Haaluma kanaan Mudde 01, 2015 Lixa Harargee naannoo Baddeessaa Ona Gammachiis keessaa bakka Siree jedhamutti waraana wayyaanee haleeluun 5 yeroo irraa ajjeesu, 7 ol ammoo madeessuun gabaafameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Mudde 02,2015 Lixa Harargee naannoo Daaroo Labuu bakka Jiddoo Galamaa jedhamutti murna waraana wayyaanee rukutuun 4 yeroo irraa ajjeesu, kanneen 6 ol ta’an ammoo akka madeessee fi qawwee kilaashii 3 hidhannoo guutuu waliin akka irraa booji’e Ajaji WBO Godina Bahaa hubachiiseera.
Kun kanaan osoo jiruu gama Bahaan ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessa jiranii fi kanneen dhalootaan Oromoo hin taane, sirnichaaf waardiyaa dhaabbatanii jiran gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu oduun walqabatee nu gahe ifa godha.
Bifuma kanaan Mudde 01,2015 Baha Harargee keessaa naannoo Dirre Dhawaatti dhihoo, karaa gara Jibuutti geessutti kan argamu bakka Shinniilee jedhamutti qubsuma waraana wayyaanee tokko keessatti loltootni dhalootaan Oromoo ta’anii fi kanneen biroo gidduutti waldhabbiin uumamuun dhukaasa walitti bananii akka wal ajjeesanii fi wal madeessan oduun kun ni hubachiisa.
Maddi rakkoo kanaas loltootni wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’in ilmaan Oromoo waraanicha keessa jiran ilaalcha sabummaan, FDG deemaa jiruun walqabsiisanii shakkuu fi gara Jibuutiitti baduuf yaadaa jirtu ittiin jechuu irraa akka ta’e ibsameera.
Comments»
No comments yet — be the first.