Empayerri Jiguu qaba February 14, 2021
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.trackback
Empayerri jiguu qaba: Waa’ee angoo irratt Amaaraa fi Tigreen gara laafina walitt agarsiisanii hin beekanii. Inni ammaa, kan lamuu walitt dhinuun mamii taa’aa jiru. Kanaaf, Godinichi keessa deebi’amee caasamuu barbaadee jira. Hammeenyi walitt raawwataa jiran, isuma eengaddaa fi kaleessa Oromoo irratt raawwataa bahanii. Isaan keessa kan sagalee mormii agarsiise hin turre. Qaama ciruun, ibidaan gubuun, tuutaan gudeeduun, qaccee balleessuu fi beelaan adabuu yaaluun, waan salphisu fi laalessaa ta’e hunda ilmoo namaatt raawwachuun aadaa saaniitii. Kana baruuf seenaa saanii Yekuno Amlak hanga Minilikitt dubbisuu dha. Kanaaf, Oromoon olhaanummaa saanii fagoott ofirraa eeguu qabuun gorfama. Oromoon, aangoo hammaa bahaa ummata haa ta’uu abba abaa kam irratt raawatu balaaleffachuun aadaa saaniitii. Jarri kan ofii irratt raawwachuu yaadan, Oromooon nurraan ga’e jedhani firisanii iyyuu. “Iji abshaalaa utuu hin rukutamin boosiin” jecha saaniitii. Empayerri Itophiyaa dharraa qabeenya Oromiyaa fi jibba Oromoo irratt hundaawe. Kana fiixaan baasuun akeeka saaniitii. Eenyu jala ta’uyyuu, empayerich Oromoo fi kolonootaa nagaa waan hin yaadneef diigame kolonooti bilisa ta’uu qabu.
Uumaan Oromoo, dhaabi sammuuquwii fi aadaan waatattaa saanii jaraan addaa. Sana irra haanuuf, garajabeessi Bulgu Frankenstein murni Tigree Oromoo hacuucuuf ummate, isatis garagalee barbadeessaa jira. OPDOn maqaan Oromoodha malee nameeenyaan nafxanyaa ta’ee jira. ABOn kan takaalamee furga’uu dadhabef maaliif akka ta’e nuu ifaa jira. Mootummaa Oromo fixaa jiru, nafxanyaa waliin dhaabbatanii Oromoon “Ttaranyaa” dha yoo jedhan ammawoo maal nu yaadaniitu? Qondaaloti maqaa Oromoo qabaatanii ummatoota biraa miidha jiran, Oromoos isaantu fixaa jira.
Hidhamtich Jawar fi jaallewan saa haala hamaa lubbuuf sodachisu keessa jira. Murni maqaa Oromoon daldalu hamma Jawar Oromoof waan gumaache lakkaawuu danda’a? Innu gumaacha Jawar ta’uun ifaa mitii? Halagaa jala lixanii dutaniif gaalichi ni trata malee deemsa hin dhaabu. Hoongaatuun hongaatullee, geerarsa hin dadhabduf yeelaluu. Afaan walabummaa, bilisummaa fi tokkummaa lallabaa bahe, faallaa saaf yoo banamu ni ajaawaa. Kanaaf callisuu wayya ture. Yoo Oromummaa isaan keessatt hafte jiraatte, michuu saaniin Oromoo irraa ajjeechaa dhaabi haa jedhaanii, haasaan biraa hafaa dha.
Ergamsi kan Masaraa Minilik qabatan hunda tokko. Oromoo aangoo dhabsiisuun deegsanii Oromiyaa dhuunfachuu dha. Haalli akka durii isaaniif mijjaawaa hin ta’uu. Oromoon daddaaqina malee tokkummaan kaanaan kan jala dhaabbatu hin jiru. Oromummaan dhiiga mitii, ilaalchaa. Farra Oromummaa kan labsan diinaa, qubi itt qabamuuf saaxilamuu qabu. Yaadaan adda tahuu fi ilaalchaan farra Oromummaa ta’uun adda adda. Diinni gootota Oromoo marsuun kan ajjeese ajjeesee, kan biyyaa baase, baasee kan hidhe, hidhee itt roorrisaa jira. Tokkummaan ka’anii ofirraa finqilchuu dha. Kan darbe barumsa godhannee fulduratt haa dhiichinuu.
Kanaaf Kanneen hidhaa keessa taa’anii salphina saba keenya arguu manna du’uu nuu wayya jedhan meeshaa tokkittii qaban agabuun dirree waranaa seenanii jiru. Isaan oolchuun qabsoo Oromoo oolchuu dha. Gaaffii saanii gaaffii ofii godhatanii kan danda’aniin diinatt bobba’uu dha. Kan ala jiran hidhaa sammuu yoo ta’e malee hidhaa qaamaa keessa hin jirani. Kanaaf isaan irra wayyaa hojjechuu ni danda’u. Dubbiin saa akka saanii lubbuu ofii biyya ofii dabarsanii kennuuf qophee ta’uu fi roorroo ofirraa gatuuf murteeffachuu gaafata. Murannoo ummata Oromo qofa kan mootummichi akka gaaffii saaniif deebii kennu gochuu danda’u. Yoo tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuu dadhabuu saaniin, hogganoota saanii kana irra hamtuun geese sabichaaf qaanii guddaa ta’a. Hogganoota keenyatt ni amanna taanaan tarkaanfii kana waan fudhataniif akka qabanis amannee waan hoggansa saanii fiixan baasu hunda gumaachuu dha. Haalichi Bilisummaan jiraachuu yk du’a jedhanii ka’uu gaafataa jira. Oromiyaan haa jiraattu!
https://www.facebook.com/100002499302910/posts/3710702962356311/?sfnsn=scwspmo
Comments»
No comments yet — be the first.