November 19, 2018 12:30 pm
“Magaala Mooyyalee keessaa uummanni ganda afurii buqqa’eera”, BBC Afaan Oromoo, 16 Sadaasa 2018
Rakkoo nageenyaa magaalaa Mooyyalee keessatti Dilbata darbee eegalee lubbuun namootaa akka darbuufi baayyeenis akka madaa’aniif sababa ta’e hanga har’aatti tasgabbii waara’aa hin arganne.
Jiraataan maagaalichaa tokko haalli magaalattiin itti jirtu BBC Afaan Oromootti akka himanitti, sochiin daldalaafi hojiin hedduu hin mullatu.
Namoonni gara waaree boodaa gadi ba’ani miillaan wayita deeman mullatan malee konkolaataafi baajaajiin socho’aa akka hin jirre dubbata jiraataan kun.
Guyyoota darbanirra har’a nagaadha jedhaniyyu jiraataan kun gara saatii afuriitti humni ittisaa nama tokkotti dhukaasanii madeessaniiru jedha.
Waraanni ittisa biyyaa baay’inaan daandiirratti mullachuu himanii jiraattonni gandoota Qabbanaa, Maddoo Miigoo, Shawaa Barrii, Barbaree, Ganda 01 guutummaan guutuutti buqqa’aniiru jedhe jirataan magaalaa Mooyyalee kun.
Jiraataan kun humni ittisa biyyaa guyyaa kaleessaa uummata keenya haadhaa oole jedhee uummanni komee kaasuus dubbateera. Akka ragaatti kan uummanni dhiyeesses namoonni lama jalaa du’uu akka ta’e ibseera jiraataan kun.
Kantiibaan magaalaa Mooyyalee Obbo Fugicha Dheenge kaleessa galgala irraa eegalee dhukaasni akka hin jirre dubbatanii, “Magaala Mooyyalee keessaa uummatni ganda afurii buqqa’eera. Namootni buqqa’an mootummaadhaan deeggaramaa hin jiran” jedhan.
Lubbuun namootaa hedduu darbuu, kaan madaa’uu akkasumas qabeenyi gubachuu dubbatanii miidhaan qaqabe hanga kanaati jedhanii gabaasuudhaaf garuu koreen dura qoratee adda baasuu qaba jedhan Obbo Fugichaan.
Kantiibaan Mooyyalee kun akka jedhanitti meeshaa humni poolisii Addaa naannoo Somaalee hidhatan kun ciccimaa waan ta’eefis, humni ittisa biyyaa hanga barbaadameen gidduu seenee tasgabeessuun hin milkoofne jedhaniiru.
Rakkoon kun kan baroota darban furmaata osoo argachuu malanii awwaalamanii turanitu hanga guyyaa harraatti rakkoo nageenyaa ta’ee waggaa darbe irraa kaasee magaalattiin nagaan irraa fagaachuu dubbatan.
Kana furuudhaaf, tokkummaadhaan ta’anii hojjenaan furmaata ni argama jedhanii, yeroo ammaa kana ammoo namoota buqqa’aniif deggersa nyaataafi qorichaa waan barbaachisuf qaamni danda’u akka nuuf birmatu jechuun gaafataniiru.
Waldhabdee erga gaafa Dilbataa eegale as lubbuun namoota hedduu darbeera, madoonis ni jiru.
OMN, Arreessa Boorana! Liibani haga Mooyyale!
Posted by OromianEconomist
Categories: Uncategorized
Tags: #MoyaleMassacre, Genocide Against Oromo People, Human rights violations
You must be logged in to post a comment.
Mobile Site | Full Site
Get a free blog at WordPress.com Theme: WordPress Mobile Edition by Alex King.
‘Haleellaan Mooyyalee namoota kuma 70 oli baqachiise ‘erga manni nurratti gubatee gargaarsa malee bakkee bulaa jirraa,’ jedhu https://www.voaafaanoromoo.com/a/4669921.html
By OromianEconomist on November 23, 2018 at 1:00 am