Sirna waayyaanee tajaajilaa kan turan qondaaltonni waraanaa olaanoo 9 sirna abba irree kana ganuun WBOtti akka makaman odeeffame. June 7, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa, African Studies, OLF, Oromia, Oromummaa, Waraana bilisuummaa Oromoo, Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO)
add a comment
Moonaa Leenjii Giddu Gala ABO
Sirna waayyaanee tajaajilaa kan turan qondaaltonni waraanaa olaanoo 9 sirna abba irree kana ganuun WBOtti akka makaman odeeffamme. Haala kanaan yaaddoo cimaa keessa kan seente wayyaaneen sakkata’inaa qondaaltota kanaaf akka saree maraatuu gaanfa Afrikaa keessa olii gad akka fiigaa jirtu ibsame. Qondaaltota waraanaa olaanoo sirna faashistii wayyaanee kan ganani keessaa:– 1. Kolonel Yaasin Huseen, 2. Kolonel Nagaraa Iddoosaa fi 3. Kolonel Nuuruu Aslii Akka keessatti argaman himamaa jira. Qondaaltonni waraana kun icittii karoora duulaa kan waraana wayyaneesi akka uf harkaa qaban dubbatama. Waayee dhimma kanaa kan Afaan Amaaraatiin barreessame kan armaa gadii kana irraasi hubbachuun ni danda’ama.
የሕወሓት መንግስት ስርዓቱን የከዱትን 9 የጦር መኮንኖች እያደነ ነው * መኮንኖቹ ኦነግን ተቀላቅለዋል እየተባለ ነው
Finfinnee: Dhimma jabduu kana quba qabduu laata? June 7, 2015
Posted by OromianEconomist in Finfinnee n Kan Oromoo ti.Tags: #OromoProtests, Africa, African Studies, Finfinnee, Genocidal Master Plan
add a comment
Dhimma jabduu kana quba qabduu laata?
Camsaa 4/2015 Mootummaan Wayyaanee Karoora Maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ jedhuun qopheeffate uummata Oromoo Qe ’eef qabeenyaa isaa irraa buqqisee Oromoo cabsee bituuf ejjennoo godhatee hojiitti hiikuuf fiigaa jiraachuu fi Mormii guddaan uummataa irra isatti jabaachuun saaxilame.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF mirga Uummata Oromoo cabsee bara umrii isaa dheereffachaa, akka Uummatni Oromoo mirga abbaa biyyummaa hin qabatne gochaa, qee’ee, qabeenyaa, aadaa, Afaanii fi seenaa uummaticha, Akkasumas geographical location Uummaticha balleessuuf karooraa maqaa ‘’master Plan Finfinne’’ jedhu qopheeffate akkuma fiiguu eegaleen mormii guddaan Qeerroo Barattoota Oromoo fi uummata Oromoo irraa isa mudachuun ifaa dha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo FDG uummatni Oromoo qabeenyaa keenyaa irraa, qee’ee keenya buqqa’uu fi sarbamuu teessuma Oromiyaa kana ilaalchisuun FDG jabeessuun bara 2014 mormii guddaa gaggeessuun wareegama qaalii dachaa itti kanfaluun dura dhaabbachaa jiraachuun beekamaa dha.
Ummatni Oromoos akeekni kun akka waan dhaabbatee fi deebi’ee yoo kan ka’uu ta’ee wareegama kam illee kanfaluuf uummatni qophii ta’uu ibsatan.
Mootummaan abbaa irree erga Filannoo waliin dhahaa fi sobaa
gaaggeessee natu mo’ate jedhuun labsatee booda ‘’ Ajandaa ‘’ isaa kan ‘’Master Plan Finfinnee’’ hojii irra olchuuf fiigaa jiraachuun saaxilameera.
Gochaa fashistummaa fi diinummaa uummata Oromoof qabu
qopheeffate hojii irra olchuuf gidduu kana magaalotaa kanneen akka Burraayyuu, Sabbataa, Holotaa, Suulultaa, Laga Xaafoo Laga Dhaadhii , Duukam, Aqaaqii Qaallittii, jedhaman irratti Walga’ii Caasaa miseensota isaa OPDO fi uummata isaan nu deeggara jedhanii yaadan marii’achiisuuf baajata guddaa ramadachuun sochii cimaa gochaa jiraachuun saaxilame jira.
Ummatnis mormii guddaa irratti kaachisuun sochii Wayyaaneen gochaa jirtu kana haalaan balalleeffachuu fi kan miseensotni caasaa jalee wayyaanee illee fedhii fi amantaa irraa dhabuun diddaan dura dhaabbachuu madden keenyaa ibsan.
Haalaa kanaan Walga’iin Mootummaan Wayyaanee magaalaa Burraayyuu irratti gaggeesse ummatni diddaa guddaa irratti kaachisuun walga’iin wayyaanee bittinaa’uun mormii guddaan wayyaaneen iraatti qabsiifameen Adeemsa wayyaanee dura dhaabbachuu fi yaaddoo guddaa keessa galchuun saaxilamera.
You must be logged in to post a comment.