jump to navigation

Oromia: Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisumaa Oromoo Hojeettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Keessa Jiran Hundaa Irraa Ba`e October 23, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests.
Tags: , , , , , ,
1 comment so far

Odaa OromooOromianEconomist

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisumaa Oromoo Hojeettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Keessa Jiran Hundaa Irraa Ba`e

       


cropped-qeerroo-edit.jpg

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisumaa Oromoo Hojeettoota Mootummaa  Naannoo Oromiyaa Keessa Jiran Hundaa Irraa Ba`e

Akkumaa armaan Olitti Ibsuu yaalametti  Nuttii qeerroon bilisumaa Oromoo  Oromiyaa keessa kan jiranuu yeroo gargara fi kallatti kamiin Fincila Xumura garbumaa gaaggeessa turun keenya ni yaadatama.

Akkasumsaa Injjifaannon irraa aana  turuun keenya ni beekama ammas hanaga xumuraa gabrumaa kanatti cimsinee akka itti fufunus gamanumaan cimsinee isiin beeksifna .Akkasumas Hojiillee Qeerroon Bilisumaa Oromoo hojecha tures Ummaata keenyaf Injjifannoo, Dinnaaf immoo Yaadoo dhumaa kan Abdii kuutan ta`eraf.Haa ta`u malee Oromoo ta`anii kan gocha diinaf ergamanii hojii adda adda fi Video adda adda warrabanii kan ummaata keenya tokko ta`e ka`e fi mudhii isaa walitti hidhatee yeroo ka`ee diina duraa dhabbate.

1.Mirga abbaa biyyummaa; sabni guddaan biyya dhabaatti jira jedhe falmacha jirutti

2. Gaaffii guddinaa fi dagaagina Afaan Oromoo (Afaan Oromootu lafa Oromoo Finfinneerratti lagatame..mana barnootaa dhabe…afaan biraan garboomfame jedhe yeroo dhiiga dhangalaasa jiruttii.

3. . Bara dhufaa darbaa dhalootatu dhume, dubbiin awwaallee gallee taa’uu qofaa taatetti jedhe yeroo itti Oromoon hundi walqabatee ka`eetti.

4. Garraamota hedduutu ragaan sobaa irratti qindaa’amee mana hidhaatti darbataman; baay’een reebicha achi keessaa dandamachuu dadhabanii du’anii reeffi ba’eera; kan reeffisaanii dhokfames hedduu qabna… jedhe Oromoon tokkumaa isaa yeroo labsaateetti.

5.Beekttoota silaa Biyaa keenya irraatti dhalane guddisuu qabna jedhanni quuqama saba isaanif qaban akkasumas bu`a guddaa buusu danda`an akkatta itti biyaa isaanirraa ta`anni hojjeetan waan dhabbaniif biyaa isaani gadhisani biyyaa namaf bu`a buusa jiran kana booda biyaa kootti dhaloonni koo naaf galuu qaba jedhe Oromoon Baha, dhihaa, Kaba fi kibbaa yeroo itti iyyee iyyaa dabarfaatte Adunyaa Hundaatti Beeksifateetti.

5. Barattoota silaa baratanii bor biyya guddisantu umurii isaanii mana hidhaatti fixaa jiru( walakkaa umuriisaaniitu itti murtaa’e)…humna biyya guddisutu ukkaamfame kallatti hundumaan Laamiin keenya yeroo Itti Diina duraa Harka isa duwwaan dhabacha jiru kanatti.

6. Uuummata Oromootu beelarra jira (Yeroo itti qabeenyaan Oromiyaa marti harka saba garboomfataatti galee) abbaan biyyaa beelaan harca’e dhumaa jiru kanatti sabni ciisnee hin du’uun ni falmaana jedhe yeroo itti ka`eetti.

7. Dhalataan Oromoo barachuu malee akka hojii hinqabanneef tarsiimoo hamaa baasuun dhimmi federaalaa keessa sabasaanii qofa hojjechiisuuurratti argamu; kun sababa afaaniifi oogganaa sabaaf hoo’u dhabuu waan ta’eef kun diiggachuu qaba jedhe Oromoon Bilisumaa isaa yeroo itti labsateetti.

8 Oromoo qulqulluu kan ta’e Hooggansa biyya Xoophibiyaa keessatti muudamee hinbeeku; muudamus ni ajjeefama, kun gonkumaa natti hin deebi`uu jedhe Lammiin keenya  hundi ol ka`e yeroo dhabatetti.

9. Lammii Oromoo mara sirni garboomfataan biyyaa baasuudhaan kaan bishaan, kaan bineensi, kaanimmoo shororkeessitoonni addunyaa fixaniiru; kun dhaabbachuu qaba, humni barate biyyaasaa gadi lakkisee biyya Ormaatti baqachuun hafuu qaba…hayyoonni Oromoo ..saba Oromoo isa barsiifateef hojjechuu qaba…..wayyaaneen garuu hayyoota Oromoo kaan biyya hambaatti, kaan mana hidhaatti guurtee fixxeetti jedhe Oromoon diina kallatti kamiin dhufu hundaa of irraa ittisuuf yeroo itti ka`eetti

10.Agaaziin meeshaa warrana kam iyyuu  fidu dhistee waan barbaade osoo goote iyyuu kana booda wanti duubatti nuu deebisuu hin jiruu jedhe yeroo ummaanni Oromoo ka`e harka isaa duwwaan lolaa jirutti.

Ergamtoonni waayanne fi OPDO kan biyyaa Baakee fi biyaa keessaa tokko tokko jiran kallatti gargaaran ergamaa waayannee fudhatanii ummaata keenya kan  biyyaa Alaa jiraatan akka dogogorsaa jirtan Qeerroon bilisumaa oromoo Oromiyaa keessa jiruu kana sirritti Hubate xinxaalota sisyaa keenya waaliin irraa ga`uun keenya beekame jira.Kanafuu gocha isiin gootan kana irraa ka`uun .

Qeerroon Bilisumaa Oromoo Wal ga`ii arifachisa goodhateen Ibsaa Ejjennoo fi Labsii armaan gadii Labsateera.

 ibsaa Eejjenno Qabxiillee armaan gadii of keessaa qabu baafate jira .kanafuu gocha gootan kana  irraa of eegadanni yoo dhabbatanii of ilaalu baatan qeerroon bilisumaa Oromoo Ibsaa eejjennoo armaan gaditti baase kana hojiirrra oolchuuf dirqamee jira.

 1.Wayyaanee gochaa ajjeechaa ilmaan oromoo irratti raawwataa jiru yoo kan hin dhaabne ta’e nuti hojjettootni mootummaa biiroolee oromiyaa kanen Biroo Federaa garagaraa keessatti argamnu guutummaa guutuutti hojii dhaabuuf ni dirqamna akka dirqamne jiru Qeerroon Bilisumaa Oromoo Ejjennoo isa mootumaaf ifa gochaa akka jiru beeksifna.

 2.Hoggannota ABO keenya fi Xinxaaloota sisaayas keenya irraatti Ololaa soba yoo hin dhabbadaan ta`e qeerroon bilisumaa oromoo  Qarshii Isiin wayyaanee irraa argattaniin Ololaa soban lubbu lammii keenyatti taphacha jirtan qabeenyaa  mataa keessanii fi maatii keessaniin biyya keessaa qabdan irratti  tarknaafii fudhachuuf akka dirqamuu hubbate jira.

3.ABO  qofa osoo hin taane dhabba  dhugaan oromoof dhabbate nan falmaaf jedhu hundaa irraatti namooni Oduu fi Olala soba Oddeessa jirtan  yoo Hatatamaan dhabuu baatan tarkanfii kallattii kamiin isiin irraatti fudhatamuuf qeerrooon bilisumaa oromoo akka itti hin gaafatamne gamanumaan isiin beeksifna.

4.Yeroon kun yeroo itti Midea Haawassumaa tola argatanii itti ol baa`anii nama arrabsan ykn ergamaa diina fudhatanii hojiirraa olchan osoo hin taane yeroo itti waan qabanin qeerroo bilisumaa oromoo deegarannii Bilisumaa keenyaa saafisisan ta`u osoo qabu gochallee kana rawwachuuf wareen ariiftan deebii isaa qerroon bilisumaa oromoo isinif deebisuuf qophiidha.

5.Qeerroon Oromoo oromiyaa keessaa jiraatu hundii Aanutmaa Lammii isaa fi ummaata isaaf qaburraa ka`e Osoo tarkaniif isiin irraatti hin fuudhattin Ibsaa kana baafate jira.kanaf isinis kana hubbatani Hattatamaan akka daaftani qalbii keessan jijiraatanii Qabsoo Bilisumaa Oromoo qeerroon bilisumaa Oromoo gocha jiruu faana akka hirirtaan waamichaa isiniif gocha jira.kana hin ta`u taanan ejjennoon kenyaa guyyaa  ibsii ejjennon kun baa`e irraa eegale akka hojii irraa oolu Cimsinee isiin beeksifna.

6.Qabsoon oromoo kalleessa eegale osoo hin taane  waggoota baay`ee lakkoofsisera Lubbun da`immaa hanga Abbootatti, barataatti hanga Beektootatti kan irratti dhumee isiin jala dhokaate osoo hin taane Fayyidaa har`a  dhunfaa keessani f argatan Giddugalleessa goodhatanii Lubbuu million 40 olitti kan taphachaa jirtanif

            1.1 Akka biyyittiin seera hin qabnee beektani silaale seera hin sodaattani aadaa keenyaatti waaqayyo sodaadhaa jennee isin gaafana, yo heeras seeras waaqas sodaachuu baatanii immoo gochaa keessan hammeenyuma kana yoo  itti fuftan ammoo qeerroon Bilisummaa Oromoo bifa kamiinuu tarkaanfii fudhachuuf akka qophaaweefi dirqame isin beeksifna

 1.2. Nuttis seenaf akka ta`utti akkumaa goobana Dacheetti haasofne darbiina osoo hin taane  video keessan waaliin walitti qabne akka Documeenteriitti  galmeefachu keenyas  akka   hubbatan isiinif ibsiina.maaliif yoo jetan lubbu amma dachee keenya irraatti darbaa jirtuuf daa`immaa, beektoota, Abootti, Haadhoolii, baraata, barsisaa fi Hojeetaf walumaa galatti lubbu amma darba jiruf  bor akka itti gaafatamtanniif shaakii tokko akka hin qabne isiinuu ni beektu kun immoo yeroo fagoo miti .

7.Goocha isiin kallatti garagaara Videonis ta`e Barreeffaman Maaxxansaa jirtan  kun Agaazii ummaata keenya Fiixa jiru waaliin akka waal hin caale isiinu sirritti beektu.

Dhumaarraattis Dhamasaa Haggannoota keenya fi Xinxaalaootaaf keenyaf Waamichaa goona.

Haggannooni Fi Xinxaallooni siyaasa keenyaas akkumaa kanan duraa deegaarsa nuuf goocha turtaan ibsaa keenya kana ilaaltan kan kanan duraa caala hubbannoofi toofta qabsoo keenya kan kaanan duraa dubbaatti nuu hanbisa turee sana kara qabsoo keenya akka nuuf arifatuf daandii Bilisummaan keenya lubbu ummaata keenya Hanbisuu danda`urraatti akkumaa kanan duraa nuuf gocha turtan tofta lola akka nuuf maddisistan  Kabajaa waliin isiin gaafana.Akkasumas gorsaa fi qajelcha kanan dura qeerroo bilisumaa oromoof gocha turtaan caala FXG kana irratti akka nuuf gootan Asummaan dhamsaa keenya dabarfaana.

Onkoololeesaa 21/2016       

Qerroo Bilisumaa  Oromoo 

Oromoo Oromiyaaraa   

 


 

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo: “Ayyaana Irreecha Guddicha Bu’aa Qabsoo Bilisummaa Oromoon Kan Argamee As Gahe Qabsoon Kunuunfanna” September 17, 2016

Posted by OromianEconomist in Irreecha Birraa, Irreecha Oromo, Irreessa.
Tags: , , , , , , ,
1 comment so far

Odaa OromooOromianEconomist

 

Ka'i Qeerro

Oromia and the continuitity its Nile Valley Civilization, Irreecha Malkaa 2015 ( 6409 years since started on upper Nile (Mormore) Valley)Irreecha Malkaa Oromoo kan Bara 2015 Hora Harsadi, Bishoftuu, Oromia, Africa. Onkoloolessa 4,  2015  (6409 ALO)Oromia and the continuity its Nile Valley Civilization, Irreecha Malkaa 2015 ( 6409 years since started on upper Nile (Mormore) Valley)


Ayyaanni  Irreechaa kabajamaa fi jaalatamaan uummata Oromoo miliiyoona kudhanootaan kan kabajamu bu’aa  qabsoo bilisummaa Oromoo wareegama qaalii lafee gootota Oromoo fi dhiiga gootota Oromoon tikfamee hardha ga’ee , yeroo ammaa kanattis ayyaana Irreechaa fi aadaa Oromoo kunuunsanii tiksuun dhalootaaf dabarsuuf gootonni Oromoo wareeegama qaalii itti baasaa jiru. Baroota darban keessa ayyaana Irreechaa kabajuuf jecha ummanni Oromoo fi sabboontotiin hedduun waraana Agaazii fi Poolisoota sirna TPLFn hedduu dararamanii jiru, gariin qabsaawotaa fi dargaggoonni Oromoo bakka irreecha kabajatanii fi kabajuuf deemanitti reebamuun kanneen qaamaa hirdhatan hedduu dha. Warri hidhamanii hanga ammaa bakka buuteen isaanii wallaalalme dhibbootaa  hedduu dha. Kanas ta’ee gootonni Qeerroo Bilisummaa hiraarsa kora bittinneessaan osoo hin jilbeeffatiin ayyaana Irreechaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti kabajamu sirna miidhagaan kabajachuun aadaa Oromoo aduunyaatti muldhisaa turan. Haalleen dararaa fi gufaatii sirni Wayyaanee TPLF ummata keenya irraan gahu hunda keessa qaxaamuruun bu’aa gootota wareegamanii kan ta’e Ayyaana Irreechaa kana daran midhagsuu fi aduunyaatti muldhisuuf har’a sadarkaa UNESCO itti galmaa’aa jiraachuun qabsoo Oromootiif injifatnoo tokko.

Haala kana keessatti  Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ayyaana Irreechaa Birraa kan baranaa 2016 Hora Arsadiitti kabajamuuf yeroo jiru kana keessatti, Oromiyaa fi ummanni Oromoo bulchiisa waraanaa yoomyyuu caalaa suukanneessaa kan ta’e jala galtee jirti. Ayyaanni guddaan saba Oromoo biratti jaallatamaa ta’e kun duula waraana TPLF Oromiyaa fi Oromoo irratti labse kana cabsuun ummata miliyoona hedduun kabajamuuf Oromoota biratti qophii guddaa irra jirama. Bara kana ayyaanni Irreechaa kabajamu kun dhaadannoo  ‘ Ayyaana Irreecha Guddicha  Bu’aa Qabsoo Bilisummaa Oromoon Kan Argamee As Gahe Qabsoon Kunuunfanna”jedhuun kan kabajamuu waan ta’eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo  uummata isaa cufa waliin ta’uun ayyaana Irreecha 2016 kabajamu bifa adda ta’een kabajachuuf kan jirru  ta’uu hubachisuun haala kabaja ayyaanaa Irreecha bara kana sadarkaa hundarratti  kabajamu  ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo  uummata Oromoo, sabootaa fi sabalammoota kabajaa fi jaalaala ayyaana irreechaa Oromoof qaban hundaaf Ibsa kanaa gadii dabarsee jira.

  1. Ayyaanni Irreechaa bakka uummatnı Oromoo Waaqa isa uume ıttı galateeffatu, kadhatuu fi wal arguun waliin İrreeffachuu Aadaa, Duudhaa, eenyummaa, Oromummaa , Sabboonummaa isaa itti jabeeffatuu fi tikfatu ta’uun gadi jabeessuun hubachiifna;
  2. Biyyaatti Impayera Ethiopia humna waraana mootummaa EPRDF/TPLF gaggeeffamaa jirtu keessatti ayyaanota gurguddoo kabajaman keessa ayyaanni Irreechaa qofti bara baraan loltoota EPRDF, TPLF fi ergamtoota isaaniin uummatni nagaan ayyaaneffachuuf bahuu daandii irratti goolamaa , reebamaa, hidhamaa, daraaraamaa fi hiraarsaa ulfaataan kan isa  mudachaa ture.  Ummatni Oromoo haala rakkisaa kana hundaa tokkummaa fi kabajaa fi jaalala eenyummaa isaa kan ibsuu ayyaana Irreechaaf qabu  obsaa fi murannoon jala dhaabbatee wareegama baasaa kabajachaa har’a ga’ee. Bara kanas TPLF /Wayyaaneen Irreechaa 2016  karaa dhaaba jalee isaa OPDO  maqaaf Aadaaf Turizimiin karoora danqaa tatta’an baafachuun ummati Oromoo ifaa fi bilisaan akka ayyaanicha hin kabajneef shira xaxaa jira.  Karoorri OPDO kun hatattamaan ummata keenya irraa ka’ee Oromoon bilisaan ayyaana qabsoon argate kana akka kabajatu warra karoora shiraa wixinee ummata rakkisu karoora kana akka kaasaan gaafatna;
  3. Mootummaan Wayyaanee OPDOn ummata Oromoo waaqa uumaa kee illee eeyyama koo malee waaqeffachuu fi ayyaaneffachuu hın dandeessuu jechuun mirga uumamaan uummatni keenya qabu  ırraa sarbuun anatu siif beekaa akkan jedhetti malee waaqeffachuu hin dandeessuu jechuun shoroorkaa uummataa keenyarratti gaggeessaa jiran hatattamaan akka dhaabbatu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun ni hubachiisa.  Jaarmiyaaleen mirga namummaa Idil-addunyaa hundii rakkoo ulfaataa uummatni keenyaa keessa jiru akka hubatanii fi dhiibbaa  wayyaanee irratti akka jabeessus sabboontotni biyya alaa jirtan gadi jabeessitanii akka irratti hojjettan cimsinee gaafatna;
  4. Qeerroon dargaggootni Oromoo haamilee uummata keenyaa fi qabsoo bilisummaa bara dheeraa  ummatni keenya irratti wareegamaa jiruuf kabaja fi jaalalaa qabnu  muldhisuun jeequmsa kamuu osoo hin uumne Oromiyaa, gootota Oromoo qabsoof wareegaman faarsuun ummata haamlessuu fi diddaa sirna gabroomfataaf qabnu muldhisuu irratti jabaannee akka hojjennu hubachiifna;
  5. Ayyaana kana irratti hogganootii fi miseensotiin Qeerroon Bilisummaa Oromoo bakka jirtan hundatti tokkummaa, jaalalaa fi kabajaa ummata  keenyaa fi gootota keenyaa wareegamaa qaalii kanfaluun asiin nu ga’an faarsuun eegumsa naamusaa,daa’immanii , Shamarranii fi Maanguddootaaf akkasumaas uummata keenyaa waliigalaaf akka goonu dhaamsa Oromummaa fi dirqama dhalootaa waliif dabarsina;
  6. Jalbultii Ayyaana İrreechaa barana Fulbaana 20-21, 2016 Wayyaanee TPLF fi ergamtooti isaa OPDOn muddamanii waan qabanii dhiisan dhabuun maqaa waldorgommii İspoortii jedhu gaggeessuun yaada ummataa hanga tokko warraaqsaa FXG irraa jallaisuu dandeenya jettee toftaa dulloomaa ishee butachuun olola afaan fajjii gaggeessuuf akka jirtu saaxilameera. Ummatni Oromoo dhumaa utuu jiruu, hidhaa keessatti  dararaa hiriyyaa hin qabne irra gahaa osoo jiruu biyyi keenya  Oromiyaan waraanaan shororkeeffamaa utuu jiruu shirri itti fakkeessi TPLFn wixinamee OPDOtti kenname kun salphinaa fi farrummaa qabsoo Oromoo waan ta’eef dargaggoonni Oromoos ta’e ummanni Oromoo bakka shiraa maqaa Ispoortiin qopaawee kana akka hin geenyee fi irraa akka of qusatan dhaamsa lammummaa wareegmtoota dabarsina;
  7. Ummatni Oromoo biyya isaa keessatti mootummaa hin qabu; Media Mootummaas hin qabu; poolisii isa eeguu , nageenyaa fi mirga isaa kan kabachiisu hin qabu; Oromoon wal malee homaa waan hin qabneef bakka jirtaan hundatti jaalala, tokkummaa fi kabaja Oromummaa waliif akka qabaattanii nagaan baatanii nagaan qe’ee keessanitti akka deebitaniif akka wal tiksitaniif waamichaa keenyaa dabarsina. Meidaleen walabaa Oromoo jalbultii ayyaana Irreechaa irraa eegaluun ayyaanichaa fi qophii isaa aduunyaatti muldhisuun akka miidhagsitan waamicha keenya dabarsina;
  8. Mootummaan Wayyaanee shiroota garaagaraa jalbuitii Ayyaana İrreechaa rawwachuuf jiru qindeessaa jira. Shiroota kanneen keessa ammaaf kan saaxilame Fajjii qabsoo bilisummaa Oromoo alaabaa ABO har’a uummaatni Oromoo golee fi Oromiyaa cufa keessatti qabatee  ittiin warraaqsa gaggeefataa jiru fi  jaalaalaa, kabaja uummatni ABO faajjii qabsoo isaaf qabu argisiisaa kan jiru kana gaafa jala bultii ayyaana Irreechaa irraa kaasee basaasotiin Wayyaanee bal’inaan karaa irra dhaabbatanii gurguruun nama alaabaa bitu hordofuun qabuuf shira guddaa xaxaa jiru. Ummanni keenyaa fi dargaggoonni keenya kana hubachuun alaabaa Oromoo kan Wayyaaneen gurgurtaaf dhiheessaa jirtu akka irraa hin bitne gadi jabeessinee dhaamsa dabarsina;
  9. Ayyaanii Irreecha birraa 2016 sadarkaa godinaaleetti waan itti fufuuf qabxiilee ibsa kana irratti taarrifaman bakka iyyuutti yaadachaa muuxannoo Hora Arsadiitti argattan irraa kabaja Ayyaana Irreechaa godinaalee irrattis bifa ho’aa, naamusa ol aanaan  fi qindaa’aan akka kabajamu waltaanee gamtaan kan irratti hojjennu ta’uu dhaamsa keenyaa dabarsina.

 

Injifannoon Uummata Oromoof!!

         

                Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

                Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!

         

            Fulbaana 16, 2016 Finfinnee

 

Oromia: Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe: Renewed Declaration of Protest to Culminate Slavery August 28, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests.
Tags: , , , , ,
2 comments

 Odaa OromooOromianEconomist

Oromo Olympic marathon athlete Fayyisaa Lalisaa in the social and international media. #OrompProtests global icon. p7stop killing Oromo People


Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe.

cropped-qeerroo-edit.jpg


Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe.

 


Hagayya 26,2016


Qabsoo mirga abbaa biyyummaa falmii ummanni Oromoo taasisaa jiru Oromiyaa keessaa fi alaan kan yoomii irra haala abdachiisaan deemaa jira. Sabni Oromoo mirga isaa jaarraa tokkoo oliif dhabee jiru deebsiee of harkatti galfatee nagaa, tasgabbi fi bilisummaan Oromiyaa keessa jiraachuuf yeroo murteeffatee ka’e keessatti argamna. Mirgi ummata Oromoo mirga saboota kami iyyuu dhiibuu fi sarbuuf osoo hin taane sabni kamuu Oromiyaa keessa jiraatu cunqursaa fi hacuucaa bifa kami irraa iyyuu bilisa bahee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu kan wabii kennuufii ta’uu irra deebiin mirkaneessina. Sochii yeroo kamiinuu caalaatti ummanni Oromoo bara ammaa taasisaa jiru kun sablammii cunqurfamoo dabalatee daran jabaatee akka itti fufuuf Qeerroon Bilsummaa Oromoo kan yeroo kamiinuu caalaa tooftaa fi tarsiimoo adda addaan hojjechaa jira.

Sochii FDG bara 2011 bifa qindaayeen Qerroon Bilisummaa Oromoo eegale irraa jalaan finciloota xiqqaa fi guddaa gaggeessuun har’aan gahee jira, sochiilee Oromiyaa keessaa adda Qooda ol aanaa kennaa injifatnoolee irraa jalaan argamaa jiru hanga ammaa salphaa hin turre, Wareegami lubbuu fi qaamaa akkasumas qabeenyaa hedduu kan itti kitimamee fi dhabame yeroo ta’u gumaa wareegama kanaa bilisummaan baasuuf bifa fedheen irratti hojjetamaa akka jiru mirkaneessina. Kun hanga argamuu fi xumuramu wareegama caalaa baasuufis of duubaa akka hin deebine firaafis diinaafis ifa goona.

Fincila Xumura gabrummaa yeroo kana ykn bara 2016 kana keessa gaggeessaa jirru toftaa ammayyummaan fayyadamuun diina keenya irra aanuuf hogganootiin Qeerroo fi miseensotiin Qeerroo Bilisummaa akkasumas madheeleen qabsoo bilisummaa Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jiran jabinaan irratti hojjetaa jiru. Caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi madheeleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo mootummaa Wayyaanee keessa ta’anii mootummicha akka rirmaatti nyaataa jiranii fi ummati Oromoo akkasumas barattootiin Oromoo addatti fincila gaggeessaa jiran akeekaa fi kaayyoo abbaa biyyummaa bakkaan gahuuf hakanii fi guyyaa irratti hojjechaa jirama.

Kanaaf, yeroo gabaabaa keessatti bifa qindaayee fi mootummaa Wayyaanee irratti fincilootaa qindaawaan irraatti humna guutuun hirmaatuun fincila xumura gabrummaa itti fufamuuf deemu ummanni Oromoo waliigala qorqalbiin hordofaa qaamaan keessatti of qusatnaa maleee hirmaataa biyya keessaa fi alaan sochii warraaqsaa fi deggersa keessan daran akka jabeessitan waamicha lammummaa dabarsina.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Injifatnoon Ummata Oromoof

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Hagayya 26,2016

Finfinnee,Oromiyaa

labsa-fxg-qeerroo-irraa-kenname-hagayya-26-2016


Renewed Declaration of Protest to Culminate Slavery

cropped-qeerroo-edit.jpg


Renewed Declaration of Protest to Culminate Slavery

 From Qeerroo Bilisummaa Oromo


August 26, 2016


The struggle of the Oromo people to regain the ownership of their country and to culminate a century old subjugation, marginalization, and slavery has reached a critical stage. The Oromo people are at a historical moment whereby the entire Oromo public in and outside of Oromia are waging a bitter struggle and are determined to regain their freedom and administer themselves and live in peace, stability, and freedom in their country, Oromia. The struggle of the Oromo people does not target any other peoples in Ethiopia. The fulfilment of the rights of the Oromo people does not infringe the rights of any other nation or nationality. More than any time in our history, the Oromo youth organization, Qeerroo Bilisummaa Oromoo (or just Qeerroo), is working to make sure that the current Oromo protest is coordinated with the struggle of other nations and nationalities in the country by devising various tactics and strategies.
The Oromo student movement, Fincila Diddaa Gabrummaa (meaning Protest Resisting Subjugation), which started in a more organized way by the organization of Qeerroo Bilisummaa Oromoo has over the years produced several small and big protests which gradually developed  reaching its climax at this moment in time. These big and small protests have had enormous contribution for the current wave of mass protest that engulfed the entire Oromia and beyond. To reach this stage the Oromo youth paid the ultimate sacrifice. Thousands have left their precious lives. Tens of thousands have been critically injured and disabled. Hundreds of thousands have been jailed and brutally tortured in Ethiopian prisons. We, the Oromo youth, Qeerroo, would like to declare that we are completing the necessary preparation to retaliate the bloods of our brothers and sisters in every shape or form and realizing the freedom of our country and the dignity of our people.
At the moment, the leadership, all members and cells in the organizational structure of Qeerroo Bilisummaa Oromoo are strongly making the necessary preparation to defeat our enemy by using a more sophisticated and modern struggle technics and strategies. As we speak, the structure and cells that are organized in the various levels of the TPLF/EPRDF government, Oromo students who have been waging bitter struggle for our freedom since November 2015, and the entire Oromo people are working day and night for another wave of grand Oromo protest for the realization of their rights and for the ownership of their country.
Therefore, the leadership of Qeerroo bilisummaa declare to the Oromo people that an Oromia wide protest will be waged on the TPLF/EPRDF government and details will be announced in a short time. We call on the Oromo public in and outside of Oromia to keenly follow the upcoming widespread protest and make yourselves ready, increase your support, and physically participate on these protests.

Victory to the Oromo people
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
August 26, 2016
Finfinnee, Oromia

renewed-declaration-of-protest-to-culminate-slavery-2016

Oromia: Waamicha Qabsoo Ficila Xumura Gabrummaa Itti Taasifnu Uummata Oromoo Maraaf Ta’e February 27, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests.
Tags: , , , ,
add a comment

Odaa Oromoo

Waamicha Qabsoo Ficila Xumura Gabrummaa Itti Taasifnu Uummata Oromoo Maraaf Ta’e

Guraandhala 25, bara 2016

 

Ka'i Qeerro

Akkuma beekamu FXG Oromiyaa keessatti Qeerroo fi Uummata Oromootiin gaggeeffamaa jiruun, qindeessitoota Warraaqsa Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Diimokiraasii (Qeerroo Bilisummaa) fi humna FXG kanaatin injifannoo guddaan argame galata hoggana abbaa qabsichaa dhaaba keenya ABOfis jechaa; Qeerroon Bilisummaa waamicha qabsoo kana dabarsa.

Wayita ammaa kana FXG Oromiyaa keessatti finiinaa jiruun ilmaan Oromoo hedduun wareegama qaqqaalii lubbuu dabalatu itti baasaa jiru. Wareegamni ulfaataan kun bilaaasha baafamaa hin jiru. Injifannoo gurguddaa Xumura gabrummaa dhiyeessisan galmeessisaa waan jiruuf seenaa keessatti yoomiyyuu kan hin dagatamnee fi bakka olaanaa qabaatuu dha.

Kanaaf,

  1. Uummanni Oromoo godinaalee Oromiyaa mara keessa jiraattan, addatti qonnaan bultootni Oromoo ilmaan keessan falma hadhaawaa diina afaan qawweetiin duguuggaa sanyii nurraatti labse dura dhaabbatanii wareegamaa qaalii baasaa jiran cina akka dhaabbattan waamicha FXG isa dhumaa isiif dabarsina. Waamicha kana gaafa labsinu qotatee bulaan kamuu bakka jiruu ka’ee FXGtti makamuudhaan mootummaa abbaa irree wayyaanee ofirraa galchuuf dargaggoota keessan bira akka dhaabbattan waamicha keenya irra deebinee dabarfanna.
  2. Barattoota manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran maraaf;-Godinaalee Oromiyaa muraasa keessatti barattootni mana barumsaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaa barumsa dhaabuudhaan FXG finiinsuun wareegama guddaa kaffalaa injifannoolee cululuqoo akka Sabaatti itti boonnu galmeessisaa jiru. Humni tokkoome salphaatti diina ofirraa buqqisa. Kanaaf barattootni Oromoo mana barumsaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, qopyaahinaa akkasumas dhaabbilee olaanaa koolleejjii fi yuuniversitii Oromiyaa fi Finfinnee dabalate keessaa barattan hundi tokko Qabsoo bilisummaatti makamee lubbuu isaa utuu dhabuu kaan ammoo barumsatti hirmaachuun umurii diinaa nurratti dheeressuu waan tahuuf barataan kamuu bakka jiruu FXGf dursa kennee gara Qabsoo makamuu akka qabu Qeerroon Biisummaa waamicha dabarsa.
  3. Hojjattoota Mootummaa “civil Service” keessa hojjatta hundaaf: Yeroo mootummaan Wayyaannee labsii labsuun gara laafina tokko malee ilmaan Oromoo karaa nagaa mirga gaafatan irratti dhukaasa banuun ajjeessaa, qaamaa hirdhisaa, biyyaa har’aa jiru kanatti isin callisuun gaafatamummaa seena fi heeraa jalaa akka isin hin baafne hubachiisaa; dirqama isin irraa eegamu akka bahattan waamicha lammummaa isiniif goona. Dirqamni dabalataan addatti isin irraa eegamu hojii mootummaa laamshessuun karoora jalaa fashalsuu akka
    dabalatu yaadachiifna.
  4. Ilmaan Oromoo waraanaa fi poolisii mootummaa wayyaanee keessa jirtaniif, rasaasni isin baattan ilmaan Oromoo ittiin ajjeessuf osoo hin taanee diina uummata Oromoo fixuuf ka’e kanatti akka deebistan jabeessinee waamicha goona. Haadha, abbaa, obboleessa, obboleetti fi ilmaan keessan utuu ilaaltanii qiyyaafattanii rasaasan ajjeeftu yoo tahe har’a qalbiin isin tuqamuu baatu bor seenaa jalaa akka hin baane hubattanii; waamichi kabajaa irra deebinee isinifi goonu, meeshaa baattan gara diina uummata Oromoo, mootummaa wayyaaneetti galagalchaa jennee irra deddeebinee dhaamna.
  5. Saboota cunqurfamoo kanneen olla Oromiyaa taatan, addatti uummata Sidaamaa, Beneshangul, Gaambeellaa fi Ogaaden ilmaan keessan beelaan dhumaa, gadadoo barabaraan hammaataa malee foyya’insa hin agarsiifne keessatti mootummaa itoophiyaa kan ofiin jedhu Wayyaaneen isin kuffisuu ni hubattu. Kanuma waliin qabeenya jiruu fi jireenya keessan ta’e lafa kan danda’an ofii fudhatanii kaan alagaatti gurgurataa jiraachuu walumaan qalbeeffataa jirra. Walumaagalatti miidhaan isin irra gahaa jiruu fi nurra gahaa jiru walfakkaataa dha. Kanaaf qabsoo gaggeessaa jirrutti humna horree dhageessifnee mul’isuuf qabsoo uummanni Oromoo gaggeessaa jiru kanatti akka makamtanii waliin qindeeffannu waamicha isinif dabarsina.
  6. Waamicha addaa uummata magaala Finfinnee keessa jiraattaniif:– Haalli yaaddessaan yeroo ammaa mul’atu mootummaa wayyaaneetiin dhufe. Kana booda dhiyeessiin midhaani magaalaa Finfinnee akka hin seenne quba isin qabsiisaa; dukkana hamaatti deemamaa akka jiru hubachiisna. Kanaaf falli tokkichi jiru qabsoo Uummatni Oromoo gaggeessaa jirutti makamuudhaan mootummaa abbaa irree kan ta’e Wayyaanee ofirraa kaasuun mirga hiree murteeffannaa Ummataa waliin akka kabajchiifnu waamicha isiniif goona.
  7. Uummata Oromoo biyya hambaa jiraattan hundaaf:- Qabsoo dargaggoonni fi shamarran Oromoo, Qeerroon taasisaa jirru ni beektu, ni hubattus jennee abdanna. Qabsoo harka qullaa diina dura dhaabbachuudhaan taasifamaa jiru kanaaf wareegama ulfaataa kaffalaa akka jirrus ni hubattu jennee amanna. Fiixa bahiinsa FXG kanaaf karaa International Qeerroo Support Group deggarsa hatattamaa akka gootan waamicha lammummaa isiniif dabarsina.

Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 25,2016

Oromia: Ibsa Dhabbaata Deeggarsa Qeerroo Idila Addunyaa (International Qeerroo Support Group) November 30, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: ,
add a comment

???????????qeerroo_support

Deeggarsa  Qeerroo Idila Addunyaa (International Qeerroo Support Group)
P. O. Box 55244
Washington, DC 20040
USA

Sadaasa 29, 2015

Akkuma beekamu dhaabbanni Deeggarsi Qeerroo Idila Addunyaa, dhabbaata bu’aaf hin hojjanne (nonprofit organization) yoo ta’u, erga hundaa’ee  woggaa tokko ta’eera. Kaayyoon hundeeffama dhaaba kanas falmii qeerroo Oromoo mirga namummaa, dinagdee fi siyyaasa uummanni Oromoo jaarra tokkoo fi cinaa olif mulqamee miidhaa fi cunqursa alagaa hammaataa jalatti kufeef  deeggarsa barbaachisaa  gochuuf kan dhaabbaate dha. Koreen dhaaba kanaa wolgahii taasiseen haallan uummata Oromoo fi naannoo Oromiyaa keessa  dhiittaan mirga namummaa ta’aa  marii taasisuun ibsa ejjannoo armaan gadi kana baasuuf murteeseera.

  1. Murtee Caffeen naannoo Oromiyaa waa’ee magaalota naannoo Finfinnee ilaalchisee murtee dabarse,  haala aadaa fi dinagdee uummata Oromoo  kan hin hubannee fi mirga uumata Oromoo kan cabsu ta’uu isaa fi akkasumas fedhii uummata Oromoo ala ta’uu isaa waan ta’ee murteen kun karaa kamiinuu hojiirra akka hin oolle in balaaleffanna .
  2.  Master plan Finfinnee ilaalchisee mootummaan biyyittii bulchaa jiru murtee dabarsee jiru,  fedhii uummataa ala waan ta’eef ;  aadaa, qabeenya, dinagdee uummata Oromoo naannoo Finfinee jiruu fi akkasumas akka Oromiyaatti balaa guddaa fi gaaga’umsa guddaa uummata Oromoo irratti waan geessisuu danda’uuf murten kun hojii irra ooluu hinqabu. Kanaaf, qeerroon Oromoo karaa kamiinuu mormii dhageessisaa jiruuf   Dhaabni Deeggarsi Qeerroo Idla Addunyaa deeggarsa barbaachisaan akka akka walliin jiru mirkaneessina.
  3. Bulchiisni naannoo Oromiyaa uummata Oromoof dhaabbanna jedhan  gochaalee hamaa karaa qaamota adda addaan miidhaa ummata oromoo fi naannoo Oromiyaa irratti darbaa jiru kana hojii irra akka hin oolle gochuun itti gaafatama seenaa irraa akka of oolchan isaan gaafanna.
  4. Sababa dhiitta mirga namaa irraa kan ka’e uummanni Oromoo karaa adda adda biyyoota ollaatti baqachaa akka jiran beekamadhaa. Haata’u iyyuu malee  yeroo adda adda biyyoota olla akka Jibuutii, Somaliya fi Kenyaa keessaa oroomota biyyaa dheessanii jiranii fi achi baqattummaan galmaayanii jiraachaa turan/ jiran mootumaan Itiyoophiyaa yeroo adda addaati baqattoota kana uukkamsanii fudhachuun bakki buuteen isaanii kan dhabamaa jiran hedduudha. Biyyuma olla baqaan jirann keessatti lukkee mootummaa Itiyoophiyyan kan ajjeefaman hedduudha. Dhiyyeenyallee  hundeessaa fi dura taa’aa dhaaba Argaa dhageettii  kan ta’e maanguddoo Oromoo Obbo Dhaabasaa Guyyoo Kenyaa keessaa ukkamsamee bakki buuteen isaa hinbeekamu. Gochaa akkasii haalan balaaleffachaa qaamni ilaallatu hundi kan  mirga dhala namaaf falmu haala maanguddoo kanaa akka qoratu in gaafanna.
  5. Toorbee kanaa kaasee murtee master plan Finfinnee mormuun mannneen barnootaa Oromiyaa keessatti kan qabsiifame mormii barattoota Oromoo itti fufee jrachuu isaa beekamaadha. Haata’uyuu malee, karaa mootummaa Oromiyaas ta’e , Itiyoophiyaa gaaffii barattoota Oromoof deebbii sirrii laachuu irra, humnaan iti deemuun miidha adda addaa barattootaa fi maatii isaanii irra miidhaa kana hinjedhamne gessisaa jiru. Gochaa akkasii  miidhaa uummata oromoo irratti gahaa jiru kana guddaa balaaleffachaa, Qeroon barattoota oromoo ammallee mormoii isaanii akka itti fufan jenna.
  6. Dumarratti, poolisootaa fi nagaa eegdota akkasumas Oromummaan kan isin quuqu, mirga lammii kessanii yeroo dhiitamu kan isin dhukkubu qaamni kamuu mormii barattootaa, kan Qeerron amma gaggeeffamaa jiru karaa barbaachisaa ta’een isaan waliin dhaabbachuun mirga saba keesanii akka kabachiiftan waamicha isinii goona.

Gadaan Gadaa Naga haa Ta’u!

Koree Hojii Rawwaachiftuu Irraa.

Oromia: FDG Eegale Tokkummaa Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa! November 29, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
add a comment

???????????Say no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo people. Say no.

FDG Eegale Tokkummaa Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!

qeerroo-edit

 

 

 

 

 

 

FDG Eegale Tokkummaa  Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummatni Oromoo waanjoo garbummaa jalatti kufe jedhee guyyaan itti tole jedhee bule hin jiru. Hin jiraatus. Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo gaggeeffamaa asiin gahe keessatti uummatni Oromoo waanjoo garbummaa of irraa buusuuf qabsoo hadhaawaa gaggeessaa tureera. Addatti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa bara 2011 akka Jaarmayaatti erga of labsee asitti FDG mootummaa Wayyaanee hundeen raasan gaggeessaa turee ammas itti jira. Keessumaa ammoo bara 2014 keessatti uummatni Oromoo tokkummaadhaan diina dura dhaabbatee ‘‘ Haqa Keenyaa fi Biyya Keenya Diinaaf!’’ jechuudhaan wareegama qaqqaalii kaffaleera. Kumaatamaan mana hidhaatti ukkaamsamanii jiru. Dhibbootaan ammoo irbaata rasaasaa tahuudhaan dargaggootni Oromoo abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf rasaasa dura dhaabatanii ammas itt jiru.

FDG amma Oromiyaa keessatti qabatee finiinaa jiru galmaan geessisuudhaaf gumaatni nama tokkee murteessaa dha. Kanaaf uummatni Oromoo FDG kanatti dabalamuudhaan mirga saba Oromoof falmuun saba keenya “Mootummaa Dhablee” tahee bara baraan itti roorrifamaa jiruu fi qabeenyi biyyaa irraa saamamaa jiru bilisa maasuuf jecha, hiree murteffannaa isaa akka mirkaneeffatuuf dirqamni olaanaan nurra jiraachuu hubachuu barbaachisa. Keessumaa ammoo FDG amma eegale galmaa geessisuudhaaf dirqamoota armaan gadi hojiitt hiikuuf jabaatnee hojjechuun dirqama.

  1. FDG amma eegale namuusa FDG tiksinee galmaan geessisuuf gumaata barbaachisu gumaachuu;
  2. Qajeelfamootaa fi ajaja mootummaa kan dantaa umamta keenyaa tuqu kamuu hojiitti hiikuu diduu fi dura dhaabbatuu;
  3. Tooftaawwan Qabsoo Fincilaa kan karaa caasaa fi bifa adda addaan baafaman hordofuun FDG dhaabbataa gaggeessuuf murannoon socho’uu;
  4. Bakkeewwan garaa garaatti dhaadannoowwan garaa garaa maxxansuu;
  5. Omisha mootummaan dantaa uummataa miidhuuf fayyadamutti dhimmi bahuu dhiisuu;
  6. Mirgi dimokraasii dhugaa fi sagaleen uummataa kabajamee hireen murteeffatnaa hanga argamutti haqaaf jecha wareegama karaa hundaan nu gaafatu baasuu.

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana FDG Oromiyaa bakkeewwa garaa garaa addatti magaalaa Gincii, Amboo, Najjoo, Mandii, Gidaamii fi bakkeewwan birootti finiinuu eegaleera. FDG kun itti fufinsi isaa mirkaneeffamee uummatni Oromoo tokkummaadhaan FDG kanatti makamaa deemaa jira;  mootummaan Wayyaanee guyyaan itti hundeen buqqaatu dhiyaachun mirkana. Kana taasisuuf ammoo nuyi miseensotnii fi deeggartooni Qeerroo Bilisummaa dirqama olaanaa ofitti fudhatnee soho’uun nurraa eegama.

http://qeerroo.org/2015/11/29/fdg-eegale-tokkummaa-ilmaan-oromoon-jabaatee-mootummaa-abbaa-irreetti-xumura-ni-taasisa/