jump to navigation

Oromia (WBO): Ajaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Loltootni Wayyaanee 17 Ol Hojiin Ala Ta’an. January 2, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
add a comment

Odaa OromoosboBilisummaa (Freedom Function)fb367-alaabaanew

 

 

(SBO – MUDDE 31, 2015) Ajaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Mudde 27,2015 Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Bahaa, Baha Harargee Ona Fadis keessaa bakka Harooressa jedhamutti humna waraana wayyaanee sababa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG)n ummata hiraarsaa ture irratti haleellaa raawwateen loltoota 8 ajjeesee, 9 ol ammoo madeesseera. Warri miidhama irraa hafe ammoo baqaan akka of booda deebi’an ibsameera.

Lola kana irratti WBOn Kilaashii 5 fi qabeenya biroo diina irraa booji’uun dantaa QBOf oolchuunis gabaafameera.

Related (Oduu kanan wal fakkaatu):-

(SBO – AMAJJII 02,2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Zoonii Kibbaa Amajjii 01,2016 Ona Mooyyalee Keessatti Tarkaanfii Loltoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 11 Ol Hojiin Ala Taasise.

Ajaji WBO Zoonii Kibbaa akka beeksisetti humni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Amajjii 01, 2016 ganama keessaa Ona Mooyyalee bulchiinsa magaalaa Tuqaa Qaqalloo jalatti kan argamtu ganda Mudhii Amboo keessatti kan argaman loltoota wayyaanee haleeluun 6 irraa ajjeesee 4 ol ammoo madeessee jira.

Humni WBO tarkaanfii kana fudhate haleellaa isaa itti fufuun, guyyuma kana ganda Maddoo jedhamtu seenuun waajjira bulchiinsaa sirna wayyaanee kan ummata irratti miidhaa adda addaa raawwatu dokumentota keessa jiran waliin guutummaatti oggaa barbadeessee jira.
Waraanni wayyaanee humna WBO tarkaanfii kana fudhatee dirqama biraaf socho’aa ture doqdoqqoota (matorcykilootaan) hordofee sochii isaa danquuf yaalii godhus, humni WBO haxxeedhaan haleelee loltuu tokko oggaa irraa ajjeesu, doqdoqqee tokko ammoo guutuutti gubee daaressee jira.