jump to navigation

Oromia: Kantiibaa Mooyyalee: “Magaala Mooyyalee keessaa uummanni ganda afurii buqqa’eera”, BBC Afaan Oromoo November 19, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
trackback

“Magaala Mooyyalee keessaa uummanni ganda afurii buqqa’eera”, BBC Afaan Oromoo,  16 Sadaasa 2018

Rakkoo nageenyaa magaalaa Mooyyalee keessatti Dilbata darbee eegalee lubbuun namootaa akka darbuufi baayyeenis akka madaa’aniif sababa ta’e hanga har’aatti tasgabbii waara’aa hin arganne.

Jiraataan maagaalichaa tokko haalli magaalattiin itti jirtu BBC Afaan Oromootti akka himanitti, sochiin daldalaafi hojiin hedduu hin mullatu.

Namoonni gara waaree boodaa gadi ba’ani miillaan wayita deeman mullatan malee konkolaataafi baajaajiin socho’aa akka hin jirre dubbata jiraataan kun.

Guyyoota darbanirra har’a nagaadha jedhaniyyu jiraataan kun gara saatii afuriitti humni ittisaa nama tokkotti dhukaasanii madeessaniiru jedha.

Waraanni ittisa biyyaa baay’inaan daandiirratti mullachuu himanii jiraattonni gandoota Qabbanaa, Maddoo Miigoo, Shawaa Barrii, Barbaree, Ganda 01 guutummaan guutuutti buqqa’aniiru jedhe jirataan magaalaa Mooyyalee kun.

Jiraataan kun humni ittisa biyyaa guyyaa kaleessaa uummata keenya haadhaa oole jedhee uummanni komee kaasuus dubbateera. Akka ragaatti kan uummanni dhiyeesses namoonni lama jalaa du’uu akka ta’e ibseera jiraataan kun.

Kantiibaan magaalaa Mooyyalee Obbo Fugicha Dheenge kaleessa galgala irraa eegalee dhukaasni akka hin jirre dubbatanii, “Magaala Mooyyalee keessaa uummatni ganda afurii buqqa’eera. Namootni buqqa’an mootummaadhaan deeggaramaa hin jiran” jedhan.

Lubbuun namootaa hedduu darbuu, kaan madaa’uu akkasumas qabeenyi gubachuu dubbatanii miidhaan qaqabe hanga kanaati jedhanii gabaasuudhaaf garuu koreen dura qoratee adda baasuu qaba jedhan Obbo Fugichaan.

Kantiibaan Mooyyalee kun akka jedhanitti meeshaa humni poolisii Addaa naannoo Somaalee hidhatan kun ciccimaa waan ta’eefis, humni ittisa biyyaa hanga barbaadameen gidduu seenee tasgabeessuun hin milkoofne jedhaniiru.

Rakkoon kun kan baroota darban furmaata osoo argachuu malanii awwaalamanii turanitu hanga guyyaa harraatti rakkoo nageenyaa ta’ee waggaa darbe irraa kaasee magaalattiin nagaan irraa fagaachuu dubbatan.

Kana furuudhaaf, tokkummaadhaan ta’anii hojjenaan furmaata ni argama jedhanii, yeroo ammaa kana ammoo namoota buqqa’aniif deggersa nyaataafi qorichaa waan barbaachisuf qaamni danda’u akka nuuf birmatu jechuun gaafataniiru.

Waldhabdee erga gaafa Dilbataa eegale as lubbuun namoota hedduu darbeera, madoonis ni jiru.

‘Haleellaa Mooyyaleetti Ta’een Lubbuun Namoota 4 Darbeera’ Hospitaala Mooyyalee, VOA AFAAN OROMOO

OMN, Arreessa Boorana! Liibani haga Mooyyale! 

Comments»

1. OromianEconomist - November 23, 2018

‘Haleellaan Mooyyalee namoota kuma 70 oli baqachiise ‘erga manni nurratti gubatee gargaarsa malee bakkee bulaa jirraa,’ jedhu https://www.voaafaanoromoo.com/a/4669921.html


Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: