jump to navigation

Finfinnee: Dhimma jabduu kana quba qabduu laata? June 7, 2015

Posted by OromianEconomist in Finfinnee n Kan Oromoo ti.
Tags: , , , ,
trackback

???????????Tigrean Neftengna's land grabbing3 and the Addis Ababa Master plan for Oormo genocide

Dhimma jabduu kana quba qabduu laata?

(Oromia Press, Dhimma jabduu kana quba qabduu laata? Waliif daddabarsaa

Camsaa 4/2015 Mootummaan Wayyaanee Karoora Maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ jedhuun qopheeffate uummata Oromoo Qe ’eef qabeenyaa isaa irraa buqqisee Oromoo cabsee bituuf ejjennoo godhatee hojiitti hiikuuf fiigaa jiraachuu fi Mormii guddaan uummataa irra isatti jabaachuun saaxilame.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF mirga Uummata Oromoo cabsee bara umrii isaa dheereffachaa, akka Uummatni Oromoo mirga abbaa biyyummaa hin qabatne gochaa, qee’ee, qabeenyaa, aadaa, Afaanii fi seenaa uummaticha, Akkasumas geographical location Uummaticha balleessuuf karooraa maqaa ‘’master Plan Finfinne’’ jedhu qopheeffate akkuma fiiguu eegaleen mormii guddaan Qeerroo Barattoota Oromoo fi uummata Oromoo irraa isa mudachuun ifaa dha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo FDG uummatni Oromoo qabeenyaa keenyaa irraa, qee’ee keenya buqqa’uu fi sarbamuu teessuma Oromiyaa kana ilaalchisuun FDG jabeessuun bara 2014 mormii guddaa gaggeessuun wareegama qaalii dachaa itti kanfaluun dura dhaabbachaa jiraachuun beekamaa dha.
Ummatni Oromoos akeekni kun akka waan dhaabbatee fi deebi’ee yoo kan ka’uu ta’ee wareegama kam illee kanfaluuf uummatni qophii ta’uu ibsatan.

Mootummaan abbaa irree erga Filannoo waliin dhahaa fi sobaa
gaaggeessee natu mo’ate jedhuun labsatee booda ‘’ Ajandaa ‘’ isaa kan ‘’Master Plan Finfinnee’’ hojii irra olchuuf fiigaa jiraachuun saaxilameera.

Gochaa fashistummaa fi diinummaa uummata Oromoof qabu
qopheeffate hojii irra olchuuf gidduu kana magaalotaa kanneen akka Burraayyuu, Sabbataa, Holotaa, Suulultaa, Laga Xaafoo Laga Dhaadhii , Duukam, Aqaaqii Qaallittii, jedhaman irratti Walga’ii Caasaa miseensota isaa OPDO fi uummata isaan nu deeggara jedhanii yaadan marii’achiisuuf baajata guddaa ramadachuun sochii cimaa gochaa jiraachuun saaxilame jira.

Ummatnis mormii guddaa irratti kaachisuun sochii Wayyaaneen gochaa jirtu kana haalaan balalleeffachuu fi kan miseensotni caasaa jalee wayyaanee illee fedhii fi amantaa irraa dhabuun diddaan dura dhaabbachuu madden keenyaa ibsan.

Haalaa kanaan Walga’iin Mootummaan Wayyaanee magaalaa Burraayyuu irratti gaggeesse ummatni diddaa guddaa irratti kaachisuun walga’iin wayyaanee bittinaa’uun mormii guddaan wayyaaneen iraatti qabsiifameen Adeemsa wayyaanee dura dhaabbachuu fi yaaddoo guddaa keessa galchuun saaxilamera.

– See more at: http://www.oromiapress.com/dhimma-jabduu-kana-quba-qabduu-laata/#sthash.SulMPJpT.INnD3AE4.dpuf

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: