jump to navigation

Oromia (WBO): Irree fi Gaachanni Ummataa WBOn Diina galaafate August 4, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
trackback

Odaa OromooOromianEconomistSBO Oduu Ammeefb367-alaabaanew

 

 

( SBO: Hagayya 03,2016) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Dhiha Oromiyaa keessa sossohu waraana wayyaanee ummata keenya hiraarsaa jiru irratti tarkaanfii fudhatu itti fufuun tibbanas injifannoo galmeessee jira.

Dhiha Oromiyaa keessa kan sossohu WBOn waraana wayyaanee ummata Oromoo nagaan mirga isaaf falmataa jiru shororkeessuuf konkolaataan bobbaafamaa ture Lixa Wallaggaa Anfilloo Muggii fi Gambeellaa gidduutti haleeluun kasaaraa guddaa irraan gahee jira.
Haaluma kanaan gootichi WBO Dhiha Oromiyaa Adoolessa 29,2016 barii lafaa sa’aa 4:00 irratti waraana wayyaanee konkolaataa 3n Anfilloo Muggi irraa gara Gambeellaatti deemaa ture bakka SS jedhamutti haxiidhaan haleeluun loltoota wayyaanee 8 battalatti oggaa ajjeesu, hedduu isaanii madeessuu Ajaji WBO Zoonii Qellem beeksiseera.

Lolli kun walakkaa sa’aatiif kan geggeeffame oggaa ta’u, madoon loltoota wayyaanee kun gara Gambeellaatti akka geeffamanis Ajaji WBO Zoonii Qellem dabalee hubachiiseera.

Waraanni wayyaanee haleelame kun humna dabalataa Gambeellaa irraa waammachuun sakattaa jedhee naannoo Anfilloo Garjeedaa fi gammoojjii Waabaa Eebbaa jedhamu keessatti ummata gidirsaa akka jirus hubachuun danda’ameera.

WBOn falmii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaaf ummatni Oromoo Warraaqsa Biyyaalessaa FXG finiinsaa jiru cinaatti, bilisummaa ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf qabsoo hadhooftuu taasisaa jiru daran jabeessuun godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee waraanaa qubattuu wayyaanee fi farreenii fi gufuu QBO fi warraaqsichaa ta’an irratti fudhatu jabeessaa fi babal’isaa jiraachuu hojiin agarsiisaa jira.


 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: