Mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo dhugoomsuuf falmaa karaa hidhannoo godhaa jiru karaa hundaanuu jabeessaa kan jiru gootichi WBO, haleellaa diinaa fi ergamtoota diinaa irratti fudhataa jiruun Mudde 05 – 07, 2015tti Bahaa fi Lixa Harargee keessatti loltootaa fi poolisoota wayyaanee irratti injifannoo boonsaa galmeessuun 23 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii waraanaa har’a Mudde 07, 2015 SBOf ergeen beeksisee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Mudde 07, 2015 guyyaa har’aa Baha Harargee Ona Haromaayaa bakka Daammoota jedhamutti poolisoota wayyaanee barattootaa fi ummata doorsisuuf bobbaafaman haleelee tokko (1) battalatti oggaa ajjeesu, hedduu isaanii madoo taasisee jira. Ummatni naannoos aarii qabu poolisa ajjeefame kanatti ba’ataa akka ture ibsameera. Tarkaanfii kanaan walqabatee mootummaan wayyaanee humna federaalaa guddaa Daammoota, Baate, Qeeyransaa fi kkftti bobbaasuun ummata gooluuf yaalus, barattootnii fi ummatni gamtaan ta’uun FDG jabaa finiinsaa akka jiran beekuun danda’ameera. FDG deemaa jiru keessatti barataan ammaaf maqaan isaa hin baramin tokko hidhattoota wayyaaneen akka wareegames barameera.
Humni Addaa WBO tarkaanfii isaa itti fufuun Mudde 06, 2015 guyyaa kaleessaa Baha Harargee Ona Haromaayaa bakka Maayaa, Qarree jedhamutti poolisoota wayyaanee sochii FDG fi mormii master plaanii Finfinneef ummatnii fi barattootni geggeessaa jiran dhaamsuuf bobbaafaman haleelee 1 (tokko) yeroo keessaa ajjeesu, poolisoota 2 (lama) ammoo hidhannoo isaanii guutuu waliin booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Humni Addaa WBO tarkaanfii kanaan ilmaan Oromoo kan barattootnii fi maanguddootni biyyaa umriin isaanii 61 ta’u keessatti argaman namoota 21 ol ta’an hidhaa keessaa bilisa baasee gadi dhiisuus Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa jabeessee itti fufuun guyyuma kana Mudde 06, 2015 Baha Harargee naannoo Harar Ona Fadis/Bokkoo bakka Faqqadaa jedhamutti waraana wayyaanee irratti haleellaa fudhateen 5 battalumatti oggaa irraa ajjeesu, 7 ol ammoo haalaan madeessuu isaa Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii SBOtti ergeen beeksisee jira.
Haleellaa diina irratti fudhatu cimsee itti fufee kan jiru gootichi WBO Godina Bahaa Mudde 05, 2015ttis Lixa Harargee naannoo Galamsoo Ona Dikichaa bakka Siree-Luynaa jedhamutti humna federaalaa wayyaanee ummata gooluuf dirqama fudhatan irratti haleellaa geggeesseen diina irraa 3 ajjeesee 6 ol oggaa madeessu, qawwee kilaashii 5 hidhannoo waliin irraa booji’uun dantaa QBOf akka oolche Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiiseera.
Sochii isaa babal’ifatuu fi tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa kanneen gufuu QBO ta’an irratti fudhatu cimsee itti fufuuf tattaaffii isaa dachaan kan dabalu ta’uu WBO ibsee, ummatni keenya harqoota gabrummaa of irraa darbee biyya isaa gubbaatti bilisaan jiraachuuf FDG jalqabe cimsee akka itti fufus hireema kanaan dhaammateera.
You must be logged in to post a comment.