jump to navigation

Oromia (WBO): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii kibbaa 15 ajjeesee 7 ol madeese. January 16, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , ,
add a comment

Odaa Oromoosbofb367-alaabaanew

 

(SBO – AMAJJII 14,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Waraana Wayyaanee Sochii Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) Dura Dhaabbachuu fi Ummata Hiraarsuuf Qophii Irra Ture Haleeluun Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.

Mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo deebisuuf qabsoo hidhannoo finiinsuu irratti kan argamu WBOn, wayta ammaa tarkaanfii godinoota Oromiyaa gara garaa keessatti diina irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan WBOn Zoonii Kibbaa Amajjii 13,2016 guyyaa kaleessaa Godina Booranaa Ona Dirree keessatti diina haleeluun injifannoo boonsaa akka galmeesse Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksiseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Amajjii 13,2016 Godina Booranaa Ona Dirree ganda Magaadoo keessatti waraana wayyaanee sochii Fincila Xumura Gabrummaa dura dhaabbachuu fi barattootaa fi ummata hiraarsuuf akkasumas eegumsaaf walitti qabamee qophii irra ture sa’aa booda sa’aa 3:30 irratti weeraree haleeluun 15 ajjeesee 7 ol madeessuu Ajaji WBO Zoonii Kibba Oromiyaa ifa godhee jira. Loltootni wayyaanee madaa’an gara Hospitaala Ona Meeggaa magaalaa Meeggaatti akka geeffamaa jiranis beekuun danda’ameera.

WBOn haleellaa kanaan qawwee AKM. 12, hidhannoo mudhii 12 kaazinaa 18 waliin, rasaasa kumaan lakka’amu, qarshii Itophiyaa 2500, mobila 2 fi mi’oota gara garaa diina irraa booji’uun QBOf oolchuus Ajaji WBO Zoonii Kibbaa dabalee hubachiiseera.

Tarkaanfiin diinaa fi farreen QBO ta’an irratti fudhatamu karaa hundaan cimee kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Zoonii Kibbaa waytuma kana hubachiisee jira.