jump to navigation

Oromia (#OromoProtests) :Shirri Xaxamuu fi Ololli Geggeeffamu Falmii Bilisummaa Fi Mirga Abbaa Biyyummaa Finiinaa Jiru Hin Dhaabu! May 1, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests, Oromia.
Tags: , , , ,
trackback

Odaa OromoosboKa'i Qeerro

 

Shirri Xaxamuu fi Ololli Geggeeffamu Falmii Bilisummaa Fi Mirga Abbaa Biyyummaa Finiinaa Jiru Hin Dhaabu!

(SBO/VOL – Caamsaa 01,2016) Fincilli Diddaa Gabrummaa gara Fincila Xumura Gabrummaatti jijjiiramee falmaan mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo fi ilmaan isaa barattoota/dargaggoota Qeerroo Bilisummaan finiinuu erga eegalee ji’oota shanii ol lakkoobsisaa jira. Warraaqsa ummata Oromoo FXG kanaan mootummaan wayyaanee haalaan rukutameera. Hundeen sirna cunqursaa wayyaanee/TPLF Oromiyaa keesssaa asitti hafee kan hin qabneen haleelamee caasaaleen sirnichaa diigamanii burkutaawaniiru. Waggoota 25 bara bulchiinsa abbaa irree wayyaanee kanneen keessattis diddaan mul’ataan akkanaa gamtaa ummata Oromoon oggaa mul’atu kun isa jalqabaa ti jechuunis ni danda’ama.

FXGn har’a golee Oromiyaa cufa keessatti finiinaa jiru wayyaanee qofa kan rukutee fi wayyaanee qofa kan baaragse osoo hin taane, leellistootaa fi harka mirgaa mootummichaa kan ta’an, lukkeelee, ayyaanlaallattootaa fi fakkaattota fedha adda addaa qaban, kanneen gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an hunda kan haleelee dha.

Adda durummaan barattoota/dargaggoota/Qeerroo Bilisummaa Oromoo hirmaachisuun kan geggeeffamaa jiru warraaqsi ummata Oromoo FXGn akka ibidda saafaa sirna cunqursaa mootummaa abbaa irree fi goolessaa wayyaanee guggubee waxalaa jiru kana gartuun kun akkuma inni jalqabeen of booda deebisuu fi dhaamsuuf ayinaa fi baay’inaan waraanaa fi basaasosta isaa guutuu Oromiyaatti bobbaasee ummata Oromoo addatti ammoo dargaggoota/barattoota Oromoo dhibbootaan ajjeeseera; kumootaan qaamaa hir’iseera; kumoota kudhanootaan ammoo guuree hidhaatti naqee jira. Kun hundumtuu ta’ee ummatni Oromoo ajjeefame, hidhame jedhee yakka diinaan isa irratti raawwatamuuf jilbeenfatee falmaa biyya abbaa isaaf jalqabe irraa hin deebine; hin deebi’us. Daangaa hamma daangaatti, golee arfan Oromiyaa irraa ibiddi warraaqsaa daran belbele. Kun mootummaa wayyaanee guddoo rifaasise. Ummata Oromoo akka duraatti gowwoomsaa fi sossobbaan dallaa gabrummaa keessatti ittisaa itti fufuu akka hin dandeenye hubachiise.

Murni TPLF/wayyaaneen aangoo humna waraanaan of harkaa qabu kana yeroof illee taatu jiraachisuu fi warraaqsa ummata Oromoo FXG dadhabsiisuuf, danda’u ammoo dhaabuuf ijibbaata garagaraa taasisuu ammas itti fufee jira.

Humna warraaqsaa fi qabsoo Oromoo kan ta’an, FXG finiinaa jiru keessattis adda duree hiriiruun wareegama bifa hundaa baasaa qabsoo Oromootiif injifannoo galmeessaa, mootummaa gabroomfataa ammoo hundeen raasaa kan jiran dargaggoota Qeerroo Bilisummaa irratti xiyyeeffatee laaffisuuf duula ololaa fi shiraa irratti geggeessaa jira.

Akka hubatamutti sochii ummatni Oromoo keessaa fi alaan gamtaan itti jirutti mootummichi haalaan rifatuu irraa, adeemsa jiru laaffisuu fi gara dabarsuuf keessaa fi alatti duula adda addaa kan olola dabalatu geggeessaa jira. Shira xaxuu fi olola adda addaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti geggeessuunis qaamuma duula kanaa ti. Arraata Qeerroo kan ta’e Sagalee Qeerroo irrattis bifa adda addaan dalagaan diinummaa fi diiggaa geggeeffamaa jirus duuluma kanaan walitti hidhata.

Duula shiraa fi olola dharaa banamee jiru keessatti hogganootni wayyaanee kan akka ministeera dhimmoota kominikeshinii mootummaa Geetaachoo Raddaa jedhamuu faa keessatti argaman. Isaan kun hanga biyya alaatti dalagaa shiraaf bobbaafamaniiru.

Duulli sochii Oromoon amma godhaa jiru busheessuu fi Gamtaa Qeerroo laaffisuu ykn gara dabarsuuf itti jiramus akeekni isaa dargaggootni humna qabsichaa, warraaqsa finiinaa jiruufis adda duree ta’anii waan socho’aa jiraniifi. Humni dargagootaa kun humna gowwoomsaa fi sossobbaa wayyaanee xumurate, fayidaalee gara garaaf garaa hin hirre, wareegamii fi bobbaan diinaa kamuu of duuba isa hin deebisne, akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuu fi mirga ummata Oromoo guutuutti falmu ta’uu irraa diinaa fi kanneen fedha adda addaa qabaniif yaaddoo guddaa dha. Kanaafi kan diinni Qeerroo Bilisummaa warraaqsa finiinaa jiru kana keessatti taargeeta godhatee itti duulaa jiruuf.

Ogguu hundaa hirriba keessallee waa’een ABO kan isa baaragsu wayyaanee/TPLF waggoota aangoo irra jiraate kana hunda keessa guyyaan itti ABO maqaa hin dhahin hafe hin jiru jechuutu danda’ama. Waraanaan, basaasotaan, shirootaa fi ololootaan osoo irratti duuluu bakka har’a jiru kana gahe. Har’as warraaqsa kana kan geggeessaa jiru ABO ti, miseensota ABO qabanne, murtiif dhiheessine…..ololaa fi jechoota nuffisiisoo baroottan darbaniif midia irra jiraatan, kan namnuu dhagahuu hifate san har’allee deebisee ittiin weeddisaa jira. Har’as ABO irratti ololaa fi shira xaxaa jira. Kunis akkuma duraa sochii ABO danquuf akeekkatuu isaa mul’isa.

Cuunfaatti akeekni olola amma deemaa jiruu fi bobbaalee diinaa bakka hundaayyuu, sochii Qeerroo Bilisummaa gufachiisuuf, adeemsa QBO ABOn hogganamuu danquuf, waliigalatti ammoo sochii QBO fi adeemsa warraaqsa FXG sadarkaa olaanaa irra gahee jiru kana gara gulantaa itti aanuutti akka hin tarkaanfanne gufachiisuuf karoora diinaan baafamee ittiin sossohamaa jiruu dha. Haa ta’u malee, shirri xaxamuu fi ololli geggeeffamu falmii bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa finiinaa jiru tasumaa dhaabuu akka hin dandeenye diinnis firris jala muree beekuu feesisa.

Xumura irratti dhaamsi dabarfamu hubannoo tokkoon maleetti murnootni hawaasa Oromoo kan keessaa fi alaa marti olola faajjessaa adda addaa waan gara garaa maqaa dhahatee diinaa fi farreeniin Qeerroo Bilisummaa irrattis ta’u ABO irratti ololamuu fi hafarfamu keessatti hirmaachuun meeshaa diinaa ta’uu irraa of qusatuu dha.

Miseensotanii fi deggertootni, ummatni Oromoo addatti ammoo warraaqsa ummata Oromoo belbelaa jiru keessatti duree hiriiranii kan jiran Barattootni/ Dargaggootni/ Qeerroon olola bifa fedhee diinnii fi ergamtootni diinaa ta’e jedhanii oomishanii ololaniif osoo gurra hin ergisne, falmaa finiinsuun FXG milkeessuu qofa irratti cichoominaan hojjechuun xumura sirna gabrummaa wayyaanee gabaabsuu dha.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: