Oromia (Buraayyuu): Burrayyuutti dubartoonni lama ijoollee isaanii waliin hurufatti gataman. November 23, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: 'BECAUSE I AM OROMO’: SWEEPING REPRESSION IN THE OROMIA, Buraayyuu, Maatin Lamii Oromo 6 Bosona keessati Gatamanii, Master Plan is Master Killer
add a comment



(OMN:Oduu Sadaasa 22,2015): Godina addaa naannawa Finfinnee qarqara Magaalaa Burraayyuutti, dubartoonni Oromoo harka qaalleeyyiifi, abbaan warraa sababa dhibee HIV AIDsiitiin irraa du’e, mana godoo keessa jiraatan keessaa ari’amanii ilmaan isaanii waliin daandiirratti akka gataman OMNtti himan.
Godina addaa naannaawa Finfinnee, Magaalaa Burraayyuu keessaa jiraataa kan turte dubartiin Oromoo Caaltuu Deebisaa jedhamtu, abbaa worraa isii dhibee HIV-AIDS’n erga dhabdeen duuba, jireenni itti hammaatee rakkinyaaf akka saaxilamteefi kiraa manaa kafalachuu dadhabuu irraa kan ka’een ijoollee isii lamaan qabattee magaalaa keessaa gara qarqara magaalaatti akka baate OMNtti himteerti. Dubartiin kun, maagaalaa Burraayyuu, qaraqara magaalatti baahuun isii, mana ona barbaaddee itti galuuf akka ta’e dubbarteerti.
Dubartiin Oromoo, Tigist Fantaayee jedhamtu tan lammeessoo ammoo, abbaa manaa isiitiifi ijoollee isii afur woliin kiraa manaa kafalachuu waan dadhabaniif, mana namni ijaarratee keessa hin jiraanne qe’ee eegaafii, mana nama biraa keessa jiraataa akka turaniifi dhumarratti worri mana qe’ee isaaniitti gallaan, carraa Caaltuu Deebisaa akka isaanirra gahe Tigisti dubbatee jirti. Dubartoonni Oromoo harka qalleeyyi ta’an Caaltuufi Tigist mana caakkaa keessatti ijaaramee oneeru, kan waggaa sadiif namni itti hin galitti, waliin akka itti galan Tigisti Faantayee OMNtti himteerti.
Dubartoota Oromoo rakkinni maatii taasisee, miseensi maatiin lamaanii namni saddeeti ji’a torbaaf namni abbaa kanaa osoo hin jedhiniin nageyaan keessa jiraataa turanii, ji’a torbaan dubbaa garuu qaamoleen mootummaa ijaaramanii kanniisa keessatti horsiisuuf matii saniin keessaa bahaa akka jedhaniin Tigisti dubbarteerti.
Durbatoonni Oromoo harka kaleeyyii kunneen kara qaamni dhimmi ilaallatu, bulchiinsa magaalaa Buurraayyuu bira yoo deemanille, “nuttu ajajee keessaa bahaa nuun jechuun, qabanii nu hidhanii qodaa keennaalle alatti darbannaan sodaannee baanee daandiirratti bahuun, ala buluu erga eegalle guyyootaa sadiin lakkosfneerraa” jedhan.
Lafa Oromoo irratti ormi cakkaafi lafa qabatee jiraataa osoo jiru, nuuti daa’immaan Oromoo harkatti baannee daandiirratti gatamuun keennaa guddaa nu gaddiseesee jira” jechuun Tigist Fantaayee dubbateerti.
Daani’eel Bariisoo Areeritu gabaase.
– See more at: http://www.caboowanci.com/2015/11/22/maatin-lamii-oromo-6-bosona-keessati-gatamanii/#sthash.1EpJKlcl.0O9NfIVb.dpuf
You must be logged in to post a comment.