jump to navigation

Oromia:Aayyoo Foolii Gorbaa, haati goticha Oromoo, Hayiluu Raggaasaa, du’an addunyaa kana irraa boqotan May 24, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , ,
add a comment

Odaa Oromoo

Ayyoo Foolii Gorbaa

Aayyoo Foolii Gorbaa (1915-2016)


Hayiluu Raggaasaa

Hayiluu Raggaasaa


Aayyoo Foolii Gorbaa kan dhalatan bara 1915 yoo ta’u, dhalatanii waggaa 101tti Caamsaa 23 bara 2016tti boqotan. Haati gooticha Oromoo Kolonel Hayiluu Raggaasaa kan dhalatan Oromiyaa, Godina Shawaa Dhihaa, Aanaa Meetaa Roobii, Ganda Gileetti . Kan boqotani  Caamsaa 23, 2016 Finfinneetti.

Maatii isaaniif Aayyoo Foolii daa’ima tokkittii turan. Dhalatanii waggaa 13tti kan heeruman yoo ta’an umurii isaanii keessatti ijoollee 16 dahan.

Aayyoo Foolii Gorbaa haadha gootaa, sabboontuu qabsooftuu fi nama seenaa saba Oromoo caqasuu fi yaadachuun dandeetti aaddaa qaban  aayyoo seenati.  Ilmi isaani, Kolonel Hayiluu Raggaassaa, Taddassaa Biruufaa waliin ta’uu warra qabsoo bilisummaa Oromoo calqabaa qindeessanii utuu finiinsaa jiranii kan wareegamanidha. Aayyoo Fooli qabsoo kana irratti akkaataatti qooda itti fudhachaa turanii fi waan ilmaan saaniis keessa turan ifatti ibsaa turani. Kunisi vidyoota armaa gadii irraa kan caqasamudha.

Aayyoo Foolii Gorbaa seenaa saba Oromoo keessatti bara baraan yaadatamu.

Biyyoon isaanitti haa salphatu.

https://vimeo.com/137260436