Posted by OromianEconomist in #OromoProtests , Oromia .
Tags: #OromoProtests , Oromia , Oromo , Qeerroo , SBO
Shirri Xaxamuu fi Ololli Geggeeffamu Falmii Bilisummaa Fi Mirga Abbaa Biyyummaa Finiinaa Jiru Hin Dhaabu!
(SBO/VOL – Caamsaa 01,2016) Fincilli Diddaa Gabrummaa gara Fincila Xumura Gabrummaatti jijjiiramee falmaan mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo fi ilmaan isaa barattoota/dargaggoota Qeerroo Bilisummaan finiinuu erga eegalee ji’oota shanii ol lakkoobsisaa jira. Warraaqsa ummata Oromoo FXG kanaan mootummaan wayyaanee haalaan rukutameera. Hundeen sirna cunqursaa wayyaanee/TPLF Oromiyaa keesssaa asitti hafee kan hin qabneen haleelamee caasaaleen sirnichaa diigamanii burkutaawaniiru. Waggoota 25 bara bulchiinsa abbaa irree wayyaanee kanneen keessattis diddaan mul’ataan akkanaa gamtaa ummata Oromoon oggaa mul’atu kun isa jalqabaa ti jechuunis ni danda’ama.
FXGn har’a golee Oromiyaa cufa keessatti finiinaa jiru wayyaanee qofa kan rukutee fi wayyaanee qofa kan baaragse osoo hin taane, leellistootaa fi harka mirgaa mootummichaa kan ta’an, lukkeelee, ayyaanlaallattootaa fi fakkaattota fedha adda addaa qaban, kanneen gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an hunda kan haleelee dha.
Adda durummaan barattoota/dargaggoota/Qeerroo Bilisummaa Oromoo hirmaachisuun kan geggeeffamaa jiru warraaqsi ummata Oromoo FXGn akka ibidda saafaa sirna cunqursaa mootummaa abbaa irree fi goolessaa wayyaanee guggubee waxalaa jiru kana gartuun kun akkuma inni jalqabeen of booda deebisuu fi dhaamsuuf ayinaa fi baay’inaan waraanaa fi basaasosta isaa guutuu Oromiyaatti bobbaasee ummata Oromoo addatti ammoo dargaggoota/barattoota Oromoo dhibbootaan ajjeeseera; kumootaan qaamaa hir’iseera; kumoota kudhanootaan ammoo guuree hidhaatti naqee jira. Kun hundumtuu ta’ee ummatni Oromoo ajjeefame, hidhame jedhee yakka diinaan isa irratti raawwatamuuf jilbeenfatee falmaa biyya abbaa isaaf jalqabe irraa hin deebine; hin deebi’us. Daangaa hamma daangaatti, golee arfan Oromiyaa irraa ibiddi warraaqsaa daran belbele. Kun mootummaa wayyaanee guddoo rifaasise. Ummata Oromoo akka duraatti gowwoomsaa fi sossobbaan dallaa gabrummaa keessatti ittisaa itti fufuu akka hin dandeenye hubachiise.
Murni TPLF/wayyaaneen aangoo humna waraanaan of harkaa qabu kana yeroof illee taatu jiraachisuu fi warraaqsa ummata Oromoo FXG dadhabsiisuuf, danda’u ammoo dhaabuuf ijibbaata garagaraa taasisuu ammas itti fufee jira.
Humna warraaqsaa fi qabsoo Oromoo kan ta’an, FXG finiinaa jiru keessattis adda duree hiriiruun wareegama bifa hundaa baasaa qabsoo Oromootiif injifannoo galmeessaa, mootummaa gabroomfataa ammoo hundeen raasaa kan jiran dargaggoota Qeerroo Bilisummaa irratti xiyyeeffatee laaffisuuf duula ololaa fi shiraa irratti geggeessaa jira.
Akka hubatamutti sochii ummatni Oromoo keessaa fi alaan gamtaan itti jirutti mootummichi haalaan rifatuu irraa, adeemsa jiru laaffisuu fi gara dabarsuuf keessaa fi alatti duula adda addaa kan olola dabalatu geggeessaa jira. Shira xaxuu fi olola adda addaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti geggeessuunis qaamuma duula kanaa ti. Arraata Qeerroo kan ta’e Sagalee Qeerroo irrattis bifa adda addaan dalagaan diinummaa fi diiggaa geggeeffamaa jirus duuluma kanaan walitti hidhata.
Duula shiraa fi olola dharaa banamee jiru keessatti hogganootni wayyaanee kan akka ministeera dhimmoota kominikeshinii mootummaa Geetaachoo Raddaa jedhamuu faa keessatti argaman. Isaan kun hanga biyya alaatti dalagaa shiraaf bobbaafamaniiru.
Duulli sochii Oromoon amma godhaa jiru busheessuu fi Gamtaa Qeerroo laaffisuu ykn gara dabarsuuf itti jiramus akeekni isaa dargaggootni humna qabsichaa, warraaqsa finiinaa jiruufis adda duree ta’anii waan socho’aa jiraniifi. Humni dargagootaa kun humna gowwoomsaa fi sossobbaa wayyaanee xumurate, fayidaalee gara garaaf garaa hin hirre, wareegamii fi bobbaan diinaa kamuu of duuba isa hin deebisne, akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuu fi mirga ummata Oromoo guutuutti falmu ta’uu irraa diinaa fi kanneen fedha adda addaa qabaniif yaaddoo guddaa dha. Kanaafi kan diinni Qeerroo Bilisummaa warraaqsa finiinaa jiru kana keessatti taargeeta godhatee itti duulaa jiruuf.
Ogguu hundaa hirriba keessallee waa’een ABO kan isa baaragsu wayyaanee/TPLF waggoota aangoo irra jiraate kana hunda keessa guyyaan itti ABO maqaa hin dhahin hafe hin jiru jechuutu danda’ama. Waraanaan, basaasotaan, shirootaa fi ololootaan osoo irratti duuluu bakka har’a jiru kana gahe. Har’as warraaqsa kana kan geggeessaa jiru ABO ti, miseensota ABO qabanne, murtiif dhiheessine…..ololaa fi jechoota nuffisiisoo baroottan darbaniif midia irra jiraatan, kan namnuu dhagahuu hifate san har’allee deebisee ittiin weeddisaa jira. Har’as ABO irratti ololaa fi shira xaxaa jira. Kunis akkuma duraa sochii ABO danquuf akeekkatuu isaa mul’isa.
Cuunfaatti akeekni olola amma deemaa jiruu fi bobbaalee diinaa bakka hundaayyuu, sochii Qeerroo Bilisummaa gufachiisuuf, adeemsa QBO ABOn hogganamuu danquuf, waliigalatti ammoo sochii QBO fi adeemsa warraaqsa FXG sadarkaa olaanaa irra gahee jiru kana gara gulantaa itti aanuutti akka hin tarkaanfanne gufachiisuuf karoora diinaan baafamee ittiin sossohamaa jiruu dha. Haa ta’u malee, shirri xaxamuu fi ololli geggeeffamu falmii bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa finiinaa jiru tasumaa dhaabuu akka hin dandeenye diinnis firris jala muree beekuu feesisa.
Xumura irratti dhaamsi dabarfamu hubannoo tokkoon maleetti murnootni hawaasa Oromoo kan keessaa fi alaa marti olola faajjessaa adda addaa waan gara garaa maqaa dhahatee diinaa fi farreeniin Qeerroo Bilisummaa irrattis ta’u ABO irratti ololamuu fi hafarfamu keessatti hirmaachuun meeshaa diinaa ta’uu irraa of qusatuu dha.
Miseensotanii fi deggertootni, ummatni Oromoo addatti ammoo warraaqsa ummata Oromoo belbelaa jiru keessatti duree hiriiranii kan jiran Barattootni/ Dargaggootni/ Qeerroon olola bifa fedhee diinnii fi ergamtootni diinaa ta’e jedhanii oomishanii ololaniif osoo gurra hin ergisne, falmaa finiinsuun FXG milkeessuu qofa irratti cichoominaan hojjechuun xumura sirna gabrummaa wayyaanee gabaabsuu dha.
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: Oromia , Oromia latest News , Oromia: Bakkee Adda Addaati Qabeenyi Wayyaanee Daareffame , SBO
Bakkee Adda Addaati Qabeenyi Wayyaanee Daareffame
(SBO – MUDDE 25,2015) Godina Arsii Lixaatti Manni Murtii Ona Shaallaa Barbadeeffame; Godina Booranaa Ona Mi’oo Keessattis Dhaabbata Daandii Hindootaan Geggeeffamu Qabeenyummaan Isaa Kan Wayyaanee Ta’e Daareffame.
Warraaqsa Bilisummaa Ummata Oromoo fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa guutuu Oromiyaa keessatti belbelaa jiru dhaamsuuf tarkaanfii faashistummaa mootummaan abbaa irree wayyaanee ummataa fi barattoota meesha maleeyyii irratti fudhataa jirutti ummatni dallansuu isaa daran mul’isuun qabeenya mootummaa wayyaanee dabalatee caasaalee sirnichaa adda addaa irratti tarkaanfii barbadeessaa fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan Mudde 24,2015 guyyaa kaleessaa ganama keessaa sa’aa 6:00 irratti Godina Lixa Arsiitti manni murtii Ona Shaallaa magaalaa Aajjeetti argamu tarkaanfii humna ummataan fudhatameen guutummaatti barbadeeffamuun daaraa akka ta’e oduun SBO dhaqqabe ifa godha. Galmeelee fi meeshaaleen gara garaa mana murtii kana keessa turan guutummaatti daareffamaniiru.
Kaabinootni Onaa fi poolisootni walta’uun guyyaa guutuu ummata irratti sakattaa gochuuf yaalanis haalli ummataa waan isaan sodaachiseef, sakatta’icha akka addaan kutuuf dirqamanis hubatameera. Diddaan ummataa haalaan jabaa ta’uunis gabaafameera.
Oduuma walfakkaatuun Mudde 24,2015 guyyuma kaleessaa Godina Booranaa Ona Mi’oo keessatti qabeenyummaan isaa kan wayyaanee kan ta’ee fi Hindootaan kan geggeeffamu dhaabbata karaa baasu tokko irratti ummatni tarkaanfii fudhatee jira.
Tarkaanfii kanaan konkolaattotni dhaabbatichaa kan daareffaman oggaa ta’u, hojjettootni dhaabbatichaa hedduunis madaa’uun hospitaala seenanii akka jiran oduun SBO dhaqqabe addeessee jira.
Tarkaanfii ummataa kanaan walqabatee Hindoota dabalatee hojjettootni dhaabbata daandichaa keessa hojjetan naannicha gadhiisanii deemuuf akka dirqamaa jiran kan gabaafame oggaa ta’u, mootummaan wayyaanee humna waraanaa baay’inaan bakkichatti guuraa akka jirus ibsameera.
Gaaffii ummatni karaa nagaa gaafateef deebiin mootummaan wayyaanee kennaa jiru tarkaanfii faashistummaa fi diinummaa dorgomaa hin qabne waan ta’eef, aarii kana irraa tarkaanfiin ummatni qabeenyaa fi caasaa sirna wayyaanee irratti fudhatu guutuu Oromiyaa keessatti babal’atee itti fufuu akka danda’u taajjabdootni hubachiisaniiru.
Related (Odeeffaanuu wal fakkatu):-
(SBO – MUDDE 26,2015) Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Haleellaa Fudhateen Loltoota Wayyaanee 12 Hojiin Ala Godhe. Basaasotni Diinaas Haleelaman.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Mudde 23,2015 Lixa Harargee Ona Bookee bakka Araddaa 17 jedhamutti humna federaalaa sirna wayyaanee kanneen ummatatti roorrisan haleeluun 7 irraa ajjeesee, 5 madeessuu fi qawwee AKM.4 hidhannoo waliin irraa hiikkatuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Gama biraan Humni Addaa WBO Godina Bahaa Mudde 22 fi 23,2015 Lixa Harargee naannoo magaalaa Cirootti basaasota wayyaanee 5 irratti tarkaanfii fudhatee jira. Tarkaanfii kanaan basaasni wayyaanee Mahaammad Abdullaahi jedhamu oggaa ajjeefamu, lama ammoo akka hamaa madeeffamaniiru. Basaasotni lama ammoo to’atnaa jala galuun hidhannoon irraa hiikkatameera.
http://www.siitube.com/sbo-mudde-262015-oduu_4dc7d930c.html
Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: SBO , Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO) , WBO
(SBO – MUDDE 05, 2015) Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Baha Oromiyaa keessa sossohu jalqaba baatii Muddee kanaatti Lixa Harargee Ona Gammachiisii fi naannoo Daaroo Labuu keessatti tarkaanfilee waraana wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 22 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Haaluma kanaan Mudde 01, 2015 Lixa Harargee naannoo Baddeessaa Ona Gammachiis keessaa bakka Siree jedhamutti waraana wayyaanee haleeluun 5 yeroo irraa ajjeesu, 7 ol ammoo madeessuun gabaafameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Mudde 02,2015 Lixa Harargee naannoo Daaroo Labuu bakka Jiddoo Galamaa jedhamutti murna waraana wayyaanee rukutuun 4 yeroo irraa ajjeesu, kanneen 6 ol ta’an ammoo akka madeessee fi qawwee kilaashii 3 hidhannoo guutuu waliin akka irraa booji’e Ajaji WBO Godina Bahaa hubachiiseera.
Kun kanaan osoo jiruu gama Bahaan ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessa jiranii fi kanneen dhalootaan Oromoo hin taane, sirnichaaf waardiyaa dhaabbatanii jiran gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu oduun walqabatee nu gahe ifa godha.
Bifuma kanaan Mudde 01,2015 Baha Harargee keessaa naannoo Dirre Dhawaatti dhihoo, karaa gara Jibuutti geessutti kan argamu bakka Shinniilee jedhamutti qubsuma waraana wayyaanee tokko keessatti loltootni dhalootaan Oromoo ta’anii fi kanneen biroo gidduutti waldhabbiin uumamuun dhukaasa walitti bananii akka wal ajjeesanii fi wal madeessan oduun kun ni hubachiisa.
Maddi rakkoo kanaas loltootni wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’in ilmaan Oromoo waraanicha keessa jiran ilaalcha sabummaan, FDG deemaa jiruun walqabsiisanii shakkuu fi gara Jibuutiitti baduuf yaadaa jirtu ittiin jechuu irraa akka ta’e ibsameera.
VIDEO
VIDEO
Posted by OromianEconomist in Oromia and Benishangul .
Tags: Benishangul , Oromia , SBO
Cunqursaa Mootummaa Wayyaaneetti xumura gochuudhaan Bilisummaa Ummatootaa mirkaneessuuf harka wal qabatanii falmaa finiinsuu malee filmaanni biraa kan hin jirre tahuu, Dura Taa’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul, Obboo Abdulwahaab Mahdii Iisaa gaaffii fi deebii SBO waliin taasisaniin ibsan.
Dura taa’aan Dhaaba SOCHII BILISUMAA UMMATA BENISHAANGUL (BPLM) Obboo Abdulwahaab Mahdii Iisaa gaaffii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromoo Sagantaa Afaan Amaaraa waliin taasisaniin dhimmoota hedduu kaasaniiru.
Ummanni Benishaangul erga sirni Dargii qabsoo Ummatootaan aangoorraa qaarsifamee gartuun wayyaanee aangootti ol baheeyis cunqursaan siyaasaa fi dinagdee kan irraa hin dhaabbanne tahuu kan eeran Obboo Abdulwahaab, bara gartuu TPLF keessa dachee saamamuun qayeerraa buqqifamuun, baqachiifamuu fi hidhaan akkasumas ajjeechaan geessifamu akkaan suukaneessaa tahuu dubbatan.
Lafti hidhi laga Abbayyaa irratti ijaaramaa jiru kan lammiileen Benishaangul beenyaa malee humnaan irraa buqqifaman tahuu kan tuqan Obboo Abdulwahaab, lammiileen lafti isaanii irraa saamames biyya ollaa Suudaanitti godaanuuf dirqamuu ibsan. Kana malees, naannoo Hudunduu jedhamuu kanneen 100,000 caalan manneen jireenyaa isaanii konkolaataa Doozaraan diigamuu ibsanii, lafti isaanii qubattoota wayyaaneen Kaabaa fideef kennamaa fi Chaayinaatti gurguramaa jiraachuu himan.
Haala diddaa ummataa wayta ammaa kana naannoo bulchiinsa Benishaangul keessatti deemaa jiruun walqabatee miidhaa wayyaaneen geessisaa jirtu kan ilaallatuun ammoo sirni wayyaanee diddaa ummataa Hagayya 14 bara 2015 gaggeeffameen walqabsiisee lammiilee Benishaangul hedduu humnoota isaa itti bobbaaseen ajjeesuu, jumlaan hidhuu fi qayeerraa baqachiisuu ragaadhaan deeggaruun saaxilan.
Ummanni Benishaangul filannoo wayyaanee ALG.tti 2007 gaggeeffamerraa qooda hin fudhanne, diddaa jabaa agarsiise kan jedhan dura taa’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul, kanarraas sirnichaan yakkamanii hidhaa fi dararaaf saaxilamuu ibsan.
Dabballoonni wayyaanee namoota “Filannoon nu hin ilaallatu, hidhaa, saamichaa fi dararaan nurraa haa dhaabbatu.” jechuudhaan gaafataniin isin SBUB waliin hariiroo qabdu jechuudhaan guyyaa saafaan gabaa keessatti rasaasaan ajjeesuu ibsan. Kanaan walqabatees ummanni diddaa jabaa mul’isuurraa mootummaan wayyaanee waraana itti bobbaasuun dhukaasa irratti roobsee namoota 12 battalumatti ajjeesuu maqaa namoota ajjeefamanii tarrisuudhaan ibsan. Manguddoota umriin isaanii wagaga 95, 75 fi 60 dabalatee lammiilee diddaa agarsiisaa jiran keessaa abbootiin warraa 30ni Asoosaatti hidhamuu kan dubbatan Obbo Abdulwahaab, namoonni 5 ammoo gara mana hidhaa kaampii waraanaatti geeffamuudhaan erga dararamaa turanii booda, nyaatni summaa’aan itti laatamee waytuma sana lubbuun isaanii galaafatamuu ibsan.
Duula mootummaan wayyaanee diddaa ummata Benishaangul dhaamsuuf waraana itti bobbaasee gaggeessaa jiru kanaan wayta ammaa kana daa’imman 35 rasaasaan reebamuu fi lammiileen 285 tahan madeeffamanii Hospitaala Raashaa kan Asoosaatti argamu keessa jiraachuu kan tuqan Obboo Abdulwahaab 30,000 kan tahan ammoo qayeerraa baqatuu gaaffii fi deebii SBO Sagantaa Afaan Amaaraa waliin taasisan keessatti addeessaniiru. Haalli wayta ammaa kana naannoo Benishaangul keessa jiru Miidiyaaleedhaan akka ifa hin taaneef mootummaan wayyaanee namnuu akka naannicha hin seenne ugguruus dubbataniiru.
Cunqursaan mootummaa wayyaaneetiin ummata Benishaangul irratti raawwatamaa jiru hammaataa jira kan jedhan Dura Ta’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul Obboo Abdulwahaab Mahdii, roorroo diinaa kana of irraa qolachuun bilisummaa keenya mirkaneessuuf dargaggoonni hedduun waraana, Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangulitti dabalamaa jiru jedhan. Ummannis hanga wareegama lubbuutti bilisummaa isaa goonfachuuf murannoo qabu ibsuun nu cinaa hiriiree falmaa fi dinagdeen nu tinnisaa jira jedhan.
Waraanni keenyas degarsa ummataan sochii isaa itti fufeera erga jedhanii booda, tarkaanfilee waraanni Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul yeroo adda addaatti loltoota wayyaanee irratti fudhate ibsanii, kunis hanga wayyaaneen biyya keenya gadi lakkistee baatutti itti fufa jedhaniiru.
Hariiroon Ummani Oromoo fi Ummatni Benishaangul walgidduudhaa qaban kan yeroo dhiyoo odoo hin taanee, baroota dheeraa kan lakkoofsisee dha kan jedhan Obboo Abdulwahaab, Ummatoonni keenya hariiroo hawaasummaa fi daldalaa waliin gaggeeffataa jiraniin dabalata diina isaanii waloo kan tahe mootummaa wayyaanee kuffisuudhaaf waloon sossohuun furmaata tahuu amananii waliin falmaa gaggeessaa jiru jedhan. Hariiroon qabsoo ABO waliin qabnu sirna Dargii kuffisuu keessatti ifatti mul’ateera kan jedhan Dura taa’aan SBUB, hariiroon walii tumsuu kunis kan jabaatee itti fufe tahuu addeessan.
Nuti akka Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangulitti, dhaabbilee mirga ummata isaaniif falman akka ABO, ABBO, kan Gaambeellaa fi kanneen biroo waliinis marii gaggeessuudhaan “cunqursaa mootummaa wayyaaneetti xumura gochuudhaan Bilisummaa Ummatootaa mirkaneessuuf harka wal qabatanii falmaa finiinsuu malee filmaanni biraa hin jiru kan jedhurra geenyee, waliinis hojjechaa jirra jedhaniiru.
Gaaffii fi deebiin Dura taa’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishangul Obboo Abdulwahaab Mahdii Iisaa SBO sagantaa Afaan Amaaraa waliin taasisan Sagantaa SBO Roobii dhufuu (Hagayya 26 bara 2015) kan dhihaatu ta’uus garanumaan beeksisna.
የኦሮሞ ነጻነት ድምጽ: የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ሊቀመንበር ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ ጋር ቃለ-መጠይቅ
የወያኔ መንግስት በህዝቦች ላይ እያደረሰ ላለው ጭቆና ፍጻሜ በማበጀት የህዝቦችን ነጻነት ለማረጋገጥ እጅ ለእጅ ተያይዞ ፍልሚያውን ከማፋፋም በስተቀር ኣማራጭ የሌለ መሆኑ የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ሊቀመንበር ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ ከኦሮሞ ነጻነት ድምጽ ጋር ባደረጉት ቃለ-መጠይቅ ገለጹ። የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ሊቀመንበር ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ ከኦሮሞ ነጻነት ድምጽ ጋር ማደረጉት ቃለ-መጠይቅ በርካታ ጉዳዮችን ኣንስተዋል።
የቤኒሻንጉል ህዝብ የደርግ ስርዓት በህዝቦች ትግል ተገርስሶ የወያኔ ኣምባገነን ስርዓት ስልጣኑን በሃይል ከተቆጣጠረ ወዲህም የሚደርስበት የፖለቲካና ኢኮኖሚ ጭቆና እጅግ እየከፋ መሄዱን ኣቶ ኣብዱልወሃብ ገልጸዋል። በዘመነ-ወያኔ/ህወሃት ከመሬት መፈናቀልና መሰደድ እንዲሁም እስራትና ግድያ በኣስከፊ ሁኔታ በቤኒሻንጉል ህዝብ ላይ መፈጸሙን ያመለከቱ ሲሆን፡ በኣባይ ግድብ ሳቢያ የቤኒሻንጉል ዜጎች መሬታቸውን ተቀምተው ወደ ሱዳን ለመሰደድ መዳረጋቸውን ጠቅሰዋል። በዚህም ከሁዱንዱ ኣካባቢ ከ100,000 በላይ ዜጎች መኖሪያ ቤቶቻቸው ወያኔ ባሰማራባቸው ዶዘር መኪኖች ፈራርሰው መሬታቸው ስርዓቱ ከሰሜን ባመጣቸው ሰፋሪዎች መያዙና ለቻይና ባለሃብቶች መሸጡን ተናግረዋል።
በሌላ በኩል ደግሞ በኣሁኑ ጊዜ በቤኒሻንጉል ኣካባቢ እየተካሄደ ካለው ህዝባዊ ኣመጽ በተለይም ነሃሴ 14 ቀን 2015ዓም ከተካሄደው ህዝባዊ ኣመጽ ጋር ተያይዞ የወያኔ መንግስት በርካታ ዜጎችን መግደሉንና ማቁሰሉን እንዲሁም በጅምላ ማሰሩን ኣቶ ኣብዱልወሃብ የስርዓቱ ጥቃት ሰለባ የሆኑትን የቤኒሻንጉል ዜጎች ስም ዝርዝር በመጥቀስ ኣጋልጠዋል።
የቤኒሻንጉል ህዝብ የ2007 የወያኔ ምርጫ ላይ ኣልተሳተፈፍ ያሉት የንቅናቄ ሊ/መንበር፡ ህዝቡ መብቱ እንዲከበር እያካሄደ ያለውን ኣመጽ ኣፋፍሞ ከመቀጠሉ ጋር ተያይዞ ወያኔ ህዝባዊ የመብት ጥያቄውን በሃይል ለማፈን ባሰማራቸው ካድሬዎቹና የታጠቁ ሃይሎች ኣማካይነት ዘግናኝ ግድያና የጅምላ እስራት መፈጸሙን ኣመልክተዋል። ወያኔ ያሰማራቸው ወታደሮች ንጹሃን የቤኒሻንጉል ዜጎችን “ከቤኒሻጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ጋር ትስስር ኣላችሁ“ በሚል በገበያ ውስጥ በጥይት መግደላቸውን ተከትሎ የተፈጠረውን ህዝባዊ ቁጣ በሃይል ለማፈን በከፈቱት የተኩስ እሩምታ 12 ዜጎች ወዲያውኑ እንደተገደሉ የሟቾችን ስም ዝርዝር በመጥቀስ ገልጸዋል ኣቶ ኣብዱልወሃብ።
ከዚህም በተጨማሪ የ95, የ75ና የ60 ዓመት ኣዛውንቶች የሚገኙበት ከ30 የሚልቁ ዜጎች በኣሶሳ ወህኒ ቤት መታጎራቸውን ጠቁመው፡ 5 ዜጎች ደግሞ በወታደራዊ ካምፕ ውስጥ ሰቆቃ ሲፈጸምባቸው ከሰነበቱ በኋላ የወያኔ ወታደሮች በሰጧቸው የተመረዘ ምግብ መገደላቸውን ተናግረዋል።
የወያኔ ስርዓት በቤኒሻንጉል ህዝብ ላይ በከፈተው ዘመቻ ክፉ-ደጉን የማያውቁ 35 ህጻናት በኣሳዛኝ ሁኔታ በጥይት መደብደባቸውን የጠቀሱት ሊ/መንበሩ፡ በወያኔ ወታደሮች የሽብር ጥቃት የቆሰሉ 285 ዜጎች ኣሶሳ ያለው ራሻ ሆስፒታል እንደሚገኙና ከ30,000 በላይ ዜጎች ደግሞ ለስደት መዳረጋቸውን ከኦሮሞ ነጻነት ድምጽ ጋር ባደረጉት ቃለ-መጠይቅ ገልጸዋል። በቤኒሻንጉል ኣካባቢ ያለው ህዝባዊ ተቃውሞና የስርዓቱ ሃይሎች ወንጀል በሚዲያ እንዳይጋለጥ ወያኔ ማንኛውንም ሚዲያ ማገዱንም ኣጋልጠዋል።
በወያኔ መንግስት ህዝባችን ላይ የሚፈጸመው ጭቆና ተጠናክሯል ያሉት ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ፡ ይህንን ጭቆና ለመቀልበስም በኣሁኑ ጊዜ በርካታ ወጣቶች ወደንቅናቄው ሰራዊት እየተቀላቀሉ መሆናቸውን ተናግረዋል። ህዝቡም ኣስፈላጊውን መስዋዕትነት ከፍሎ ነጻነቱን ለመጎናጸፍ ያለውን ቆርጥነት በማሳየት ከቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ጎን በመቆም ፍልሚያውን እያፋፋመና ድጋፉን ለድርጅታችን እየለገሰ ነው በለዋል። የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነትንቅናቄ ሰራዊት በወያኔ ስርዓት ላይ የሚያወስደውን እርምጃ ማጠናከሩን በተለያዩ ጊዜያት የተወሰደኡ እርምጃዎችን በመጥቀስ ያመለከቱት ኣቶ ኣብዱልወሃብ ይህ ጥቃትም ወያኔ እስከሚወገድ እንደሚቀጥል ይፋ ኣድርገዋል።
በወያኔ ስርዓት ለጭቆና ከተዳረጉ ህዝቦች ጋር ያለውን ትብብርና ኣጋርነት በተመለከተም ኣቶ ኣብዱልወሃብ ተናግረዋል። የኦሮሞና የቤኒሻንጉል ህዝቦች ግንኙነትና የትግል ትብብር ኣሁን የተጀመረ ሳይሆን በርካታ ኣመታትን ያስቆጠረ መሆኑን የተናገሩት ኣቶ ኣብዱልወሃብ በህዝቦች መካከል ያለው ግንኙነት በንግድና ማህበራዊ መስኩ ከመቀጠሉም ባሻገር የጋራ ጠላት የሆነውን የወያኔ ስርዓት ለማስወገድ በጋራ መንቀሳቀስ ብቸኛው ኣማራጭ መሆኑን በመገንዘብ በትብብር ፍልሚያ እያካሄደ መሆኑን ለኦሮሞ ነጻነት ድምጽ በሰጡት ቃል ኣብራርተዋል። ከኦሮሞ ነጻነት ግንባር ጋር ያለን ግንኙነት የደርግ ስርዓትን በመገርሰሱ ሂደት በገሃድ የታየ ነው ካሉ በኋላ ይህ ትብብርም ተጠናክሮ ይቀጥላል በለዋል።
የወያኔ መንግስት በህዝቦች ላይ እያደረሰ ላለው ጭቆና ፍጻሜ በማበጀት የህዝቦችን ነጻነት ለማረጋገጥ እጅ ለእጅ ተያይዞ ፍልሚያውን ከማፋፋም በስተቀር ሌላ ኣማራጭ የሌለ መሆኑን በመገንዘብ ድርጅታቸው የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ከኦነግ፣ ኦብነግ፣ ጋምቤላና ለህዝባቸው ነጻነት ከሚታገሉ ሌሎችም ድርጅቶች ጋር ውይይት በማድረግ የትግል ትብብር ፈጥረው እየተንቀሳቀሱ መሆኑን የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ሊቀመንበር ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ ከኦሮሞ ነጻነት ድምጽ ጋር ባደረጉት ቃለ-መጠይቅ ገለጸዋል።
ከቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ሊቀመንበር ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ ጋር የተደረገውን ቃለ-መጠይቅ ሙሉ ይዘን ርቡዕ(ነሓሴ 26 ቀን 2015ዓም) በሚቀርበው ዝግጅታችን ኣናቀርባለን።
Posted by OromianEconomist in Sham elections .
Tags: Africa , African Studies , Because I am Oromo , Ethiopia's sham elections , SBO , SBO: Oduu Filannoo Wayyaanee , Sham elections
Mootummaan Wayyaanee filannoo isaa Caamsaa 24, 2015 Dilbata dhufu geggeeffatuun walqabatee Oromiyaa keessatti iddoowwan Fincilli ummataa ni dhoha jedhee sodaatutti karaa ittiinan dhaamsuu danda’a jedhu humna waraanaatti dabalatee karoora biraa baafatee socho’aa jiraachuun isaa saaxilame.
Filannoon kun filannoo dimokraatawaa, bilisaa fi haqummaa kan hin qabne, ulaagaa filannoo addunyaan beekuu kan hin guutnee fi taajjabdootni idil addunyaa tokkollee kan irratti hin argamne filmaata fakkeessii fi waliin dhahaa tahuun isaa yoo beekamu, mootummaan Wayyaanee filannichaan booda diddaan ummatootaa akka hin dhalanne, addatti ammoo Oromiyaa keessatti Fincilli ummataa fi dargaggootaa ka’uu danda’a sodaa jedhuun diddaa dhalatu dhaamsuuf humna waraanaa, poolisaa fi humnoota tikaa bobbaafatee jirutti dabalee karaa ittiin diddaan kun hin babal’anne tooftaa ittiinan dhaamsa jedhu kan biraa lafa kaawwatee socho’aa jiraachuu Maddeen Oduu SBO saaxilaniiru.
Haaluma kanaan mootummaan abbaa irree fi goolessaan Wayyaanee Oromiyaa keessaa bakkoota fincilli ummataa fi dargaggootaan ka’uu danda’a jedhee sodaataa jiru Dhiha Shawaa, Baha Wallaggaa, Naqamtee fi naannoo ishee, Lixa Wallaggaa D.Doolloo fi naannoo isheetti akkuma adeemsi filannoo xumurameen naannolee kanatti mo’amneerra jedhee labsuun diddaan ummata Oromoo akka hin kaane, bakkoota biraattis fincilli ummataa fi dargaggootaan akka hin qabsiifamne ukkaamsee hambisuuf karoorfatee akka jiru maddeen SBO ifa godhanii jiran.
Filannoo kanaan walqabatee naannolee kanatti mormii ummataa dhalatuu malu tooftaa kanaan ukkaamsinaan bakkoota biratti fincilli hin dhalatu, hin babal’atu, salphaatti filannoo keenya milkii fi injifannoo paartii IHADGn xumurachuu dandeenya jechuun itti amantaan socho’aa jiraachuun isaanii saaxilameera.
Oromiyaa keessattis haa ta’u, naannolee empaayerattii hunda keessatti mootummaan Wayyaanee/IHADG filannoo kana waliin dhahee, korojoo hatee, ummatas doorsisee fi tokko shaneen walitti hidhee akkuma duraanii injifannoo kijibaa labsachuun isaa waan dirree jiru, shakkii tokkollee kan hin qabne ta’uu kan hubachiisan maddeen SBO, karoorri Oromiyaa keessatti fincila ummataa dhaamsuuf Dhiha Shawaa, Baha Wallaggaa, Naqamtee, D.Doolloo fi bakkoota biraatti baafamee jiru kan mul’isu, sagalee ummataa ukkaamsuuf shira olaanaa xaxamaa jiru ta’uun isaa akkuma jirutti ta’ee, mormitootni barcuma lama, shan ykn kudhan argatanii paarlamaa galanii teenyaan isaan gaha jechuu akka ta’e kan mul’isuu dha jedhaniiru.
Kanas ta’e sanas filannoo waliin dhahaa sirna mootummaa Wayyaanee jalatti geggeeffamuun murna shiftaa aangoo humna qawween qabate Wayyaanee aangoo irraa kaasanii sagalee ummataa, waan ummatni fedhu argamsiisuun akka hin danda’amne sabboontotni Oromoo yaada agabaastota SBOf kennaniin mul’isuun, mormitootni maqaa Oromoon jiran barcuma murtooftuu argatanii paarlamaa seenanii taa’uun rakkoo fi gidiraa sirna cunqursaa ummata Oromoo irratti barootaaf jiraate furuu akka hin dandeenye, kaleessas akka hin danda’amiin addeessaniiru.
Kanaaf ummatni Oromoo, ka’imman Oromoo waca filannoo kanaan dahatee deemaa jiruun osoo hin dagamne, keessaa fi alatti irree isaa gamteeffachuun bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa dhugoomfachuuf qabsoo isaa caalaatti jabeeffatee, FDG bifa gara garaan deemaa jirus daran babal’isee finiinsuu akka qabu sabboontotni Oromoo dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n filannoo Wayyaanee kana ilaalchisuun ibsa Caamsaa 18,2015 baaseen, Filannoon Caamsaa 24, 2015nitti baallamamee jiru Wayyaanee aangomsuun alatti faydaa biraa ummatootaaf argamsiisu tokkollee akka hin qabne ifa gochuun, ummatni Oromoo haqa kana hubatuun furaan dhibdee isaa qabsoon malee kan hin argamne tahuu beekee, filannoo kijibaan akka hin dagamne, mirgaa fi bilisummaa isaa qabsoo isaan gonfachuuf jabaatee akka warraaqu ibsa kanaan yaamicha isaa dabarsee jira.
http://gadaa.net/FinfinneTribune/2015/05/sbo-oduu-filannoo-wayyaanee-caamsaa-20-2015/
You must be logged in to post a comment.