhala namaa osoo hin taane akka bofaa ykn akka bineensota birootti na reeban..Sadafii dhaan na reebaa karaa irra na harkisaa oolan.Hanga isaaniif bahutti erga na reebanii booda du`eera itti fakkaadhe.Takka turee yeroon dubbadhu hin duunee edaa jedhanii ammas hanga garaa isaanii na reeban. Achi booda gara Hospitaalaa na geessan. Amma Hospitaala dhuunfaa tokko keessa jira. Maatii kootis argee hin beeku..Mucaa kootis quba hin qabu. Bilbila koo narraa caccabsaniiru.Ammas lapheen koo na dhukkuba, hafuura baafachuu hin dandahu.Garuu Oromoota na gargaaran lakkawwee hin fixu, ulfaadhaa galatni keessan bilisummaa haata`u. Nuti biyya namaa hin dhaqne, biyya biraatifis hin falmatne, qabeenya keenyaaf biyya keenyaaf sababa falmatneef qofa biyyuma keenyatti kan reebamne, kan ajjeefamne, kan hidhamne. Garuu kan abdii natti hore yoo jiraate ummatni oromoo ammayyuu falmachaa jiraachuu isaati. Hiriirri guutuu Oromiyaatti itti fuufuu isaati. Fincilli ummata Oromoo hanga ammatti hin dhaabatne jennaan keessi koo baay`ee gammade.Yaa ilmaan Oromoo duguuggaa sanyiiti kan nurratti gaggeefamaa jiru.Yaa waaqayyoo ni bilisoomsi.Hanga ummatni keenya kan hidhame hundi hiikamutti,Barattootni hiikamaanitti, hanga mirgi abbaa biyyummaa nuu kabajamutti ni falmatna.Anis yoo du`e du`ee, yoo jiraadhe inuma falmadha.Yaa ummata Oromoo duubatti hin deebi`inaa, falmadhaan dhaamsa kooti.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Mother of All Earth
https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/12/31/mother-of-all-earth/
Comments»
No comments yet — be the first.