jump to navigation

Oromia (WBO): Tarkaanfii WBO Kibbaa July 29, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
trackback

Odaa OromooOromianEconomist

SBO Oduu Ammeefb367-alaabaanew


(SBO/VOL – Adoolessa 29,2016) —  Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Waraana Sirna Gabroomfattuu Mootummaa Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhateen Injifannoo Galmeessee Jira.

Qabsoo of irratti hirkannoon bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf falmaa gochaa kan jiru WBOn, Adoolessa 28,2016 Godina Booranaa Ona Mooyyalee keessatti bakkoota adda addaatti tarkaanfilee waraana sirna gabroomfattuu wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 28 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksise.

Haaluma kanaan WBOn Zoonii Kibbaa Adoolessa 28,2016 halkan keessaa sa’aa 3:30 hamma 4:00tti Ona Mooyyalee ganda Malab jedhamu keessatti kan argamu moonaa waraana wayyaanee weeraruun diina irraa lama ajjeesee, garii madoo taasisee jira.

Guyyuma kana WBOn Ona Mooyyalee araddaa Dhaddacha Cameetti lola waraana wayyaanee waliin geggeesse irratti loltoota diinaa 2 ajjeesee, 4 madeessee jira.

WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii isaa itti fufuun Adoolessuma 28,2016 Godina Booranaa Ona Mooyyalee bakka Maansa Baddoolee jedhamutti waraana wayyaanee waliin lola jabaa kan geggeesse oggaa ta’u, miidhaa guddaan humna diinaa irra gahuunis gabaafameera.

Guyyuma kana Adoolessa 28,2016 WBOn Godina Booranaa Onuma Mooyyalee araddaa Rakkoo Waayyuu Hamaa bakka Gaara Gadamsaa jedhamutti ganama keessaa sa’aa 8:00 irratti waraana wayyaanee irratti lola baneen loltoota diinaa 8 ajjeesee, 12 ol ammoo madoo taasisuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa ifa godhee jira.

WBOn qabsoo of irratti hirkannoon falmaa hadhawaa gama hidhannoon geggeessu jabeessuu fi babal’isuuf kan of booda hin deebinee fi hin boqonne, wareegamni kamuu kan sochii isaa irraa duuba isa hin deebisne, falmaan haga bilisummaan ummata Oromoo fi Oromiyaa mirkanaa’utti kan itti fufu ta’uus ABOn beeksiseera.


 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.