Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Oromia , Oromia (WBO): Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Bahaa Gidduu Kana Basaasota Fi Loltoota Wayyaanee Haleelee Injifannoo Galmeesse , Oromo , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Bahaa Gidduu Kana Basaasota Fi Loltoota Wayyaanee Haleelee Injifannoo Galmeesse.
(SBO – AMAJJII 05,2016) Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 05, 2016 Har’a Ganama Ona Xuulloo Keessatti Lola Waraana Gabroomfattuu Wayyaanee Waliin Taasise Irratti Loltoota Diinaa 13 Ol Hojiin Ala Godhe.
Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Oromoo deebisuuf falmaa hadhawaa gochuu irratti kan argamu gootichi WBO, Amajjii 05,2016 guyyaa har’aa ganama Lixa Harargee Ona Xuulloo naannoo Masalaatti waraana gabroomfattuu wayyaanee kan ummata … keenya gaaffii mirgaa finiinsaa jirutti roorrisaa ture haleeluun 8 yeroo irraa ajjeesu, 5 ol ammoo akka madeesse Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godheera.
Humni WBO lola kana geggeesse diina irraa meeshaalee gara garaa akka booji’es gabaafameera.
Tarkaanfiin diinaa fi farreen QBO ta’an irratti fudhatamu karaa hundaan haala kennate mara keessatti ciminaan kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Godina Bahaa mirkaneesseera.
(SBO – AMAJJII 04,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa keessa sossohu Mudde 30 fi 31,2015 Baha Harargee Ona Bokkoo/Fadis bakka Dhagaa-Gaachanaa jedhamuu fi bakka Waldaya Gobeellee fi Maayaa jedhamanitti waraana wayyaanee warraaqsa ummata Oromoo finiinaa jiru dhaamsuuf sochii adda addaa godhaa turee fi ummata irraan miidhaa geessisaa ture rukutuun loltoota 24 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii waraanaa SBOf ergeen beeksise.
Haaluma kanaan tarkaanfii fudhatameen loltootni diinaa 13 yeroo ajjeefaman, 11 ol ammoo madoo taasifamaniiru.
Loltootni wayyaanee du’aa fi madaa’uu irraa hafte faffacaatee akka baqattes gabaafameera.
Humni Addaa WBO tarkaanfii isaa itti fufuun Dhiha Harargee Ona Habroo magaalaa Balballeettii keessatti gaafa Mudde 30,2015 basaasaa sirna wayyaanee Taklamaariyam jedhamu irratti tarkaanfii xumuraa fudhateen ajjeesuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Basaasaan kun waraana wayyaanee keessa kan turee fi tika tahuudhaan ummata keessatti bifa maanguddummaan socho’aa akka ture ibsameera. Taklamaariyam dhalataa lammii Tigraayi magaalaa Addigiraat ganda 01 akka ta’es gabaafameera.
Gama biraan Amajjii 02,2016 Humni Addaa WBO Godina Bahaa Baha Harargee naannoo Dhangaggoo jedhamutti qondaala tikaa wayyaanee naannoo kana keessatti diinummaa guddaa hojjechaa ture dhalootaan lammii Tigraay ta’e Gabra-Igzihaber jedhamu du’aan adabuu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiiseera.
Bakkoota adda addaatti tarkaanfilee fakkaatoon loltootaa fi basaasota diinaa akkasumas gufuu ummataa fi barattootaa ta’uun isaanii mirkanaa’e irratti tarkaanfileen fudhataman jabaatanii itti fufanii akka jiran gabaafameera.
Kanneen faallaa Warraaqsa Ummata Oromoo ykn gufuu Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) ta’anii jiran gocha isaanii diinummaa fi farrummaa kana irraa deebi’anii gara saba isaanii akka hiriiran WBOn irra deebiin yaamicha isaa dhiheessaa jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Ajaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Loltootni Wayyaanee 17 Ol Hojiin Ala Ta’an. , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
(SBO – MUDDE 31, 2015) Ajaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Mudde 27,2015 Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Bahaa, Baha Harargee Ona Fadis keessaa bakka Harooressa jedhamutti humna waraana wayyaanee sababa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG)n ummata hiraarsaa ture irratti haleellaa raawwateen loltoota 8 ajjeesee, 9 ol ammoo madeesseera. Warri miidhama irraa hafe ammoo baqaan akka of booda deebi’an ibsameera.
Lola kana irratti WBOn Kilaashii 5 fi qabeenya biroo diina irraa booji’uun dantaa QBOf oolchuunis gabaafameera.
Related (Oduu kanan wal fakkaatu):-
(SBO – AMAJJII 02,2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Zoonii Kibbaa Amajjii 01,2016 Ona Mooyyalee Keessatti Tarkaanfii Loltoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 11 Ol Hojiin Ala Taasise.
Ajaji WBO Zoonii Kibbaa akka beeksisetti humni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Amajjii 01, 2016 ganama keessaa Ona Mooyyalee bulchiinsa magaalaa Tuqaa Qaqalloo jalatti kan argamtu ganda Mudhii Amboo keessatti kan argaman loltoota wayyaanee haleeluun 6 irraa ajjeesee 4 ol ammoo madeessee jira.
Humni WBO tarkaanfii kana fudhate haleellaa isaa itti fufuun, guyyuma kana ganda Maddoo jedhamtu seenuun waajjira bulchiinsaa sirna wayyaanee kan ummata irratti miidhaa adda addaa raawwatu dokumentota keessa jiran waliin guutummaatti oggaa barbadeessee jira.
Waraanni wayyaanee humna WBO tarkaanfii kana fudhatee dirqama biraaf socho’aa ture doqdoqqoota (matorcykilootaan) hordofee sochii isaa danquuf yaalii godhus, humni WBO haxxeedhaan haleelee loltuu tokko oggaa irraa ajjeesu, doqdoqqee tokko ammoo guutuutti gubee daaressee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
Oduu Tarkaanfii WBO
(SBO – MUDDE 19,2015) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Kibba Bahaa Godina Baalee keessa sossohu gartuun Humna Addaa, Mudde 13 fi 16,2015 Baalee Ona Haroo Dibbee keessaa bakkoota gara garaatti tarkaanfii haxxee fi tarkaanfii miinoo (fanjii) farra konkolaataa loltoota wayyaanee konkolaataa ORALiin guutamanii gara giddu galeessa Oromiyaa fi naannicha keessatti bobba’uun ummataa fi barattoota Oromoo warraaqsa bilisummaa finiinsaa jiran irratti yakka waraanaa raawwachuuf sossohaa turan irratti fudhateen loltoota diinaa 91 ol hojiin ala gochuun qawwee AKM. 7 hidhannoo guutuu waliin booji’uu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa beeksiseera.
Haaluma kanaan gartuun Humna Addaa WBO Mudde 13,2015 Godina Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kaarra Jibriitti ganama keessaa sa’aa 8:00 irratti waraana wayyaanee FDG dhaamsuuf bobbahaa ture haxii itti hidhee tarkaanfii irratti fudhateen 7 ajjeesee, 9 ol madeessuu fi qawwee AKM 7 hidhannoo guutuu waliin booji’ee dantaa QBOf oolchuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa ifa godheera. Lolli kun daqiiqaa 40 oliif akka geggeeffames gabaafameera.
Mudde 16,2015ttis Gartuun Humna Addaa WBO Godina Baalee waraana wayyaanee daangaa Somaalee Doolloo irraa fe’amee Cirrattii keessa qaxxaamuruun gara giddu galeessa Oromiyaatti ummata Oromoo fi ilmaan isaa barattoota irratti ajjechaa raawwachuuf ORALII 4n socho’aa ture akkuma magaalaa Cirrattii irraa km.30 fagaateen bakka Kullaa Kootichaa jedhamutti ganama keessaa sa’aa 9:00 gubbaatti miinoo/fanjii farra konkolaataa kiyyeessuufiin ORALII 2 loltoota diinaa 50 ta’an, hidhannoo qaban waliin guutummaatti daaressuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee beeksiseera.
Waytuma kana gartuun Humna Addaa WBO Godina Baalee kun loltoota wayyaanee ORALII 2n boodarraan dhufaa turanitti haxii hidhuudhaan tarkaanfii irratti fudhateen 10 iraa ajjeesuu fi 15 ol ammoo haalaan madeessuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee addeesseera. Lolli kunis daqiiqaa 20 oliif akka adeemsifame ibsameera.
Walumaagalatti tarkaanfii Humni Addaa WBO Godina Baalee Mudde 13 fi 16,2015 waraana wayyaanee irratti fudhate kanaan loltootni diinaa 91 ol ta’an du’aa fi madoo ta’anii, ORALIIN 2 guutummaatti oggaa daareffamu, qawween AKMn 7 ammoo hidhannoo guutuu waliin booji’amaniiru.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: SBO , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
(SBO – MUDDE 05, 2015) Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Baha Oromiyaa keessa sossohu jalqaba baatii Muddee kanaatti Lixa Harargee Ona Gammachiisii fi naannoo Daaroo Labuu keessatti tarkaanfilee waraana wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 22 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Haaluma kanaan Mudde 01, 2015 Lixa Harargee naannoo Baddeessaa Ona Gammachiis keessaa bakka Siree jedhamutti waraana wayyaanee haleeluun 5 yeroo irraa ajjeesu, 7 ol ammoo madeessuun gabaafameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Mudde 02,2015 Lixa Harargee naannoo Daaroo Labuu bakka Jiddoo Galamaa jedhamutti murna waraana wayyaanee rukutuun 4 yeroo irraa ajjeesu, kanneen 6 ol ta’an ammoo akka madeessee fi qawwee kilaashii 3 hidhannoo guutuu waliin akka irraa booji’e Ajaji WBO Godina Bahaa hubachiiseera.
Kun kanaan osoo jiruu gama Bahaan ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessa jiranii fi kanneen dhalootaan Oromoo hin taane, sirnichaaf waardiyaa dhaabbatanii jiran gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu oduun walqabatee nu gahe ifa godha.
Bifuma kanaan Mudde 01,2015 Baha Harargee keessaa naannoo Dirre Dhawaatti dhihoo, karaa gara Jibuutti geessutti kan argamu bakka Shinniilee jedhamutti qubsuma waraana wayyaanee tokko keessatti loltootni dhalootaan Oromoo ta’anii fi kanneen biroo gidduutti waldhabbiin uumamuun dhukaasa walitti bananii akka wal ajjeesanii fi wal madeessan oduun kun ni hubachiisa.
Maddi rakkoo kanaas loltootni wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’in ilmaan Oromoo waraanicha keessa jiran ilaalcha sabummaan, FDG deemaa jiruun walqabsiisanii shakkuu fi gara Jibuutiitti baduuf yaadaa jirtu ittiin jechuu irraa akka ta’e ibsameera.
VIDEO
VIDEO
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Against Tyranny , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
(SBO – MUDDE 02,2015, Sulultaa) Humni Adda QAANQEE BILISUMMAA Jiddugaleessa Oromiyaatti Paarkii Fi Mana Kitaabaa MALLASAAA Sulultaatti Argamu Guutummaatti Daaresse.
Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa Muddee 01 bara 2015 halkan keessaa sa’atii 11:00 irraa eegalee tarkaanfii fudhateen manneen maqaa mataa murna wayyaanee duraanii MALLAS ZEENAAWIItiin naannoo Sulultaatti ijaaraman 5 guutummaatti barbadeessuun humna ibsaa naannoo sanaa erga kutee booda, magaalaa xiqqoo Muloo fi Buraayyuu jidduutti argamtu Guuddoo irratti naannoo sa’aatii 1:00 AMtti Poolisoota eegumsa halkanii irraa jiran irratti tarkaanfii battalaa fudhateen 3 madeessee jira.
Humni Qaanqee Bilisummaa yeroodhuma kanatti tarkaanfii qabeenya shariika harka mirgaa wayyaanee tahe irratti fudhateen, konkolaataa Kubbaaniyyaa Darbaa Tiraanispoort, kan qabeenyummaan isaa kan dureessicha Sheek Al Amuuddii jedhamuu tahe magaalaa Darbaa irraa gara Caancoo deemaa ture fe’umsa isaa guutuu waliin haleeludhaan barbadeessee jira.
Tarkaanfii humni QAANQEE BILISUMMAA fudhatee fi kasaaraa isa mudateen kan baarage gartuun abbaa irree wayyaanee ganama kana, Muddee 02 bara 2015, Helokooptaroota waraanaan naannoo Gaarren Inxooxxoo irra marsaa tureera. Helikoptarri kunis Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkaa irraa eegalee gaarren Inxooxxoo gara Dhihaatti marsuudhaan magaalaa Sulultaa irraan, gara Buraayyuutti ammoo gaarren Gullallee irra lafatti gadi dhiyaatee deddeebi’ee naannaweera. Sirnichi dhiphuu jabaa keessa seenuudhaan olii fi gadi fiigaa, ergamtoota isaatis fiigsaa kan jiru yoo tahu, buufataalee Buraayyuu fi Sulultaa irratti sakattaan akkaan jabaan gaggeeffamaa jira.
Oduu tarkaanfii nu dhaqqabe biraatiin humnumti addaa QAANQEE BILISUMMAA Ona Warra-jaarsoo ganda Dhaayee Tuutii keessatti halkan Kiibxata kaleessaa, Muddee 1, 2015 milishaa OPDO diinaan hidhachiifamee ummata dararaa ture Shallamaa Dirribaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen qawwee fi hidhannoo isaa rasaasa guutuu waliin irraa hiikkateera. Ergamaan diinaan hidhachiifame kun kaleessa waaree booda “Qawwee mootummaa fudhachiifte” jedhamee humnoota mootummaa wayyaaneef amanamoo tahaniin hidhamee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Against Tyranny , Oromia , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba Baha Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Hidhattoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 9 Ol Hojiin Ala Godhe; Meeshaalee Waraanaas Booji’e. Hidhattootni Diinaa 5nis WBOtti Harka Kennatan.
(SBO – Sadaasa 14,2015) Humnaa fi qabeenya qabu irratti hundaawee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo of irratti hirkannoon falmaa diina irratti godhu finiinsaa kan jiru gootichi WBO, godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu daran cimsuu irratti argama.
Haaluma kanaan abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Kibba Baha Oromiyaa Godina Baalee keessa sossohu tibbana diina irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Risaa jedhamu Sadaasa 10,2015 Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti ganama barii sa’aa 5:00 irratti humna diinaa ummata dararuu fi sochii WBO danquuf bobbaa irra ture haxiidhaan haleelee loltoota 5 yeroo irraa ajjeesu, 4 ol ammoo madeessuun meeshaalee waraanaa adda addaa irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Humni Risaa tarkaanfii boonsaa kana fudhate diina irraa qawwee AKM-47 5, boombii harkaa F1 jedhamu 20, boorsaa waraanaa kan dugdatti baatamu 5 mi’a qabu waliinii fi meeshaalee biroo diina irraa booji’uun bu’aa qabsoo bilisummaa Oromoof akka taasise beekuun danda’ameera.
Kana malees Humni Addaa WBO (Risaan) Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti wayta tarkaanfii kana fudhatetti sabboontota Oromoo hidhattootni wayyaanee maqaa ABO fi WBO gargaartu, nu rukuchiistu jedhuun qabanii deemaa turan keessaa tokko akka harkaa baases oduun kun ni hubachiisa.
Hidhattoota wayyaanee tarkaanfii humna addaa WBO Risaan haleelaman keessa turan keessaa 5 (shan) hidhannoo isaanii guutuu waliin WBOtti akka harka isaanii kennatan Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa mirkaneessee jira.
Tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu jabinaan kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa hubachiisee jira.
Xumura irratti Oromoota dabalatee ilmaan ummatoota cunqurfamoo sirna wayyaaneef meeshaa ta’uun qabsoo bilisummaa fi mirga isaanii deebifachuuf ummatootni kun taasisaa jiranitti gufuu ta’anii jiran hidhannoo isaanii sirna wayyaanee diina ummatoota cunqurfamoo empaayerattii ta’ee jirutti nannessuun xumura sirna gabrummaa isaa akka shaffisan WBOn hiree kanaan yaamicha isaa haaromsee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO)
Gootichi WBO Godina Bahaa, Bahaa fi Lixa Harargee Keessatti Loloota Godheen Loltoota Diinaa 22 Ol Hojiin Ala Taasise
Onkoloolessa 19 Bara 2015
Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn kan Godina Bahaa keessa sossohu humna gabroomfattuu wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatu jabeessee itti fufuun tibbanas Godinoota Bahaa fi Lixa Harargee keessatti waraana wayyaanee sochii WBO danquu fi ummata irratti dalagaa gooltummaa raawwatuuf bobbaa irra turan haleelee 22 ol hojiin ala gochuun meeshaalee waraanaa irraa hiikkachuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa oduu tarkaanfii waraanaa SBOtti ergeen ifa godhee jira.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 13,2015 Waraanni Bilisummaa Oromoo Baha Harargee Ona Fadis naannoo Miidhagaa Lolaa bakka Mudhii Baallii jedhamutti humna waraana wayyaanee kan sakattaa fi maqaa WBO nyaachistu jedhuun ummata gooluuf bobbaa irra ture haleeluun 4 irraa ajjeesee, 7 ol madeessuu fi qawwee AK-47 4 fi mi’oota waraanaa biroo irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Gootichi WBO Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Onkoloolessa 16, 2015ttis Lixa Harargee Ona Bookee naannoo lakkoobsa 25 jedhamu keessaa bakka Haroo Diimtuu jedhamutti qubsuma diinaa haleeluun 5 irraa ajjeesee, 6 madeessuun addaan akka bittinneesse, akkasumas qawwee AK-47 6 fi meeshaalee biroo irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa dabalee beeksiseera.
Onkoloolessa 08 fi 09,2015 Gartuun Mahaandisaa Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaa, Baalee keessaa Gindhiir bakkoota Qarsaa Allaattii fi Laga Dharroo bakka Malkaa Aadee jedhamanitti fanjii konkolaataa fi fanjii farra namaan Ajajoota Waraana Wayyaanee lama dabalatee loltoota diinaa 18 olii fi konkolaataa tokko hojiin ala gochuu isaa gabaasuun keenya kan yaadatamuu dha.
………………………………………………………………………..
Ajajootni Waraana Wayyaanee Lama Waardiyoota Isaanii Waliin Gartuu Mahaandisaa Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaan Haleelamanii Ajjeefaman. Loltootni 14s Tarkaanfii Fudhatameen Hojiin Ala Ta’an.
Onkoloolessa 16 Bara 2015
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godinoota adda addaa tarkaanfilee gara garaa humna gabroomfattuu diinaa irratti fudhatu yeroo irraa gara yerootti jabeessaa fi babal’isaa kan jiru si’a ta’u, haaluma kanaanis Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Baalee keessatti ajajoota waraana wayyaanee ummata dararaa turan waardiyoota isaanii waliin tarkaanfii boonsaa irratti fudhateen du’aan adabuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa Oduu Tarkaanfii SBOf ergeen beeksiseera.
Onkoloolessa 08, 2015 Gartuun Humna Addaa Mahandisoota WBO Kibba Bahaa Godina Baalee ganama keessaa sa’aa 8:00 irratti ajajoota waraana wayyaanee Abbaa Buttaa (A/100) fi Abbaa Muraasaa (A/50) waardiyoota isaanii 4 waliin kutaa waraana wayyaanee 12ffaa Gindhiiritti argamu irraa ka’anii gara magaalaa Saallaat konkolaataan deemaa turan bakka Qarsaa Allaattii jedhamutti fanjii farra konkolaataa kiyyeessuufiin daaressee, ajajoota waraanaa lamaanii fi waardiyoota isaanii 4n, ajjeesuu, konkolaataan ittiin deemaa turanis guutuutti barbadaawuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa beeksiseera.
Gartuun Humna Addaa Mahandisoota WBO Godina Kibba Bahaa dirqama itti kenname injifannoo boonsaan galmaan gahuu kan hubachiise Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa, tarkaanfii kanaan diinni guddoo rifatuun akkuma bare ummata nagaa fi meesha maleeyyiitti roorrisaa jiraachuu hubachiisa.
Haaluma kanaan waraanni faashistii wayyaanee tarkaanfii fudhatametti rifate abdii kutannaan naannoo Qarsaa Allaattiitti bobba’uudhaan lammiilee Oromoo nagaa irratti tarkaanfii diinummaa adda addaa fudhachaa jira. Haaluma kanaan jiraattota naannoo kanaa dhiiraa dhalaa osoo hin jedhin marsee dhaanuu irra darbee, jaarolee Oromoo lama Obbo Abdullaahii Sheekaa fi Obbo Awwal Sheek Qaasim jedhaman qabanii WBO fidaa jedhanii yeroo rakkisan, maanguddootni Oromoos nu hin agarre, kan qawwee qabu isinii deemaa barbaadaa waan ittiin jedhaniif, saanjaan wawwaraananii gocha diinummaa akka irratti raawwatan beekameera.
Humni waraana wayyaanee naannoo Qarsaa Allaattiitti bobba’ee ummata goolu kun WBO tarkaanfii kana fudhate sakatta’uu fi hordofuuf dirqama addaa fudhatee bobbaa akkuma eegaleen gartuun Mahandisaa Humna Addaa WBO odeeffannoo argateen Onkoloolessa 09,2015 Laga Dharroo bakka Malkaa Aadee jedhamu iddoo karaan sadii itti walqaxxaamuru irratti fanjii farra namaa hidhuufiin loltoota 14 ol hojiin ala godhee jira. Loltoota wayyaanee fanjii mahaandisoota Humna Addaa WBOn kiyyeeffameef irra bahanii haleelaman kana keessaa 8 battalatti yeroo du’an 6 ammoo miilli irraa ciccituu fi haala hamaan madaa’anii gara mooraa waraana wayyaanee Gindhiir jiruutti akka geeffaman Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa ifa godhee jira.
Tarkaanfiin waraana gabroomfattuu fi lukkeelee wayyaanee/TPLF gufuu QBO ta’an irratti fudhatamu kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee hubachiisee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Cry freedom , National Self Determination , Oromo , Osoo walbeenuu nuu wal walaalchisanii , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO)
Oromoota wayyaba, biyyaa Oromiyaa fi ummata Oromoof: gaddan , hinaafan fi rakkoo hamaan ummatni Oromoo keessa jiru irriba dhorku biratti, hara’aan tana, bu’ura siyaasaa guddaa ta’anii kanneen argaman keessaa tokko waa’ee ‘Master Plan’ mootummaan Impaayera Ixoophiyaa hojii irra oolchuufi deemuu ti.
Mootummaan gabroomfataa impaayera Ixoophiyaa, Oromiyaa nagaa dhowwaa jiru kun,kan ‘Master plan’ jedhuunii fi kan ummatni Oromoo ammoo ‘Master killer of Oromoo and Oromia’ ittiin jedhu, karoora: jireenya, eenyummaa, biyya Oromiyaa, abdii fi fuulduree Oromoo dhabamsiisuu irratti qiyyafate yeroo ta’u, mootii Impaayera Ixoophiyaa kan har’aan tana afaan qawweetiin ummata Oromoo ukkaamsee saamaa fi ajjeessaa jiru qofaan kan jalqabe osoo hin taane wal-irraa fuudhuun ykn wal-irraa dhaaluudhaan yakka moototi Ixoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi ammaan tana illee itti fufee irratti raawwataa jiruu dha.
Biyya Oromiyaa, afaan qawweetiin weeraranii, Oromoo irraa buqqisuudhaan ummata Ixoophiyaa irra qubsiisuun qabeenyaa dachii kana irratti argamu saamuu, Oromoo dachii isaa irraa buqqisan ammo hojjisiifatuu fi gabaatti baasanii gurguratuun qawwee bitatuuf karoorfatee kan jalqaba Oromoo fi Oromiya irratti weerara bane mootummaa Aksum kan Tigraay irratti jalqaba bar-kumee ijaarame dha.Mootummaan Aksum, ummata Kibba Yamanii irraa godaanee Galaana Diimaa cehuun qarqara Galaana kanaa jalqaba bar-kumee (first millennium) keessa ijaaramee weerara gabroomsaa gara:Kaabaa (Eritrea), Dhiha (Sudaani) fi Kibbaatti geggeessee ture. Mootummaan Aksum kun, weerara gara Kibbaatti geggeesse keessatti, laga Abbayyaa cehuun Kaaba Shawwaa qabachuuf haa yaalu maleee, duula farra gabrummaa Oromoon Waajjii bara 112 (AD) irratti geggeesseen duulli gabroomsaa mootummaa Aksum osoo bakka hin gahin hafe.lubbuun-ummata-oromoo-fi-dachiin-oromiyaa-1
Related article:-
Sirna gabroomfattuu Ixoophiyaatiin mootummaan Oromiyaa irratti ijaarame, mootummaa gabroomfattuu fi seeraan alaa ti
Leelloo Sabaa irraa, October 7, 2015
Mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa, kan ammaan tana Oromiyaa fi biyyoota ummattoota akka: Sidaamaa, Kaffichoo, Shakkichoo, Kambaataa, Walaayitaa, Majangir, Oomoo, Beenishaangul, Gambeelaa, Ogaaden, Afaar, Agawu fi kkf bitaa jiru, akkuma gabroomfattoota Ixoophiyaa isa dura turanii, ummattoota kana: ajjeesaa, hidhaa, biyyaa baqachiisaa fi mirga hiree murteeffannoo isaa dhiitaa afaan qawweetiin mataa isaa irra taa’uun ummattoota kana:hiyyummaa, beela fi wal’alummaa eessattuu argamee hin beekne keessatti gannoota digdamaaf kan dararaa turee dha.Mootummaan kun, sirna gabrummaa fi nama nyaataa isaa kana itti fufuuf, filannoo seeraan alaa fi farra dimookraasii Oromiyaa fi biyya ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaa keessatti geggeessee, barcuma caffee gabroomfattuu Ixoophiyaa hunda injifachuu eerga labsatee hedduu osoo hin turre, aangoo seeraa fi dimookraatawaa osoo itti hin qabaatin, mootummaa ijaaruu isaa kaleessa gaafa 6/092015 nutti hime.
Impaayera Ixoophiyaatiin, mootummaan Oromiyaa fi biyyoota ummattoota Kibbaa keessatti ijaarame kun, uumanis ta’e dalagaan, mootummaa:Minilik, Haayile Sillaasee fi Dargii irraa adda kan hin taane, mootummaa gaabroomfattuu, mootummaa seeraan alaa fi mootummaa nama nyaataa dha. Waan kana ta’eef, seerri, tarkaanfiin, murtiin, ajaji, jaarmaani fi ramaddiin mootummaa kana irra maddu, ummata Oromoo fi ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaa hin ilaallatu. Seerri, murtiin, jaarmaan, ramaddiini fi ajaji mootummaa gabroomfataaa fi seeraan alaa kana irraa maddu fudhatee hojii irra oolchuuf ummatni Oromoos ta’e ummattooti :Walaayitaa, Kambaataa, Hadiyyaa, kaffichoo, Shakichoo, Gumuzii, Majangir, Beeniishaangul, Gambeelaa, Ogaan, Affaari fi Agawu dirqama seera irra madddu hin qaban. Seerri, murtiin, jaarmaan, ramaddiin fi ajajni mootummaa gabroomfataa kana irraa maddu kan seeraan alaa waan ta’eef, ummatni Oromoo fi ummattootni Kibba Impaayera Ixoophiyaa dura dhaabbachuun mootummaa gabroomfataa fi seeraan alaa kana of irraa kaasanii hanga walabummaatti hiree isaanii guutuutti mirkaneeffachuuf mirga seenaa fi seeraa qabu.
Mootummaan gabroomfattuu fi seeraan alaa, mata ummata Oromoo fi ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaa irra taa’aa jiru kun, afaan qawweetiin yoo ta’e malee seera fi fedhii ummattoota kanaatiin kan bulchaa jiru waan hin taaneefi: seera, murtii, ajaja, jaarmaa fi ramaddii isa irraa madduun waldhabbii isaa fi ummattoota cunqurfamoo gidduutti dhalatuuf deemu keessatti gaaga’ama uumamuufi gaafatama guutuu kan fudhatu isa mataa isaa ta’uu mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa beekuu qaba. Ummatni Oromoo fi ummattooti Kibba Impaayera Ixoophiyaas, mootummaan gabroomfattuu fi seeraan alaa Ixoophiyaa Tigrootaan hoogganamu kun, dantaa ummata Tgraayiif malee, dantaa isaaf jecha Tigraay irra ka’ee qawwee baatee akka hin dhufne hubatee, mootummaa fedha isaatiin seeraan ijaarratu daddaffiin argamsiifatuufi, yeroo inni qabsoo farra gabrummaa Ixoophiyaa gamtaan daranuu itti jabeeffatan har’a ta’uu qabu .
Sirni gabroomfataa fi seeraan alaa, mootummaa seerawaa ijaaruu hin danda’u
Leelloo Sabaa
Oromo soldier
Ajaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn kan Godina Bahaa keessa sossohu Fulbaana 03 fi 6, 2015 gidduutti Bahaa fi Dhiha Harargee bakkoota adda addaa keessatti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhateen 20 yeroo ajjeesu, 22 ol ammoo madoo taasisuun konkolaataa waraanaa tokkos daaressee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 04, 2015 Dhiha Harargee Ona Gammachiis keessaa bakka Gola-Buubaa jedhamutti WBOn waraana wayyaanee kan konkolaataa waraanaan sossohaa ture haxiidhaan haleeluun 5 yeroo irraa ajjeesu, 3 ammoo madeessee jira. Konkolaataan loltootni wayyaanee ittiin socho’aa turan kun kan daareffame oggaa ta’u, waytuma kana qawween AK-47 jedhamu 4 diina irraa hiikkatameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Fulbaana 06,2015ttis Baha Harargee Fadis Ona Miidhagaa keessaa bakka Dhagaa-Gaachanaa jedhamutti waraana wayyaanee hojii ummata gooluutti bobba’ee fi sochii WBO danquuf ramadame haleeluun loltoota 9 irraa ajjeesee, 12 ol madeessuun meeshaalee adda addaa diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Fulbaana 03,2015ttis Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Dhiha Harargee Ona Hawwii Guddinaa bakka Sakattee jedhamutti waraana diinaa sakattaaf bobbaa irra ture irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen 6 ajjeesuun, 7 ol ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Bahaa mirkaneessee jira. Lola kanaan qawween AK-47 3 fi meeshaaleen adda addaa booji’amuunis gabaafameera.
Walumaagalatti WBOn Godina Bahaa Fulbaana 03, 04 fi 06, 2015 Bahaa fi Lixa Harargee Onoota Gammachiis, Miidhagaa fi Hawwii Guddinaa keessatti tarkaanfii waraana diinaa irratti fudhateen loltoota 20 yeroo ajjeesu, 22 ol madeessuu, konkolaataa waraanaa tokko barbadeessuu fi qawwee AK-47 7 diina irraa booji’uun dantaa QBOf oolchuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksisee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Africa , African Studies , OLF , Oromia , Oromummaa , Waraana bilisuummaa Oromoo , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO)
Moonaa Leenjii Giddu Gala ABO
Sirna waayyaanee tajaajilaa kan turan qondaaltonni waraanaa olaanoo 9 sirna abba irree kana ganuun WBOtti akka makaman odeeffamme. Haala kanaan yaaddoo cimaa keessa kan seente wayyaaneen sakkata’inaa qondaaltota kanaaf akka saree maraatuu gaanfa Afrikaa keessa olii gad akka fiigaa jirtu ibsame. Qondaaltota waraanaa olaanoo sirna faashistii wayyaanee kan ganani keessaa:– 1. Kolonel Yaasin Huseen, 2. Kolonel Nagaraa Iddoosaa fi 3. Kolonel Nuuruu Aslii Akka keessatti argaman himamaa jira. Qondaaltonni waraana kun icittii karoora duulaa kan waraana wayyaneesi akka uf harkaa qaban dubbatama. Waayee dhimma kanaa kan Afaan Amaaraatiin barreessame kan armaa gadii kana irraasi hubbachuun ni danda’ama.
የሕወሓት መንግስት ስርዓቱን የከዱትን 9 የጦር መኮንኖች እያደነ ነው * መኮንኖቹ ኦነግን ተቀላቅለዋል እየተባለ ነው
(ምንሊክ ሳልሳዊ) ከደቡብ ምስራቅ እዝ የከዱ ዘጠኝ የባሌ ክፍለሃገር ተወላጅ የሆኑ የሰራዊቱ መኮንኖችን ለመያዝ ማደኑን አንደቀጠለ አና አስካሁን ከኦነግ ኣማጽያን ጋር ተቀላቅለዋል ከሚባል ውጪ ያሉበት ቦታ ምንም ፍንጭ እንደሌለ ለጦር ሃይሎች መምሪያ የደህንነት ክፍል የመጣ መረጃ መጠቆሙን የመከላከያ ምንጮች ገልጸዋል::
በተለያዩ ጊዜያት ከባለፉት ሳምንት ጀምሮ ድንበር ዘለል ወረራ በኬንያ ላይ ያደረገው የወያኔ ሰራዊት ከኦነግ ኣማጽያን ጋር ጦርነት ገጥሞ አንደነበር ሲታወስ የከዱ የመከላከያ ሰራዊት መኮንኖች ከኦነግ ኣማጽያን ጋር ተደባልቀው የወያኔን ሰራዊት አንደወጉ ቢገለጽም አስካሁን ድረስ የኦነግ ታጣቂ ሃይሎችን ያሉበትን ኣከባቢ ለማግኘት ኣለመቻሉን መረጃዎቹ ሲጠቁሙ ኣሉበት የተባሉ ኣከባቢዎችን በሃገር ውስጥ ደኖች ላይ ኣንደተለመደው አሳት በመልቀቅ አና ጎረቤት ሃገሮችን በመውረር በሃይል ለማዳከም ስራዎች አየተሰሩ አንደሆን ምንጮቹ ለምንሊክ ሳልሳዊ ተናግረዋል::
ሰራዊቱን ከድተው ወተዋል ከተባሉት ከፍተኛ መኮንኖች ውስጥ ሶስቱ ኮሎኔሎች የጦር መሪዎች መሆናቸው ሲታወቅ አነሱም ፩ = ኮሎነል ያሲን ሁሴን ፪ = ኮሎኔል ነገራ ኢደሳ ፫ = ኮሎኔል ኑሩ ኣስሊ ይገኙበታል::
የሰራዊቱ የዘመቻ እንቅስቃሴ መረጃዎች በጃቸው አንደሆነ የሚነገርላቸው የጦር መሪዎች መክዳት ከፍተኛ ድንጋጤ አንደፈጠረ ታውቋል፥፥ ይህ በእንዲህ አንዳለ በሶማሊያ አና በኢትዮጵያ ድንበር ኣከባቢ በወያኔ ሰራዊት እና በኦብነግ ኣማጽያን መካከል ግጭቱ የቀጠለ ሲሆን በክዐንያው ድርድርም አስካሁን የተገኘ ውጤት አንዳሌለ ታውቋል:
You must be logged in to post a comment.