Advertisements
jump to navigation

Yakka Godina Gujiitti Oromoorratti raawwatame: Genocidal Crimes Conducted Against Guji Oromo March 4, 2015

Posted by OromianEconomist in Ethiopia's Colonizing Structure and the Development Problems of People of Oromia, Afar, Ogaden, Sidama, Southern Ethiopia and the Omo Valley, Ethnic Cleansing, Groups at risk of arbitrary arrest in Oromia: Amnesty International Report, Guji.
Tags: , , , , , ,
2 comments

O

Yakka Godina Gujiitti Oromoorratti raawwatame

 

Ummanni Oromoo erge humna waranaatin bittaa alagaa jalatti kufee kaasee ajjeechaa dabalatee yakki suukaneessaan bifa hedduu irratti raawwatamaa har’a gahe. Kanuma bara bittaa murna bicuu TPLF/EPRDF yoo ilaalle baroota kurna lamaan dabran keessa yeroo fi bakkoota adda addaatti ajjeechaan jumlaa, toorchariin namoom-dhabaan, saamichii fi qabeenya barbadeessuu raawwatame tarrifamee kan dhumu miti. Mootummaan wayyaanee borumtaa aangootti bahee kaasee miseensotaa fi deeggartoota ABO kan jedhuun sabboontota Oromoo hammana hin jedhamnerratti yakka suukaneessaa bifa hedduu raawwachuun gamatti miidhaa kana ijaa-gurra addunyaarraa balleessuuf dhoksuuf shira dabalataa xaxuun beekkama.

Dhugaan qal’attus hin cittu akkuma jedhan garuu dhugaan saba Oromoo barootaaf gabroomfattootaan ukkaamsamuuf tattaafatamaa bahe akka diinnonni yaadanitti awwaalamee hafuu hin dandeenye. Kanaaf ammoo ajjeechaan gaara Suufii, lafeen ilmaan Oromoo Hammarreessatti mul’atee fi gochaalee wayyaanee fakkaatoo addunyaaf ifa bahan tuquun ni danda’ama. Haalli quunnamtii fi fageenyaa ture ajjechaa saba Oromoorratti raawwatamu waggootaaf haa tursu malee, yeroo isaa eegee haqi ummata kanaa akka ifa bahu, dabi wayyaanee akka saaxilamu odeessi har’a nu dhaqqabu kanuma dhugoomsa.

Haaluma walfakkaatuun sirni nama-nyaataa wayyaanee bara 1994 hanga 2010tti Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti ilmaan Oromoo hedduu maqaa ABO waliin hidhata qabaachuutiin yakkee dararaa hamtuuf saaxilaa erga baheen booda ajjeesuu gabaasni dhihoo kana nu dhaqqabe ni addeessa. Kana ragaadhaan dhugoomsuufis eenyummaa fi teessoo ilmaan Oromoo badii malee mootummaa wayyaanetiin ajjeefaman yeroo gabaabduu dura harka keenya seenee isinii dhiyeessina.

  1. Obboo Guyyee Xelxelaa – Ona Malkaa Sooddaa ganda daada odaa budhii
  2. Rashiid Baallii -Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  3. Naasin Alii – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaa/Kilkille/
  4. Boruu Duubee – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaa/Waaccuu diinaa/
  5. Qajeelaa abbaa Daroo – Ona sabbaa boruu – ganda Ceekkata kojo’aa
  6. Kuusoyi Roobee – Ona Adoolaa shaakkisoo – ganda Magaadoo
  7. Guyyee Dhugoo – Ona Malkaa Sooddaa – ganda daada odaa budati
  8. Dhugoo Guyyee – Ona Oddoo shaakkisoo – magaalaa shaakkisoo
  9. Dhaddacha Figiiguu – Ona Malkaa sooddaa -ganda daada odaa budhuttii
  10. Taakkalaa – Ona Malkaa Sooddaa – ganda Malkaa Sooddaa
  11. Aadamaa – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  12. Shaaroo – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  13. Efreem Adoolaa Ona Sabbaa boruu – ganda Harragessee
  14. Shaambal Odaa – Ona Sabbaa boruu – ganda Siree buqqeettii
  15. Galgaloo Biilee – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Karroo
  16. Samarroo Gannaalee – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda magaadoo
  17. Dastaa Dhaddachaa – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda magaadoo
  18. Aadan Gujii – Ona sabbaa boruu – ganda Haroo garrii
  19. Boruu Sheekoo – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda Walaaboo
  20. Hasan Huseen – kan wayyaaneen reeffa isaa mana waliin gubde
  21. Halloo Badhoo – abbaa ijoollee jahaa wayyaaneen haala sukaneessaan ajjeese
  22. Uqubaay – Adoolaa
  23. Ilaalaa Kaffalaa – abbaa maatii saddeetii
  24. Milkeessaa Gadaa
  25. Jaarsoo Boruu
  26. Yohaannis
  27. Sulee Baallee
  28. Kadir Koottee
  29. Abdataa Dalloo fi
  30. Lataa Sabaa kanneen jedhaman warreen sirna wayyaanetiin ajjeefamanii dha.

Lammiileen Oromoo jiraattota Godina Gujii tahan olitti maqaan isaanii tarrifame kunneen abbootii warraa maatii qaban yoo tahan, mootummaa wayyaanetiin Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii ajjeefamuurraa maatiin isaan jiraachisan rakkoo hamtuuf saaxilamaniiru. Akka ragaan nu gahe addeessutti maatiin ilmaan Oromoo badii malee murna faashistii tahe kanaan ajjeefamanii faffaca’uu fi hiyyoomachuudhaan gadadoof affeeramanii haala akkaan yaaddessaa keessa jiru.

Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo ABO waliin hidhaata qabaachudhaanii fi Oromummaa isaanii qofaan yakkee rasaasaa fi hiraara  bifa adda addaa irraa gahee lubbuu galaafachuutti dabalee kanneen miidhaa qaamaa fi qor-qalbiif saaxilamanis lakkoofsi isaanii hammana kan jedhamu miti. Sabboontonni Oromoo kumoota hedduun lakkaawaman har’allee haqa Oromoof dhaabbachuu isaaniitiin humnoota sirnichaatiin rasaasaan reebamanii miidhaa ulfaataaf saaxilamaaru.

Ragaadhuma Godina Gujiirraa argame olitti tuqne waabeffannee yoo ilaalle ilmaan Oromoo cubbuu dalagan tokkollee odoo hin qabaatin Oromoo tahanii dhalachuu isaanii qofaaf mootummaa diina Oromoo tahe, Wayyaaneedhaan waraanni, poolisii fi tikni itti bobbaafamee rasaasaan reebamanii madeeffaman, qaamaa hir’atanii fi qabeenyi saamame hedduu dha. Kanneen keessaa muraasni isaan armaan gadii ti:-

  1. Birbirsa Baanataa – ganda Ejersaa – kan rasaasaan dhawamee qaamaa hir’ate
  2. Uddeessa Caaccuu – ganda haadhaa gord – rasaasa wayyaaneen madeeffame.
  3. Mitikkuu Roobee – haadha gord – ni madeessan
  4. Baallii Ideemaa – ganda Burii Ejersaaa ni madeessan
  5. Jamaal Baallii – ganda Burii Ejersaaa – ni madeessan.
  6. Quxxun Waaree – ganda Burii Ejersaa ni maddeessan
  7. Godona Gannaalee – ganda Burii Ejersaa ni madeessan
  8. Goluu Saafayii – ganda Burii Ejersaa ni madeessan
  9. Hareedii Saafayi – ganda Gooroo doolaa – ni madeessan
  10. Boraamee Bariisoo – ganda Hirmaayee – ni madeessan
  11. Waaqoo Uddoo – ganda Malkaa Sooddaa – ni madeessan
  12. Shushugoo Hadaa – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  13. Badiriyaa haadha obsaa.-ganda Burii Ejersaaa-ni madeessan.
  14. Aashaa Abbaa Baalee – ganda Haadha diimaa – ni madeessan
  15. Rooduu Dhaddachaa – ganda Daada Odaa budhuu – ni madeessan
  16. Useenii Baallii – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  17. Goobanaa Waaqoo – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  18. Bay’ootee Waallee – ganda Ceekataa kojo’aa – ni madeessan
  19. Turee Waaccuu – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  20. Basaayee Jiloo – Ceekataa – ni madeessan
  21. Yaasiin Waaqoo – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  22. Shakkamaa Waaqoo – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  23. Toree Useen – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  24. Soraa Useen – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  25. Bunoo Adoolaa – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  26. Roobaa Adulaa – ganda Daada Odaa budhu – ni madeessan
  27. Elemaa Xeendhee – ganda Galabaa – ni madeessan
  28. Qumbii Shundhaa – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  29. Odaa Xeeloo – ganda Daada Odaa budhuu – ni madeessan
  30. Jaarsoo Saafayi – ganda Galabaa – ni madeessan
  31. Roobee Godaanaa – ganda Galabaa – ni madeessan
  32. Iyyaasuu Basaayee – ganda Adoolaa waayyuu – kan madeeffame akkasumas
  33. Machaawaa Turee – ganda Galabaa – qabeenya qabu hunda ABO jechuun saaman
  34. Bonayyaa Waaqoo – ganda Galabaa – qabeenya qabu hunda kan ABO jechuun saaman
  35. Boruu Duubaa – Halloo madheedhee – qabeenya qabu maraa ni saaman
  36. Asaffaa Dhaddachaa – ganda Gooroo doolaa – qabeenya qabu maraa saaman
  37. Bookkiyyee Baallii – ganda Burii Ejersaaa – qabeenya qabu mara irraa saaman
  38. Muttarii Addoo – ganda Burii Ejersaa – qabeenya qabu maraa saaman
  39. Baatii Guyyee – ganda Burii Ejersaa mootummaa wayyaaneetiin saamaman
  40. Geetuu Dukkallee – ganda Burii Ejersaa fi
  41. Shifarraa Yembee – ganda Bulee horaarraa warreen wayyaanedhaan saamamani.

Walumaagalatti egaa sabboontonni Oromoo Godina Gujiitti maqaa ABO waliin hidhata qabaachutiin ykn Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii gara jabinaan ajjeefaman, miidhaa qaamaa fi qor-qalbiif saaxilamanii fi saamamanii hiyyoomfaman dhugaan oolee bulus awwalamuu waan hin dandeenyeef, amma ifa bahee beekkame. Miidhaa fi roorroon kun har’allee Godina Gujii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoorratti itti fufiinsaan babal’atee raawwatamaara. Kunis waa lama akeeka.

Inni duraa diinni kooraa akaakilee-abaabilee isaa kaleessa dhaale Oromiyaa gabroomfataa jiru, murni wayyaanee, Oromoorratti yakka raawwachuutti quufuu dhabee awwaaluudhaan yakka dachaa raawwachuun jibbaa fi tuffii saba keenyaaf qabu agarsiisuu itti fufuu isaa ti. Inni lammaffaan ammoo dhaamsa gochaan diinaa kun nu ilmaan Oromoo har’a lubbuun lafa kanarratti hafnee jirruuf dabarsuu dha.

Gochaan hammeenyaa diinni Oromoorratti raawwataa bahee fi ammas itti jiru kun, ilmaan Oromoo ajjeefamuu, rasaasaan reebamuu, hidhamanii dararamuu fi saamamanii hiyyoomsamuu jalaa bahuu kan danda’an yoo didatan qofa tahuu dhaamsa nuuf dabarseera. Akka sabaatti mataa walitti qabannee, gurra walii laannee, jaarmayaa keenya jabeeffannee tokkummaadhaan diinaan “Si gaha” jennuun malee falli rakkoo kana keessaa ittiin baanu gara biraan hin jiru.

Kanuma waliin ammoo sabboontonni Oromoo Oromummaan yakkamanii hiraarfamuun dhaabbachuu qaba jechuun wareegama qaalii baasan daandii gatii lubbuu itti baasanii nuuf saaqaniin dhaamsi nuuf dabrsan ijoon Oromoon biyyasaarratti kabajaa fi bilisummaan jiraachuuf furmaanni qabu roorroo diinaa gootummaan dura dhaabbachuu tahuu isaa ti.

Maarree, nuti dhaloonni Oromo ammaa, gumaa ilmaan Oromoo badii malee mootummaa wayyaaneetiin roorroof saaxilamanii baasuuf hammam of qopheessine, hammamis qooda lammummaa keenyaa bahataa jirraa ofis walis haa gaafannu. Ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaa ummata keenyarratti sirnoota gabromfatoon barootaaf walitti fufiinsaan gaggeeffamaa jiru kanatti xumura gochuufis qooda lammummaa dachaan bahachuun sabaa fi biyya keenya roorroo wayyaanee jalaa bilisa baasuun seenaa hin irraanfatamne galmeessinee dabruuf bakkayyuu haa warraaqnuun dhaamsa keenya.

Injifannoo Ummata Oromoof!

SBO

Advertisements