Oromia: The formulas for Bilisummaa (Freedom) and Gabrummaa (Subjugation-cum-slavery) March 3, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa, African Studies, Genocide against the Oromo, Human Rights and Liberties, Oromia, Oromiyaa, Oromummaa, The Dynamics of Ethiopian State Terror in Oromia, The Tyranny of Ethiopia
add a comment
Motummaan Abisiiniyaa (TPLF) Farra Ummata Oromooti
Tasfaayyee Mootii irraa, Finfinne Tribune | Gadaa.com | 3 March 2015
Seenaa Oromoo keessatti erga sirni abbaa irree Abysiniyaa jedhamuu aangoo afaan qawweetiin harkatti galfatee eegalee, ajjeecha suukkanneessan ummata Oromoo irraa hin cinne. Sabni Amaraa Minilik jalatti gurmaa’un meeshaalee waraana warra Awuroopaa tti fayyadamuun ajjeechaa sukkaneessaa ummata keenya irratti raawwachaa turan.
Bara 1868 fi 1900 gidduutti, ummanni Oromoo miliyoona shan dimshaasha ummata Oromoo keessaa walakkaa kan ta’u Minilikiin kan ajjefaman yoo ta’u, bara 1992 hanga 1994 ammoo Oromoo kuma shantama ABO waliin hidhata qabdan sababa jedhuun ragaa tokko malee mana hidhaatti naqamanii achitti kuma sad kan ta’an TPLFn ajjeefamaniiru. Dabalataan, bara 1992 kaasee hanga 2001 tti Oromoon 50,000 ta’u yoo ajjeeffaman 16,000 ammoo eessa buuteen isaanii hin argamin hafan bara waraana Ertiraa Oromoonni du’aaf waraana fuul duratti dabarsamanii kennamu turan.1
Akkuma sirnoota minilikif lukkeelewwan isaa dura turan sirni TPLF kayyoo Oromoo cunqursuu, ajjeesuu, qabeenya Oromoo saamuu, aadaaf seenaa Oromoo balleessuu, hedduminaan mana hidhaatti naqee achitti gidiraa adda addaaa irratti rawwachuu daran itti fufee jira.
Akka fakkeenyatti yoo kazsbe, fiigicha qaxxaamura dheeraa fuugun kan beekamu Shambal Abbaba Biqilaa, qabsa’aa Oromoo Janaral Taddasaa Birruu (motumma Hayilesillaaseen kan ajjeefaman), Maamoo Walde, weellisaa Eebbisaa Adunyaa, Inginar Tasfahun Camadaa, ijoollee Oromoo kan gargaarsa ORAn guddachaa turaniif kkf motumma TPLF ajjeechan dugiiginsa sanyii irrati rawatameera.2
Yeroo dhiyoo keessatti (Ebla/Caamsaa, 2014) ammoo sababa maastar plaanii “Addis Ababa” tiin walqabatee motumman abba irree TPLF qaanii tokko malee barattootaf ummata harka qullaa mormii isaa dhageessisa jiru irratti waraana banuun ummata Oromoo fixaa kan ture fi ammas kan itti fufee jiru ta’uun nibeekama. Dabalatas, hidhamtoota manneen hidhaa TPLF keessatti argaman keessaa tilmaamni harki 95 Oromoo akka ta’e ni beekama. Bara 2011 hanga 2014 qofa Oromoon manneen hidhaa TPLF keessatti hidhaman kuma shan ol ni ta’a.3 Kana malees motummaan abbaa irree TPLF gargaarsa biyya guddatan kan akka UK, Australia, USA fi kanneen biraa irraa fudhatuun meeshaa waraanaa bituun ummata nagaa ajjeessuf itti fayyadamaa akka jiru nibeekama.4,5
Obbo Abbaay Tsahaayyee Waajjira Muummicha Ministeeraa keessatti Gorsaa Olaanoo Muummee Ministeera Itoophiyaa kan ofiin jedhan dubbii dhaddannoo dheekkamsa, doorsisaaf akeekkachiisa of keessaa qabuun akka beeksisanitti Yeroo kami irraa tuffii ummata Oromootif qaban ifatti kan mirkaneessedha. Akkas jedhan “karoorri kun lafarra harkisamuun isaa ijaa barattoonni wacaniif ykn waliin dhahuu qondaaltota motummaa nannoo Oromiyaa tokko tokkoon osoo hin ta’in sababa doofummaa, rincicummaaf lamsha’uu qondaalttota motummaa Oromiyaatin. Ammas karoorichi hojiirra ni oolfama! Yaa ta’u malee namni ykn qaamni kamiyyuu karoora kana gufachiisuf yaalii godha taanan tarkaanfin gahaa ta’e ykn sirriitti isa ni galchina. Bulchinsi motummaa naannoo Oromiyas hattuuf bututtuun kan keessa guutedha” jechuun haasa’a dhadannoon walmakeen ifa godhaniiru.
Adeemsi isaa kunnis Oromoo lafaaf qabeenya isaa irraa buqqisuu, aadaa, afaan fi seenaa ummata Oromoo dhabamsiisuu, biyya Oromiyaa jedhamtee waammamtu tun gara fuula duraatti akka isheen hin jiraannee gochuu, lafa Oromoo, qabeenya Oromoo fi biyya Oromoo saba Tigreef oolchuuf halkaniif guyyaa boqonnaa malee socha’aa jiru.
Dhaddannoon Ob. Abbaay Tsahaayyee kan ammaa kun seeraaf heera ittiin bulmaata biyyatti kan cabseef kabaja ummata Oromoo kan mulqe yoo ta’u saba Oromoo irratti lola dugugginsa sanyii kan labse, jibbinsaf tuffii saba bal’aa Oroomoof qaban yeroo kammi irra kan ifa baasedha.6
Egaa, dhimmi kun dhimma Oromoo hundaa waan ta’eef namni kamiyyu kaayyoo diinni biyya Oromoo ballessuf ka’e kana tokkumman dura dhabbachuun murtee filannoo hinqabneedha. Dhabbileen siyaasa Oromoo kamiyyuu Hojjetaan mootummaa, miti mootummaa barattoota cinaa hiriirun tokummaan diina qe’ee fi lafa keenya irraa nu biqqisaa jiru kana ofirra darbachuun barbaachisaa ta’a jedheen abdadha.
Dhuma irrattis yaada waliigalaa kan “Oromian Economist” kanaan xumura The Critical Minimum Effort (dhambicuu murteessaan): Gaheen Oromummaa maal?
Bilisummaa (Freedom) dhambicuu murteessan; Qabsoo (Struggle), Tokummaa Oromoo (Oromo Unity) (T) fi afuura Oromummaa (Spirit of Oromummaa) qabachhun murteessadha.
B = f(Q,T,O)
Garbummaa (subjugation-cum-slavery), faallaa bilisummaati kunis amala warra Abyssinian (A), Neo-Gobanaa’s factor (N factor), Lack of Oromo unity (L) fi Un-Oromummaa (U) (lack of the Spirit of Oromummaa). G = f (A, N, U) Garubummaa (G) faallaa Bilisummaa (B) ykn garagalcha isaa jechuudha.7
Injifannoo Ka Ummata Oromoo!
——–
Toora Ilaaltaa:
1. http://www.aljazeera.com/…/opinion/2013/07/2013714133949329…
2. http://ayyaantuu.com/…/deportation-and-death-in-the-dhidhe…/
3. https://www.amnesty.org/en/documents/afr25/006/2014/en/
4. http://www.dailymail.co.uk/…/Thousands-Ethiopians-tortured-…
5. http://news.bbc.co.uk/1/hi/programmes/newsnight/9556288.stm
6. http://finfinnetribune.com/…/omn-gabaasa-addaa-maastar-pil…/
You must be logged in to post a comment.