jump to navigation

Oromia State: ODP: OPDO’s 9th Congress: Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia, and leader of the ruling EPRDF & OPDO, delivering a message of peace & unity. The party changes name and logo September 21, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , ,
add a comment

Odaa OromoooromianeconomistOromo Democratic Party, ODP.png

Rebranding itself, the Oromo People Democratic Organization (OPDO) has  changed its name to Oromo Democratic Party (ODP).

Oromo Democratic Party, ODP, elected central committee members. 21 September  2018.png

Paartiin Dimokiraatawaa Oromoo(ODP) yaa’ii isaa 9ffaan miseensota koree giddu galeessaa 55 filateera. Caalamaan isaanii dargagoota. Isaanis (Newly elected ODP Central Committee Members):
1. Dr. Abiyyi Ahimad
2. Obbo Lammaa Magarsaa
3. Dr. Warqinaa Gabayyoo
4. Obbo Birhaanuu Tsaggaayyee
5. Aadde Adaanech Abeebee
6. Inj. Taakkalaa Uumaa
7. Obbo Shimallis Abdiisaa
8. Obbo Umaar Huseen
9. Aadde Xaayibaa Hassan
10. Obbo Addisuu Araggaa
11. Dr. Girmaa Amantee
12. Dr. Biqilaa Hurrisaa
13. Dr. Milkeessaa Miidhagaa
14. Dr.Tashoomaa Addunyaa
15. Obbo Taayyee Danda’aa
16. Dr. Alamuu Simee
17. Dr. Tolaa Biriisoo
18. Kom/ Dammallaasha G/ Mikaa’el
19. Obbo Girmaa Hayiluu
20. Obbo Warquu Gaachanaa
21. Obbo Shaafii Huseen
22. Obbo Tolosaa Gaddafaa
23. Obbo Fiqaaduu Tasammaa
24. Obbo Birhaanuu Baqqalaa
25. Obbo Awwaluu Abdii
26. Obbo Geetuu Wayyeessaa
27. Obbo Kaasahuun Goofee
28. Obbo Abdulaakiim Muluu
29. Obbo Malaakuu Faantaa
30. Obbo Taarraqany Galataa
31. Obbo Abarraa warquu
32. Obbo Makuyyee Mohaammad
33. Obbo Ahimad Tusaa
34. Obbo Assagid Geetaachoo
35. Obbo Dhangee Booruu
36. Obbo Namarraa Bulii
37.Obbo Abdullaaziiz Mohaammad
38.Obbo Roobaa Turcee
39. Obbo Jamaal Kadir
40. Obbo kaffaloo Tafarraa
41. Obbo Masfiin Asaffaa
42. Aaddee laalisee Lammii
43. Obbo Naasir Huseen
44. Obbo Mogos Ida’ee
45. Dr. Darajjee Dhugumaa
46. Aadde Caaltuu Saanii
47. Aadde Loomii Badhoo
48. Obbo Muhaammad Kamaal
49. Dr. Inj. Habtamuu Ittafaa
50. Dr. Inj. Geetaahuun Makuriyaa
51. Obbo Mashoo Olaanaa
52. Obbo Alamtsaah Shifarraa
53. Obbo Ahimad Idiriis
54. Aadde Muunaa Ahimad
55. Obbo Xilaahun Fiqaaduu


Ethiopia’s Oromo party changes name, logo ahead of 2020 vote, Africa News



 

Faaruu ODP (haarawaa har’a ragga’e)

ODP
ODP, ODP paartii jijjiiramaa
Gurmuu qabsoo Oromoo mirgaa fi walabummaa
Faajjii bilisummaa bu’uura Oromummaa
Partii tarkanfataa kutatee falmataa
Galmisaa milkeessuu fedhiif faayidaa Oromoo
Feedhiif faayidaa uummataa

Abbaa kayyoo dhugaa ilaalcha moo’ataa
Gaddisa hoggansaa tuuta sabbonotaa
Abokaatoo haqaa irree adda durootaa
Kallacha Oromoo saba seenaa hojjetaa.

Nagaafi misoomaa demookraasii waaraa
Mirkansu galmisaa imallisaa dheeraa
Hundeen isaa Oromummaa daandiin isaa sirrii
Paartii lammii boonaa dhaloota haraaf borii.

Sabni Oromoo guddaan kallattii hundaan cimee
Mirgaaf bilisummaan miidhagee faayamee
Arguudhaaf qabsoofna badhaadhee ijaramee
Jaalalaan hammannee saba biyyaa hundaa
Walqixxummaa obbolummaan
Gamtaan dhugoomsinaa hegeree bareedaa.

Kaayyoo eebbifamaa keenyaaf amanamnee
Jaallummaa qabsootiin yaadaa gochaan tokkoomnee
Saba keenya goota sabboonaa qabannee
Wanti hin moone hin jiruu tabbi nuti hin baanee.

Qabsaa’onni kufan imaanaa nuuf kennan
Dhiigaan kukkulanii faajjii nu dhaalchisan
Qabaannee qabsaa’aa hawwii ummata keenyaa
Harka wal qabannee hunda galmaan geenyaa
Harka wal qabannee ijaarra biyya keenyaa.

Ergaa Cimaa Dr Baqqalaa Garbaa Yaa’ii 9ffaa DH.D.O dhageeffadhaa waliis dhageeysisaa!!


Sirna baniinsa Yaa’ii Dhaabbattummaa DhDUO 9ffaa har’a Jimmatti baname irratti bakka bu’oota dhaaba siyaasaa hedduutu dubbate. Hunda keessaa kan qalbii na tuqe haasaa MM Dr. Abiyyi Ahmedii fi kan Obbo Baqqalaa Garbaa ti. Lamaanuu karaa Oromoon ittiin injifannoo harkaan gahatu akeekan. Dr. Abiyyi guddina Oromoo yeroo ibsu Itoophiyaanuu itti dhiphatti jedhe. Garuu guddinni kun yoo tokkummaa mul’ataa mirkaneessine malee hakka hin dhugoomne hubachiise. Dhaabota siyaasaa Oromoo dantaa aangoof jecha qaama isaan hin fakkaanne waliin harka wal keessaa qaban akeekkachiise. Firoomni akka dhaabaatti qabnu dura akka Oromummaatti ragga’uu akka qabu hubachiise.

Dr. Abiyyi bolola aangoo akka hin qabne kan caalaatti mul’isu ammoo jecha isaa yeroo hundumaa irra deddeebi’u tokko. ”Oromoodhaaf dhaaba kudha meeqa osoo hin taane dhaaba jajjabaa lama yookiin sadi qofatu gaha” kan jedhu. Kun dhugumatti Oromoon akka jaaramuu fi humni isaa akka hin qoqqoodamne hawwii qabaachuu paartii isaa agarsiisa. Osoo dhaabota hunda moohatanii aangoo irra jiraachuu barbaadu tahee dhaabonni Oromoo biroon bakka meeqaatamatti wal cicciruun isaan hin yaaddessu ture. Inumaa OPDO irraa kan hafe hundumtuu qoqqoodamoo fi lallaafoo yoo tahan filmaata irratti mohachuuf jara gargaara ture. Garuu aangoo caalaa dantaan Oromoo eegamuu akka qabu hawwiin dhugaan jiraachuu kana irraa hubanna.

Obbo Baqqalee Garbaa haasaa isaa keessatti dubbii mucaa wagaa 6 kan Oromoo tahee qofaaf ajjeefamee yeroo kaasu ijoo dubbii dheeraa jecha gabaabduudhaan lafa kaa’e. Diinni kan nurratti aggaammatu OROMOO taanee qofaaf akka tahee fi kanuma qofayyuu laallee garaagarummaa qabnu dhiphifnee tokkoomuu caalaa furmaanni biraa akka hin jirre akeeke. Kana malees Oromoon ofii dogoggorees haa tahuu qaama biraatiin gowwoomfamee akka saba kamuu irratti harka ol hin fudhanne kadhate. Karaan kufaatiitti nu geessu gaafa saba biraa irratti harka ol fudhanne tahuu isaa jala mure. Haasaan Obbo Baqqalee har’aa kun gabaabumatti bilchina siyaasaa nama kana keessa jiruu fi Oromiyaan ilmaan ishii bira dabranii biyyattiifuu boonsoo tahan mormitoota keessaas horachuu agarsiisa. Dhaaba siyaasaa adda addaa (DhDUO fi KFO) keessaa bahuu isaanii yoo tahe malee, ergaan Dr. Abiyyii fi Obbo Baqqaleen haasaa har’aa keessatti dabarsan homaa kan garaagarummaa qabu tahee natti hin mul’anne.