13233352_1609276602733160_1823776656_nCamsaa 14/2016 Jalbultiin Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Beegiitti Guyyaa Boruu Caamsaa 15/2016 Kabajamuu
Jalbultiin isaa guyyaa har’aa waaree booda bifa ho’aa ta’een Qeerroo gootota barattoota Oromoo fi sabboontoota uummataa Oromoof kabajamu
egale!! Jalbultiin Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Beegiitti bifa ho’aa fi hawwannaa guddaa fi gootummaa argisiisuun guyyaa har’aa goototni Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi
Sabboontoota uummaata Oromoo godinichaan bifa adda ta’een kabajamuu eegalee jira.13249407_1609275509399936_644058049_n
Ayyaannii Irreechaa Godina Jimmaatti Eejjennoo fi kutannoo sabboontootni barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, ejjennoo qeerroo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota ilmaan Oromoo hojjettootaa fi hordoftootni Amantaa Waaqeffaannaa Jimmaa ga’ee guddaa taphatanii fi uummata naannoo waliin ta’uun tokkummaa fi jaalaala Oromummaa argisiisaniin sadarkaa guddaa irra ga’uun eenyummaa, jaalaalaa, tokkummaa fi bifa Oromummaa fi sabboonummaa Oromoo tikseen yeroo dhiyoo keessatti sadarkaa guddaa irra ga’uun ayyaanaa Irreechaa Godina Jimmaa kan Arfaasaa Tulluutti kabajamuu fi Ayyaanaa Irreechaa kan Birraa Malkaatti kabajamuu jedhamuun Godina Kibba lixa Oromiyaa keessatti bakka guddaa qabachuun Simannaa uummata Oromoo kumootaan lakkaa’amanii argatee jira, haaluma kana fakkaatuun guyyaa boruu Caamsaa 15/2016 Ayyaannii Irreechaa Arfaasaa kabajamuuf jiru guyyaa har’aa Jalbultiin isaa bifa ho’aa ta’een kabajamuu eegalee jira!! Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa Waraana agaaziin marfamanii utuu jiranii wallee warraaqsaa eenyummaa fi gootummaa Oromoo faarsuun kabajachaa jiru!!