Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: Against Tyranny, Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO), WBO



(SBO – MUDDE 02,2015, Sulultaa) Humni Adda QAANQEE BILISUMMAA Jiddugaleessa Oromiyaatti Paarkii Fi Mana Kitaabaa MALLASAAA Sulultaatti Argamu Guutummaatti Daaresse.
Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa Muddee 01 bara 2015 halkan keessaa sa’atii 11:00 irraa eegalee tarkaanfii fudhateen manneen maqaa mataa murna wayyaanee duraanii MALLAS ZEENAAWIItiin naannoo Sulultaatti ijaaraman 5 guutummaatti barbadeessuun humna ibsaa naannoo sanaa erga kutee booda, magaalaa xiqqoo Muloo fi Buraayyuu jidduutti argamtu Guuddoo irratti naannoo sa’aatii 1:00 AMtti Poolisoota eegumsa halkanii irraa jiran irratti tarkaanfii battalaa fudhateen 3 madeessee jira.
Humni Qaanqee Bilisummaa yeroodhuma kanatti tarkaanfii qabeenya shariika harka mirgaa wayyaanee tahe irratti fudhateen, konkolaataa Kubbaaniyyaa Darbaa Tiraanispoort, kan qabeenyummaan isaa kan dureessicha Sheek Al Amuuddii jedhamuu tahe magaalaa Darbaa irraa gara Caancoo deemaa ture fe’umsa isaa guutuu waliin haleeludhaan barbadeessee jira.
Tarkaanfii humni QAANQEE BILISUMMAA fudhatee fi kasaaraa isa mudateen kan baarage gartuun abbaa irree wayyaanee ganama kana, Muddee 02 bara 2015, Helokooptaroota waraanaan naannoo Gaarren Inxooxxoo irra marsaa tureera. Helikoptarri kunis Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkaa irraa eegalee gaarren Inxooxxoo gara Dhihaatti marsuudhaan magaalaa Sulultaa irraan, gara Buraayyuutti ammoo gaarren Gullallee irra lafatti gadi dhiyaatee deddeebi’ee naannaweera. Sirnichi dhiphuu jabaa keessa seenuudhaan olii fi gadi fiigaa, ergamtoota isaatis fiigsaa kan jiru yoo tahu, buufataalee Buraayyuu fi Sulultaa irratti sakattaan akkaan jabaan gaggeeffamaa jira.
Oduu tarkaanfii nu dhaqqabe biraatiin humnumti addaa QAANQEE BILISUMMAA Ona Warra-jaarsoo ganda Dhaayee Tuutii keessatti halkan Kiibxata kaleessaa, Muddee 1, 2015 milishaa OPDO diinaan hidhachiifamee ummata dararaa ture Shallamaa Dirribaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen qawwee fi hidhannoo isaa rasaasa guutuu waliin irraa hiikkateera. Ergamaan diinaan hidhachiifame kun kaleessa waaree booda “Qawwee mootummaa fudhachiifte” jedhamee humnoota mootummaa wayyaaneef amanamoo tahaniin hidhamee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: #OromoProtests, #OromoProtests November 2015, KFO’n haala yeroo ammaa Oromiyaa irratti ibsa baase., Kongirasiin Federaalaawaa Oromoo (KFO, SAY NO


(OMN:Oduu Mudde 03,2015): Dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee fi Tarkaanffii Mootummaan Barattoota Mormii geggeessaa jiran irratti fudhachaa jiru ilaalchisuun Paartin Kongresii Fedraalistii Oromoo Har’a Ibsa baase.
Obbo Baqalaa Garbaa akka OMNtti himanitti Ibsa har’a Paartiin isaani baase Kana irratti Midiyaaleen biyya keessaaf biyya alaa iratti argamaniiruu jedhan.
Ibsa Paartin Kongresi Fedraalistii Oromoo har’a Sabaa Himaaleef qopheesse kana irratti Midiyaaleen biyya alaa maandhefatan kan akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Raadiyoon Jermanii fi akkasumas biyya keessaa ammo Telviziyoona Oromiyaa Dabalatee Midiyaaleen Mootummaa kanneen biroonis kan irratti argaman ta’uu kan nuu himan Obbo Baqalaa Garbaa Mootummaanis bakka buutota isaa ergatee jiraa jedhan.
Oromiyaan yeroo kam caalaattuu haala hamtuu keessa jirti kan jedhan obbo Baqalaan, barataan seeraan barumsa isaa hordofuu hin dandeenyee, qotee bulaan rakkoo hamaa keessa jiraa, abbaan ijoollee duratti, Ijoolleenis maatii duratti reebamaa fi rasaasaan rukutamaa jiruu jedhan. Kaayyoon Ibsa Miidiyaa kanaaf rakkoo hamtuu akka sabaatti nu mudataa jiru kana hawaasa addunyaa akka quba nuu qabaatu barbaannaa jedhan.
Obbo Baqalaa Garbaa akka jedhanitti Miidhaan Yeroo ammaa barattoota Oromoorra ga’aatti jiru kan sabaa himaaleen gabaasaa jiran caala. Mootummaan Mooraa manneen barmootaa keessatti qofa osoo hin taane, daandii irratti akkasumas manneen namootaa cabsee seenee tarkaanfi barbaade fudhataa jiraa jedhu.
Tarkaanfileen Mootummaan barattoota irratti fudhatu haga ammaatti seeraan galmaa’ee mootummoota addunyaatiif dhihaataa akka hin jirre kan nuu himan obo Baqqalaan, hata’uuti garuu miidhaa barattoota kanarra ga’aatti jiruuf ijoo dubbii kan ta’e dhimma Maaster Pilaanii kanaa fi akkasumas barattoota ajjeefaman, mada’anii fi miidhaan garaa garaa irra ga’aatti jiru kana galmeessee seeraan kan hordofu koree tokko akka dhaabani jiraniif koreen kunis hojii isaa akka jalqabee jiru nuu himaniru.
Sochiin amma barattooti itti jiran kun bifa qindaa’een akka geggeeffamaa hin jirre kan nuu himan obbo Baqqalaa Garbaa, barattooti kun miidhaa Mootummaan Maatii isaaniirraan ga’aatti jiru, rakkoo akka barataattis isaan mudataa jirutu dhibee mormii kanaaf isaan kakaase malee qaamni tokkollee kan barattoota kana hoogganaa jiru akka hin jirre dubatu.
Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa Yoo uummati Oromoo Maaster Pilaanii kana Morme humnaan hojiirra oolchuun hin danda’amu jechuu isaanii ilaalchisee Obbo Baqalaan yoo yaada nuu laatan, angaa’oti Mootummaa Oromiyaa dhimma kana irratti aangoo tokkoyyuu akka hinqabne erga himaniin booda dhugumaan yoo kan aangoo irratti qabaatan ta’eef, mormii kana qabbaneessuuf ittiin uummata gowoomsuu osoo hintaane labsiin isa raggaasisan deebisanii labsiidhaan haa kaasanii jedhan.
Xumura irrattis barattooti kun kan falmachaatti jiran haqa biyya isaanii waan ta’eef Mootummaan Tarkaanffii barattoota kana irratti fudhatu dhaabee ilaaf ilaameedhaan gaaffii barattoota kanaa hin deebisu yoo ta’e hegeree biyyattiifillee rakkisaa ta’uu dubbatu Obbo Baqqalaan.
Abdii Fiixeetu gabaase.
Related:-
Iyyata Dhiyeessaa Turreef Mootummaan Deebii Kennaa Hin Jiru Jedhu Mormitoonni
VOA AFAAN OROMOO, DEC (MUDDEE) 2, 2015, WASHINGTON, DC—
Kongresiin Federaalistii Oromoo har’a ibsa qabxii 10 of keessaa qabu baaasee jira. Iyyata isaa kanas mootummaatti dhiyeessuun isaa gabaafamee jira. Maastar Plaaniin Finfinnee lafa Oromiyaa waan dhiibbatuuf hojii irra ooluu hin qabu, barattoota mirga qaban fayyadamuun karaa nagaan hiriiran irratti humnootiin mootummaa tarkaanfii humnaa fudhaachuun haa dhaabatuu, qonnaan bultoota sababaa invastmentii Misoomaa jedhuun manaa fi qe’ee irraa godaansisuun haa dhaabatuu akkasumas qabxilee kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uu Obbo Baqqalaa Nagaa ibsanii jiru.
Rakkoo guddaan jiru Bulchitoota Oromiyaa kan sadarkaa adda addaaan wanni dubbatamuu fi kan aangawoonni mootummaa Federaalaa jedhan kan wal faalleessu ta’uu isaa ti kan jedhan Obba Baqqalaan kanneen Oromiyaa bulchan waa murteessuuf aboo hin qaban jedhu. Hidhaa fi ajjechaa Oromiyaa keessatti uumamaa jiruuf mootummaan Itiyoophiyaa itti gaafatamaa ta’uus ibsi kun hubachisee jira.
Gaaffii fi deebii geggeeffame dhaggeeffadhaa
http://www.voaafaanoromoo.com/content/oromo-oppostion-master-plan/3084648.html
DW: የኦሮሞ ፊደራሊስት ኮንግረስ መግለጫ
የኦሮሞ ፊደራል ኮንግረስ የኦሮሞ ሕዝብን ማንነት ለመደፍጠጥ ያለመ ነዉ ያለዉን የአዲስ አበባ አጎራባች የኦሮምያ ማስተር ፕላን መንግሥት እንዲሰርዝ ጠየቀ።
http://www.dw.com/am/%E1%8B%A8%E1%8A%A6%E1%88%AE%E1%88%9E-%E1%8D%8A%E1%8B%B0%E1%88%AB%E1%88%8A%E1%88%B5%E1%89%B5-%E1%8A%AE%E1%8A%95%E1%8C%8D%E1%88%A8%E1%88%B5-%E1%88%98%E1%8C%8D%E1%88%88%E1%8C%AB/a-18889575
You must be logged in to post a comment.