Oromia (WBO): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Loltoota Gabroomfattuu Wayyaane 71 Hojii ala Godhe March 17, 2016
Posted by OromianEconomist in Oromia, Oromia (WBO), Oromo.Tags: Oduu Tarkaanfii WBO, Oromia, Oromo, WBO, WBOn L otoota Gabroomfattuu Wayyaane 71 hojii ala godhe
trackback
(SBO/VOL – Bitootessa 17, 2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n… Kibba-Baha Oromiyaa Godina Baalee Keessa Sossohu Kasaaraa Guddaa Waraana Wayyaanee Irraan Gahuun Injifannoo Boonsaa Galmeesse.
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba-Baha Oromiyaa keessa sossohu Bitootessa 13 fi 14,2016 Baalee Onoota gara garaa keessatti waraana gabroomfattuu wayyaanee FXG dhaamsuuf ummata Oromoo irratti rorrisaa jiruu fi sochii WBO danquuf socho’u irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen loltoota diinaa 71 ol hojiin ala gochuu fi mi’oota waraanaa adda addaa booji’uu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa ifa godhee jira.
Haaluma kanaan WBOn Godina Kibba-Baha Oromiyaa Bitootessa 13,2016 Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kosii jedhamutti waraana wayyaanee kan sakattaa WBO irra oolee bakka kana bule bariin weeraruun loltoota 12 yeroo irraa ajjeesu, 9 ol ammoo madeessee jira.
Lola kana irratti gootichi WBO qawwee AKM-47 12, Boombii harkaa F1 20, Rasaasa AKM-47 500 fi boorsaa duydaa 10 diina irraa booji’uun qabeenya ABO taasisuu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Gootichi WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa tarkaanfii isaa itti fufuun, Bitootessa 14,2016 waraana wayyaanee karaa sadiin itti bobbahee isa haleeluuf adeemaa ture Ona Raayituu Laga Dharroo bakka Hoofii jedhamutti ganama keessaa sa’aa 7:20tti dursee lola irratti baneen loltoota wayyaanee 18 ajjeesee, 10 ol ammoo akkaan madeessuu fi kanneen hafan tokko tokkoon faffaca’anii akka baqaan of duuba deebi’an taasisuun injifannoo boonsaa galmeessuu Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa dabalee hubachiiseera.
Lolli kun daqiiqaa 40f geggeeffamuu kan beeksise Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa, tarkaanfii kanaanis qawwee AKM-47 15 hidhannoo guutuu waliin, Bombii harkaa F1 20, Rasaasa AKM-47 1000, borsaa duydaa 18 fi mi’oota adda addaa booji’uu mirkaneesseera.
Loluma kanaan walqabatee waraanni wayyaanee magaalaa Sallahaatii fi Dhiboo irraa dirmatnaaf karaa lamaan socho’aa turan fanjii farra namaa gartuu mahandisoota WBOn kiyyeeffameefiin haleelamanii loltootni 10 battalumatti oggaa du’an, 12 ammoo haala baay’ee ulfaataa ta’een mammadaa’anii harkii fi miilli akka irraa ciccite gabaafameera.
Tarkaanfii laalessaa WBOn waraana isaa irratti fudhatamaa jiruun kan baarage mootummaan wayyaanee kufuuf daddaaqamaa jiru, dabalataan waraana guddaa konkolaataa waraanaa ORALII 14 Waabee gamaan Jijjiga irraa fe’ee gara magaalaa Imeetti akka sossoose barameera. Loltoota wayyaanee Imee seenan keessaa walakkaan magaalaa Qarsaa Allaattii ykn Sallahaat akka seenanis ibsameera.
Dhuma irratti WBOn waraana mootummaa faashistii wayyaanee kan ummata Oromoo karaa nagaan harka duwwaa gaaffii mirgaa gaafataa fi warraaqsa finiinsaa jiru irratti yakka waraanaa raawwataa jiru haleeluu fi lukkeelee diinaa gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an adabuu cimsee kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Godina Kibba-Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Oduu wal fakkaatu (related News):
(Oromia Press, Bitootessa 14 bara 2016): Oduu Tarkaanfii Amma Nu Gaheen
Ona Ebantuutti Itti Gaafatamaa Dhimma Tikaa fi Nageenyaa Wayyaanee Kan Ture Ajjeefame.
Godina Baha Wallaggaa Ona Ebantuutti yeroo dheeraadhaaf itti gaafatamaa dhimma tikaa fi nageenyaa Onichaa ta’uun hojjechaa fi ummata irraan dararaa ulfaataa ga’aa kan ture namni Geetaachoo Xilahun jedhamu Bitootessa 13,2016 Dilbata kaleessaa tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefame.
Farra ummataa fi gufuu QBO kan ta’e lukkee Geetaachoo Xilahun magaalaa Hindee maadheffatuun barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoo basaasaa, hiisisaa fi dararaan gara garaa akka Oromoota irra gahuuf yakka dhiifama hin qabne hanga guyyaa ajjeefamuutti raawwataa akka ture oduun SBO dhaqqabe ifa godha.
Namni kun gochaa isaa diinummaa fi farra ummataa ta’e kana irraa akka dhaabbatuuf dhaamsi isa dhaqqabus irraa dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin xumuraa irratti fudhatamee jira.
Tarkaanfii lukkee diinaa irratti fudhatame kanatti ummatni Oromoo Ona Ebantuu gammachuu isaa ibsataa jira jechuun oduun nu dhaqqabe ifa godhee jira.
Kanneen lukkee diinaa ta’uun warraaqsa ummata Oromoo FXG dura dhaabbatanii gufuu ta’uuf abbalaa jiran hundi akka karaa irraa maqanii fi warraaqsa ummataatti makaman irra deddeebiin dhaamsi darbaafii jira.
Comments»
No comments yet — be the first.