jump to navigation

Oromia: Lola gooticha ummata Oromoo Baalee, Ona Beeltoo fi waraana wayyaanee jidduutti gaggeeffameen ummanni waraana wayyaanee irraa 25 ajjeesee, kanneen 18 ol ta’an madeessudhaan qawwee Kilaashii 18 hidhannoo waliin diinarraa booji’uun injifannoo gonfatee jira September 22, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
add a comment

Odaa OromooOromianEconomist

fb367-alaabaanewsbo


Lola gooticha ummata Oromoo Baalee, Ona Beeltoo fi waraana wayyaanee jidduutti Fulbaana 15 fi 16  guyyoota Lamaaf gaggeeffameen ummanni waraana wayyaanee irraa 25 ajjeesee, kanneen 18 ol ta’an madeessudhaan qawwee Kilaashii 18 hidhannoo waliin diinarraa booji’uun injifannoo  gonfatee jira.


(SBO/VOL – Fulbaana 22,2016) Odeessi Kibba-Baha Oromiyaa irraa SBO dhaqqabe akka hubachiisutti Ummanni Oromoo murannoo jabaa fi gootummaadhaan Humnoota Waraanaa Murni Faashistii fi gabroomsaan gocha bineensummaa akka raawwataniif itti bobbaase dura gootummaan dhaabbachuun Ofirraa qolachuurra dabre, haleeludhaan injifannoo cululuqaa galmeessaa jira.

 

Godina Baalee Ona Beeltoo gandeen adda addaa keessatti ummanni Oromoo “Biyya keenna, Oromiyaa, falmataa irratti dhumnee dhabamna tasa Wayyaaneef dabarsinee hin laannu” jechuun falmaa hadhaawaa mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Oromoof taasisaa jiru cimsee itti fufuun mootummaa gabroomsaa waliin kokkee hudhee wal qabee jira.

 

Akka odeessa nu gahe kanaatti, waraanni murna Faashistii Wayyaanee, Ona Beeltoo jiraattota gandeen Harree Kolooloo, Tulluu Daraarii fi Hara Ciirraa jedhamanii kan tikfattummaan jireenya gaggeeffatan hidhannoo hiikkachiisuuf wayta yaaletti dura dhaabbannoo jabaan isa mudate. Humnoonni diinaa meeshaa waranaa hamma funyaaniitti hidhachiifamuun ummata Oromootti bobbaafaman Ummanni Qawwee horii isaa bineensarraa tikfatuu fi ofis weerara miliishoota sirna Wayyaaneen bobbaafaman of irraa ittisuuf bitate akka hiikkatu ajaja dabarsan. Akkanaanis “Qawwee akka bitattan kan isin ajaje YKN isiniif dhaame ABO dha, qawwee wanni bitattaniif ammoo mootummaa loluuf akka ta’e qormaataan mirkaneeffannee waan jirruuf, warra qawwee qabdan hunda akka hiikkachiifnu dirqamni nutti kenname” jechuun yoo ummata gandeen Kudhanii naannawa sana jiraatu walitti qabanii dirqiin irraa hiikuuf yaalanitti ummanni akkaan dallanee diddaa fi mormii cimaa agarsiise.

 

 

Ummanni Oromoo doorsisaa fi ajaja humnoota wayyaaneef odoo hin jilbeeffanne akka qawwee hin hiikkanne ifatti itti himee jira. “Nuti qawwee horii/maallaqa keenyaan bitanne. Kan bitanneefis saamicha qabeenyaa fi gaaga’ama lubbuu hidhattoonni Somaalee leenjiftanii qawwee itti hidhuun nutti bobbaaftan ofirraa ittisuufi. Mootummaan erga lammiilee keenya dhibbootaan ficcisiisee fi nu saamsisee booda araara jedhee nu sossobuun ammas balaa biraaf lafa jalaan hojjetuu isaatti dammaqnee akka didannee mootummaa isin ergettuu himnee jirra, qawwee kan bitanneef ofii fi qabeenya keenya balaarraa ittifatuufi waan ta’eef hin hiikkannu” jechuun gootummaan ifatti itti himuudhaan murannoo qaban ibsan.

 

Doorsisaan qawwee hiikkachiisuuf kan bobbaafaman hidhattoonni wayyaanee murannoo jabaa ummatni agarsiiseen rifatuudhaan of duuba deebi’anii gooftolii isaaniitti himuudhaan waraana hedduun ummata Oromootti duulan. Ummata Oromoo qawwee hin hiikkannu jechuutti cichanii fi waraana wayyaanee kaayyoo diinummaa galiin ga’uuf bobba’ee ummatarraa humnaan qawwee hiikkachuuf tattaafate jidduutti Fulbaana 15 bara 2016 walitti bu’iinsi uumame. Waraanni wayyaanee gandeen Ona Beeltoo kanneen akka Harree Kolooloo, Tulluu Daraarii fi Hara Ciirraa keessa heddumminaan qubsiifame ummata marsee dirqamaan qawwee hiikkachiisuuf wayta yaaletti ummanni guutummaan dura dhaabbachuurraa lolli hadhaawaan Fulbaana 15 bara 2016 ganamarraa eegalee odoo addaan hin citin oolee, hanga borumtaa isaa, Fulbaana 16 bara 2016tti, deemuu maddeen keenya gabaasanii jiru.

 

Lola gooticha ummata Oromoo Baalee, Ona Beeltoo fi waraana wayyaanee jidduutti guyyoota Lamaaf gaggeeffame kanaan ummanni waraana wayyaanee irraa 25 ajjeesee, kanneen 18 ol ta’an madeessudhaan qawwee Kilaashii 18 hidhannoo waliin diinarraa booji’uun injifannoo  gonfatee jira. Waraanni weerartuun wayyaaneen bobbaase gootowwan ilmaan Oromoo dura dhaabbatuu dadhabuudhaan reeffa loltoota isaa lafatti gatee baqatuun gara irra bobbaafame, magaalaa Beeltootti akka deebi’etu barame.

 

 

Lola hadhaawaa ummanni Oromoo waraana diinaa dura dhaabbatee falme kanarratti gama ummataatii goototni qaqqaaliin 20ni wayta wareegaman kanneen 25 ol tahan ammoo madeeffamuus odeessi arganne dabaluun ifa godha.

 

Kabajamuu mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaaf onnatee falmaa gaggeessaa kan jiru ummanni naannichaa duula wayyaaneen qawwee hiikkachiisuun dhumaatii caalu dhaqqabsiisuuf itti aggaame kanaan daranuu dallanuudhaan gamtaan sossohee weerartootarraa of ittisuu fi naannoo isaatii ari’uuf murannoo qabu agarsiisee jira. “Nuu fi wayyaaneen warra gumaa ti, ajaja mootummaa wayyaanee tokkollee hin fudhannu, hireen qabnu tokkichi hidhannoo qabnuun ofii fi biyya keenya ittisaa wareegamuu dha” jechuun hidhannoo isaanii gonkumaa akka hin hiikkanne firaafis diinaafis mirkaneessan.

 

Jiraattonni Godina Baalee Ona Beeltoo gandeen adda addaa wayyaaneen maqaa ABOtiin qabatee Oromummaan yakkee lafarraa isaan duguuguuf saganteeffatee akka jiru dursanii hubachuun hidhannoo hiikachuu didanii waraana wayyaanee dura gootummaan kan dhaabbatan yoo tahu, ABOn Kallacha keenya, ABOn dhiiga keenya waan taheef yoomiyyuu ni jaalanna ni deeggarra jedhanii wayyaaneetti himuun murannoo qaban ibsan jedha gabaasni arganne.

 

Kasaaraa ummanni gootummaan falmatee waraana isaarraan gahee fi ummanni jaalalaa fi deeggarsa ABOf qabu ifatti mul’ifattuutti kan shororkaawee fi baarage mootummaan wayyaanee xiyyeeffannaa ummataa kallattii isaa jijjiiree bifa sossobbiitiin ummata lolaan dadhabe shiraan jilbeeffachiisuuf “Wanni dhalate kun dogoggora guddaa dha, rakkoon ummata osoo hin tahin ABO dha jechuun afanfajjii uumuuf dhama’anis ummanni fudhatama dhabsiisee jira.

 

Ummanni diduudhaan dura dhaabbannoo fi fincila isaa itti fufuu kan hubate gartuun TPLF, waraana isaa Kumootaan naannichatti dhangalaasuun ummata Oromoo akka bosonuutti adamsee fixuu itti fufee akka jiruu fi ummannis harka laachuu didee murannoon falmataa jiraatuurraa wayta ammaa kana naannichi dirree lolaatti jijjiiramee akka jiru gabaasni arganne ifa godha.

Oromia (WBO): Irree fi Gaachanni Ummataa WBOn Diina galaafate August 4, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
add a comment

Odaa OromooOromianEconomistSBO Oduu Ammeefb367-alaabaanew

 

 

( SBO: Hagayya 03,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Dhiha Oromiyaa keessa sossohu waraana wayyaanee ummata keenya hiraarsaa jiru irratti tarkaanfii fudhatu itti fufuun tibbanas injifannoo galmeessee jira.

Dhiha Oromiyaa keessa kan sossohu WBOn waraana wayyaanee ummata Oromoo nagaan mirga isaaf falmataa jiru shororkeessuuf konkolaataan bobbaafamaa ture Lixa Wallaggaa Anfilloo Muggii fi Gambeellaa gidduutti haleeluun kasaaraa guddaa irraan gahee jira.
Haaluma kanaan gootichi WBO Dhiha Oromiyaa Adoolessa 29,2016 barii lafaa sa’aa 4:00 irratti waraana wayyaanee konkolaataa 3n Anfilloo Muggi irraa gara Gambeellaatti deemaa ture bakka SS jedhamutti haxiidhaan haleeluun loltoota wayyaanee 8 battalatti oggaa ajjeesu, hedduu isaanii madeessuu Ajaji WBO Zoonii Qellem beeksiseera.

Lolli kun walakkaa sa’aatiif kan geggeeffame oggaa ta’u, madoon loltoota wayyaanee kun gara Gambeellaatti akka geeffamanis Ajaji WBO Zoonii Qellem dabalee hubachiiseera.

Waraanni wayyaanee haleelame kun humna dabalataa Gambeellaa irraa waammachuun sakattaa jedhee naannoo Anfilloo Garjeedaa fi gammoojjii Waabaa Eebbaa jedhamu keessatti ummata gidirsaa akka jirus hubachuun danda’ameera.

WBOn falmii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaaf ummatni Oromoo Warraaqsa Biyyaalessaa FXG finiinsaa jiru cinaatti, bilisummaa ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf qabsoo hadhooftuu taasisaa jiru daran jabeessuun godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee waraanaa qubattuu wayyaanee fi farreenii fi gufuu QBO fi warraaqsichaa ta’an irratti fudhatu jabeessaa fi babal’isaa jiraachuu hojiin agarsiisaa jira.