Oromia (WBO): Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Finfinnee Kaaba Baha Shaggaritti Diina Haleele March 21, 2016
Posted by OromianEconomist in Oromia, Oromia (WBO).Tags: Oduu Tarkaanfii WBO, Oromia, Oromia (WBO): Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa finfinnee Kaaba Baha Shaggar haleele, WBO
add a comment
(Oromia Press, Bitootessa 21 Bara 2016): Bitootessa 19,2016 Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Tarkaanfilee Rifachiisoo Humna Waraana Wayyaanee Irratti Fudhate.
Oduun arganne akka hubachiisutti Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa Bitootessa 19,2016 Kaaba Baha Shaggar keessatti iddoo sadiitti tarkaanfilee wayyaanee baaragsan fudhatuun injifannoo galmeessee jira.
Tarkaanfileen kun kan fudhataman Kaaba Baha Shaggar Laga Xaafoo fi Sandaafaa gidduutti ta’uu oduun kun mirkaneesseera.
Haaluma kanaan Gartuun Humna Addaa Qaanqee Bilisummaa halkan keessaa sa’aa 2:00 irratti riqicha Laga Daadhii irratti karaa gara Maqalee deemu cufuudhaan humna diinaa bansiisuuf socho’aa ture haleelee miidhaa guddaa irraan gahee jira.
Tarkaanfii kanaan walqabatee sa’uma kanatti humna diinaa mooraa tikaa Kotobee jiru irraa ka’ee fi humna addaa poolisa Oromiyaa gidduutti dogoggoraan dhukaasni geggeeffamaa akka tures ibsameera.
Guyyuma kana Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa waardiyyoota Kolleejjii Poolisii Itophiyaa Sandaafaa karra guddicha irratti haleeluun loltoota wayyaanee 5 ol hojiin ala gochuunis gabaafameera.
Bakkuma kanatti tarkaanfii Gartuu Humna Addaa Qaanqee Bilisummaan fudhatameen kuusaan computeraa fi giddugalli leenjii Yunversitii Kolleejjii kanaa guutummaatti akka gubates ibsameera. Mooraa kana keessaa hanga ganama sa’aa 6:00tti aarri halaalaa mul’ataa akka ture kanneen ijaan arganis ragaa dubbataniiru.
Tarkaanfii fudhatame kanatti guddoo kan rifate mootummaan wayyaanee Bitootessa 20,2016 karaa cufuun sakattaa bal’aa ummata irratti geggeessaa akka tures beekuun danda’ameera.
You must be logged in to post a comment.