Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe.
Hagayya 26,2016
Qabsoo mirga abbaa biyyummaa falmii ummanni Oromoo taasisaa jiru Oromiyaa keessaa fi alaan kan yoomii irra haala abdachiisaan deemaa jira. Sabni Oromoo mirga isaa jaarraa tokkoo oliif dhabee jiru deebsiee of harkatti galfatee nagaa, tasgabbi fi bilisummaan Oromiyaa keessa jiraachuuf yeroo murteeffatee ka’e keessatti argamna. Mirgi ummata Oromoo mirga saboota kami iyyuu dhiibuu fi sarbuuf osoo hin taane sabni kamuu Oromiyaa keessa jiraatu cunqursaa fi hacuucaa bifa kami irraa iyyuu bilisa bahee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu kan wabii kennuufii ta’uu irra deebiin mirkaneessina. Sochii yeroo kamiinuu caalaatti ummanni Oromoo bara ammaa taasisaa jiru kun sablammii cunqurfamoo dabalatee daran jabaatee akka itti fufuuf Qeerroon Bilsummaa Oromoo kan yeroo kamiinuu caalaa tooftaa fi tarsiimoo adda addaan hojjechaa jira.
Sochii FDG bara 2011 bifa qindaayeen Qerroon Bilisummaa Oromoo eegale irraa jalaan finciloota xiqqaa fi guddaa gaggeessuun har’aan gahee jira, sochiilee Oromiyaa keessaa adda Qooda ol aanaa kennaa injifatnoolee irraa jalaan argamaa jiru hanga ammaa salphaa hin turre, Wareegami lubbuu fi qaamaa akkasumas qabeenyaa hedduu kan itti kitimamee fi dhabame yeroo ta’u gumaa wareegama kanaa bilisummaan baasuuf bifa fedheen irratti hojjetamaa akka jiru mirkaneessina. Kun hanga argamuu fi xumuramu wareegama caalaa baasuufis of duubaa akka hin deebine firaafis diinaafis ifa goona.
Fincila Xumura gabrummaa yeroo kana ykn bara 2016 kana keessa gaggeessaa jirru toftaa ammayyummaan fayyadamuun diina keenya irra aanuuf hogganootiin Qeerroo fi miseensotiin Qeerroo Bilisummaa akkasumas madheeleen qabsoo bilisummaa Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jiran jabinaan irratti hojjetaa jiru. Caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi madheeleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo mootummaa Wayyaanee keessa ta’anii mootummicha akka rirmaatti nyaataa jiranii fi ummati Oromoo akkasumas barattootiin Oromoo addatti fincila gaggeessaa jiran akeekaa fi kaayyoo abbaa biyyummaa bakkaan gahuuf hakanii fi guyyaa irratti hojjechaa jirama.
Kanaaf, yeroo gabaabaa keessatti bifa qindaayee fi mootummaa Wayyaanee irratti fincilootaa qindaawaan irraatti humna guutuun hirmaatuun fincila xumura gabrummaa itti fufamuuf deemu ummanni Oromoo waliigala qorqalbiin hordofaa qaamaan keessatti of qusatnaa maleee hirmaataa biyya keessaa fi alaan sochii warraaqsaa fi deggersa keessan daran akka jabeessitan waamicha lammummaa dabarsina.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Injifatnoon Ummata Oromoof
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Hagayya 26,2016
Finfinnee,Oromiyaa
You must be logged in to post a comment.