jump to navigation

Finfinnee (Hulluuqo Kormaa): Oromia: Simannaa ABO / WBO Fulbaana 15 Bara 2018 Ilaalchisee Ergaa Kana Walii Dabarsaa September 12, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
trackback

Odaa Oromoooromianeconomist

Haala Simannaa ABO / WBO Ilaalchisee (via Lammii Beenyaa’s FaceBook)

Haala Simannaa Ilaalchisee!

1. Namni hundumtuu alaabaa ABO ykn mallattoo saba oromoo ibsu kan isatti tole qabatee haa dhufu.

2. Namoonni konkolaataa humnaan itti hin fe’aminaa balan tasa qaqqabee namni tokko illee lubbuun isaa darbuun irra hin jiru.

3. Jeequmsi akka hin uumamneef Qeerroon poolisiis ta’ee qaama nagaa Eegsisuuf tumsa godhaa.

4. Maanguddoota, Ijoollee fi haadholii Ulfaaf gargaarsaa fi tumsa dursaa godhaa. Yoo jiraatan.

5. Bishaanii fi Wanta sasalphaa nyaataaf malu harkatti qabadhaa! Fayyaa keessan eeggachuuf.

6. Namni yoo isin biraa kufe qabaa bakka Ambulance tti geessaa qophaa’ee jira waan ta’eef.

7. Tokkummaa mul’isaa, suuraan fi Vidiyoon guyyaa sana waraabamu sabaahimaalee Addunyaa hedduu irratti waan darbuuf Wanta saba oromoo Qeeqsisu hin hojjetinaa.

8. Kanneen farda Gulufsiistanii fi konkolaachistoonni warra lafoof Eegumsa godhaa.

9. Wal dhaggeeffadhaa Abba Abbaan hin fiiginaa. Suuta socho’aa.

10. ABO dhaaba Qabsoo Ganamaa jaallatamaa fi sabi oromoo yoo itti hirkate shakkii irraa hin qabne ta’uusaa mul’isaa.

ERGAA KANA YOO XIQQAATE NAMA 20F QOODI. SABASAAF MEDIA TIIN KAN QINDAA’E. YAADI FI ODEEFFANNOON KAN ROOGEYYII FI SABAAHIMAALEE GARAAGARAA IRRAA WALITTI QABAME.

GALATOOMAA!
GADAAN GADAA XUMURA GARBUMMAATI!

 

via Haala Simannaa ABO / WBO Ilaalchisee (via Lammii Beenyaa’s FaceBook)


 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: