jump to navigation

Oduu maaster plan Hararii: Fascist TPLF Ethiopia’s regime has engaged in ethnic cleansing of Oromo people from city of Harar and surroundings Oromo land May 1, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests.
Tags: , , ,
1 comment so far

Odaa OromooSay no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo people

 

Oduu maaster plan Hararii


Oduu  Master Planii Hararii. #OromoProtests evictions from Harar city, 30 April 2016
Naannoon Hararii master plan Harar kan jette yeroo dheeraadhaaf karoorfatte haala mijiaawaa ittin eeggachaa turtee karoorfattee ajandaa dhokataa kan oromoo lafa saatirraa godaansisuudhaan sab-lammii Hararii biyya keeysa kan jiruu fi kan biyya alaati kolgaltummaan jiru Dollar ergee mana jaarsifatu qubachiisuuf karoora baafatte guyyaa 27/4/016 irraa eegalte hujirra oolfachu jalqabde jatti oduun nu geeyse.

Haaluma kanaan lafa baadiyyaa magaalaati dhiihaate arkamu Manneen kuma lama tahan kan Oromoon Oyruu sirrati Ganna 10 dura ijaarratte guyyaa kamisa dabree fi jimmata kana abbooti fi joollee dhiiraa eega mana hidhaati galchan booda Ganda Bubbee fi Shankoori je’umti humna polisii hamma funyaaniti hidhachifte ummatarrati bobbaafte manneen diigu jalqabde jirti

Ganda Bubbee qofati manneen 90 guyyaa kamisaa qofati diigame jira. tan eega ilma deessee guyyaa 16 daa’ima deeyse wajjiin mana irrati diigani jiran.

Guyyuma san ummanni dirmate fincila kaaseen dhukaasni akka roobaati gadi bu’ee namoonni 4 akka malee madaawani jiran namoinni 200 ol hidhamani jiran. fincillii ummataa humna polisi ol waan taheef federaal polisi dirmannoo yaammatani diiggaa manneen itti fufani jiran.

naannoo Araddaa shanki fincillii ummataa haalaan waan hammaateef haga ammaati humni polisii araddaa san seenu hin dandeenyee.

Kan baayyee nama gaddisiisuufi Oromoo lafarraa buqqaasani saba adaree qubachiisuuf tahu kan ragaa bahuu. namoota Adaree tahaniifi firoota prezdantichaa kan tahan muraasaaf yoo maqaa dhooyne namoota maqaan isaani Jorjoo fi Afandi jedhaman manni irraa hin diigamne. akkuma jiruutti kan oromoo qofti diigamaa jira.

Akkuuma kanaan durati tokkummaan roorroo saba keentarrati gayaa jiru ittisuuf waliif lallabne dirmannuti Orimoon martii jalaa gubbaan kaabaa kibbaan bahaa dhihaan dhimma kana quba qabaatani waliif dirmachuudhaan akka falmitanii dura dhaabbatanii fi akka mormitan jenna.

waliif dabarsaa share godhaa

Oromia (#OromoProtests) :Shirri Xaxamuu fi Ololli Geggeeffamu Falmii Bilisummaa Fi Mirga Abbaa Biyyummaa Finiinaa Jiru Hin Dhaabu! May 1, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests, Oromia.
Tags: , , , ,
2 comments

Odaa OromoosboKa'i Qeerro

 

Shirri Xaxamuu fi Ololli Geggeeffamu Falmii Bilisummaa Fi Mirga Abbaa Biyyummaa Finiinaa Jiru Hin Dhaabu!

(SBO/VOL – Caamsaa 01,2016) Fincilli Diddaa Gabrummaa gara Fincila Xumura Gabrummaatti jijjiiramee falmaan mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo fi ilmaan isaa barattoota/dargaggoota Qeerroo Bilisummaan finiinuu erga eegalee ji’oota shanii ol lakkoobsisaa jira. Warraaqsa ummata Oromoo FXG kanaan mootummaan wayyaanee haalaan rukutameera. Hundeen sirna cunqursaa wayyaanee/TPLF Oromiyaa keesssaa asitti hafee kan hin qabneen haleelamee caasaaleen sirnichaa diigamanii burkutaawaniiru. Waggoota 25 bara bulchiinsa abbaa irree wayyaanee kanneen keessattis diddaan mul’ataan akkanaa gamtaa ummata Oromoon oggaa mul’atu kun isa jalqabaa ti jechuunis ni danda’ama.

FXGn har’a golee Oromiyaa cufa keessatti finiinaa jiru wayyaanee qofa kan rukutee fi wayyaanee qofa kan baaragse osoo hin taane, leellistootaa fi harka mirgaa mootummichaa kan ta’an, lukkeelee, ayyaanlaallattootaa fi fakkaattota fedha adda addaa qaban, kanneen gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an hunda kan haleelee dha.

Adda durummaan barattoota/dargaggoota/Qeerroo Bilisummaa Oromoo hirmaachisuun kan geggeeffamaa jiru warraaqsi ummata Oromoo FXGn akka ibidda saafaa sirna cunqursaa mootummaa abbaa irree fi goolessaa wayyaanee guggubee waxalaa jiru kana gartuun kun akkuma inni jalqabeen of booda deebisuu fi dhaamsuuf ayinaa fi baay’inaan waraanaa fi basaasosta isaa guutuu Oromiyaatti bobbaasee ummata Oromoo addatti ammoo dargaggoota/barattoota Oromoo dhibbootaan ajjeeseera; kumootaan qaamaa hir’iseera; kumoota kudhanootaan ammoo guuree hidhaatti naqee jira. Kun hundumtuu ta’ee ummatni Oromoo ajjeefame, hidhame jedhee yakka diinaan isa irratti raawwatamuuf jilbeenfatee falmaa biyya abbaa isaaf jalqabe irraa hin deebine; hin deebi’us. Daangaa hamma daangaatti, golee arfan Oromiyaa irraa ibiddi warraaqsaa daran belbele. Kun mootummaa wayyaanee guddoo rifaasise. Ummata Oromoo akka duraatti gowwoomsaa fi sossobbaan dallaa gabrummaa keessatti ittisaa itti fufuu akka hin dandeenye hubachiise.

Murni TPLF/wayyaaneen aangoo humna waraanaan of harkaa qabu kana yeroof illee taatu jiraachisuu fi warraaqsa ummata Oromoo FXG dadhabsiisuuf, danda’u ammoo dhaabuuf ijibbaata garagaraa taasisuu ammas itti fufee jira.

Humna warraaqsaa fi qabsoo Oromoo kan ta’an, FXG finiinaa jiru keessattis adda duree hiriiruun wareegama bifa hundaa baasaa qabsoo Oromootiif injifannoo galmeessaa, mootummaa gabroomfataa ammoo hundeen raasaa kan jiran dargaggoota Qeerroo Bilisummaa irratti xiyyeeffatee laaffisuuf duula ololaa fi shiraa irratti geggeessaa jira.

Akka hubatamutti sochii ummatni Oromoo keessaa fi alaan gamtaan itti jirutti mootummichi haalaan rifatuu irraa, adeemsa jiru laaffisuu fi gara dabarsuuf keessaa fi alatti duula adda addaa kan olola dabalatu geggeessaa jira. Shira xaxuu fi olola adda addaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti geggeessuunis qaamuma duula kanaa ti. Arraata Qeerroo kan ta’e Sagalee Qeerroo irrattis bifa adda addaan dalagaan diinummaa fi diiggaa geggeeffamaa jirus duuluma kanaan walitti hidhata.

Duula shiraa fi olola dharaa banamee jiru keessatti hogganootni wayyaanee kan akka ministeera dhimmoota kominikeshinii mootummaa Geetaachoo Raddaa jedhamuu faa keessatti argaman. Isaan kun hanga biyya alaatti dalagaa shiraaf bobbaafamaniiru.

Duulli sochii Oromoon amma godhaa jiru busheessuu fi Gamtaa Qeerroo laaffisuu ykn gara dabarsuuf itti jiramus akeekni isaa dargaggootni humna qabsichaa, warraaqsa finiinaa jiruufis adda duree ta’anii waan socho’aa jiraniifi. Humni dargagootaa kun humna gowwoomsaa fi sossobbaa wayyaanee xumurate, fayidaalee gara garaaf garaa hin hirre, wareegamii fi bobbaan diinaa kamuu of duuba isa hin deebisne, akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuu fi mirga ummata Oromoo guutuutti falmu ta’uu irraa diinaa fi kanneen fedha adda addaa qabaniif yaaddoo guddaa dha. Kanaafi kan diinni Qeerroo Bilisummaa warraaqsa finiinaa jiru kana keessatti taargeeta godhatee itti duulaa jiruuf.

Ogguu hundaa hirriba keessallee waa’een ABO kan isa baaragsu wayyaanee/TPLF waggoota aangoo irra jiraate kana hunda keessa guyyaan itti ABO maqaa hin dhahin hafe hin jiru jechuutu danda’ama. Waraanaan, basaasotaan, shirootaa fi ololootaan osoo irratti duuluu bakka har’a jiru kana gahe. Har’as warraaqsa kana kan geggeessaa jiru ABO ti, miseensota ABO qabanne, murtiif dhiheessine…..ololaa fi jechoota nuffisiisoo baroottan darbaniif midia irra jiraatan, kan namnuu dhagahuu hifate san har’allee deebisee ittiin weeddisaa jira. Har’as ABO irratti ololaa fi shira xaxaa jira. Kunis akkuma duraa sochii ABO danquuf akeekkatuu isaa mul’isa.

Cuunfaatti akeekni olola amma deemaa jiruu fi bobbaalee diinaa bakka hundaayyuu, sochii Qeerroo Bilisummaa gufachiisuuf, adeemsa QBO ABOn hogganamuu danquuf, waliigalatti ammoo sochii QBO fi adeemsa warraaqsa FXG sadarkaa olaanaa irra gahee jiru kana gara gulantaa itti aanuutti akka hin tarkaanfanne gufachiisuuf karoora diinaan baafamee ittiin sossohamaa jiruu dha. Haa ta’u malee, shirri xaxamuu fi ololli geggeeffamu falmii bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa finiinaa jiru tasumaa dhaabuu akka hin dandeenye diinnis firris jala muree beekuu feesisa.

Xumura irratti dhaamsi dabarfamu hubannoo tokkoon maleetti murnootni hawaasa Oromoo kan keessaa fi alaa marti olola faajjessaa adda addaa waan gara garaa maqaa dhahatee diinaa fi farreeniin Qeerroo Bilisummaa irrattis ta’u ABO irratti ololamuu fi hafarfamu keessatti hirmaachuun meeshaa diinaa ta’uu irraa of qusatuu dha.

Miseensotanii fi deggertootni, ummatni Oromoo addatti ammoo warraaqsa ummata Oromoo belbelaa jiru keessatti duree hiriiranii kan jiran Barattootni/ Dargaggootni/ Qeerroon olola bifa fedhee diinnii fi ergamtootni diinaa ta’e jedhanii oomishanii ololaniif osoo gurra hin ergisne, falmaa finiinsuun FXG milkeessuu qofa irratti cichoominaan hojjechuun xumura sirna gabrummaa wayyaanee gabaabsuu dha.

Oromia (WBO): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Loltoota Diinaa 87 ajjeese 37 madoo taasise May 1, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia (WBO).
Tags: , ,
add a comment

Odaa Oromoo

SBO Oduu Ammeefb367-alaabaanew

 

(SBO – Camsaa 1 bara 2016): Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Loltoota Diinaa 87 ol Hojiin Ala Taasisee, Meeshaalee Waraanaa Adda Addaa hedduu Booji’uudhaan Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.

Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba-Bahaa, Oromiyaa Godina Baalee Ona Eelkarree bakkoota adda addaatti haleellaa Bitootessa 24 fi 28 bara 2016 akkasumas Ebla 2 bara 2016 waraana wayyaanee Sochii Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) dura dhaabbachuu fi WBO sakatta’uu akeekkatee bobbaafame haleeluun loltoota diinaa 57 battalummatti ajjeesee, 30 ol ammoo madoo taasisuudhaan injifannoo galmeessee jira.

Haaluma kanaan Bitootessa 24 bara 2016 gootichi humni addaa WBO, Godina Baalee Ona Eelkarree bakka Gooroo Saalaa jedhamutti ganama keessaa Sa’aatii 8:00 hanga 9:00tti waraana Wayyaanee WBO sakatta’uuf bobbaafame haxxee hidhee haleeludhaan loltoota 15 battalummatti yoo ajjeesu, 9 ammoo haala hamaan madeessuun kanneen hafan facaaseera.

Haleellaa kanaanis:

  • Qawwee AKM-47 baay’inni isaa 15 tahe hidhannoo guutuu waliin
  • Rasaasa AKM firii 800 ol
  • Boombii harkaa fi lakkoofsaan 25 tahu fi meeshaalee waraanaa adda addaa humna diinaarraa booji’uudhaan QBO ABOn hogganamuuf oolchee jira.

Irree fi gaachanni saba Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana qubattuu, wayyaanee/TPLF irratti fudhatu itti fufuun Bitootessa 28 bara 2016 Onuma Eelkarree naannoo Gaara Girriirraa bakka Eela Hoofii jedhamutti loltoota diinaa WBO akka sakatta’aniif bobbaafaman rukutee 23 ajjeesudhaan 14 ammoo madeesse.

WBOn loltoota diinaa sakattaarra oolanii guyyaa sa’aatii 1:00 irratti bakka Eela Hoofii jedhamu boqotaa turan irratti tarkaanfii fudhate kanaan,

  • Qawwee AKM-47 Baay’inaan 17 tahu hidhannoo guutuu waliin
  • Rasaasa AKM firii 1200 ol
  • Bombii harkaa fi baay’inni isaa 32 akkasumas
  • Raadiyoo qunnamtii RT-33 tokko (1) loltoota Wayyaaneerraa booji’uun dantaa QBOf oolchee jira.

Gootichi humni addaa WBO Godina Kibba-Baha humnoota diinaa sochii FXG qeerroo-barattoonni Oromoo ummata waliin tahuudhaan gaggeessaa jiran dhaabuu fi lammiilee Oromoo gooluuf akkasumas sochii WBO danquuf bobbaafaman irratti tarkaanfii fudhatu ittuma fufuudhaan Ebla 2 bara 2016 Ona Eelkarree bakka Gola Hurrii jedhamuun beekkamutti lola ganama sa’aatii 10:00 hanga 10:45tti taasiseen, dursee dhukaasa irratti banuun loltoota wayyaanee 9 battalumatti ajjeesudhaan 7 ol madeessudhaan gaaga’ama tokkoon alatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Walumaagalatti, Gootichi Humni Addaa Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Ona Eelkarree bakkoota sadeenitti tarkaanfii waraana Wayyaaneerratti fudhateen, loltoota sirnichaa 47 ajjeesee kanneen 30 caalan madeessudhaan hojiin ala taasisee jira. Tarkaanfiidhuma boonsaa kanaan Qawwee AKM-47 heddumminni isaa 33 tahe hidhannoo guutuu waliin, rasaasa AKM firii 2000 ol, boombii harkaa F1 57 fi Raadiyoo Qunnamtii RT-33 tokko akkasumas meeshaalee waraanaa adda addaa diinarraa booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf oolchuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Tarkaanfii humnoota hidhattootaa sirna Wayyaanetiin bobbaafaman akkasumas farreen QBO fi FXGtti gufuu tahaa jirani fi Ummata Oromoo hiraarsaa jiran irratti fudhatu hanga Bilisummaan Ummata Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaahutti jabeessee fi bal’isee kan itti fufu tahuu Ajajni WBO Godina Kibba-Bahaa beeksisee, Ummanni Oromoo tinnisa roga hedduun WBOf taasisaa jiru daran akka cimsee itti fufu dhaamee jira.

Injifannoo Ummata Oromoof