Oromia (WBO): Gootichi WBO Godina Bahaa Lotoota diinaa namoota 31 ajeesudhan nama 133 boji’amuu hubataame March 2, 2016
Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO).Tags: Gootichi WBO Godina Bahaa Lotoota diinaa namoota 31 ajeesudhan nama 133 boji’amuu hubataame, Oduu Tarkaanfii WBO, Oromia, WBO
add a comment
(SBO/VOL – Bitootessa 01,2016) Tarkaanfii Waraanaa Gootichi WBO Godina Bahaa Gurraandhala 29,2016 Lixa Harargee Keessatti Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.
Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn falmaa diina waliin godhu finiinsaa kan jiru oggaa ta’u, Godina Baha Oromiyaa Lixa Harargee keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan gootichi WBO Godina Bahaa keessa sossohu Gurraandhala 29,2016 guyyaa kaleessaa Lixa Harargee Ona D…aaroo-Labuu bakka Halloo-Goobaa jedhamutti humna diinaa weeraruun tarkaanfii haleellaa irratti fudhateen loltoota diinaa 18 ajjeesee, 133 ol booji’amuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksiseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n haleellaa weeraraa kanaan qawwee AK 14 hidhannoo waliin, akkasumas mi’oota waraanaa gara garaa diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiisa.
Mootummaan faashistii fi goolessituu wayyaanee humna waraana isaa haleelame kanaaf dirmatuu fi haala diddaa ummataa naannoo san jiru dhuunfatuuf humna dabalataa konkolaataa 14 olii fi helekopteroota 4n bakkichatti sossoosus sochii WBO fi diddaa ummataa geggeeffamaa jiru dhaabuu akka hin dandeenye gabaafameera.
Gurraandhala 27,2016tti ammoo Gartuun Humna Addaa WBO Baha Harargee magaalaa Laangeey keessatti diina dhahee 3 yeroo irraa ajjeesu, konkolaataa bulchiinsaa tokko daaressee, Pistoola tokko booji’eera.
Tarkaanfii WBO Godina Bahaa kan biraan, WBOn Godina Bahaa Gurraandhala 25,2016 Lixa Harargee Ona Gammachiis naannoo Qun’ee araddaa Mayra-beekaa jedhamutti loltoota diinaa ummata gooluuf sossohaa turan rukutee 3 ajjeesuun, 5 madeessee jira.
Gama biraan Humni Addaa WBO Gurraandhala 25,2016 Lixa Harargee naannoo magaalaa Hirnaatti hidhattoota diinaa kanneen gufuu ta’an to’atnaa isaa jala oolchuun qawwee kilaashii 2 irraa hiikkatee farrummaa itti jiran irraa yeroon akka dhaabbatan gorsee gadi dhiisee jira.
Diinni torban tokkoon dura irraa eegalee sochii WBO danquu fi FXG dura dhaabbachuuf Godina Baha Oromiyaa keessatti humna waraana isaa lafoo fi helekopterootaan guuruun bakkoota hedduutti qubsuma waraanaa tolfatuun kan beekame oggaa ta’u, kanaan alattis humna poolisaa kan “Liyyuu Haayil” jedhaman Ogaaden keessaa qabus gara Baha Oromiyaatti akka sossoose ifa ta’eera.
You must be logged in to post a comment.