jump to navigation

Oromia (WBO): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Loltoota Diinaa 87 ajjeese 37 madoo taasise May 1, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO).
Tags: , ,
add a comment

Odaa Oromoo

SBO Oduu Ammeefb367-alaabaanew

 

(SBO – Camsaa 1 bara 2016): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Loltoota Diinaa 87 ol Hojiin Ala Taasisee, Meeshaalee Waraanaa Adda Addaa hedduu Booji’uudhaan Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.

Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba-Bahaa, Oromiyaa Godina Baalee Ona Eelkarree bakkoota adda addaatti haleellaa Bitootessa 24 fi 28 bara 2016 akkasumas Ebla 2 bara 2016 waraana wayyaanee Sochii Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) dura dhaabbachuu fi WBO sakatta’uu akeekkatee bobbaafame haleeluun loltoota diinaa 57 battalummatti ajjeesee, 30 ol ammoo madoo taasisuudhaan injifannoo galmeessee jira.

Haaluma kanaan Bitootessa 24 bara 2016 gootichi humni addaa WBO, Godina Baalee Ona Eelkarree bakka Gooroo Saalaa jedhamutti ganama keessaa Sa’aatii 8:00 hanga 9:00tti waraana Wayyaanee WBO sakatta’uuf bobbaafame haxxee hidhee haleeludhaan loltoota 15 battalummatti yoo ajjeesu, 9 ammoo haala hamaan madeessuun kanneen hafan facaaseera.

Haleellaa kanaanis:

  • Qawwee AKM-47 baay’inni isaa 15 tahe hidhannoo guutuu waliin
  • Rasaasa AKM firii 800 ol
  • Boombii harkaa fi lakkoofsaan 25 tahu fi meeshaalee waraanaa adda addaa humna diinaarraa booji’uudhaan QBO ABOn hogganamuuf oolchee jira.

Irree fi gaachanni saba Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana qubattuu, wayyaanee/TPLF irratti fudhatu itti fufuun Bitootessa 28 bara 2016 Onuma Eelkarree naannoo Gaara Girriirraa bakka Eela Hoofii jedhamutti loltoota diinaa WBO akka sakatta’aniif bobbaafaman rukutee 23 ajjeesudhaan 14 ammoo madeesse.

WBOn loltoota diinaa sakattaarra oolanii guyyaa sa’aatii 1:00 irratti bakka Eela Hoofii jedhamu boqotaa turan irratti tarkaanfii fudhate kanaan,

  • Qawwee AKM-47 Baay’inaan 17 tahu hidhannoo guutuu waliin
  • Rasaasa AKM firii 1200 ol
  • Bombii harkaa fi baay’inni isaa 32 akkasumas
  • Raadiyoo qunnamtii RT-33 tokko (1) loltoota Wayyaaneerraa booji’uun dantaa QBOf oolchee jira.

Gootichi humni addaa WBO Godina Kibba-Baha humnoota diinaa sochii FXG qeerroo-barattoonni Oromoo ummata waliin tahuudhaan gaggeessaa jiran dhaabuu fi lammiilee Oromoo gooluuf akkasumas sochii WBO danquuf bobbaafaman irratti tarkaanfii fudhatu ittuma fufuudhaan Ebla 2 bara 2016 Ona Eelkarree bakka Gola Hurrii jedhamuun beekkamutti lola ganama sa’aatii 10:00 hanga 10:45tti taasiseen, dursee dhukaasa irratti banuun loltoota wayyaanee 9 battalumatti ajjeesudhaan 7 ol madeessudhaan gaaga’ama tokkoon alatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Walumaagalatti, Gootichi Humni Addaa Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Ona Eelkarree bakkoota sadeenitti tarkaanfii waraana Wayyaaneerratti fudhateen, loltoota sirnichaa 47 ajjeesee kanneen 30 caalan madeessudhaan hojiin ala taasisee jira. Tarkaanfiidhuma boonsaa kanaan Qawwee AKM-47 heddumminni isaa 33 tahe hidhannoo guutuu waliin, rasaasa AKM firii 2000 ol, boombii harkaa F1 57 fi Raadiyoo Qunnamtii RT-33 tokko akkasumas meeshaalee waraanaa adda addaa diinarraa booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf oolchuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Tarkaanfii humnoota hidhattootaa sirna Wayyaanetiin bobbaafaman akkasumas farreen QBO fi FXGtti gufuu tahaa jirani fi Ummata Oromoo hiraarsaa jiran irratti fudhatu hanga Bilisummaan Ummata Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaahutti jabeessee fi bal’isee kan itti fufu tahuu Ajajni WBO Godina Kibba-Bahaa beeksisee, Ummanni Oromoo tinnisa roga hedduun WBOf taasisaa jiru daran akka cimsee itti fufu dhaamee jira.

Injifannoo Ummata Oromoof

Oromia (WBO): Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Finfinnee Kaaba Baha Shaggaritti Diina Haleele March 21, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia, Oromia (WBO).
Tags: , , ,
add a comment

Odaa Oromoofb367-alaabaanew

(Oromia Press, Bitootessa 21 Bara 2016): Bitootessa 19,2016 Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Tarkaanfilee Rifachiisoo Humna Waraana Wayyaanee Irratti Fudhate.

Oduun arganne akka hubachiisutti Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Bitootessa 19,2016 Kaaba Baha Shaggar keessatti iddoo sadiitti tarkaanfilee wayyaanee baaragsan fudhatuun injifannoo galmeessee jira.

Tarkaanfileen kun kan fudhataman Kaaba Baha Shaggar Laga Xaafoo fi Sandaafaa gidduutti ta’uu oduun kun mirkaneesseera.

Haaluma kanaan Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa halkan keessaa sa’aa 2:00 irratti riqicha Laga Daadhii irratti karaa gara Maqalee deemu cufuudhaan humna diinaa bansiisuuf socho’aa ture haleelee miidhaa guddaa irraan gahee jira.

Tarkaanfii kanaan walqabatee sa’uma kanatti humna diinaa mooraa tikaa Kotobee jiru irraa ka’ee fi humna addaa poolisa Oromiyaa gidduutti dogoggoraan dhukaasni geggeeffamaa akka tures ibsameera.

Guyyuma kana Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa waardiyyoota Kolleejjii Poolisii Itophiyaa Sandaafaa karra guddicha irratti haleeluun loltoota wayyaanee 5 ol hojiin ala gochuunis gabaafameera.

Bakkuma kanatti tarkaanfii Gartuu Humna Addaa Qaanqee Bilisummaan fudhatameen kuusaan computeraa fi giddugalli leenjii Yunversitii Kolleejjii kanaa guutummaatti akka gubates ibsameera. Mooraa kana keessaa hanga ganama sa’aa 6:00tti aarri halaalaa mul’ataa akka ture kanneen ijaan arganis ragaa dubbataniiru.

Tarkaanfii fudhatame kanatti guddoo kan rifate mootummaan wayyaanee Bitootessa 20,2016 karaa cufuun sakattaa bal’aa ummata irratti geggeessaa akka tures beekuun danda’ameera.

 

Oromia (WBO): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Loltoota Gabroomfattuu Wayyaane 71 Hojii ala Godhe March 17, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia, Oromia (WBO), Oromo.
Tags: , , , ,
add a comment

Odaa Oromoosbofb367-alaabaanew

 


 

(SBO/VOL – Bitootessa 17, 2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Kibba-Baha Oromiyaa Godina Baalee Keessa Sossohu Kasaaraa Guddaa Waraana Wayyaanee Irraan Gahuun Injifannoo Boonsaa Galmeesse.

Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba-Baha Oromiyaa keessa sossohu Bitootessa 13 fi 14,2016 Baalee Onoota gara garaa keessatti waraana gabroomfattuu wayyaanee FXG dhaamsuuf ummata Oromoo irratti rorrisaa jiruu fi sochii WBO danquuf socho’u irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen loltoota diinaa 71 ol hojiin ala gochuu fi mi’oota waraanaa adda addaa booji’uu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa ifa godhee jira.

Haaluma kanaan WBOn Godina Kibba-Baha Oromiyaa Bitootessa 13,2016 Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kosii jedhamutti waraana wayyaanee kan sakattaa WBO irra oolee bakka kana bule bariin weeraruun loltoota 12 yeroo irraa ajjeesu, 9 ol ammoo madeessee jira.

Lola kana irratti gootichi WBO qawwee AKM-47 12, Boombii harkaa F1 20, Rasaasa AKM-47 500 fi boorsaa duydaa 10 diina irraa booji’uun qabeenya ABO taasisuu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa beeksisee jira.

Gootichi WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa tarkaanfii isaa itti fufuun, Bitootessa 14,2016 waraana wayyaanee karaa sadiin itti bobbahee isa haleeluuf adeemaa ture Ona Raayituu Laga Dharroo bakka Hoofii jedhamutti ganama keessaa sa’aa 7:20tti dursee lola irratti baneen loltoota wayyaanee 18 ajjeesee, 10 ol ammoo akkaan madeessuu fi kanneen hafan tokko tokkoon faffaca’anii akka baqaan of duuba deebi’an taasisuun injifannoo boonsaa galmeessuu Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa dabalee hubachiiseera.

Lolli kun daqiiqaa 40f geggeeffamuu kan beeksise Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa, tarkaanfii kanaanis qawwee AKM-47 15 hidhannoo guutuu waliin, Bombii harkaa F1 20, Rasaasa AKM-47 1000, borsaa duydaa 18 fi mi’oota adda addaa booji’uu mirkaneesseera.

Loluma kanaan walqabatee waraanni wayyaanee magaalaa Sallahaatii fi Dhiboo irraa dirmatnaaf karaa lamaan socho’aa turan fanjii farra namaa gartuu mahandisoota WBOn kiyyeeffameefiin haleelamanii loltootni 10 battalumatti oggaa du’an, 12 ammoo haala baay’ee ulfaataa ta’een mammadaa’anii harkii fi miilli akka irraa ciccite gabaafameera.

Tarkaanfii laalessaa WBOn waraana isaa irratti fudhatamaa jiruun kan baarage mootummaan wayyaanee kufuuf daddaaqamaa jiru, dabalataan waraana guddaa konkolaataa waraanaa ORALII 14 Waabee gamaan Jijjiga irraa fe’ee gara magaalaa Imeetti akka sossoose barameera. Loltoota wayyaanee Imee seenan keessaa walakkaan magaalaa Qarsaa Allaattii ykn Sallahaat akka seenanis ibsameera.

Dhuma irratti WBOn waraana mootummaa faashistii wayyaanee kan ummata Oromoo karaa nagaan harka duwwaa gaaffii mirgaa gaafataa fi warraaqsa finiinsaa jiru irratti yakka waraanaa raawwataa jiru haleeluu fi lukkeelee diinaa gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an adabuu cimsee kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa beeksisee jira.


 

Oduu wal fakkaatu (related News):

 (Oromia Press,   Bitootessa 14 bara 2016): Oduu Tarkaanfii Amma Nu Gaheen

Ona Ebantuutti Itti Gaafatamaa Dhimma Tikaa fi Nageenyaa Wayyaanee Kan Ture Ajjeefame.

Godina Baha Wallaggaa Ona Ebantuutti yeroo dheeraadhaaf itti gaafatamaa dhimma tikaa fi nageenyaa Onichaa ta’uun hojjechaa fi ummata irraan dararaa ulfaataa ga’aa kan ture namni Geetaachoo Xilahun jedhamu Bitootessa 13,2016 Dilbata kaleessaa tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefame.

Farra ummataa fi gufuu QBO kan ta’e lukkee Geetaachoo Xilahun magaalaa Hindee maadheffatuun barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoo basaasaa, hiisisaa fi dararaan gara garaa akka Oromoota irra gahuuf yakka dhiifama hin qabne hanga guyyaa ajjeefamuutti raawwataa akka ture oduun SBO dhaqqabe ifa godha.

Namni kun gochaa isaa diinummaa fi farra ummataa ta’e kana irraa akka dhaabbatuuf dhaamsi isa dhaqqabus irraa dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin xumuraa irratti fudhatamee jira.

Tarkaanfii lukkee diinaa irratti fudhatame kanatti ummatni Oromoo Ona Ebantuu gammachuu isaa ibsataa jira jechuun oduun nu dhaqqabe ifa godhee jira.

Kanneen lukkee diinaa ta’uun warraaqsa ummata Oromoo FXG dura dhaabbatanii gufuu ta’uuf abbalaa jiran hundi akka karaa irraa maqanii fi warraaqsa ummataatti makaman irra deddeebiin dhaamsi darbaafii jira.


 

Oromia (WBO): Gootichi WBO Godina Bahaa Lotoota diinaa namoota 31 ajeesudhan nama 133 boji’amuu hubataame March 2, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO).
Tags: , , ,
add a comment

Odaa Oromoosbofb367-alaabaanew

 

(SBO/VOL – Bitootessa 01,2016) Tarkaanfii Waraanaa Gootichi WBO Godina Bahaa Gurraandhala 29,2016 Lixa Harargee Keessatti Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.

Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn falmaa diina waliin godhu finiinsaa kan jiru oggaa ta’u, Godina Baha Oromiyaa Lixa Harargee keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan gootichi WBO Godina Bahaa keessa sossohu Gurraandhala 29,2016 guyyaa kaleessaa Lixa Harargee Ona Daaroo-Labuu bakka Halloo-Goobaa jedhamutti humna diinaa weeraruun tarkaanfii haleellaa irratti fudhateen loltoota diinaa 18 ajjeesee, 133 ol booji’amuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksiseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n haleellaa weeraraa kanaan qawwee AK 14 hidhannoo waliin, akkasumas mi’oota waraanaa gara garaa diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiisa.

Mootummaan faashistii fi goolessituu wayyaanee humna waraana isaa haleelame kanaaf dirmatuu fi haala diddaa ummataa naannoo san jiru dhuunfatuuf humna dabalataa konkolaataa 14 olii fi helekopteroota 4n bakkichatti sossoosus sochii WBO fi diddaa ummataa geggeeffamaa jiru dhaabuu akka hin dandeenye gabaafameera.

Gurraandhala 27,2016tti ammoo Gartuun Humna Addaa WBO Baha Harargee magaalaa Laangeey keessatti diina dhahee 3 yeroo irraa ajjeesu, konkolaataa bulchiinsaa tokko daaressee, Pistoola tokko booji’eera.

Tarkaanfii WBO Godina Bahaa kan biraan, WBOn Godina Bahaa Gurraandhala 25,2016 Lixa Harargee Ona Gammachiis naannoo Qun’ee araddaa Mayra-beekaa jedhamutti loltoota diinaa ummata gooluuf sossohaa turan rukutee 3 ajjeesuun, 5 madeessee jira.

Gama biraan Humni Addaa WBO Gurraandhala 25,2016 Lixa Harargee naannoo magaalaa Hirnaatti hidhattoota diinaa kanneen gufuu ta’an to’atnaa isaa jala oolchuun qawwee kilaashii 2 irraa hiikkatee farrummaa itti jiran irraa yeroon akka dhaabbatan gorsee gadi dhiisee jira.

Diinni torban tokkoon dura irraa eegalee sochii WBO danquu fi FXG dura dhaabbachuuf Godina Baha Oromiyaa keessatti humna waraana isaa lafoo fi helekopterootaan guuruun bakkoota hedduutti qubsuma waraanaa tolfatuun kan beekame oggaa ta’u, kanaan alattis humna poolisaa kan “Liyyuu Haayil” jedhaman Ogaaden keessaa qabus gara Baha Oromiyaatti akka sossoose ifa ta’eera.

 

Oromia (WBO): Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Falmaa Godhu Jabeessee Itti Fufuun Diina Irraan Kasaaraa Guddaa Geessisaa, Injifannoo Boonsaa Galmeessaa Jira. February 2, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO).
Tags: , , , ,
1 comment so far

 Odaa Oromoosbofb367-alaabaanew


 

(SBO – GURRAANDHALA 02,2016) Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Falmaa Godhu Jabeessee Itti Fufuun Diina Irraan Kasaaraa Guddaa Geessisaa, Injifannoo Boonsaa Galmeessaa Jira.

Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa keessa sossohu Amajjii 18 – 31,2016tti Lixa Harargee Onoota gara garaa keessatti tarkaanfilee adda addaa waraana gabroomfattuu wayyaanee irratti fudhateen kasaaraa guddaa irraan gahuu Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii SBOf ergeen beeksisee jira.

Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 30,2016tti Lixa Harargee Ona Bookee Xiqqoo magaalaa Bookee Xiqqoo biratti kan argamu mooraa waraana wayyaanee Haxuraa jedhamu weeraruun humna diinaa mooraa kana keessa ture irraan miidhaa olaanaa geessisee jira. Haaluma kanaan loltootni wayyaanee 11 yeroo ajjeefaman, 17 ol ammoo madeeffamuu fi kanneen hafan mooricha gadhiisanii akka baqatan Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.

A/100 Masfin Nagaraa, A/50 Abaatee Yirgaa, A/10 Dammaqaa Silashii fi I/A A/10 Kadir Jundaa kan jedhaman kanneen du’an keessatti akka argamanis hubatameera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n mooraa diinaa kana erga dhuunfateen booda, AK47 13, matarayasii 1, rasaasota gosa adda addaa 1300 olii fi miyoota waraanaa adda addaa booji’ee jira.

Dargaggootni Oromoo naannoo kanatti argaman tarkaanfii diina irratti fudhatame kanatti gammaduudhaan baay’inaan WBOtti akka makamanis Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiisee jira.

WBOn tarkaanfii fudhatu itti fufuun Amajjii 31,2016 Lixa Harargee Ona Odaa Bultum araddaa 25 jedhamee yaamamutti waraana wayyaanee dirmatnaaf sossohaa ture haxiin haleelee 5 ajjeesee, 3 kan madeesse oggaa ta’u, qawwee AKM47 5 irraa booji’eera.

Gama biraan Humni Addaa WBO Amajjii 30,2016 Baha Harargee naannoo Dhangaggootti qondaala tika diinaa nama Abraham G/Masqal jedhamu karaatti eeggachuun kan ajjeese oggaa ta’u, shugguxiin 1s irraa hiikkateera.

Haleellaa diina irratti fudhatu kan itti fufe WBOn Godina Bahaa Amajjii 29,2016 Baha Harargee Ona Fadis bakka Ija-lolaa jedhamutti humna diinaa kan sakattaa irra ture rukutuun 3 irraa ajjeesee akka of booda deebi’an taasisee jira.

Kana malees WBOn Amajjii 25,2016 Lixa Harargee Ona Habroo bakka Dhoomal jedhamuttis waraana wayyaanee kan sakattaa WBOf bobbahe haleeluun 8 ajjeesee 7 ol madeessee jira.

Gootichi WBO Godina Bahaa haleellaa diina irraan gahu itti fufuun Amajjii 18,2016ttis Lixa Harargee Ona Gammachiis bakka Kaasee-Hijaa jedhamee yaamamutti waraana gabroomfattuu wayyaanee hadhuun 6 ajjeesee, 4 yeroo madeessu, AK47 5 irraa booji’eera.

Walumaagalatti gootichi WBO Godina Bahaa tarkaanfilee Amajjii 18 – 31,2016tti Bahaa fi Lixa Harargee keessatti fudhate kanaan loltoota diinaa 33 yeroo ajjeesu, 31 ol ammoo madoo taasisuu fi qawwee AK47 23, materayasa 1, shugguxii 1 fi rasaasota adda addaa hedduu diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.


Oromia (WBO): Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Hidhattoota Wayyaanee haleele January 23, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO).
Tags: , , ,
add a comment

Odaa Oromoosbofb367-alaabaanew

 

(SBO) – Amajii 23, 2016) Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Hidhattoota Wayyaanee Maqaa Faxinoon Ijaaramanii FXG Godina Baalee Keessatti Geggeeffamaa Jiru Dura Dhaabbachuu fi Ummata Irratti Duuluuf Sagantaa Baafatan Adabee Jira. Meeshaalee Adda Addaas Irraa Booji’e.

Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa miliishota wayyaanee Fooq-Umar/Sheekistaa jedhaman irraa ijaaramuun loltoota wayyaanee waliin ta’anii ummata Oromoo Godina Baalee Onoota Raayituu fi Daawwee Sarar irratti lola geggeessuu fi sochii FXG naannicha keessatti geggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf sochii irra turan Amajjii 11,2016 galgala keessaa sa’aa 9:00 irratti Godina Baalee Ona Eelkarree bakka Gola Hurrii jedhamutti haleeluun hidhattoota 4 irraa ajjeesee garii isaanii madeessuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa hubachiisee jira.

Tarkaanfii haxii kanaan Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa AKM 4 hidhannoo guutuu waliin, Rasaasa AKM -47 5000 ol, Uniformii waraanaa 150, Birrii Itophiyaa 120,000 fi mi’oota biroo gaalota sadiin fe’amanii deemaa turan guututti booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa ifa godheera.

Hidhattootni/faxinoon wayyaanee kun kan haleelaman haxxeedhaan oggaa ta’u, humni kunis gaala sadiin rasaasota adda addaa, uffannaa waraanaa/uniformii fi mi’oota gara garaa fe’uun qaama murna miliishota kanaa naannoo qubsuma Fooq-Umar bakka Dhiboo jedhamu qubatee jiruuf geessuuf sochii irra akka tures gabaafameera.