jump to navigation

Oromia: Ibsa Koongirasii Feederalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) iraa kenname September 9, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , ,
trackback

Odaa Oromoooromianeconomist

 

OLF and OFC

Ibsa Koongirasii Feederaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa kenname



Addi Bilissummaa Oromoo (ABO)n qabsoo hidhannoo fi siyaasaa geggessaa turee qabsoo karaa nagaa geggeessuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin waliigaltee uumeen booda Kongirasa Federaalawaa Oromoo duraanu qabsoo karaa nagaa gaggeessaa ture waliin egeree
siyaasaa ummata Oromoo irratti marii jalqabaa geggeessee jira.

Marii kana keessattis Sirna ijaarsa dimookiraasii, federaalizimii dhugaa fi olaantumaa seeraa kabachiisuu keessatti dhaabileen lamaan karaa itti dantaa ummata Oromoo fi Oromiyaa dursuu fi kabajchiisuu irratti yaada
wal jijjiiruun hubannoota irra gahameera.

Uummanni keenya yaroo adda addaa wal-taanee akka itti dhiyaanu nu gaafachaa jiru hubtuun bu’uuruma kanaan Addi Bilissummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n marii gaafa 24/12/2010 gaggeesinneen akkaataa garaagarummaa jiru dhiphisuun waliin hojjatuun danda’amu irratti wal hubachuun waamicha armaan gadii waloon dabarsina.

1. Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n biyya kana keessatti federaalizimiin dhugaa akka dhufu, mirgi hiree murteeffannaa ummatootaa fi olaantummaan seeraa
kabajamee nageenyii amansiisaa itti fufiinsaan akka lafa qabatuuf qabsoo uummatni keenya taasisu keessatti sagaleen uummatta keenyaa akka addaan hin hiramneef karaa danda’ame hunda hojjatana.

2. Uummanni keenyas wal hubannoo irra gahame kana beekuun qabsoo nuyi waliin gaggeessaa jirru kana nuuf beekuun akuuma kana duraa nu cina dhaabbachuun qabsoo bilisummaa milkeessuu keessatti qooda keessan akka gumaachitan waamicha seena qabeessa kana dabarsina.

3. Jaarmootni siyaasaa, Beektootni, Dargaggotni abbaa qabsoo Barratootni,Hojjatootni, Daldaaltotni, Abboottiin Gadaa fi Abboottiin Amantaa Oromoo kana beekuun itita aangoo siyaasaa uummata Oromoo amma argamee kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf qabsoo KFO fi ABOn taasisan kana akka cimsitan, utubdanii fi deegartaniif waamicha keenya isinii dabarsina.

4. Dhumarratti uummatootni Itiyoophiyaa qabsoo
uummanni Oromoo kabajamuu mirga dimokraasii, mirga hiree murteeffatanaa, olaanttumaa seeraa, guddina federaalizimii dhugaa fi nageenya waaraa dhugoomsuuf warraaqu kana keessatti akka nucinaa dhaabbattan kabajaan waammicha isinii goona.

Injifannoon uummata dhugaan qabsaa’uuf haata’u !!!

Fulbaana 5, bara 2018
Finfinnee
KFO fi ABO irraa



Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: