Advertisements
jump to navigation

Irreecha Malkaa 2018: The Oromo National And Cultural Holiday, Oromians and other nations and nationalities in Millions Celebrating the Blessing Festival in Oromia and all over the Globe. Irreechi 2018: Irreechi Hora Arsadiitti haala ho’aan kabajamaa oole nagaafi milkiin xumurameera September 30, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , , , , ,
2 comments

Odaa OromoooromianeconomistWISH YOU A VERY HAPPY IRREECHA BIRRAA OROMO 2018

Irreecha Birraa celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia

The blessing and colorful Irreecha Thanks Giving Annual season  that started in mid August and continue to be celebrated in Birraa (September- October). Over  six million from all over Oromia, Sidama, Konso, Burji, Gaamo, Alaba, Aga’u and other nations   have attended Hora Harsadi (Bishoftuu, Oromia) with success on Sunday 30 September 2018. Irreecha of peace, love and unity is the symbol of multicultural, peace and unity in diversity  of ethnic federal Ethiopia. Irreecha is the most important annual event  in Oromo people national calendar. #Irreecha2018.

Irreecha jaalalaa fi Tokkummaa: Irreecha (Irreessa)  Birraa Oromoo kan Bara 2018 (akka lakkoobsa Oromootti kan Bara 6412)  akka gaariitti karooreffatamee, haala oo’aa fi bareedan kabajamaa jira. Haaluma kanaan kan  Hora Harsadi Birraa 30 Bara 2018 nagaan irreeffatameera. Saboonni Kush kan akka Sidaamaa, Koonsoo, Aga’u, Alaabaa, Burjii fi Gaamoo aadaa isaanii guutuun irratti argamuun bareedinatti bareedina dabalanii jiruu.


 

 

Ayyaanni irrechaa sirna Gadaa waliin wal qabatee waggota 3000 oliif kabajamaa akka ture hayyoonni seenaa ni himu.

Oromoon miliyoonaan lakkaa’aman guutummaa Itoophiyaafi biyya alaarraa Bishooftuu Hora Arsadiitti bahanii Ayyaana Irreechaa kan bara 2018 kabajaa jiru. BBC AFAAN OROMOO

 

Irreecha Birraa celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia


  Oromo Irreecha celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia.png

Oromo Raayya fi Walloo
  Qeerroo at Irreecha Malkaa celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
  Irreecha Birraa Oromo Celebration, on September 30th, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
  Culture, fashion at  Irreecha Birraa Oromoo celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
  Irreecha Birraa Oromo Celebration, on Sunday  September 30th, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
https://twitter.com/NuNuWako/status/1046295919245824000
 Foollee Gadaa,  Irreecha Birraa Oromo Celebration, September 30th, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
https://twitter.com/FBedaso/status/1046137165913227269
   Oromo Artist and Journalist At Irreecha Birraa celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
   Oromo Artist and Journalist At Irreecha Malkaa celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
Culture, fashion, Irreecha Birraa celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia
  Culture, fashion at  Irreecha Birraa celebration, September 30, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
Irreecha Birraa Oromoo Celebrations, on Sunday September 30th, 2018 in Bishoftu, Oromia
  Culture, fashion at  Irreecha Birraa Oromo Celebration, September 30th, 2018 in Bishoftu, Oromia.png
Happy Irreecha 2018 from Eritrea
https://www.youtube.com/watch?v=SqwsvsQFU5Q
https://www.youtube.com/watch?v=LhJDNCQRHSA
https://www.youtube.com/watch?v=bBAh-kFBgUI
https://www.youtube.com/watch?v=4bZoxpEUF7k
Advertisements

In a joint statament OLF, OFC, ODF, UFIO & OLF-United say an attack on Oromo identity is taking place. የኦሮሞ ሕዝብ አንድነት እና አንገብጋቢ የወቅቱ ጉዳዮችን አስመልክቶ ኦነግ፣ ኦፌኮ፣ የተባበሩት ኦነግ፣ የኦሮሚያ ነፃነት አንድነት ግንባር እና የኦሮሞ ዲሞክራሲያዊ ግንባር የጋራ መግለጫ አውጥተዋል። September 25, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
1 comment so far

Odaa Oromoooromianeconomist

Paartileen siyaasaa: ‘Gareen Oromoo balleessuuf gurmaa’ee socho’u akka jiru hubanneerra’

 

Aanga'oota paartilee Oromoo haala yeroo irratti wayita ibsa kennan
Goodayyaa suuraaAanga’oota paartilee Oromoo haala yeroo irratti wayita ibsa kennan

Paartileen siyaasaa Oromoo shan gochaan magaala Burraayyuufi Finfinnee keessatti Oromoota irratti raawwatame kan isaan gaddisiise ta’uu himan.

Dhaabbileen Oromoo shan KFO, ABO, ABO Tokkoome, Adda Dimokiraatawaa Oromoofi Addi Tokkummaa Walabummaa Oromoo haala siyaasaa biyyattii tibbanaa irratti erga Fulbaana 12 mariyatanii booda ibsa waliinii baasaniiru.

“Gareen Oromoo balleessuuf gurmaa’ee socho’u akka jiru hubanneerra” jedhan. Paartileen siyaasaa tokko tokkos namoonni dhaadanoowwan “Oromoofi Nootummaan Naannoo Oromiyaa magaala Finfinnee keessaa yaa bahan” jedhan qabatanii akka bahan godhaniiru.

Miidiyaalee rakkoo afarsan abaaruu

Dhaaboleen Oromoo shanan miidiyaalee ummataaf uummata walitti buusuuf hojjechaa jiran jedhanis balaalefataniiru.

“ESAT propogaandaafi olola maqaa balleessi Qeerroo irratti baneera” kan jedhan barreessaa Olaanaan KFO Obbo Baqqala Garbaa “miidiyichi Qeerroo bulguu fakkeessuun dhiyeessera” jedhaniiru.

Paartileen siyaasaa karaa nagaan dorgomuu hin barbaanne maallaqa sobaa namootaaf raabsuun okkara uumuufi mootummaan biyyattii bulchuu kan dadhabe fakkeessanii aangoo qabachuuf socho’aa akka jiranis Obbo Baqqalaan himaniiru.

Namoonni yakka raawwatan seeratti akka dhiyaataniif miseensonniifi deeggartoonni keenya mootummaa cinaa ni dhaabbatu jedhan.

“Namoota muraasaafi miidiyaa tokkoon biyyi yeroo diiggamu ilaaluu hin barbaadnu. Balaaleffachuu qofa osoo hin taanee namummaaf jennee uummata cinaa ni dhaabbanna.”

Ibsa waliin baasan kanaan halleellaa qabeenyaa akka manneen barnootaa Afaan Oromoo, baankiiwwaniifi kollejjootarra ga’es balaaleffataniiru.

Federaalizimii ilaalchisee

Sirna Federaalizimii rakkoo eenyummaa baroota dheeraaf Itoophiyaa keessa ture furuudhaaf diriirfame humnoonni dantaa hin qabne ka’umsi rakkoo kanaa federaalizimii akka ta’e mullisuudhaaf yaalii gochaa akka jiran ibsuudhaan ibsichi balaalleffateera.

Kanaaf, nuti paartileen Oromoo sochiin miidiyaalee dabalatee taasifamaa jiru kun balaa eenyummaa keenyarratti dhufe waan ta’eef cimsinee balaaleffanna, jedhaniiru.


የኦሮሞ ድርጅቶች፡ «ኦሮሞ እና አማራን የሚነጣጥሉ አይሳካላቸውም»

 

«ኦሮሞ እና አማራን የሚነጣጥሉ አይሳካላቸውም»

የኦሮሞ ሕዝብ አንድነት እና አንገብጋቢ የወቅቱ ጉዳዮችን አስመልክቶ ኦነግ፣ ኦፌኮ፣ የተባበሩት ኦነግ፣ የኦሮሚያ ነፃነት አንድነት ግንባር እና የኦሮሞ ዲሞክራሲያዊ ግንባር የጋራ መግለጫ አውጥተዋል።

ፓርቲዎቹ በጋራ ባወጡት መግለጫ አምስት ዋና ዋና ነጥቦች ላይ አተኩረዋል።

አነሱም የኦሮሞ ማንነትን ለማጥፋት እየተደረገ ያለው ሙከራ፣ አዲስ አበባ ጉዳይ፣ ሕዝብን ከሕዝብ የሚያጋጩ ሚድያዎች፣ በሃገሪቱ እየታየ ያለው ለውጥን እና በቋንቋ ላይ የተመሰረተ ፌዴራሊዝምን የሚመለከቱ ናቸው።

• “መቼም ደህንነት አይሰማኝም”

• ኦሮሞ ማንነት

ፓርቲዎቹ ሰሞኑን አደርግነው ባሉት ውይይት «ጠላቶቻችን የኦሮሞን ሕዝብ ለማጥፋት አሰቃቂ ግድያ ከመፈፀም አልፎ በኦሮሞ ሕዝብ ሰም የሚጠሩ ተቋማትን በማውደም ከፍተኛ ዝርፍያ ፈፅመዋል» ብለዋል።

«ከዚህ ጀርባ ፀረ ኦሮሞ አቋም ያለው የተደረጃ የፖለቲካ ቡድን ስለመኖሩ የሚያመለክቱ በርካታ መረጃዎች ተገኝተዋል» ይላል መግለጫው።

«በማንነታችን ላይ የተቃጣውን ድርጊት ከማንኛውም ጊዜ በላይ እናወግዛለን፤ ድርጊቱን የፈፀሙ በህግ እንዲጠየቁ እንጠይቃለን» በማለት ፓርቲዎቹ መግለጫቸው ላይ አትተዋል።

• አዲስ አበባ በተመለከተ

«ዛሬ አዲስ አበባ የምትገኝበት ሥፍራ የጥንት የኦሮሞ ጎሳዎች የእምነት፣ ፖለቲካ እና ኢኮኖሚ ማዕከል የነበረ መሆኑ አይካድም» የሚለው መግለጫው «ጎሳዎቹ መሬታቸውን ተነጥቀው እንዲጠፉ ተደርገዋል» ሲል ያክላል።

ፓርቲዎቹ «እኛ ኦሮሞ ድርጅቶች አዲስ አበባ ሁሌም የኦሮሞ ሕዝብ ናት፤ ይህ ማለት ግን ከኦሮሞ ውጭ መኖር አይችልም ማለት አይደለም» ሲሉ በመግለጫቸው አትተዋል።

• ጅምላ እሥር በአዲስ አበባ

«ሆኖም አንዳንድ የፖለቲካ ድርጀቶች ይህን በመካድ ከተማዋን እያሸበሩ መሆናቸውን ታዝበናል፤ አልፎም በኦሮሞ እና አማራ ሕዝብ መካል ጥርጣሬ እንዲፈጠር ደፋ ቀና እያሉ ይገኛሉ። ቢሆንም አይሳካላቸውም፤ የኦሮሞ እና የአማራ ሕዝቦች ለውጥ ለማምጣት አብረው ታግለዋልና» ይላል መግለጫው።

መላው ሕዝብ የእኒህን ኃይሎች ሴራ ለማክሸፍ አብሮ መቆም አለበትም ሲል መግለጫው ያክላል።

• ሕዝብን ከሕዝብ የሚያጋጩ ሚድያዎች

ለወገናዊ ፖለቲካ የሚያደሉ ሚድያዎች ሕዝብን ከሕዝብ ለማጋጨት ተግተው እየሰሩ እንደሆነ መግለጫው አትቷል።

«ስለዚህ ውጭም ሆነ ሃገር ቤት ያላችሁ ሃገር አማሽ ሚድያዎች በህግም በታሪክም ፊት ተጠያቂ መሆናችሁን አውቃችሁ ከድርጊታችሁ ታቀቡ» በማለት መግለጫው አስገንዝቧል።

• በሃገሪቷ እየታየ ያለውን ለውጥና ሽግግር በተመለከተ

«በሃገሪቱ ውስጥ ከቅርብ ጊዜ ወዲህ እየታየ የመጣውን ለውጥና ፖለቲካዊ መነቃቃት ለውጡን በሚፈልጉ የሥርዓቱ አካላት የተገኘ እንደሆነ እናምናለን» የሚለው መግለጫው በዚህ የሽግግር ወቅት ስልጣን ላይ ያሉ አካላት ዘላቂ ለውጥ እንዲያመጡ ሁኔታዎችን እናመቻቻለን» የሚል አቋም ይዟል።

«ነገር ግን እንደማይሳካላቸው የተገነዘቡ የፖለቲካ ቡድኖች በሃሰት የብር ኖቶች ዜጎችን በማታለል የሃይማኖትና የብሄር ግጭት በማስነሳት መንግስት የሌለ ለማስመሰል እየተሯሯጡ እንደሆነ ግልጽ ነው።»

• ኦህዴድ አብዮታዊ ዴሞክራሲንና ዴሞክራሲያዊ ማዕከላዊነትን ታሪክ ሊያደርጋቸው ይሆን?

«በመሆኑም አሁን ያሉ ተቋማት በህገ መንግሥቱ መሰረት በትክክል እንዲሰሩ ተደርጎ በነጻ፣ ተአማኒና በቂ ፉክክር በተደረገበት ህዝባዊ ምርጫ ወደ ዴሞክራሲ የሚደረገውን ሽግግር ብቻ የምንደግፍ መሆኑን እንገልጻለን» ሲሉ ድርጀቶቹ አቋማቸውን አንፀባርቀዋል።

• በቋንቋ ላይ የተመሰረተ ፌደራሊዝምን በተመለከተ

ለዘመናት ኢትዮጵያ ውስጥ የነበረውን የህዝቦች የማንነት ጥያቄ ለማክበር የተዘረጋውን የፌደራሊዝም ሥርዓት ደንታ የሌላቸው ኃይሎች ሥርዓቱ የችግሩ መንስኤ እንደሆነ አድርገው ለማቅረብ እየሞከሩ ነው ሲል መግለጫው ይወቅሳል።

አንዳንድ ሚዲያዎችም ይህንኑ ተግባር ተያይዘውታል። ስለዚህ እኛ የኦሮሞ የፖለቲካ ድርጅቶች ፈጽሞ የማንቀበለው መሆኑንና በህልውናችን ላይ የተቃጣ አደጋ አድርገን እንደምንመለከተው እንገልጻለን በማለት ድርጀቶቹ መግለጫቸውን አጠናቀዋል።


Oromia: Irreecha Malkaa Bara 6412 Ilaalchisee Ibsa Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatuu Kennan September 25, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , ,
add a comment

Odaa OromoooromianeconomistWISH YOU A VERY HAPPY IRREECHA BIRRAA OROMO 2018


HAVE A VERY HAPPY IRREECHA BIRRAA OROMO 2018

Irreecha (Irreessa)  Birraa Oromoo kan Bara 2018 (akka lakkoobsa Oromootti kan Bara 6412)  Fulbaana 30 Bara 2018  Hora Arsadeetti Irreeffatama.  Irreecha Oromo Thanksgiving 2018 (6412 in Oromo Calendar)  Celebration  at Hora Arsadee, Bishoftuu, Oromia, on Sunday 30 September 2018.

Irreecha Sababeeffachuudhan Finfinneetti Eksipoon Qophaah

 

 

 

 

 

Eebba OMN Nairobi Kenya: Haasaha Jawar Mohammed September 23, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , ,
add a comment

Odaa OromoooromianeconomistOromia Media Network

 

 

 

OBS: Walaloo Lataa Qana’ii simbooziyeemii hayyoota Oromoo irratti dubbise September 23, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: ,
add a comment

Odaa Oromoooromianeconomist

Oromia State: ODP: OPDO’s 9th Congress: Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia, and leader of the ruling EPRDF & OPDO, delivering a message of peace & unity. The party changes name and logo September 21, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , ,
add a comment

Odaa OromoooromianeconomistOromo Democratic Party, ODP.png

Rebranding itself, the Oromo People Democratic Organization (OPDO) has  changed its name to Oromo Democratic Party (ODP).

Oromo Democratic Party, ODP, elected central committee members. 21 September  2018.png

Paartiin Dimokiraatawaa Oromoo(ODP) yaa’ii isaa 9ffaan miseensota koree giddu galeessaa 55 filateera. Caalamaan isaanii dargagoota. Isaanis (Newly elected ODP Central Committee Members):
1. Dr. Abiyyi Ahimad
2. Obbo Lammaa Magarsaa
3. Dr. Warqinaa Gabayyoo
4. Obbo Birhaanuu Tsaggaayyee
5. Aadde Adaanech Abeebee
6. Inj. Taakkalaa Uumaa
7. Obbo Shimallis Abdiisaa
8. Obbo Umaar Huseen
9. Aadde Xaayibaa Hassan
10. Obbo Addisuu Araggaa
11. Dr. Girmaa Amantee
12. Dr. Biqilaa Hurrisaa
13. Dr. Milkeessaa Miidhagaa
14. Dr.Tashoomaa Addunyaa
15. Obbo Taayyee Danda’aa
16. Dr. Alamuu Simee
17. Dr. Tolaa Biriisoo
18. Kom/ Dammallaasha G/ Mikaa’el
19. Obbo Girmaa Hayiluu
20. Obbo Warquu Gaachanaa
21. Obbo Shaafii Huseen
22. Obbo Tolosaa Gaddafaa
23. Obbo Fiqaaduu Tasammaa
24. Obbo Birhaanuu Baqqalaa
25. Obbo Awwaluu Abdii
26. Obbo Geetuu Wayyeessaa
27. Obbo Kaasahuun Goofee
28. Obbo Abdulaakiim Muluu
29. Obbo Malaakuu Faantaa
30. Obbo Taarraqany Galataa
31. Obbo Abarraa warquu
32. Obbo Makuyyee Mohaammad
33. Obbo Ahimad Tusaa
34. Obbo Assagid Geetaachoo
35. Obbo Dhangee Booruu
36. Obbo Namarraa Bulii
37.Obbo Abdullaaziiz Mohaammad
38.Obbo Roobaa Turcee
39. Obbo Jamaal Kadir
40. Obbo kaffaloo Tafarraa
41. Obbo Masfiin Asaffaa
42. Aaddee laalisee Lammii
43. Obbo Naasir Huseen
44. Obbo Mogos Ida’ee
45. Dr. Darajjee Dhugumaa
46. Aadde Caaltuu Saanii
47. Aadde Loomii Badhoo
48. Obbo Muhaammad Kamaal
49. Dr. Inj. Habtamuu Ittafaa
50. Dr. Inj. Geetaahuun Makuriyaa
51. Obbo Mashoo Olaanaa
52. Obbo Alamtsaah Shifarraa
53. Obbo Ahimad Idiriis
54. Aadde Muunaa Ahimad
55. Obbo Xilaahun Fiqaaduu


Ethiopia’s Oromo party changes name, logo ahead of 2020 vote, Africa News



 

Faaruu ODP (haarawaa har’a ragga’e)

ODP
ODP, ODP paartii jijjiiramaa
Gurmuu qabsoo Oromoo mirgaa fi walabummaa
Faajjii bilisummaa bu’uura Oromummaa
Partii tarkanfataa kutatee falmataa
Galmisaa milkeessuu fedhiif faayidaa Oromoo
Feedhiif faayidaa uummataa

Abbaa kayyoo dhugaa ilaalcha moo’ataa
Gaddisa hoggansaa tuuta sabbonotaa
Abokaatoo haqaa irree adda durootaa
Kallacha Oromoo saba seenaa hojjetaa.

Nagaafi misoomaa demookraasii waaraa
Mirkansu galmisaa imallisaa dheeraa
Hundeen isaa Oromummaa daandiin isaa sirrii
Paartii lammii boonaa dhaloota haraaf borii.

Sabni Oromoo guddaan kallattii hundaan cimee
Mirgaaf bilisummaan miidhagee faayamee
Arguudhaaf qabsoofna badhaadhee ijaramee
Jaalalaan hammannee saba biyyaa hundaa
Walqixxummaa obbolummaan
Gamtaan dhugoomsinaa hegeree bareedaa.

Kaayyoo eebbifamaa keenyaaf amanamnee
Jaallummaa qabsootiin yaadaa gochaan tokkoomnee
Saba keenya goota sabboonaa qabannee
Wanti hin moone hin jiruu tabbi nuti hin baanee.

Qabsaa’onni kufan imaanaa nuuf kennan
Dhiigaan kukkulanii faajjii nu dhaalchisan
Qabaannee qabsaa’aa hawwii ummata keenyaa
Harka wal qabannee hunda galmaan geenyaa
Harka wal qabannee ijaarra biyya keenyaa.

Ergaa Cimaa Dr Baqqalaa Garbaa Yaa’ii 9ffaa DH.D.O dhageeffadhaa waliis dhageeysisaa!!


Sirna baniinsa Yaa’ii Dhaabbattummaa DhDUO 9ffaa har’a Jimmatti baname irratti bakka bu’oota dhaaba siyaasaa hedduutu dubbate. Hunda keessaa kan qalbii na tuqe haasaa MM Dr. Abiyyi Ahmedii fi kan Obbo Baqqalaa Garbaa ti. Lamaanuu karaa Oromoon ittiin injifannoo harkaan gahatu akeekan. Dr. Abiyyi guddina Oromoo yeroo ibsu Itoophiyaanuu itti dhiphatti jedhe. Garuu guddinni kun yoo tokkummaa mul’ataa mirkaneessine malee hakka hin dhugoomne hubachiise. Dhaabota siyaasaa Oromoo dantaa aangoof jecha qaama isaan hin fakkaanne waliin harka wal keessaa qaban akeekkachiise. Firoomni akka dhaabaatti qabnu dura akka Oromummaatti ragga’uu akka qabu hubachiise.

Dr. Abiyyi bolola aangoo akka hin qabne kan caalaatti mul’isu ammoo jecha isaa yeroo hundumaa irra deddeebi’u tokko. ”Oromoodhaaf dhaaba kudha meeqa osoo hin taane dhaaba jajjabaa lama yookiin sadi qofatu gaha” kan jedhu. Kun dhugumatti Oromoon akka jaaramuu fi humni isaa akka hin qoqqoodamne hawwii qabaachuu paartii isaa agarsiisa. Osoo dhaabota hunda moohatanii aangoo irra jiraachuu barbaadu tahee dhaabonni Oromoo biroon bakka meeqaatamatti wal cicciruun isaan hin yaaddessu ture. Inumaa OPDO irraa kan hafe hundumtuu qoqqoodamoo fi lallaafoo yoo tahan filmaata irratti mohachuuf jara gargaara ture. Garuu aangoo caalaa dantaan Oromoo eegamuu akka qabu hawwiin dhugaan jiraachuu kana irraa hubanna.

Obbo Baqqalee Garbaa haasaa isaa keessatti dubbii mucaa wagaa 6 kan Oromoo tahee qofaaf ajjeefamee yeroo kaasu ijoo dubbii dheeraa jecha gabaabduudhaan lafa kaa’e. Diinni kan nurratti aggaammatu OROMOO taanee qofaaf akka tahee fi kanuma qofayyuu laallee garaagarummaa qabnu dhiphifnee tokkoomuu caalaa furmaanni biraa akka hin jirre akeeke. Kana malees Oromoon ofii dogoggorees haa tahuu qaama biraatiin gowwoomfamee akka saba kamuu irratti harka ol hin fudhanne kadhate. Karaan kufaatiitti nu geessu gaafa saba biraa irratti harka ol fudhanne tahuu isaa jala mure. Haasaan Obbo Baqqalee har’aa kun gabaabumatti bilchina siyaasaa nama kana keessa jiruu fi Oromiyaan ilmaan ishii bira dabranii biyyattiifuu boonsoo tahan mormitoota keessaas horachuu agarsiisa. Dhaaba siyaasaa adda addaa (DhDUO fi KFO) keessaa bahuu isaanii yoo tahe malee, ergaan Dr. Abiyyii fi Obbo Baqqaleen haasaa har’aa keessatti dabarsan homaa kan garaagarummaa qabu tahee natti hin mul’anne.

 

 

Finfinnee: Ten Preliminary Measures Oromia May Take on Addis Ababa Until the Prodigal City will Submit to the Jurisdiction of Oromia September 20, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
add a comment

Odaa Oromoooromianeconomist

Ten Preliminary Measures Oromia May Take on Addis Ababa Until the Prodigal City will Submit to the Jurisdiction of Oromia

Dr. Birhanemeskel Abebe Segni

Until the full ownership and territorial integrity of Oromia is fully and completely restored on Addis Ababa as an Oromia city, the Oromia Regional State and the Oromo people should start taking the following preliminary measures to force the submission of the prodigal city of Addis Ababa to the full legislative, executive and judicial power of Oromia National Regional Government, with immediate effect.

1. Oromia National Regional State should immediately and unilaterally delimit and demarcate the boundary between this prodigal city and Oromia National Regional State based on the 1991 border of this city, and ban this city from collecting any form of tax outside its borders and jurisdiction.

2. Oromia National Regional State should immediately adopt Afaan Oromo as the working language for all official and business communications with this prodigal city.

3. Oromia National Regional State should stop using Addis Ababa as the market hub for all Oromia business, and relocate to Oromia cities. All Oromia markets including but not limited to grain markets, vegetable and fruit markets, meat and live animal markets, coffee markets, hid and skin markets and all other resources of Oromia should be relocated to Oromia cities. Oromia should license Oromia based exporters for all Oromia resources and products; and ban Addis Ababa-based exporters from exporting Oromia commodities, goods, and products.

4. Oromia National Regional State should immediately stop using Addis Ababa general distributors and wholesalers, and start licensing Oromia general distributors and wholesalers to distribute imported goods and services throughout Oromia. Oromia National Regional State should immediately license Oromia importers of all goods and services sold in Oromia markets.

5. Oromia National Regional State should immediately issue laws that will impose tariff, taxes and sale price on water and electricity supplies Oromia provides to Addis Ababa, and start rebuilding Oromia from these proceeds.

6. Oromia National Regional State should immediately impose a toll on all Addis Ababa licensed cars including private and commercial cars, taxis, trains and buses that use Oromia roads. The proceeds collected from these road tolls will be used to rebuild Oromia infrastructures and maintain Oromia roads.
7. Oromia National Regional State should immediately issue laws that will impose dry port service fees for all imports and exports passing through the inland dry port at Mojo to Addis Ababa.

8. Oromia National Regional State should start charging lease and real estate taxes on all Addis Ababa owned properties located in Oromia including factories, businesses, and other facilities.

9. All Addis Ababa waste disposal facilities in Oromia should be closed until the health effect and environmental sustainability of those facilities are studied and Oromia determines the appropriate cost and fees Addis Ababa should pay to continue using these facilities, if at all.

10. Oromia National Regional State should issue laws that will totally ban Addis Ababa from getting any land either in the form of a lease or sale from private or government entities in Oromia except through limited term rent!


 

Qorannoo Dinagdee: Oromiyaan bara 1950 as dolaara tiriliyoona 3.5 dhabdeetti September 19, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
add a comment

Odaa Oromoooromianeconomist

Hayyoota: Oromiyaan bara 1950 as dolaara tiriliyoona 3.5 dhabdeetti

BBC Afaan Oromoo,  Fuulbana 18 Bara 2018

Hayyoonni Oromoo dhimma siyaas-dinagdee uumatichaarratti galma UNECA keessatti
Goodayyaa suuraaHayyoonni Oromoo dhimma siyaas-dinagdee uumatichaarratti galma UNECA keessatti

Imaammamtni siyaas-diinagdee Itoophiyaafi dhabamuun dimokiraasii diinagdee uummata Oromoo cimaa miidhunsaa himame.

Mariin hayyoota Oromoo dhimma diinagdee Itoophiyaa irratti xiyyeefate kaleessa galma diinagdee komishinii Afriikaatti taasifameera.

Dhimma dhaabbilee misoomaa mootummaa kanneen akka baankii daldalaa fi baankii misoomaa Itoophiyaa, Itiyo-Telekom, daandii xayyaaraa Itoophiyaa fi kanneen biroo irratti waraqaa qo’annoo isaanii kan dhiyeessan Doktar Kabbadaa Fedhasaa dhaabbileen kun qabeenya guddaa kan sochoosan ta’ullee gumaachi isaan diinagdee biyyattiif qaban garuu xiqqaa akka ta’e himan.

Baankii addunyaatti ogeessa olaanaa dhimma diinagdee kan ta’an Dr. Kabbadaan gumaachi dhaabbilee gurguddaa kunneenii diinagdee biyyattiif qaban dhibbeentaa 20 qofa jedhan.

Kunis kan biyyaalee biroo walin yeroo madaallamu xiqqaa ta’uusaa himu.

“Qarshiin dhaabbileen kun argatan eessa deema kan jedhu gaafii ijoodha” jechuun Dr Kabbadaa dubbatu.

Gama biraatin “rakkoo hooggansaa irraa kan ka’e qabeenyi naannoon Oromiyaa irraa fayyadamuu dandeessuu faayyidaara ooluu dhiisu isaatin fi humni nama baratee sababa siyaasaan biyyattidhaa godaanaa turuunsaa naannoon Oromiyaa bara 1950 hanga ammaatti qabeenya dollaara triliyoona 3.5 akka dhabdu taasiseera” jedhu.

Dr. Kabbadaan “haalli amma jiru yoo jijjiirame malee qabeenyi naannoon Oromiyaa dhabdu kun bara 2050ti gara triliyoona 8.2tti ni guddata” jedhan.

Dhimma Lafaa

Yunivarsiitii Minisootaatti barsiisaa ikonomiksii kan ta’an proofesar Badhaasaa Taaddasaa imaammatni lafaa biyyatti dhimmoota guddina diinagdee uummata Oromoo cimaa miidhan keessaa tokko akka ta’e qorannoo dhiyeesanin himan.

Uummatni Oromoo mirga abbaa lafummaa dhorkamuunsaa uummatichi lafa isaa irraa akka hin fayyadamne taasiseera jedhan.

Lafti maqaa investimantiidhaan qonnaan bultoota irraa fudhatames miidhaansaa guddaa akka ta’edha kan himan

“Qubeedhaan barachuun Oromummaa keenya hagam akka geeddare ni beekna. Oromoo abbaa lafaa gochuun immoo bu’aa qubee dhaan barachuu caalaa nuf fida” jedhu professor Badhaasaa.

Kanaafis abbummaa lafaa uummata Oromoo mirkaneessuuf wantootni sadi hojjetamuu qabu kan jedhan professor Badhaasaa jalqaba imaammatni lafaa biyyattii bifa mirga abbuummaa lafaa uummatichaa mirkaneessuun jijjiiramuu akka qabu himan.

Itti aansunis eenyu lafa hagamii bifa kamin qabate kan jedhu qoratamuu qaba jedhan.

Dhumarattis namoota abbaa mirgaa ta’anif lafa hiruu fi kunneen beenyaa gahaa malee lafa isaanirraa buqqa’an dhaabbilee investimantii isaan buqqisan irraa akkaataa itti fayyadamuu danda’an mijeessuun akka barbaachisu profeessar Badhaasaa waraqaa qo’annoo dhiyeesanin himan.



 

Oromia: Jubilation in Finfinnee to welcome ABO/OLF September 15, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , ,
add a comment

Odaa Oromoooromianeconomist

fb367-alaabaanew

Millions converged at    Hulluuqoo Kormaa,  Dirree Masqalaa (Meskel Square) in Finfinnee (Addis Ababa) from all corners of Oromia to welcome OLF/ OLA top leader. 15th September 2018. Former rebels in triumphant return to Ethiopia

 Ethiopians hail return of once-banned Oromo group
Oromo Liberation Front given a hero’s welcome in Addis Ababa

Thousands of flag-waving supporters were out on the streets to welcome the returning OLF 

The awesome Oromo horseman (Obbo Siidaa Dabalee) is the picture of the day  on this very jubilation and victory day for freedom, democracy, unity in diversity and multinationalism for the oppressed nations in Ethiopia.

Oromoo fi firooni saba Oromoo miliyoona hedduun lakkaawaman Finfinnee,  Hulluuqoo Kormaatti walga’un ABO/WBO gammachuun simatan. Fulbaana 15 Bara 2018.

Oromo Horseman in Finfinnee, Hulluuqoo Kormaa, at the event ABO (OLF) leaders welcome, 15th September 2018, victory day..png

7 million strong freedom-loving #Oromo have converged onHulluuqoo Kormaa,  Dirree Masqalaa (Meskel Square) in Finfinnee  to welcom OLF leaders, 15 sept. 2018.png

Oromia, FInfinnee, Hulluuqoo Kormaa, Dirree Masqalaa, the Oromo moment celebrating, victory, OLF.  15  September 2018.png

 

Finfinnee (Hulluuqo Kormaa): Oromia: Simannaa ABO / WBO Fulbaana 15 Bara 2018 Ilaalchisee Ergaa Kana Walii Dabarsaa September 12, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
add a comment

Odaa Oromoooromianeconomist

Haala Simannaa ABO / WBO Ilaalchisee (via Lammii Beenyaa’s FaceBook)

Haala Simannaa Ilaalchisee!

1. Namni hundumtuu alaabaa ABO ykn mallattoo saba oromoo ibsu kan isatti tole qabatee haa dhufu.

2. Namoonni konkolaataa humnaan itti hin fe’aminaa balan tasa qaqqabee namni tokko illee lubbuun isaa darbuun irra hin jiru.

3. Jeequmsi akka hin uumamneef Qeerroon poolisiis ta’ee qaama nagaa Eegsisuuf tumsa godhaa.

4. Maanguddoota, Ijoollee fi haadholii Ulfaaf gargaarsaa fi tumsa dursaa godhaa. Yoo jiraatan.

5. Bishaanii fi Wanta sasalphaa nyaataaf malu harkatti qabadhaa! Fayyaa keessan eeggachuuf.

6. Namni yoo isin biraa kufe qabaa bakka Ambulance tti geessaa qophaa’ee jira waan ta’eef.

7. Tokkummaa mul’isaa, suuraan fi Vidiyoon guyyaa sana waraabamu sabaahimaalee Addunyaa hedduu irratti waan darbuuf Wanta saba oromoo Qeeqsisu hin hojjetinaa.

8. Kanneen farda Gulufsiistanii fi konkolaachistoonni warra lafoof Eegumsa godhaa.

9. Wal dhaggeeffadhaa Abba Abbaan hin fiiginaa. Suuta socho’aa.

10. ABO dhaaba Qabsoo Ganamaa jaallatamaa fi sabi oromoo yoo itti hirkate shakkii irraa hin qabne ta’uusaa mul’isaa.

ERGAA KANA YOO XIQQAATE NAMA 20F QOODI. SABASAAF MEDIA TIIN KAN QINDAA’E. YAADI FI ODEEFFANNOON KAN ROOGEYYII FI SABAAHIMAALEE GARAAGARAA IRRAA WALITTI QABAME.

GALATOOMAA!
GADAAN GADAA XUMURA GARBUMMAATI!

 

via Haala Simannaa ABO / WBO Ilaalchisee (via Lammii Beenyaa’s FaceBook)


 

Oromia: Ibsa Koongirasii Feederalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) iraa kenname September 9, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , ,
1 comment so far

Odaa Oromoooromianeconomist

 

OLF and OFC

Ibsa Koongirasii Feederaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa kenname



Addi Bilissummaa Oromoo (ABO)n qabsoo hidhannoo fi siyaasaa geggessaa turee qabsoo karaa nagaa geggeessuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin waliigaltee uumeen booda Kongirasa Federaalawaa Oromoo duraanu qabsoo karaa nagaa gaggeessaa ture waliin egeree
siyaasaa ummata Oromoo irratti marii jalqabaa geggeessee jira.

Marii kana keessattis Sirna ijaarsa dimookiraasii, federaalizimii dhugaa fi olaantumaa seeraa kabachiisuu keessatti dhaabileen lamaan karaa itti dantaa ummata Oromoo fi Oromiyaa dursuu fi kabajchiisuu irratti yaada
wal jijjiiruun hubannoota irra gahameera.

Uummanni keenya yaroo adda addaa wal-taanee akka itti dhiyaanu nu gaafachaa jiru hubtuun bu’uuruma kanaan Addi Bilissummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n marii gaafa 24/12/2010 gaggeesinneen akkaataa garaagarummaa jiru dhiphisuun waliin hojjatuun danda’amu irratti wal hubachuun waamicha armaan gadii waloon dabarsina.

1. Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n biyya kana keessatti federaalizimiin dhugaa akka dhufu, mirgi hiree murteeffannaa ummatootaa fi olaantummaan seeraa
kabajamee nageenyii amansiisaa itti fufiinsaan akka lafa qabatuuf qabsoo uummatni keenya taasisu keessatti sagaleen uummatta keenyaa akka addaan hin hiramneef karaa danda’ame hunda hojjatana.

2. Uummanni keenyas wal hubannoo irra gahame kana beekuun qabsoo nuyi waliin gaggeessaa jirru kana nuuf beekuun akuuma kana duraa nu cina dhaabbachuun qabsoo bilisummaa milkeessuu keessatti qooda keessan akka gumaachitan waamicha seena qabeessa kana dabarsina.

3. Jaarmootni siyaasaa, Beektootni, Dargaggotni abbaa qabsoo Barratootni,Hojjatootni, Daldaaltotni, Abboottiin Gadaa fi Abboottiin Amantaa Oromoo kana beekuun itita aangoo siyaasaa uummata Oromoo amma argamee kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf qabsoo KFO fi ABOn taasisan kana akka cimsitan, utubdanii fi deegartaniif waamicha keenya isinii dabarsina.

4. Dhumarratti uummatootni Itiyoophiyaa qabsoo
uummanni Oromoo kabajamuu mirga dimokraasii, mirga hiree murteeffatanaa, olaanttumaa seeraa, guddina federaalizimii dhugaa fi nageenya waaraa dhugoomsuuf warraaqu kana keessatti akka nucinaa dhaabbattan kabajaan waammicha isinii goona.

Injifannoon uummata dhugaan qabsaa’uuf haata’u !!!

Fulbaana 5, bara 2018
Finfinnee
KFO fi ABO irraa



Oromia: Dhugaan Maseenaaree!! Keekiyyaa Badhaadhaa, New Oromo Music 2018 September 8, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
add a comment

Odaa Oromoooromianeconomist