Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: #OromoRevolution , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromo , WBO
WBOn Godina Kibba Bahaa Mudde 16 hanga 19,2016tti Falmaa Diina Waliin Godheen Injifannoo Galmeesse.
(SBO/VOL – Amajjii 08,2017) Oduun tarkaanfii waraanaa Ajaja WBO Godina Kibba Bahaa irraa bahe akka ifa godhutti, irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Kibba Bahaa waraana weerartuu wayyaanee sakattaan duubbee isaa jeequu fi isa dhabamsiisuuf karaa adda addaan humna guddaan itti bobba’e hamilee fi gootummaa guddaadhaan dura dhaabbatee falmaa godheen loltoota wayyaanee 95 ol hojiin ala gochuun qawwee AKM 19, Girinoova 1, boombii harkaa F1. 25 fi rasaasa hedduu dhuunfatee jira.
Haaluma kanaan Mudde 16,2016 WBOn Godina Kibba Bahaa Baalee keessa sossohu Ona Haroo Dibbee bakka Burii jedhamutti humna komand postii wayyaanee duraa fi boodaan itti bobba’e waliin falmaa godheen diina irraa 12 ajjeesee, 15 madoo taasisee jira. Falmaa kana irratti WBOn qawwee AK-47 10, boombii harkaa F1.25 fi rasaasa kilaashii 1000 ol booji’uun qabsoof oolchee jira. Lolli kun waaree booda 2:00 – 3:30tti geggeeffame.
Mudde 17,2016ttis humni WBO Godina Baalee Ona Galleey Diimaa bakka Eela Roqaa jedhamutti waraana wayyaanee bishaan eelaa irra qubatee ture weeraraan haleeluun 12 ajjeesee, 10 ol ammoo madoo taasisee jira.
Gootichi WBO Godina Kibba Bahaa Baalee keessa sossohu tarkaanfii isaa itti fufuun, Mudde 18,2016 Ona Gooroo bakka Gooroo Mudhii Sonsaa jedhamutti waraana wayyaanee sakattaa WBO irra turee galgala gara mooraa isaatti deebi’aa ture haxiidhaan rukutuun 17 irraa ajjeesee, 9 ammoo madoo taasisee jira. Qabeenyi diinaa qawween AKM 9, PKM/Girinoovi 1 fi rasaasni AKM 950n diina irraa booji’ameera.
Mudde 19,2016tti Godina Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kaarra Buruurii jedhamutti humna WBO aamna irra turee fi waraana wayyaanee gidduutti galgala sa’aa 6:00 – 6:30tti lola geggeeffameen diina irraa 9 ajjeefamee 11 ol ammoo madeeffamee jira.
Mootummaan wayyaanee duubbee WBO Godina Kibba Bahaa jeequu, WBO duubbee akka hin qabaannee fi lafa akka hin qabanne gochuuf walitti fufiinsaan maqaa sakattaan gammoojjii Baalee keessatti humna komandpostii fi waraana dhaabbataa akkasumas miliishota gosa adda addaa bobbaasee sakattaa bal’aa geggeessaa jiraatus, WBOn wareegama guddaa kafalee diina dura dhaabbatuun falmaa hadhaawaa taasisaa jiruun, injifannoo boonsaa galmeessaa akeeka diinaa hongeessaa akka jiru Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa beeksiseera.
Source: SBO
SBO (OLF Radio) status update from Adami Tulu, E Shoa Jan. 5, 2016:
An agriculture complex owned by a TPLF higher official is destroyed by “Special Force” on Dec. 31, 2015 in Adami Tulu District [Woreda], E Shoa. Among destroyed are:
– 5 water tanker trucks,
– 1 tractor,
– 1 corn peeling machine,
– 5 iron (qorqoorroo) houses
Sagalee Bilisummaa Oromoo
Tiki Olaanaan Wayyaanee Gochaa Yakkaa Bakkoota Adda Addaatti Ilmaan Oromoo Irratti Raawwachuun Beekamu Magaalaa Harar Keessatti Humna Addaa WBOn Ajjeefame
Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn gartuun Humna Addaa Godina Bahaa Amajjii 03, 2016 magaalaa Harar keessaa bakka Dakkar jedhamutti basaasaa fi tika olaanaa gartuu abbaa irree wayyaanee kan ta’e Haayluu G. Tsaadiq kan lammummaan Tigree ta’e irratti tarkaanfii xumuraa fudhateen ajjeesuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksise.
Tiki wayyaanee kun waraqaa eenyummaa (ID) kan Itophiyaa, Jibuutii, Somalilandii fi Puntland kan qabu oggaa ta’u, biyya keessa dabalatee biyyoota kanneen keessa naanna’uudhaan ilmaan Oromoo Oromummaan ykn miseensota ykn deggertoota ABO ti jechuun akka hidhaman, ukkaamfamanii fi ajjeefamaniif yakka hiriyaa hin qabne kan raawwataa ture ta’uun beekameera.
Humni Addaa WBO Godina Bahaa tika olaanaa wayyaanee Haayluu G. Tsaadiq irratti kan tarkaanfii fudhate konkolaataa inni ittiin deemaa ture dhaabsisuun oggaa ta’u, shugguxii tokkoo fi maallaqa Itophiyaa 9000s irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Gama biraan Humni Addaa WBO Godina Bahaa Amajjii 04, 2016 guyyaa kaleessaa naannoo Qobbootti tarkaanfii hidhattoota wayyaanee irratti fudhateen 4 ajjeesuun injifannoo galmeessuu isaa Ajaji WBO Godinichaa ifa godhee jira. Tarkaanfiin diinaa fi basaasota diinaa irratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uus hubachiiseera.
Godina Baha Shawaa Ona Adaamii Tulluu Keessatti Qabeenyaan Angawaa Olaanaa Mootummaa Wayyaanee Tokko Gartuu Humna Addaan Daareffame.
Godina Baha Shawaa Ona Adaamii Tulluu ganda Aneenoo Shiishuu keessatti kan argamu qabeenyi maallaqa hedduutti shallagamu kan qabeenyummaan isaa kan angawaa wayyaanee olaanaa tokkoo ta’e Mudde 31, 2015 gartuu Humna Addaan tarkaanfii irratti fudhatameen barbadeeffamuu oduun SBO dhaqqabe hubachiise.
Angawaan wayyaanee olaanaan kun ummata irratti haalaan roorrisaa kan ture oggaa ta’u, qabeenyi isaa meeshaalee gara garaa of keessaa qabu maasii misooma qonnaa Musxafaa Geraanyi jedhamu keessatti argamu tarkaanfii Humna Addaan guutuutti barbadeeffameera.
Gartuun Humna Addaa waardiyoota maasii qabeenyaa angawaa olaanaa mootummaa wayyaanee kanaa eegaa turan erga ukkaamsee to’atnaa jala galcheen booda, meeshaalee maasicha keessatti argaman Taankera Bishaanii 5, Tiraakteera qonnaa 1, Maashina Boqqolloo falfalu 1, Doqdoqqee (Motorcyklii) 1, manneen qorqorroo 5 fi maallaqa callaa kan biyyattii 100,000 olitti shallagamu waliin guutuutti gubuun akka barbadeesse oduun kun ifa godha.
Tarkaanfii Humna Addaa kanaan kan baarage mootummaan faashistii wayyaanee waraana isaa baay’inaan naannoo kanatti bobbaasuun sakattaa geggeessuu itti fufee kan jiru oggaa ta’u, abbootiin qabeenyaa wayyaanees sodaan liqimfamanii qabeenya qaban mara waraanaan eegsisaa akka jiran hubatameera.
Qabeenyi qondaala wayyaanee tokko barbadaa’uun gabaafame.
Naannoo magaalaa alamganaatti kan argamu warshaan oomishaa meeshaalee ijaarsaa kan obboo Gabruu walda amaanu’el kan jedhamu barbadaa’uun isaa oduun amma as bahe ni hima. Kan hafes haa gubatu
Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 05, 2016 Har’a Ganama Ona Xuulloo Keessatti Lola Waraana Gabroomfattuu Wayyaanee Waliin Taasise Irratti Loltoota Diinaa 13 Ol Hojiin Ala Godhe.
Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Oromoo deebisuuf falmaa hadhawaa gochuu irratti kan argamu gootichi WBO, Amajjii 05,2016 guyyaa har’aa ganama Lixa Harargee Ona Xuulloo naannoo Masalaatti waraana gabroomfattuu wayyaanee kan ummata keenya gaaffii mirgaa finiinsaa jirutti roorrisaa ture haleeluun 8 yeroo irraa ajjeesu, 5 ol ammoo akka madeesse Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godheera.
Humni WBO lola kana geggeesse diina irraa meeshaalee gara garaa akka booji’es gabaafameera.
Tarkaanfiin diinaa fi farreen QBO ta’an irratti fudhatamu karaa hundaan haala kennate mara keessatti ciminaan kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Godina Bahaa mirkaneesseera.
Posted by OromianEconomist in WBO .
Tags: Oduu Tarkaanfii WBO , WBO
SADAASA 08,2016
(SBO) Gootichi Humni Addaa WBO Godina Kibba-Bahaa, Baalee keessa socho’u Onkoloolessa 27 – 29 bara 2016 lola hadhaawaa waraana weerartuu wayyaaneen bobbaase waliin godinicha keessaa bakkoota adda addaatti gaggeesseen injifannoolee cululuqoo galmeessee jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Baalee keessa sosso’u lola kanaan loltoota wayyaanee 70 ol tahan ajjeesuu fi madeessudhaan meeshaalee waraanaa Saglii lamaatis diinarraa hiikkachuun dantaa QBOf oolchuu Ajajni WBO Godina Kibba-Bahaa beeksiseera.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 27 bara 2016 Godina Baalee Ona Raayituu bakka Waldaya Laga Dharroo jedhamutti galgala keessaa sa’aatii 5:00 hanga 6:00tti Humni Addaa WBO waraana mootummaa wayyaanee sochii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG fi sochii WBO dhabamsiisuu akeekkatee Somaaliyaarraa Gammoojjii Baalee keessa qubsiifame haleelee jira. Humni diinaa heddummina qabu kun akeeka diinummaa bakkaan gahuuf halkanii fi guyyaa odoo olii-gadi fiiguu gootowwan miseensota WBOtiin haleelamee kasaaraa mudateera. Gootichi Humni Addaa WBO Godina Kibba-Bahaa lola
Waldaya Laga Dharroo irratti wareegama qaalii baasuudhaan injifannoo galmeessaniin:
Loltoota wayyaanee 10 battalumatti ajjeesuu,
15nii ol madoo akkaan hamaa taasisuu
Qawwee AKM-47, 10 hidhannoo guutuu waliin
Bombii harkaa F1 jedhamu 30
Rasaasa AKM baay’inni isaa 1200 tahu,
Boorsaa duydaa 10 lola kanarratti humna diinaarraa booji’uudhaan qabsoo bilisummaa ABOn hogganamuuf akka oolche Ajajni WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Guyyuma kana galgala gartuun Mahaandisoota Humna Addaa WBO, Miinoo farra-namaatiin daandiiwwan kallattii Sadiin Ona Raayituu, Qarsaa Allaattii fi Ona Sawweenaa irraa humni waraanaa wayyaanee ittiin loltoota isaaf birmachuuf malurratti tarkaanfii fudhatee jira. Mahaandisootni WBO miinoo farra-namaa daandilee waraanni wayyaanee humna isaa WBOdhaan haleelameef birmachuuf irra gulufaa turerra kallattii Sadeeninuu dursanii awwaaluudhaan:
Loltoonni 10 battalummatti miinoon itti dhuka’ee daaraa yoo tahan
16 ammoo haalaan madaa’anii qaamaa hir’achuun kasaaraan irra gahuu Ajajni WBO Godina Kibba-Bahaa dhaamee jira.
Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn godina Baalee keessa socho’u haleellaa humnoota wayyaanee Oromiyaa weeraran irratti raawwatu jabeessee itti fufuun, Onkoloolessa 28 bara 2016 Ona Sawweenaa bakka Kaarra Dhaddoo jedhamu lafa marfata gaaraa keessatti tarkaanfii haxxeetiin diinarratti milkii gonfateera.
Gootichi Humni Addaa WBO ganama sa’aatii 6:20 hanga 7:00tti tarkaanfii haxxee hidhee miinoo farr-namaa awwaaleen fudhateen humna waraana wayyaanee sakattaa WBOf bobbaafaman keessaa 8 ajjeesee, 12 ol kan madeesse yoo tahu, loltoonni diinaa tarkaanfii WBOtiin madaahanis waldhaansaaf gara mana Yaalaa Gindhiiritti geeffamuun mirkanaawee jira. Madoon loltoota wayyaanee keessumaa kanneen miinoo farra-namaatiin madaahan miidhaan irra gahe akkaan cimaa tahuurraa Gindhiir irraa gara Finfinneetti dabarfamaa jiraachuu Ajajni WBO Godinichaa dhaamsa ergeen hubachiiseera.
Guyyuma kana, Onkoloolessa 29 bara 2016, humni addaa WBO loltoota wayyaanee madoo isaanii fe’atanii deemaa turan Ona Sawweenaa Mudhii Harooressaa bakka jedhamtutti haxxee hidhee dhukaasa sardaa itti banuun madoolee baatanii deemaa turan dabalatee loltoota wayyaanee 12 hojiin ala gochuun qawwee AKM-47, 6 hidhannoo guutuu waliin booji’eera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo lola hadhaawaa Godina Baalee bakkoota adda addaatti taasisee injifannoo cululuqaa itti galmeesse kanarratti wareegama gootummaa qaalii baasuullee Ajajni WBO godinichaa dabaluun hubachiiseera.
Ajajni WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa dhaamsa dabaluudhaan dabarseen falmaa hadhaawaa fi ulfaataa goototni muratoon WBOn lubbuu jijjiirraa hin qabne baasanii gaggeessaa jiran akkasumas wareegama Qeerroo fi ummanni Oromoo biyya keessaa itti dhumatee kafaluun qabsoo finiinsaa jiru kana gariin dhala Oromoo odeeffannoo haala adda addaatiin dhageenyuun itti qoosuu fi gara-dabarsuuf yoo tattaafatanii fi dhiigaa-lafee teenyatti qoosuu wayta barbaadan dhageenya.
Oromoo! Nuti kan duunee awwalcha malee hafaa jirru maaliifi? Wareegamni keenya garaa isin hin nyaanne? Qeerroon guutummaa Oromiyaa keessatti akka bosonuutti adamfamuun waraana weerartoota wayyaaneen ajjeefamanii akka saree gatamaa jiranis akkuma WBOdhaa awwaalcha dhabanii, ummatni keenya yeroo ammaa kana baddaa fi gammoojjiin hundi waraanaan marfamee akkuma bosonuu adamfamaa jira. Sabni bakka seenuu fi waan tahu wallaalee halkanii fi guyyaa hiraaraa jira. Qeerroon hammi carraa argatan bosonatti nutti dabalamee ajjeesee du’uun seenaa yoo hojjataniis hedduun carraa kana dhaban, ilmaan boru biyyaa fi sabaaf bu’aa meeqa buusan, hegereen abdii Oromiyaa dargaggoonnii fi shamarran hedduun harka duwwaa shiftoota wayyaaneen qacaleetti nu jalaa nyaatamaa jiran. Kun qaama eenyuu ti? Kun isin hin laalessuu? Maraafuu ilmaan Oromoo dhiiga Oromummaa dhugaa qabdan hundaaf dhaamsi keenya akkaan ifaa fi gabaabaa dha.
ABO fi WBOn kallacha, gaachana abdii saba Oromoo ti. Dhalli Oromoo bilisummaa hawwu kamuu ABO fi WBO jabeeffachuun alatti falli qabu hin jiru. Kanaaf dhalli Oromoo ABO fi WBO diina ajjeesee ofiif wareegama baasaa jirurratti olola ergama diinummaa oofuufii oofsisuun yakka diinummaa irraa adda baafnee tasa hin ilaallu.
Beekaas tahe wallaalaan namootni, murnootni biyyoota alaa teessanii nyaattanii, uffattanii, maatii teessan akka gaarii guddifatuun nuhii dhiiga keenya dhangalaasaa dawaa tokkoon maleetti madoo teenya qunbii itti hidhannee yaallachaa jaallan wareegaman irra tarkaanfannee falmaa hadhaawaa gochaa jirrurratti gochi ololaa fi sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa akka dadhabuu fi laaffatuuf karaa fi bifa fedheenuu hojii farrummaa fi yakkaa QBO irratti raawwataa jirtan akka irraa dhaabbattan akeekkachiifna. Tahuu baannaan sabni keenya sabummaan itti dhagayamu diinaa fi isin hunda ija takkaan akka ilaaluu qabu gadi jabeesinee dhaammanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajaja WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa
Odeeffannoo waraana wayyaanee keessaa bahe
Sadaasa 9,2016
(Oromia press ) — Naannawa Qabridaar Zoonii Bahaa Kutaa Waraanaa 33ffaa keessatti Waraanni Wayyaanee Walitti gara galuudhaan Qondaalotni Wayyaanee kan Sabaan Tigree tahan Afur (4) akka Ajjeefaman dubbata. Sababni walwaraansi kun irratti eegalames, Warraana zoonii bahaa kutaa waraanaa 33ffaa tin ” Deemtanii Nageenya Harargee Bahaa fi Lixaa ykn Addeellee fi Cirootti akka eegsiftan” kan jedhu Ajajni erga dabree booda, waraanninis Dhaadannoo ” Gaaffiin ummataa haa deebi’u, Ajajoonni TPLF qofti nun ajaju, ABO’n Gaachan ummataatii fi kkf erga jedhan booda walitti gara galuudhaan wal dhahan jedha maddi oduu amanamoo kun.
Kanumaan wal qabatee, Warri meeshaa waraanaa wajjiin badanis Hedduu akka tahaniifi Joollee waraana kana keessa jirtus Nama 52 akka hidhanis ni dubbata.
Odeeffannoo dabalataas hordofnee isiniin geenya,
Gadaan Gadaa bilisummaati.
Qabsoon itti fufa!
Posted by OromianEconomist in #OromoProtests , WBO .
Tags: #OromoProtests , #OromoRevolution , Africa , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromo , WBO
Irree fi gaachaanni ummata Oromoo WBOn, kan Zoonii Kibbaa Injifannoo galmeeyse
(SBO/VOL – Onkoloolessa 16,2016) Gootichi WBO Zoonii Kibbaa Onkoloolessa 16,2016 guyyaa har’aa Godina Booranaa Ona Miyoo keessatti waraana wayyaanee haleeluun kasaaraa guddaa irraan gahee injifannoo galmeesse.
Irree fi gaachaanni ummata Oromoo WBOn, kan Zoonii Kibbaa guyyaa har’aa Onkoloolessa 16,2016 Godina Booranaa Ona Miyoo keessatti diirama sa’aa 8:30 irraa qabee hanga ganama sa’aa 10:00tti bakkoota adda addaa lamatti waraana qubattuu wayyaanee kan ummata hiraarsuu fi Warraaqsa Biyyaalessaa Oromiyaa FXG danquuf maadheffatee taa’u haleeluun loltoota federaalaa kan poolisootni federaalaa keessatti argaman baay’ee isaanii hojiin ala gochuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa ifa godhee jira.
Haaluma kanaan gootichi WBO Zoonii Kibbaa guyyaa har’aa Onkoloolessa 16,2016 Ona Miyoo naannawa magaalaa Iddii Lolaa ganda Meexxii keessatti haleellaa fudhateen loltootaa fi poolisoota federaalaa 8 yeroo ajjeesu, 6 ol ammoo madeessee jira.
Humni waraana wayyaanee WBO tarkaanfii fudhatee deebi’utti haxxee hidhee duubaan rukutuuf saganteeffatus, WBOn dursee akeeka diinaa hubatuun bakka araddaa Gaara Biluu jedhamutti haleellaa irratti geggeessuun loltootaa fi poolisoota federaalaa sirna wayyaanee 10 yeroo ajjeesu, kanneen 6 ta’an ammoo haalaan madeessee jira.
Loltootni wayyaanee madeeffaman yeroo ammaa Hospitaala Fulleessaa kan Ona Mooyyaleetti argamutti waldhaansaaf akka geeffamanis hubatameera.
Haaluma kanaan gootichi WBO Zoonii Kibbaa guyyaa har’aa Onkoloolessa 16,2016 Ona Miyoo naannawa magaalaa Iddii Lolaa ganda Meexxii keessatti haleellaa fudhateen loltootaa fi poolisoota federaalaa 8 yeroo ajjeesu, 6 ol ammoo madeessee jira.
Humni waraana wayyaanee WBO tarkaanfii fudhatee deebi’utti haxxee hidhee duubaan rukutuuf saganteeffatus, WBOn dursee akeeka diinaa hubatuun bakka araddaa Gaara Biluu jedhamutti haleellaa irratti geggeessuun loltootaa fi poolisoota federaalaa sirna wayyaanee 10 yeroo ajjeesu, kanneen 6 ta’an ammoo haalaan madeessee jira.
Loltootni wayyaanee madeeffaman yeroo ammaa Hospitaala Fulleessaa kan Ona Mooyyaleetti argamutti waldhaansaaf akka geeffamanis hubatameera.
VIDEO
VIDEO
Agaazii fi Poolisa wayyaanee 116 ABOti makaman.
(SBO): Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO
ABOn ilmaan Oromoo Humnoota Waraanaa fi tikaa mootummaa keessa jiranii fi bifa adda addaatin diinaan hidhachiifaman gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun akka humna qabsichaa ta’aniif irra deddeebiin waamicha dhiyeessaa turuun ni beekkama. Ilmaan Oromoo kunneen ummata isaanii balaa mootummaan faashistiin irraan gahurraa ittisuu fi roorroo saba isaaniirra gahaa jirutti xumura gochuu keessatti dirqama lammummaa akka bahataniif marii fi qunnamtii yeroo dheeraa taasisaa turuus ibsa jidduu dabre baaseen beeksise.
Akka kanaanis ilmaan Oromoo sabboonoon waamicha dhaaba kallacha qabsoo Oromoo, ABOf owwaatudhaaf murteessan qindoomina tolfameen mooraa QBO ABOn hogganamuutti makamanii ummata cinaa dhaabbachuun tarkaanfilee diinarratti fudhataniin humna QBO tahuu mirkaneessanii jiru. Haaluma kanaan qindoomina tolfamee fi qajeelfama dhaabarraa kennamuun humni QBOtti makame kun Onkoloolessa 03 hanga 09 bara 2016 tarkaanfilee armaan gadii diinarratti fudhachuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Onkoloolessa 3 bara 2016
1. Kibba Oromiyaa Godina Gujii keessatti sabboontonni Oromoo waraanaa fi poolisa wayyaanee keessa turan aantummaa ummataaf qaban agarsiisuun humna QBOtti makamuudhaan tarkaanfii fudhataniin loltoonni amanamtoota wayyaanee 8 fi Agaaziin 5 ajjeefamuun 2 ammoo madeeffamaniiru. Tarkaanfii humni QBOtti dabalame fudhate kanaan Kilaashiin 10, Boombiin F1 Afuri fi rasaasni 267 diinarraa booji’amee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf oolfameera. Qunnamtii fi qindoomina jiruun poolisoonni mana hidhaa Bulee Horaa eegan dhiisanii deemurraa hidhamtoonni guututmmaatti akka bahan taheera.
2. Baha Oromiyaa Kaampii Addeellee keessatti marii bal’aa taasifamee fi murtii kennameen waraanni wayyaanee sirnicha jalaa bahee QBOf tumsuuf sagalee guutuudhaan murteesse. Aashaa Dawwallee, Shiniillee, Harargee Dhihaa fi Dirree Dhawaa dabalatee bakkoota hedduutti aangawoota mootummaa wayyaanee fi waraana amanamaa sirnichaa ta’e irratti haxxee hidhuu fi tarkaanfilee fudhachuufis murannoo qabu ifatti agarsiisee jira.
3. Godina Shawaa Bahaa Bishooftuu keessatti ilmaan oromoo waraana Agaazii fi Poolisa Oromiyaa keessa turan gara mooraa QBOtti makamuun tarkaanfii waraana wayyaaneerratti fudhataniin loltoota 38 ajjeesaniiru. Humna QBOtti makame keessaas Sadi wareegamanii jiru. Kunis waraana wayyaanee Shawaa Bahaa keessatti argamu jidduutti sochiin bal’aan akka taasifamu godhe. Godinuma kana Aqaaqiittis tarkaanfii Kaampii Kuusaa meeshaa waraanaa irratti fudhatameen qawween 200 booji’amuun milkiin gonfatameera.
4. Tarkaanfiin humna QBOtin fudhatamu Godina Arsii Lixaattis cehuun, Kaampii waraana wayyaanee Shaashamanneetti argamu keessatti amanamtoota TPLF fi ajajoota wayyaanee haleeluun kaampicha keessaa baasan. Arsii Lixaa naannawa Meexamaattis ilmaan Oromoo waraanaa fi Poolisa keessa turan waamicha lammummaaf owwaachuu itti fufuun, poolisoonni 7 qawwee Kilaashii harkaa qaban waliin mooraa QBOtti makaman. Ummanni naannichaa humnoota diinaa ofirraa ari’ee alaabaa ABO balaliisuun bulchiinsa Ummataa dhaabbatee jira.
Onkoloolessa 04 bara 2016
5. Godina Shawaa Bahaa Ona Boosat keessatti lolli jabaan ummataa fi waraana wayyaanee jidduutti gaggeeffameera. Ilmaan oromoo Poolisa Oromiyaa turan 90 ta’an gara mooraa QBOtti makamuun ummata faana dhaabbatan. Achuma Shawaa Bahaa naannoo Dooniitti ammoo tarkaanfii fudhatameen qawween 200 harka ummataa galeera. Humni Poolisa Oromiyaa keessaa QBOtti makame dargaggoota Oromoof leenjii kennuu fi waraana wayyaanee haleeluun qawwee hiikkachuunis barameera. Agaaziin tarkaanfii irratti fudhatameen ari’amee naannichi ummataa fi waraana gara QBO seeneen dhuunfatamee tikfamaa jira.
Shawaa Bahaa magaalaa Wanjiitti kan argamu Warshaan Sukkaaraa Wanjiis tarkaanfii humni gara QBOtti makame fudhateen barbadeeffamee mootummaan wayyaanee miliyoonaan akka kasaaru taasifame.
Onkoloolessa 05 bara 2016
6. Onkoloolessa 5 bara 2016 tattaaffiin waraanni Agaazii Kaampii Shaashamannee dhuunfachuuf Dodolaa keessatti daandiirra fiiguun taasise Poolisoonni Dodolaa QBOtti makaman dura dhaabbachuurraa kan fashalsan yoo tahu, kilaashii 16s QBOf gumaachan.
Onkoloolessa 6 abra 2016
7. Mootummaan wayyaanee diddaa humnoota waraanaa, poolisaa, Tikaa fi Agaazii dabalatee hidhattoota isaa keessaa irratti jabaachaa jiru irra aanuu akeekkatuun Godina Arsii Lixaa Ona Qoree keessatti lola banus kasaaraa haguuggate.
Humni QBO waraana wayyaanee haleeluun Agaazii 18 ajjeesuun, 7 madeessee, kilaashii 14 fi Matrayyasii 6 dhuunfachuun akeeka bobbaa diinaa hoongessee, injifannoo galmeesse.
8. Shawaa Bahaa Liiban Cuqqaalaa keessatti lola jabaa gaggeeffameen ammoo loltoonni Agaazii 32 qabsaawota bilisummaa Oromootin ajjeefamanii, 18 madoo taasifaman. Loltoonni Agaazii 12 ammoo mooraa QBOtti makamanii jiru. Lola kanaan qawween Kilaashii 8 kan booji’ame wayta ta’u konkolaattooni waraanni wayyaanee itti gargaaramaa ture 7 daareffamaniiru. Gama qabsaawotaatii 4 wareegamuun, 3 madeeffaman.
9. Meettaa Roobii keessattis lola jabaa gaggeeffameen Agaaziin 11 ajjeefamuu fi 8 madeeffamuun, Kilaashiin 22 booji’ameera. Loltoonni Agaazii 7 ummata faana hiriiruuf murteeffatuun mooraa QBOtti makaman.
Onkoloolessa 07 bara 2016
10. Mootummaan wayyaanee diddaa humni waraanaa isaa Kaampii Awaash keessa jiru irratti kaase dhaamsuuf Onkoloolessa 7 bara 2016 humna dabalataa wayta ergetti, Shawaa Bahaa Ona Fantaallee magaalaa Matahaaraatti haxxee itti hidhamee tarkaanfii fudhatameen Agaaziin 32 ajjeefamuun reeffi loltoota isaas achuma akka bulu taasifame. Ona Fantaallee keessatti qindoomina ummataa fi humna mooraa QBOtti makame waliin tolfameen lolli jabaan gaggeeffamee diinarra kasaaraan guddaan dhaqqabeera.
11. Baha Oromiyaa Awwadaay keessatti sabboontotni Oromoo waraana wayyaanee keessaa diddaa jabaa agarsiisan. Waraanni Kaampii Awwadaay yeroo bahus Kaampicha keessatti alaabaa ABO fannisuun akka bobba’etu ibsame. Humni QBOtti makame hogganootaa fi amanamtoota wayyaanee ummata Oromoo miidhaa turan irratti tarkaanfii fudhateera.
Onkoloollessa 08 bara 2016
12. Godina Shawaa Bahaa Ona Boosat keessatti Onkoloolessa 8 bara 2016 waraanni wayyaanee gandeen sirnicha jalaa baafamuun ummataan dhuunfataman harkatti galfachuuf lola banerratti hidhattoota Federaalaa irraa 7 ajjeefamuun 3 madeeffamanii, qawween Kilaashii 9 erga irraa booji’amee kasaaraa haguuggatanii booda of duuba deebi’aniiru. Qabsaawotarraas 1 wareegameera.
Ona Fantaalleetti ammoo Humni QBOtti makame ummata waliin tahuudhaan qindoominaa fi qajeelfama tolfameen waraana wayyaanee bakka Dheebitii jedhamutti dursee haleeluun Agaazii 38 ajjeesee 24 ammoo madeessudhaan diinarratti injifannoo galmeesse.
13. Shawaa Kibba-Lixaa Waliso keessatti tarkaanfii fudhatameen ammoo waraana wayyaaneerraa ajajootni 3 fi miseensonni 5 mooraadhuma waraanaa keessatti ajjeefamaniiru.
Onkoloolessa 09 bara 2016
14. Ilmaan oromoo wayyaaneef qawwee baatan diina saba isaanii fixaa jirutti akka naannessaniif hojii hojjetamaa tureen, kanneen waraana keessaa mooraa QBOtti dabalaman Awwadaay keessatti qawwee hidhatan diinatti naannessuun haleellaa raawwataniin qondaala wayyaanee ol’aanaa Ajajaa Kumaa Atsbahaa Asgadoom jedhamu kan waraana Agaazii Dirree Dhawaa, Hararii fi Haramaayaa ajajuu fi waraana Agaazii 17 ajjeesuun seenaa boonsaa galmeessan. Kana malees sabboontotni Agaazii keessaa QBOtti dabalaman kilaashii 7 ummataaf gumaachudhaanis aantummaa qaban agarsiisan. Guyyuma kana Waraanni wayyaanee weerartummaaf Baha Oromiyaa Ciro, Hirnaatti bobb’aa ture tarkaanfii irratti fudhatameen ergamni isaa fashaleera; Waraana Awaash tiksu 2 irrattis tarkaanfiin fudhatameera.
Tarkaanfilee Onkoloolessa 3 hanga 9 bara 2016tti fudhataman kanneeniinis: Ajajaa Kumaa Atsbahaa Asgadoom dabalatee ajajootni waraanaa 4 fi loltoonni amanamoo wayyaanee Agaaziin 211 ajjeefamanii, 62 ammoo madeeffamanii jiru. Kana malees Qawween Kilaashii 493, Matrayyasiin 6, Boombiin F1 Afuri fi Rasaasni 267 diinarraa booji’ameera; konkolaattotni waraanaa wayyaanee 7 daareffamaniiru. Gama kaaniin ammoo ilmaan oromoo Waraana Agaazii fi Poolisa wayyaanee keessa turan 116 mooraa QBO ABOn hogganamuutti makamuudhaan falmaa finiinsaa jiru.
Walumaagalatti ilmaan oromoo Humna Waraanaa, Poolisaa, Agaazii fi milishaa keessa jiranii fi bifa adda adaati hidhachiifaman qunnamtii fi qindoomina tolfamaa tureen gara mooraa QBOtti makamuudhaan tarkaanfilee seena-qabeessa mootummaa wayyaaneerratti fudhataa jiran.
Tarkaanfilee fakkaatoon karaa Dhiha Oromiyaa jiraatanis rakkina qunnamtii yeroodhaaf bal’inni isaa ibsamuuf rakkisaa tahuus kanuma waliin hubachiifna.
Waamicha:
Ilmaan Oromoo Kutaalee Waraanaa Ittisa Biyyaa, Humna Polisa Federaala, poolisa Oromiyaa, Agaazii, tikaa fi milishaa gandaa tahuudhaan akkasumas bifa adda addaatin wayyaaneen hidhachiifamuun diina tajaajilaa turtan gara mooraa QBOtti makamuudhaan balaa diinaan ummata keessanirra gahu ittisuu fi gabrummaatti xumura gochuuf waamicha isinii dhiyaateef deebii kennaa jirtaniif ABOn bakka ummata Oromoo bu’ee isin galateeffata. Galanni keessanis bilisummaa Oromoofi walabummaa Oromiyaati!
Kanneen caasaalee waraanaa fi tikaa armaan olii bakkoota biroo jiran keessa jirtanis murtii boonsaa fi seena-qabeessa obbolaan keessan mooraa QBO ABOn hogganamuutti makaman fudhatan hordofuun mootummaa abbaa irree ummata Oromoo jumlaan duguugaa jiruu fi maqaa labsii yeroo hatattamaatin duguuggii sanyummaa caaluuf nutti aggaamee jirutti xumura gochuuf akka ummata keessan cinaa dhaabbattanii fi mooraa QBOtti makamtan waamicha maayii yeroon gaafattu kana isiniif dabarsina.
Ummanni Oromootis bakka jiru maraa tokkummaa fi murannoo irra jabaadhaan socho’uun dhumaatii diinni nutti labse masheensuuf akkasumas qabsoo wareegama ilmaan isaatin bilisummaa ulaa isaatin gahetti xumura gochuuf akka sossohu waamicha goona.
Maayiirrattis ilmaan dhalattoota saboota biyyattii kan kutaalee Waraanaa Ittisa Biyyaa, Humna Poolisa Federaalaa, poolisa Oromiyaa, Agaazii, tikaa fi milishaa gandaa tahuun akkasumas bifa adda addaatin wayyaaneen hidhachiifamuun diina tajaajilaa turtan marti, QBO kan xiyyeeffatu mootummaa wayyaanee/TPLF dhiiga Ummata Oromoo lolaasaa jiru irratti malee, isin ilmaan ummatoota cunqurfamoos tahee nam-tokkee ykn garee kamirrattuu akka hin taane hubatuun sirnicha faana hiriiruun dhiiga ummata Oromoo dhangalaasuu irraa akka of qusattan. Kana gochuu hanqatuudhaan dhiiga ummata Oromoo dhangalaasuu itti fufuun seeraanis tahee seenaan kan isin gaafachiisu tahuurra dabree, tarkaanfii adabbii isinirratti fudhatamuuf gaafatamni mataa keessanirra akka jiru gadi jabeessinee hubachiisna.
Ummata Oromoo wayyaanedhaan duguuggiin sanyii irratti raawwatamaa jiruu fi waliigala ummatoota biyyattii cunqursaa hamaa jala jiraniif aantummaa keessan agarsiisuudhaan sirna farra-ummatootaa tahe, TPLF/EPRDF dhabamsiisuun haqa, dimokraasii, bilisummaa fi mirga namummaa ummatootaa biyyattii keessa jiran hundaa dhugoomsuuf qooda keessan akka gumaachitan ABOn irra deebiin dhaamsa isiniif dabarsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 12 bara 2016
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Africa , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromo , WBO
Oduu gammachiisaa injifannoo gootichi warraana Oromoo WBOn goonfate
Gootichi Humni Ittisa Ummataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Suluula Fincaa’aa Naannoo Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aatti Qondaalota waaranaa wayyaanee haleele.
Humni Ittisa Ummataa Godina Horroo Guduruu Suluulaa Fincaa’aa naannawa Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aatti tarkaanfii haleellaa Waraana Agaazii Wayyaanee Mana Nyaataa Baamboo Baar jedhamu keessatti argaman irratti tarkaanfii fudhateen hogganoota waraana wayyaanee 7 ol madeessuun miidhaa ulfaataa irraan gahee jira. Manni nyaataa bakka qubannaa fi nyaataa waraana wayyaanee ta’e kunis guutummaatti barbadaa’eera.
Manni nyaataa kun qabeenya dabballee wayyaanee Makonnin jedhamuu fi haadha warraa isaa loltoota diinaa sooruun beekamtu Dinqee jedhamtuu yoo tahu, osoo hogganoota waraana wayyaanee sooraa jirtuu humna ittisa ummataatiin tarkaanfiin irratti fudhatamee madeeffamuun haala hamaa keessa akka jirantu barame.
Humnoonni murna weerartuu guutummaa Oromiyaa keessaa hatattamaan bahuu akka qaban kan akeekkachiise gootichi Humni Ittisa Ummataa, humnoota hidhattootaa diina ummata Oromootti roorrisaa jiranii fi ergamtoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatu hanga Oromiyaan bilisoomtutti jabeessee akka itti fufu beeksisee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo godina bahaa tarkaanfii gumaabaas fudhateen Agaazii ummata keenya ajjeessaa jiran keessaa 13 dacheetti dabaleera.
Tarkaanfii gumaabaas WBO kanaan Konbolcha keessatti Agaazii lama; Awaday keeysatti agaaziin tokko, Dirree Dawaa keeysatti Agaaziin lama, Qobboo keesatti Agaaziin lama, Dadaritti Agaaziin sadi, ciritti Agaaziin lama, Baddeeysaatti Agaaziin afur, wataritti Agaaziin sadi, walumaa galatti, waraanni Wayyaanee kan fedelaa kudha sadi ajjeefamanii jiru.
Hagayya 07,2016 Humni Addaa WBO Godina Bahaa Lixa Harargee Ona Odaa Bultum araddaa Koluutti humna goolessituu wayyaanee agaazii irratti dhukaasa bane 4 ajjeesee 2 madeessee jira. Qawwee AK 3 fi bombiin harkaa 2 dhuunfatameera.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Africa , Injifannoo , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromo , Oromo News in Afaan Oromoo , WBO
( SBO: Hagayya 03,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Dhiha Oromiyaa keessa sossohu waraana wayyaanee ummata keenya hiraarsaa jiru irratti tarkaanfii fudhatu itti fufuun tibbanas injifannoo galmeessee jira.
Dhiha Oromiyaa keessa kan sossohu WBOn waraana wayyaanee ummata Oromoo nagaan mirga isaaf falmataa jiru shororkeessuuf konkolaataan bobbaafamaa ture Lixa Wallaggaa Anfilloo Muggii fi Gambeellaa gidduutti haleeluun kasaaraa guddaa irraan gahee jira.
Haaluma kanaan gootichi WBO Dhiha Oromiyaa Adoolessa 29,2016 barii lafaa sa’aa 4:00 irratti waraana wayyaanee konkolaataa 3n Anfilloo Muggi irraa gara Gambeellaatti deemaa ture bakka SS jedhamutti haxiidhaan haleeluun loltoota wayyaanee 8 battalatti oggaa ajjeesu, hedduu isaanii madeessuu Ajaji WBO Zoonii Qellem beeksiseera.
Lolli kun walakkaa sa’aatiif kan geggeeffame oggaa ta’u, madoon loltoota wayyaanee kun gara Gambeellaatti akka geeffamanis Ajaji WBO Zoonii Qellem dabalee hubachiiseera.
Waraanni wayyaanee haleelame kun humna dabalataa Gambeellaa irraa waammachuun sakattaa jedhee naannoo Anfilloo Garjeedaa fi gammoojjii Waabaa Eebbaa jedhamu keessatti ummata gidirsaa akka jirus hubachuun danda’ameera.
WBOn falmii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaaf ummatni Oromoo Warraaqsa Biyyaalessaa FXG finiinsaa jiru cinaatti, bilisummaa ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf qabsoo hadhooftuu taasisaa jiru daran jabeessuun godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee waraanaa qubattuu wayyaanee fi farreenii fi gufuu QBO fi warraaqsichaa ta’an irratti fudhatu jabeessaa fi babal’isaa jiraachuu hojiin agarsiisaa jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Africa , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromo News , WBO
(SBO/VOL – Adoolessa 29,2016) — Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Waraana Sirna Gabroomfattuu Mootummaa Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhateen Injifannoo Galmeessee Jira.
Qabsoo of irratti hirkannoon bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf falmaa gochaa kan jiru WBOn, Adoolessa 28,2016 Godina Booranaa Ona Mooyyalee keessatti bakkoota adda addaatti tarkaanfilee waraana sirna gabroomfattuu wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 28 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksise.
Haaluma kanaan WBOn Zoonii Kibbaa Adoolessa 28,2016 halkan keessaa sa’aa 3:30 hamma 4:00tti Ona Mooyyalee ganda Malab jedhamu keessatti kan argamu moonaa waraana wayyaanee weeraruun diina irraa lama ajjeesee, garii madoo taasisee jira.
Guyyuma kana WBOn Ona Mooyyalee araddaa Dhaddacha Cameetti lola waraana wayyaanee waliin geggeesse irratti loltoota diinaa 2 ajjeesee, 4 madeessee jira.
WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii isaa itti fufuun Adoolessuma 28,2016 Godina Booranaa Ona Mooyyalee bakka Maansa Baddoolee jedhamutti waraana wayyaanee waliin lola jabaa kan geggeesse oggaa ta’u, miidhaa guddaan humna diinaa irra gahuunis gabaafameera.
Guyyuma kana Adoolessa 28,2016 WBOn Godina Booranaa Onuma Mooyyalee araddaa Rakkoo Waayyuu Hamaa bakka Gaara Gadamsaa jedhamutti ganama keessaa sa’aa 8:00 irratti waraana wayyaanee irratti lola baneen loltoota diinaa 8 ajjeesee, 12 ol ammoo madoo taasisuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa ifa godhee jira.
WBOn qabsoo of irratti hirkannoon falmaa hadhawaa gama hidhannoon geggeessu jabeessuu fi babal’isuuf kan of booda hin deebinee fi hin boqonne, wareegamni kamuu kan sochii isaa irraa duuba isa hin deebisne, falmaan haga bilisummaan ummata Oromoo fi Oromiyaa mirkanaa’utti kan itti fufu ta’uus ABOn beeksiseera.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Loltoota Diinaa 40 galaafate. , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromo , WBO
WBOn Godina Bahaa Keessatti Waraana Gabroomfattuu Wayyaanee Rukutee Balaa Irraan Gahe.
(SBO/VOL – Waxabajjii 26,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Baha Oromiyaa Lixa Harargee Onoota Odaa Bultumii fi Gammachiis keessatti waraana wayyaanee ummata hiraarsuu fi sakattaa WBOf bobba’e rukutee loltoota diinaa 40 ol hojiin ala taasiseera.
Haaluma kanaan Waxabajjii 21,2016 humni WBO Godina Lixa Harargee Ona Odaa Bultum keessaa bakka Araddaa Gaaleeysa jedhamee beekamutti waraana diinaa ummatatti roorrisuuf bobba’e haxiidhaan rukutee 7 irraa ajjeesee, 11 madeesseera.
Diinni tarkaanfii irratti fudhatametti aaruun marraa lammaffaaf bakka qubsuma isaa Burqaa irraa WBO barbaachaaf bobbaa godhaa akka jirus beekuun danda’ameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n sochii isaa itti fufuun Lixa Harargee Ona Gammachiis keessaa bakka Kuyyuubboo jedhamutti humna diinaa kan sochii irra ture rukutuun lolli jabaan geggeeffameera. Lola kana irratti waraana diinaa irraa 9 ajjeefamanii 13 ol ammoo madeeffamaniiru.
Tarkaanfii humna isaa irratti fudhatametti haloo ba’uuf mootummaan wayyaanee naannoo san keessaa ilmaan Oromoo 7 ta’an isintu WBO nu rukuchiisa, isintu odeessa keenya kennaaf jechuun ukkaamsee dhabamsiisee jira.
Walumaagalatti loloota kanneen irratti loltootni wayyaanee 16 yeroo ajjeefaman, 24 ol ammoo madeeffamuu fi mi’ootni adda addaa diina irraa booji’amuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa ifa godhee jira.
Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO) .
Tags: Oromia , WBO , WBOn Loltoota Diinaa 87 ajjeese 37 madoo taasise
(SBO – Camsaa 1 bara 2016): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Loltoota Diinaa 87 ol Hojiin Ala Taasisee, Meeshaalee Waraanaa Adda Addaa hedduu Booji’uudhaan Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.
Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba-Bahaa, Oromiyaa Godina Baalee Ona Eelkarree bakkoota adda addaatti haleellaa Bitootessa 24 fi 28 bara 2016 akkasumas Ebla 2 bara 2016 waraana wayyaanee Sochii Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) dura dhaabbachuu fi WBO sakatta’uu akeekkatee bobbaafame haleeluun loltoota diinaa 57 battalummatti ajjeesee, 30 ol ammoo madoo taasisuudhaan injifannoo galmeessee jira.
Haaluma kanaan Bitootessa 24 bara 2016 gootichi humni addaa WBO, Godina Baalee Ona Eelkarree bakka Gooroo Saalaa jedhamutti ganama keessaa Sa’aatii 8:00 hanga 9:00tti waraana Wayyaanee WBO sakatta’uuf bobbaafame haxxee hidhee haleeludhaan loltoota 15 battalummatti yoo ajjeesu, 9 ammoo haala hamaan madeessuun kanneen hafan facaaseera.
Haleellaa kanaanis:
Qawwee AKM-47 baay’inni isaa 15 tahe hidhannoo guutuu waliin
Rasaasa AKM firii 800 ol
Boombii harkaa fi lakkoofsaan 25 tahu fi meeshaalee waraanaa adda addaa humna diinaarraa booji’uudhaan QBO ABOn hogganamuuf oolchee jira.
Irree fi gaachanni saba Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana qubattuu, wayyaanee/TPLF irratti fudhatu itti fufuun Bitootessa 28 bara 2016 Onuma Eelkarree naannoo Gaara Girriirraa bakka Eela Hoofii jedhamutti loltoota diinaa WBO akka sakatta’aniif bobbaafaman rukutee 23 ajjeesudhaan 14 ammoo madeesse.
WBOn loltoota diinaa sakattaarra oolanii guyyaa sa’aatii 1:00 irratti bakka Eela Hoofii jedhamu boqotaa turan irratti tarkaanfii fudhate kanaan,
Qawwee AKM-47 Baay’inaan 17 tahu hidhannoo guutuu waliin
Rasaasa AKM firii 1200 ol
Bombii harkaa fi baay’inni isaa 32 akkasumas
Raadiyoo qunnamtii RT-33 tokko (1) loltoota Wayyaaneerraa booji’uun dantaa QBOf oolchee jira.
Gootichi humni addaa WBO Godina Kibba-Baha humnoota diinaa sochii FXG qeerroo-barattoonni Oromoo ummata waliin tahuudhaan gaggeessaa jiran dhaabuu fi lammiilee Oromoo gooluuf akkasumas sochii WBO danquuf bobbaafaman irratti tarkaanfii fudhatu ittuma fufuudhaan Ebla 2 bara 2016 Ona Eelkarree bakka Gola Hurrii jedhamuun beekkamutti lola ganama sa’aatii 10:00 hanga 10:45tti taasiseen, dursee dhukaasa irratti banuun loltoota wayyaanee 9 battalumatti ajjeesudhaan 7 ol madeessudhaan gaaga’ama tokkoon alatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Walumaagalatti, Gootichi Humni Addaa Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Ona Eelkarree bakkoota sadeenitti tarkaanfii waraana Wayyaaneerratti fudhateen, loltoota sirnichaa 47 ajjeesee kanneen 30 caalan madeessudhaan hojiin ala taasisee jira. Tarkaanfiidhuma boonsaa kanaan Qawwee AKM-47 heddumminni isaa 33 tahe hidhannoo guutuu waliin, rasaasa AKM firii 2000 ol, boombii harkaa F1 57 fi Raadiyoo Qunnamtii RT-33 tokko akkasumas meeshaalee waraanaa adda addaa diinarraa booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf oolchuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Tarkaanfii humnoota hidhattootaa sirna Wayyaanetiin bobbaafaman akkasumas farreen QBO fi FXGtti gufuu tahaa jirani fi Ummata Oromoo hiraarsaa jiran irratti fudhatu hanga Bilisummaan Ummata Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaahutti jabeessee fi bal’isee kan itti fufu tahuu Ajajni WBO Godina Kibba-Bahaa beeksisee, Ummanni Oromoo tinnisa roga hedduun WBOf taasisaa jiru daran akka cimsee itti fufu dhaamee jira.
Injifannoo Ummata Oromoof
VIDEO
Posted by OromianEconomist in Oromia , Oromia (WBO) .
Tags: Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromia (WBO): Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa finfinnee Kaaba Baha Shaggar haleele , WBO
(Oromia Press, Bitootessa 21 Bara 2016): Bitootessa 19,2016 Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Tarkaanfilee Rifachiisoo Humna Waraana Wayyaanee Irratti Fudhate.
Oduun arganne akka hubachiisutti Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Bitootessa 19,2016 Kaaba Baha Shaggar keessatti iddoo sadiitti tarkaanfilee wayyaanee baaragsan fudhatuun injifannoo galmeessee jira.
Tarkaanfileen kun kan fudhataman Kaaba Baha Shaggar Laga Xaafoo fi Sandaafaa gidduutti ta’uu oduun kun mirkaneesseera.
Haaluma kanaan Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa halkan keessaa sa’aa 2:00 irratti riqicha Laga Daadhii irratti karaa gara Maqalee deemu cufuudhaan humna diinaa bansiisuuf socho’aa ture haleelee miidhaa guddaa irraan gahee jira.
Tarkaanfii kanaan walqabatee sa’uma kanatti humna diinaa mooraa tikaa Kotobee jiru irraa ka’ee fi humna addaa poolisa Oromiyaa gidduutti dogoggoraan dhukaasni geggeeffamaa akka tures ibsameera.
Guyyuma kana Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa waardiyyoota Kolleejjii Poolisii Itophiyaa Sandaafaa karra guddicha irratti haleeluun loltoota wayyaanee 5 ol hojiin ala gochuunis gabaafameera.
Bakkuma kanatti tarkaanfii Gartuu Humna Addaa Qaanqee Bilisummaan fudhatameen kuusaan computeraa fi giddugalli leenjii Yunversitii Kolleejjii kanaa guutummaatti akka gubates ibsameera. Mooraa kana keessaa hanga ganama sa’aa 6:00tti aarri halaalaa mul’ataa akka ture kanneen ijaan arganis ragaa dubbataniiru.
Tarkaanfii fudhatame kanatti guddoo kan rifate mootummaan wayyaanee Bitootessa 20,2016 karaa cufuun sakattaa bal’aa ummata irratti geggeessaa akka tures beekuun danda’ameera.
Posted by OromianEconomist in Oromia , Oromia (WBO) , Oromo .
Tags: Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Oromo , WBO , WBOn L otoota Gabroomfattuu Wayyaane 71 hojii ala godhe
(SBO/VOL – Bitootessa 17, 2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n… Kibba-Baha Oromiyaa Godina Baalee Keessa Sossohu Kasaaraa Guddaa Waraana Wayyaanee Irraan Gahuun Injifannoo Boonsaa Galmeesse.
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba-Baha Oromiyaa keessa sossohu Bitootessa 13 fi 14,2016 Baalee Onoota gara garaa keessatti waraana gabroomfattuu wayyaanee FXG dhaamsuuf ummata Oromoo irratti rorrisaa jiruu fi sochii WBO danquuf socho’u irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen loltoota diinaa 71 ol hojiin ala gochuu fi mi’oota waraanaa adda addaa booji’uu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa ifa godhee jira.
Haaluma kanaan WBOn Godina Kibba-Baha Oromiyaa Bitootessa 13,2016 Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kosii jedhamutti waraana wayyaanee kan sakattaa WBO irra oolee bakka kana bule bariin weeraruun loltoota 12 yeroo irraa ajjeesu, 9 ol ammoo madeessee jira.
Lola kana irratti gootichi WBO qawwee AKM-47 12, Boombii harkaa F1 20, Rasaasa AKM-47 500 fi boorsaa duydaa 10 diina irraa booji’uun qabeenya ABO taasisuu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Gootichi WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa tarkaanfii isaa itti fufuun, Bitootessa 14,2016 waraana wayyaanee karaa sadiin itti bobbahee isa haleeluuf adeemaa ture Ona Raayituu Laga Dharroo bakka Hoofii jedhamutti ganama keessaa sa’aa 7:20tti dursee lola irratti baneen loltoota wayyaanee 18 ajjeesee, 10 ol ammoo akkaan madeessuu fi kanneen hafan tokko tokkoon faffaca’anii akka baqaan of duuba deebi’an taasisuun injifannoo boonsaa galmeessuu Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa dabalee hubachiiseera.
Lolli kun daqiiqaa 40f geggeeffamuu kan beeksise Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa, tarkaanfii kanaanis qawwee AKM-47 15 hidhannoo guutuu waliin, Bombii harkaa F1 20, Rasaasa AKM-47 1000, borsaa duydaa 18 fi mi’oota adda addaa booji’uu mirkaneesseera.
Loluma kanaan walqabatee waraanni wayyaanee magaalaa Sallahaatii fi Dhiboo irraa dirmatnaaf karaa lamaan socho’aa turan fanjii farra namaa gartuu mahandisoota WBOn kiyyeeffameefiin haleelamanii loltootni 10 battalumatti oggaa du’an, 12 ammoo haala baay’ee ulfaataa ta’een mammadaa’anii harkii fi miilli akka irraa ciccite gabaafameera.
Tarkaanfii laalessaa WBOn waraana isaa irratti fudhatamaa jiruun kan baarage mootummaan wayyaanee kufuuf daddaaqamaa jiru, dabalataan waraana guddaa konkolaataa waraanaa ORALII 14 Waabee gamaan Jijjiga irraa fe’ee gara magaalaa Imeetti akka sossoose barameera. Loltoota wayyaanee Imee seenan keessaa walakkaan magaalaa Qarsaa Allaattii ykn Sallahaat akka seenanis ibsameera.
Dhuma irratti WBOn waraana mootummaa faashistii wayyaanee kan ummata Oromoo karaa nagaan harka duwwaa gaaffii mirgaa gaafataa fi warraaqsa finiinsaa jiru irratti yakka waraanaa raawwataa jiru haleeluu fi lukkeelee diinaa gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an adabuu cimsee kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Oduu wal fakkaatu (related News):
(Oromia Press, Bitootessa 14 bara 2016): Oduu Tarkaanfii Amma Nu Gaheen
Ona Ebantuutti Itti Gaafatamaa Dhimma Tikaa fi Nageenyaa Wayyaanee Kan Ture Ajjeefame.
Godina Baha Wallaggaa Ona Ebantuutti yeroo dheeraadhaaf itti gaafatamaa dhimma tikaa fi nageenyaa Onichaa ta’uun hojjechaa fi ummata irraan dararaa ulfaataa ga’aa kan ture namni Geetaachoo Xilahun jedhamu Bitootessa 13,2016 Dilbata kaleessaa tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefame.
Farra ummataa fi gufuu QBO kan ta’e lukkee Geetaachoo Xilahun magaalaa Hindee maadheffatuun barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoo basaasaa, hiisisaa fi dararaan gara garaa akka Oromoota irra gahuuf yakka dhiifama hin qabne hanga guyyaa ajjeefamuutti raawwataa akka ture oduun SBO dhaqqabe ifa godha.
Namni kun gochaa isaa diinummaa fi farra ummataa ta’e kana irraa akka dhaabbatuuf dhaamsi isa dhaqqabus irraa dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin xumuraa irratti fudhatamee jira.
Tarkaanfii lukkee diinaa irratti fudhatame kanatti ummatni Oromoo Ona Ebantuu gammachuu isaa ibsataa jira jechuun oduun nu dhaqqabe ifa godhee jira.
Kanneen lukkee diinaa ta’uun warraaqsa ummata Oromoo FXG dura dhaabbatanii gufuu ta’uuf abbalaa jiran hundi akka karaa irraa maqanii fi warraaqsa ummataatti makaman irra deddeebiin dhaamsi darbaafii jira.
Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO) .
Tags: Gootichi WBO Godina Bahaa Lotoota diinaa namoota 31 ajeesudhan nama 133 boji’amuu hubataame , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , WBO
(SBO/VOL – Bitootessa 01,2016) Tarkaanfii Waraanaa Gootichi WBO Godina Bahaa Gurraandhala 29,2016 Lixa Harargee Keessatti Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.
Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn falmaa diina waliin godhu finiinsaa kan jiru oggaa ta’u, Godina Baha Oromiyaa Lixa Harargee keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan gootichi WBO Godina Bahaa keessa sossohu Gurraandhala 29,2016 guyyaa kaleessaa Lixa Harargee Ona D… aaroo-Labuu bakka Halloo-Goobaa jedhamutti humna diinaa weeraruun tarkaanfii haleellaa irratti fudhateen loltoota diinaa 18 ajjeesee, 133 ol booji’amuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksiseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n haleellaa weeraraa kanaan qawwee AK 14 hidhannoo waliin, akkasumas mi’oota waraanaa gara garaa diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiisa.
Mootummaan faashistii fi goolessituu wayyaanee humna waraana isaa haleelame kanaaf dirmatuu fi haala diddaa ummataa naannoo san jiru dhuunfatuuf humna dabalataa konkolaataa 14 olii fi helekopteroota 4n bakkichatti sossoosus sochii WBO fi diddaa ummataa geggeeffamaa jiru dhaabuu akka hin dandeenye gabaafameera.
Gurraandhala 27,2016tti ammoo Gartuun Humna Addaa WBO Baha Harargee magaalaa Laangeey keessatti diina dhahee 3 yeroo irraa ajjeesu, konkolaataa bulchiinsaa tokko daaressee, Pistoola tokko booji’eera.
Tarkaanfii WBO Godina Bahaa kan biraan, WBOn Godina Bahaa Gurraandhala 25,2016 Lixa Harargee Ona Gammachiis naannoo Qun’ee araddaa Mayra-beekaa jedhamutti loltoota diinaa ummata gooluuf sossohaa turan rukutee 3 ajjeesuun, 5 madeessee jira.
Gama biraan Humni Addaa WBO Gurraandhala 25,2016 Lixa Harargee naannoo magaalaa Hirnaatti hidhattoota diinaa kanneen gufuu ta’an to’atnaa isaa jala oolchuun qawwee kilaashii 2 irraa hiikkatee farrummaa itti jiran irraa yeroon akka dhaabbatan gorsee gadi dhiisee jira.
Diinni torban tokkoon dura irraa eegalee sochii WBO danquu fi FXG dura dhaabbachuuf Godina Baha Oromiyaa keessatti humna waraana isaa lafoo fi helekopterootaan guuruun bakkoota hedduutti qubsuma waraanaa tolfatuun kan beekame oggaa ta’u, kanaan alattis humna poolisaa kan “Liyyuu Haayil” jedhaman Ogaaden keessaa qabus gara Baha Oromiyaatti akka sossoose ifa ta’eera.
Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO) .
Tags: Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Falmaa Godhu Jabeessee Itti Fufuun Diina Irraan Kasaaraa Guddaa Geessisaa , Injifannoo Boonsaa Galmeessaa Jira. , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , WBO
(SBO – GURRAANDHALA 02,2016) Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Falmaa Godhu Jabeessee Itti Fufuun Diina Irraan Kasaaraa Guddaa Geessisaa, Injifannoo Boonsaa Galmeessaa Jira.
Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa keessa sossohu Amajjii 18 – 31,2016tti Lixa Harargee Onoota gara garaa keessatti tarkaanfilee adda addaa waraana gabroomfattuu wayyaanee irratti fudhateen kasaaraa guddaa irraan gahuu Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii SBOf ergeen beeksisee jira.
Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 30,2016tti Lixa Harargee Ona Bookee Xiqqoo magaalaa Bookee Xiqqoo biratti kan argamu mooraa waraana wayyaanee Haxuraa jedhamu weeraruun humna diinaa mooraa kana keessa ture irraan miidhaa olaanaa geessisee jira. Haaluma kanaan loltootni wayyaanee 11 yeroo ajjeefaman, 17 ol ammoo madeeffamuu fi kanneen hafan mooricha gadhiisanii akka baqatan Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
A/100 Masfin Nagaraa, A/50 Abaatee Yirgaa, A/10 Dammaqaa Silashii fi I/A A/10 Kadir Jundaa kan jedhaman kanneen du’an keessatti akka argamanis hubatameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n mooraa diinaa kana erga dhuunfateen booda, AK47 13, matarayasii 1, rasaasota gosa adda addaa 1300 olii fi miyoota waraanaa adda addaa booji’ee jira.
Dargaggootni Oromoo naannoo kanatti argaman tarkaanfii diina irratti fudhatame kanatti gammaduudhaan baay’inaan WBOtti akka makamanis Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiisee jira.
WBOn tarkaanfii fudhatu itti fufuun Amajjii 31,2016 Lixa Harargee Ona Odaa Bultum araddaa 25 jedhamee yaamamutti waraana wayyaanee dirmatnaaf sossohaa ture haxiin haleelee 5 ajjeesee, 3 kan madeesse oggaa ta’u, qawwee AKM47 5 irraa booji’eera.
Gama biraan Humni Addaa WBO Amajjii 30,2016 Baha Harargee naannoo Dhangaggootti qondaala tika diinaa nama Abraham G/Masqal jedhamu karaatti eeggachuun kan ajjeese oggaa ta’u, shugguxiin 1s irraa hiikkateera.
Haleellaa diina irratti fudhatu kan itti fufe WBOn Godina Bahaa Amajjii 29,2016 Baha Harargee Ona Fadis bakka Ija-lolaa jedhamutti humna diinaa kan sakattaa irra ture rukutuun 3 irraa ajjeesee akka of booda deebi’an taasisee jira.
Kana malees WBOn Amajjii 25,2016 Lixa Harargee Ona Habroo bakka Dhoomal jedhamuttis waraana wayyaanee kan sakattaa WBOf bobbahe haleeluun 8 ajjeesee 7 ol madeessee jira.
Gootichi WBO Godina Bahaa haleellaa diina irraan gahu itti fufuun Amajjii 18,2016ttis Lixa Harargee Ona Gammachiis bakka Kaasee-Hijaa jedhamee yaamamutti waraana gabroomfattuu wayyaanee hadhuun 6 ajjeesee, 4 yeroo madeessu, AK47 5 irraa booji’eera.
Walumaagalatti gootichi WBO Godina Bahaa tarkaanfilee Amajjii 18 – 31,2016tti Bahaa fi Lixa Harargee keessatti fudhate kanaan loltoota diinaa 33 yeroo ajjeesu, 31 ol ammoo madoo taasisuu fi qawwee AK47 23, materayasa 1, shugguxii 1 fi rasaasota adda addaa hedduu diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii kibbaa 15 ajjeesee 7 ol madeese. , Oromia , Oromo , WBO
(SBO – AMAJJII 14,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Waraana Wayyaanee Sochii Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) Dura Dhaabbachuu fi Ummata Hiraarsuuf Qophii Irra Ture Haleeluun Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.
Mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo deebisuuf qabsoo hidhannoo finiinsuu irratti kan argamu WBOn, wayta ammaa tarkaanfii godinoota Oromiyaa gara garaa keess… atti diina irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan WBOn Zoonii Kibbaa Amajjii 13,2016 guyyaa kaleessaa Godina Booranaa Ona Dirree keessatti diina haleeluun injifannoo boonsaa akka galmeesse Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksiseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Amajjii 13,2016 Godina Booranaa Ona Dirree ganda Magaadoo keessatti waraana wayyaanee sochii Fincila Xumura Gabrummaa dura dhaabbachuu fi barattootaa fi ummata hiraarsuuf akkasumas eegumsaaf walitti qabamee qophii irra ture sa’aa booda sa’aa 3:30 irratti weeraree haleeluun 15 ajjeesee 7 ol madeessuu Ajaji WBO Zoonii Kibba Oromiyaa ifa godhee jira. Loltootni wayyaanee madaa’an gara Hospitaala Ona Meeggaa magaalaa Meeggaatti akka geeffamaa jiranis beekuun danda’ameera.
WBOn haleellaa kanaan qawwee AKM. 12, hidhannoo mudhii 12 kaazinaa 18 waliin, rasaasa kumaan lakka’amu, qarshii Itophiyaa 2500, mobila 2 fi mi’oota gara garaa diina irraa booji’uun QBOf oolchuus Ajaji WBO Zoonii Kibbaa dabalee hubachiiseera.
Tarkaanfiin diinaa fi farreen QBO ta’an irratti fudhatamu karaa hundaan cimee kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Zoonii Kibbaa waytuma kana hubachiisee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Gootichi WBO Godina Bahaa loltoota diinaa 12 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera. , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , WBO
(SBO – AMAJJII 11,2016) Baha Oromiyaa Godina Lixa Harargee keessatti loltootni wayyaanee Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) dura dhaabbachuuf bobbaafaman WBOn haleelaman. Gaafatamaan Miliishaa Ona Gammachiisis Ajjeefame.
Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 07 fi 08,2016 Lixa Harargee Ona Daaroo Labuu fi Ona Gammachiis keessatti tarkaanfii fudhateen Ajajaa milishaa dabalatee loltoota diinaa 12 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa Amajjii 07,2016 Lixa Harargee Ona Daaroo-Labuu bakka Xuxxis-Fardaa jedhamutti humna diinaa kan Fincila Xumura Gabrummaa ummatnii fi barattootni gamtaan geggeessaa jiran dura akka dhaabbatuuf naannichatti bobbaafame haleeluun 6 ajjeesee, 5 ol ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Bahaa hubachiiseera.
WBO Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Amajjii 08,2016tti lukkee diinaa kan akeeka wayyaanee dirqiin ummata fudhachiisuu irratti bobbahuun miidhaa guddaa ummata irraan gahaa ture gaafatamaa milishaa Ona Gammachiis Abdullee Yuuyyaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen akka ajjeese Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Oromia , Oromia (WBO): Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Bahaa Gidduu Kana Basaasota Fi Loltoota Wayyaanee Haleelee Injifannoo Galmeesse , Oromo , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Bahaa Gidduu Kana Basaasota Fi Loltoota Wayyaanee Haleelee Injifannoo Galmeesse.
(SBO – AMAJJII 05,2016) Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 05, 2016 Har’a Ganama Ona Xuulloo Keessatti Lola Waraana Gabroomfattuu Wayyaanee Waliin Taasise Irratti Loltoota Diinaa 13 Ol Hojiin Ala Godhe.
Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Oromoo deebisuuf falmaa hadhawaa gochuu irratti kan argamu gootichi WBO, Amajjii 05,2016 guyyaa har’aa ganama Lixa Harargee Ona Xuulloo naannoo Masalaatti waraana gabroomfattuu wayyaanee kan ummata … keenya gaaffii mirgaa finiinsaa jirutti roorrisaa ture haleeluun 8 yeroo irraa ajjeesu, 5 ol ammoo akka madeesse Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godheera.
Humni WBO lola kana geggeesse diina irraa meeshaalee gara garaa akka booji’es gabaafameera.
Tarkaanfiin diinaa fi farreen QBO ta’an irratti fudhatamu karaa hundaan haala kennate mara keessatti ciminaan kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Godina Bahaa mirkaneesseera.
(SBO – AMAJJII 04,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa keessa sossohu Mudde 30 fi 31,2015 Baha Harargee Ona Bokkoo/Fadis bakka Dhagaa-Gaachanaa jedhamuu fi bakka Waldaya Gobeellee fi Maayaa jedhamanitti waraana wayyaanee warraaqsa ummata Oromoo finiinaa jiru dhaamsuuf sochii adda addaa godhaa turee fi ummata irraan miidhaa geessisaa ture rukutuun loltoota 24 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii waraanaa SBOf ergeen beeksise.
Haaluma kanaan tarkaanfii fudhatameen loltootni diinaa 13 yeroo ajjeefaman, 11 ol ammoo madoo taasifamaniiru.
Loltootni wayyaanee du’aa fi madaa’uu irraa hafte faffacaatee akka baqattes gabaafameera.
Humni Addaa WBO tarkaanfii isaa itti fufuun Dhiha Harargee Ona Habroo magaalaa Balballeettii keessatti gaafa Mudde 30,2015 basaasaa sirna wayyaanee Taklamaariyam jedhamu irratti tarkaanfii xumuraa fudhateen ajjeesuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Basaasaan kun waraana wayyaanee keessa kan turee fi tika tahuudhaan ummata keessatti bifa maanguddummaan socho’aa akka ture ibsameera. Taklamaariyam dhalataa lammii Tigraayi magaalaa Addigiraat ganda 01 akka ta’es gabaafameera.
Gama biraan Amajjii 02,2016 Humni Addaa WBO Godina Bahaa Baha Harargee naannoo Dhangaggoo jedhamutti qondaala tikaa wayyaanee naannoo kana keessatti diinummaa guddaa hojjechaa ture dhalootaan lammii Tigraay ta’e Gabra-Igzihaber jedhamu du’aan adabuu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiiseera.
Bakkoota adda addaatti tarkaanfilee fakkaatoon loltootaa fi basaasota diinaa akkasumas gufuu ummataa fi barattootaa ta’uun isaanii mirkanaa’e irratti tarkaanfileen fudhataman jabaatanii itti fufanii akka jiran gabaafameera.
Kanneen faallaa Warraaqsa Ummata Oromoo ykn gufuu Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) ta’anii jiran gocha isaanii diinummaa fi farrummaa kana irraa deebi’anii gara saba isaanii akka hiriiran WBOn irra deebiin yaamicha isaa dhiheessaa jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Ajaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Loltootni Wayyaanee 17 Ol Hojiin Ala Ta’an. , Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
(SBO – MUDDE 31, 2015) Ajaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Mudde 27,2015 Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Bahaa, Baha Harargee Ona Fadis keessaa bakka Harooressa jedhamutti humna waraana wayyaanee sababa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG)n ummata hiraarsaa ture irratti haleellaa raawwateen loltoota 8 ajjeesee, 9 ol ammoo madeesseera. Warri miidhama irraa hafe ammoo baqaan akka of booda deebi’an ibsameera.
Lola kana irratti WBOn Kilaashii 5 fi qabeenya biroo diina irraa booji’uun dantaa QBOf oolchuunis gabaafameera.
Related (Oduu kanan wal fakkaatu):-
(SBO – AMAJJII 02,2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Zoonii Kibbaa Amajjii 01,2016 Ona Mooyyalee Keessatti Tarkaanfii Loltoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 11 Ol Hojiin Ala Taasise.
Ajaji WBO Zoonii Kibbaa akka beeksisetti humni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Amajjii 01, 2016 ganama keessaa Ona Mooyyalee bulchiinsa magaalaa Tuqaa Qaqalloo jalatti kan argamtu ganda Mudhii Amboo keessatti kan argaman loltoota wayyaanee haleeluun 6 irraa ajjeesee 4 ol ammoo madeessee jira.
Humni WBO tarkaanfii kana fudhate haleellaa isaa itti fufuun, guyyuma kana ganda Maddoo jedhamtu seenuun waajjira bulchiinsaa sirna wayyaanee kan ummata irratti miidhaa adda addaa raawwatu dokumentota keessa jiran waliin guutummaatti oggaa barbadeessee jira.
Waraanni wayyaanee humna WBO tarkaanfii kana fudhatee dirqama biraaf socho’aa ture doqdoqqoota (matorcykilootaan) hordofee sochii isaa danquuf yaalii godhus, humni WBO haxxeedhaan haleelee loltuu tokko oggaa irraa ajjeesu, doqdoqqee tokko ammoo guutuutti gubee daaressee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Oduu Tarkaanfii WBO , Oromia , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
Oduu Tarkaanfii WBO
(SBO – MUDDE 19,2015) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Kibba Bahaa Godina Baalee keessa sossohu gartuun Humna Addaa, Mudde 13 fi 16,2015 Baalee Ona Haroo Dibbee keessaa bakkoota gara garaatti tarkaanfii haxxee fi tarkaanfii miinoo (fanjii) farra konkolaataa loltoota wayyaanee konkolaataa ORALiin guutamanii gara giddu galeessa Oromiyaa fi naannicha keessatti bobba’uun ummataa fi barattoota Oromoo warraaqsa bilisummaa finiinsaa jiran irratti yakka waraanaa raawwachuuf sossohaa turan irratti fudhateen loltoota diinaa 91 ol hojiin ala gochuun qawwee AKM. 7 hidhannoo guutuu waliin booji’uu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa beeksiseera.
Haaluma kanaan gartuun Humna Addaa WBO Mudde 13,2015 Godina Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kaarra Jibriitti ganama keessaa sa’aa 8:00 irratti waraana wayyaanee FDG dhaamsuuf bobbahaa ture haxii itti hidhee tarkaanfii irratti fudhateen 7 ajjeesee, 9 ol madeessuu fi qawwee AKM 7 hidhannoo guutuu waliin booji’ee dantaa QBOf oolchuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa ifa godheera. Lolli kun daqiiqaa 40 oliif akka geggeeffames gabaafameera.
Mudde 16,2015ttis Gartuun Humna Addaa WBO Godina Baalee waraana wayyaanee daangaa Somaalee Doolloo irraa fe’amee Cirrattii keessa qaxxaamuruun gara giddu galeessa Oromiyaatti ummata Oromoo fi ilmaan isaa barattoota irratti ajjechaa raawwachuuf ORALII 4n socho’aa ture akkuma magaalaa Cirrattii irraa km.30 fagaateen bakka Kullaa Kootichaa jedhamutti ganama keessaa sa’aa 9:00 gubbaatti miinoo/fanjii farra konkolaataa kiyyeessuufiin ORALII 2 loltoota diinaa 50 ta’an, hidhannoo qaban waliin guutummaatti daaressuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee beeksiseera.
Waytuma kana gartuun Humna Addaa WBO Godina Baalee kun loltoota wayyaanee ORALII 2n boodarraan dhufaa turanitti haxii hidhuudhaan tarkaanfii irratti fudhateen 10 iraa ajjeesuu fi 15 ol ammoo haalaan madeessuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee addeesseera. Lolli kunis daqiiqaa 20 oliif akka adeemsifame ibsameera.
Walumaagalatti tarkaanfii Humni Addaa WBO Godina Baalee Mudde 13 fi 16,2015 waraana wayyaanee irratti fudhate kanaan loltootni diinaa 91 ol ta’an du’aa fi madoo ta’anii, ORALIIN 2 guutummaatti oggaa daareffamu, qawween AKMn 7 ammoo hidhannoo guutuu waliin booji’amaniiru.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Against Tyranny , Oromia , WBO , WBOn Godina Bahaa Loltootaa fi Poolisoota Federaalaa Wayyaanee Barattootaa Fi Ummata Irratti Roorrisaa Haleele
WBOn Godina Bahaa Loltootaa fi Poolisoota Federaalaa Wayyaanee Barattootaa Fi Ummata Irratti Roorrisaa Jiran Haleeluun Hidhattoota Diinaa 23 Ol Hojiin Ala Godhe
Abdii Fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa Loltootaa fi Poolisoota Federaalaa Wayyaanee Barattootaa Fi Ummata Irratti Roorrisaa Jiran Haleeluun Hidhattoota Diinaa 23 Ol Hojiin Ala Godhe. Poolisoota Sirna Wayyaanee 2s Oggaa Booji’u, Hidhamtoota Oromoo 21 Ol Ta’an Hidhaadhaa Baase.
Mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo dhugoomsuuf falmaa karaa hidhannoo godhaa jiru karaa hundaanuu jabeessaa kan jiru gootichi WBO, haleellaa diinaa fi ergamtoota diinaa irratti fudhataa jiruun Mudde 05 – 07, 2015tti Bahaa fi Lixa Harargee keessatti loltootaa fi poolisoota wayyaanee irratti injifannoo boonsaa galmeessuun 23 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii waraanaa har’a Mudde 07, 2015 SBOf ergeen beeksisee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Mudde 07, 2015 guyyaa har’aa Baha Harargee Ona Haromaayaa bakka Daammoota jedhamutti poolisoota wayyaanee barattootaa fi ummata doorsisuuf bobbaafaman haleelee tokko (1) battalatti oggaa ajjeesu, hedduu isaanii madoo taasisee jira. Ummatni naannoos aarii qabu poolisa ajjeefame kanatti ba’ataa akka ture ibsameera. Tarkaanfii kanaan walqabatee mootummaan wayyaanee humna federaalaa guddaa Daammoota, Baate, Qeeyransaa fi kkftti bobbaasuun ummata gooluuf yaalus, barattootnii fi ummatni gamtaan ta’uun FDG jabaa finiinsaa akka jiran beekuun danda’ameera. FDG deemaa jiru keessatti barataan ammaaf maqaan isaa hin baramin tokko hidhattoota wayyaaneen akka wareegames barameera.
Humni Addaa WBO tarkaanfii isaa itti fufuun Mudde 06, 2015 guyyaa kaleessaa Baha Harargee Ona Haromaayaa bakka Maayaa, Qarree jedhamutti poolisoota wayyaanee sochii FDG fi mormii master plaanii Finfinneef ummatnii fi barattootni geggeessaa jiran dhaamsuuf bobbaafaman haleelee 1 (tokko) yeroo keessaa ajjeesu, poolisoota 2 (lama) ammoo hidhannoo isaanii guutuu waliin booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Humni Addaa WBO tarkaanfii kanaan ilmaan Oromoo kan barattootnii fi maanguddootni biyyaa umriin isaanii 61 ta’u keessatti argaman namoota 21 ol ta’an hidhaa keessaa bilisa baasee gadi dhiisuus Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa jabeessee itti fufuun guyyuma kana Mudde 06, 2015 Baha Harargee naannoo Harar Ona Fadis/Bokkoo bakka Faqqadaa jedhamutti waraana wayyaanee irratti haleellaa fudhateen 5 battalumatti oggaa irraa ajjeesu, 7 ol ammoo haalaan madeessuu isaa Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii SBOtti ergeen beeksisee jira.
Haleellaa diina irratti fudhatu cimsee itti fufee kan jiru gootichi WBO Godina Bahaa Mudde 05, 2015ttis Lixa Harargee naannoo Galamsoo Ona Dikichaa bakka Siree-Luynaa jedhamutti humna federaalaa wayyaanee ummata gooluuf dirqama fudhatan irratti haleellaa geggeesseen diina irraa 3 ajjeesee 6 ol oggaa madeessu, qawwee kilaashii 5 hidhannoo waliin irraa booji’uun dantaa QBOf akka oolche Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiiseera.
Sochii isaa babal’ifatuu fi tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa kanneen gufuu QBO ta’an irratti fudhatu cimsee itti fufuuf tattaaffii isaa dachaan kan dabalu ta’uu WBO ibsee, ummatni keenya harqoota gabrummaa of irraa darbee biyya isaa gubbaatti bilisaan jiraachuuf FDG jalqabe cimsee akka itti fufus hireema kanaan dhaammateera.
VIDEO
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: SBO , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
(SBO – MUDDE 05, 2015) Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Baha Oromiyaa keessa sossohu jalqaba baatii Muddee kanaatti Lixa Harargee Ona Gammachiisii fi naannoo Daaroo Labuu keessatti tarkaanfilee waraana wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 22 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Haaluma kanaan Mudde 01, 2015 Lixa Harargee naannoo Baddeessaa Ona Gammachiis keessaa bakka Siree jedhamutti waraana wayyaanee haleeluun 5 yeroo irraa ajjeesu, 7 ol ammoo madeessuun gabaafameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Mudde 02,2015 Lixa Harargee naannoo Daaroo Labuu bakka Jiddoo Galamaa jedhamutti murna waraana wayyaanee rukutuun 4 yeroo irraa ajjeesu, kanneen 6 ol ta’an ammoo akka madeessee fi qawwee kilaashii 3 hidhannoo guutuu waliin akka irraa booji’e Ajaji WBO Godina Bahaa hubachiiseera.
Kun kanaan osoo jiruu gama Bahaan ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessa jiranii fi kanneen dhalootaan Oromoo hin taane, sirnichaaf waardiyaa dhaabbatanii jiran gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu oduun walqabatee nu gahe ifa godha.
Bifuma kanaan Mudde 01,2015 Baha Harargee keessaa naannoo Dirre Dhawaatti dhihoo, karaa gara Jibuutti geessutti kan argamu bakka Shinniilee jedhamutti qubsuma waraana wayyaanee tokko keessatti loltootni dhalootaan Oromoo ta’anii fi kanneen biroo gidduutti waldhabbiin uumamuun dhukaasa walitti bananii akka wal ajjeesanii fi wal madeessan oduun kun ni hubachiisa.
Maddi rakkoo kanaas loltootni wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’in ilmaan Oromoo waraanicha keessa jiran ilaalcha sabummaan, FDG deemaa jiruun walqabsiisanii shakkuu fi gara Jibuutiitti baduuf yaadaa jirtu ittiin jechuu irraa akka ta’e ibsameera.
VIDEO
VIDEO
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Against Tyranny , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
(SBO – MUDDE 02,2015, Sulultaa) Humni Adda QAANQEE BILISUMMAA Jiddugaleessa Oromiyaatti Paarkii Fi Mana Kitaabaa MALLASAAA Sulultaatti Argamu Guutummaatti Daaresse.
Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa Muddee 01 bara 2015 halkan keessaa sa’atii 11:00 irraa eegalee tarkaanfii fudhateen manneen maqaa mataa murna wayyaanee duraanii MALLAS ZEENAAWIItiin naannoo Sulultaatti ijaaraman 5 guutummaatti barbadeessuun humna ibsaa naannoo sanaa erga kutee booda, magaalaa xiqqoo Muloo fi Buraayyuu jidduutti argamtu Guuddoo irratti naannoo sa’aatii 1:00 AMtti Poolisoota eegumsa halkanii irraa jiran irratti tarkaanfii battalaa fudhateen 3 madeessee jira.
Humni Qaanqee Bilisummaa yeroodhuma kanatti tarkaanfii qabeenya shariika harka mirgaa wayyaanee tahe irratti fudhateen, konkolaataa Kubbaaniyyaa Darbaa Tiraanispoort, kan qabeenyummaan isaa kan dureessicha Sheek Al Amuuddii jedhamuu tahe magaalaa Darbaa irraa gara Caancoo deemaa ture fe’umsa isaa guutuu waliin haleeludhaan barbadeessee jira.
Tarkaanfii humni QAANQEE BILISUMMAA fudhatee fi kasaaraa isa mudateen kan baarage gartuun abbaa irree wayyaanee ganama kana, Muddee 02 bara 2015, Helokooptaroota waraanaan naannoo Gaarren Inxooxxoo irra marsaa tureera. Helikoptarri kunis Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkaa irraa eegalee gaarren Inxooxxoo gara Dhihaatti marsuudhaan magaalaa Sulultaa irraan, gara Buraayyuutti ammoo gaarren Gullallee irra lafatti gadi dhiyaatee deddeebi’ee naannaweera. Sirnichi dhiphuu jabaa keessa seenuudhaan olii fi gadi fiigaa, ergamtoota isaatis fiigsaa kan jiru yoo tahu, buufataalee Buraayyuu fi Sulultaa irratti sakattaan akkaan jabaan gaggeeffamaa jira.
Oduu tarkaanfii nu dhaqqabe biraatiin humnumti addaa QAANQEE BILISUMMAA Ona Warra-jaarsoo ganda Dhaayee Tuutii keessatti halkan Kiibxata kaleessaa, Muddee 1, 2015 milishaa OPDO diinaan hidhachiifamee ummata dararaa ture Shallamaa Dirribaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen qawwee fi hidhannoo isaa rasaasa guutuu waliin irraa hiikkateera. Ergamaan diinaan hidhachiifame kun kaleessa waaree booda “Qawwee mootummaa fudhachiifte” jedhamee humnoota mootummaa wayyaaneef amanamoo tahaniin hidhamee jira.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Against Tyranny , Oromia , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba Baha Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Hidhattoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 9 Ol Hojiin Ala Godhe; Meeshaalee Waraanaas Booji’e. Hidhattootni Diinaa 5nis WBOtti Harka Kennatan.
(SBO – Sadaasa 14,2015) Humnaa fi qabeenya qabu irratti hundaawee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo of irratti hirkannoon falmaa diina irratti godhu finiinsaa kan jiru gootichi WBO, godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu daran cimsuu irratti argama.
Haaluma kanaan abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Kibba Baha Oromiyaa Godina Baalee keessa sossohu tibbana diina irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Risaa jedhamu Sadaasa 10,2015 Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti ganama barii sa’aa 5:00 irratti humna diinaa ummata dararuu fi sochii WBO danquuf bobbaa irra ture haxiidhaan haleelee loltoota 5 yeroo irraa ajjeesu, 4 ol ammoo madeessuun meeshaalee waraanaa adda addaa irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Humni Risaa tarkaanfii boonsaa kana fudhate diina irraa qawwee AKM-47 5, boombii harkaa F1 jedhamu 20, boorsaa waraanaa kan dugdatti baatamu 5 mi’a qabu waliinii fi meeshaalee biroo diina irraa booji’uun bu’aa qabsoo bilisummaa Oromoof akka taasise beekuun danda’ameera.
Kana malees Humni Addaa WBO (Risaan) Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti wayta tarkaanfii kana fudhatetti sabboontota Oromoo hidhattootni wayyaanee maqaa ABO fi WBO gargaartu, nu rukuchiistu jedhuun qabanii deemaa turan keessaa tokko akka harkaa baases oduun kun ni hubachiisa.
Hidhattoota wayyaanee tarkaanfii humna addaa WBO Risaan haleelaman keessa turan keessaa 5 (shan) hidhannoo isaanii guutuu waliin WBOtti akka harka isaanii kennatan Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa mirkaneessee jira.
Tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu jabinaan kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa hubachiisee jira.
Xumura irratti Oromoota dabalatee ilmaan ummatoota cunqurfamoo sirna wayyaaneef meeshaa ta’uun qabsoo bilisummaa fi mirga isaanii deebifachuuf ummatootni kun taasisaa jiranitti gufuu ta’anii jiran hidhannoo isaanii sirna wayyaanee diina ummatoota cunqurfamoo empaayerattii ta’ee jirutti nannessuun xumura sirna gabrummaa isaa akka shaffisan WBOn hiree kanaan yaamicha isaa haaromsee jira.
You must be logged in to post a comment.