Camsaa 14/2016 Jalbultiin Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Beegiitti Guyyaa Boruu Caamsaa 15/2016 Kabajamuu
Jalbultiin isaa guyyaa har’aa waaree booda bifa ho’aa ta’een Qeerroo gootota barattoota Oromoo fi sabboontoota uummataa Oromoof kabajamu
egale!! Jalbultiin Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Beegiitti bifa ho’aa fi hawwannaa guddaa fi gootummaa argisiisuun guyyaa har’aa goototni Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi
Sabboontoota uummaata Oromoo godinichaan bifa adda ta’een kabajamuu eegalee jira.
Ayyaannii Irreechaa Godina Jimmaatti Eejjennoo fi kutannoo sabboontootni barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, ejjennoo qeerroo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota ilmaan Oromoo hojjettootaa fi hordoftootni Amantaa Waaqeffaannaa Jimmaa ga’ee guddaa taphatanii fi uummata naannoo waliin ta’uun tokkummaa fi jaalaala Oromummaa argisiisaniin sadarkaa guddaa irra ga’uun eenyummaa, jaalaalaa, tokkummaa fi bifa Oromummaa fi sabboonummaa Oromoo tikseen yeroo dhiyoo keessatti sadarkaa guddaa irra ga’uun ayyaanaa Irreechaa Godina Jimmaa kan Arfaasaa Tulluutti kabajamuu fi Ayyaanaa Irreechaa kan Birraa Malkaatti kabajamuu jedhamuun Godina Kibba lixa Oromiyaa keessatti bakka guddaa qabachuun Simannaa uummata Oromoo kumootaan lakkaa’amanii argatee jira, haaluma kana fakkaatuun guyyaa boruu Caamsaa 15/2016 Ayyaannii Irreechaa Arfaasaa kabajamuuf jiru guyyaa har’aa Jalbultiin isaa bifa ho’aa ta’een kabajamuu eegalee jira!! Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa Waraana agaaziin marfamanii utuu jiranii wallee warraaqsaa eenyummaa fi gootummaa Oromoo faarsuun kabajachaa jiru!!
Oromia: Irreecha Oromo Spring Celebrations: Ayyaani Irreecha Arfaasaa Oromoo haala ho’aa fi gammachiisaan Dilabata Caamsaa 15 bara 2016 Tulluu Beegiitti (Jimmaatti) kabajamee oole. May 17, 2016
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa, Irreecha Arfaasaa (SPring Celebration) in Oromia, Irreecha Oromo Spring Celebrations 2016 at Tulluu Deeddee, Oromia, Oromo, Spring equinox in Oromo Culture
5 comments
Oromians revel in the return of spring by visiting the ancient sites including mount Beegii in Jimma, Western Oromia.
Ayyaanni Irreecha (irreessa) Arfaasaa bara kanaa, bara 6410 A.L.O., magaalaa jimmaa tulluu Beegii tti haala adda ta’een ummata Oromoo magaalaa jimmaa fi naannawa isheetti argamu waliin haala gaariin kabajamee ooleera.
Kabaja Ayyaana Irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa (Caamsaa 15, 2016)
https://www.oromiamedia.org/2016/05/16/kabaja-ayyaana-irreecha-arfaasaa-godina-jimmaa-caamsaa152015/
Camsaa 14/2016 Jalbultiin Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tullee Beegii Kabajame.
Oromia: Irreecha Oromo Spring Celebrations: Ayyaani Irreecha Arfaasaa Oromoo haala ho’aa fi gammachiisaan Dilabata Ebla 5, bara 2015 kabajamee oole. May 7, 2015
Posted by OromianEconomist in Irreecha (Irreesa) 2014, Irreecha (Irreessa) 2014, Irreecha Arfaasaa, Irreecha Birraa.Tags: Africa, African culture, African Studies, Irreecha Arfaasaa (SPring Celebration) in Oromia, Irreecha Oromo, Spring equinox in Oromo Culture
2 comments
Spring equinox known as Irreecha Arfaasaa in Oromo culture colorfully celebrated in Oromia on 5th April 2015. Dressed in cultural costumes, Oromians revel in the return of spring by visiting the ancient sites including mount Furii in Central Oromia.
Ayyaani Irreecha Arfaasaa Oromoo haala ho’aa fi gammachiisaan Dilabata Ebla 5, bara 2015 Tulluu Furii irraatti kabajamee oole. Tulluun furii Tulluuwwaan Ulfoo Oromoon qabu keessaa ishee tokkodha. Guyyaa kana Waaqeffattoonni fi jiraatonni Magaalaa Finfinnee, Sabbataa fi Naannawaa ishee Irrati argamanii Haala Addaan Kabajameera.
Irreecha Arfaasaa Oromoo, Oromia, 5th April 2015. Spring Celebration. Celebration of Spring equinox in Oromo Culture.
Irreessii Arfaasaa JImmaa fi Naannoo isheen Eebla, 26, Baraa 2015 Tulluu Irreessaa/Beegittii Taasifameeoole. Guyyiichii kan Waaqeffattoonnii dheebuu Eenyummaa Amantaa isaani qaban ittiin ibsataniif ergaawwaan amanticha dhugeeffannaa Uumaa ilaallataan itti darbanii dha. Uumaan Ganna Dukkuna as deema jiru kana jala nagaan akka isaan ulluuqsisuuf kan irreeffatamuu dha. Walumattii, Irreechaa milkii kan namoonnii kumaatamaan lakkaa’amaan irrattii hirmaatanii dha.
Ebla 26, 2015 Ayyaanni irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti Bifa Addaa Ta’een, Yaadannoo Gootota Barattoota Oromoo Dabalatee Kabajamuu Qeerroon Gabaase
Ebla 26/2015 Ayyaanni irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti bifa addaa taee fi yaadannoo Gootota Barattoota Oromoo dhabbilee barnoota olaanoo Oromiyaa garaagaraa fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bara darbee Ebla 2014 gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Mormii master plan Finfinnee kaachisuun FDG irritti wareegamniif addatti yaadannoon Waggaa 1ffaas bifa hoaa taaeen kabajame.
Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Oromoo Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti kan Uummatni Oromoo 6000 olitti lakkamu Dhabbilee barnoota olaanoo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsii Jimmaa, fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, Sabboontota hojjettootaa fi barsiisotaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, sabboontota uummata Oromoo magaalaa Jimmaa fi naannoo ishee, Sabboontota uummata Oromoo godinaalee Oromiyaa akka Iluu Abbaa Booraa,Wallagga Bahaa, fi Kibba Lixa shaggar irraa illee kan hirmaachise Ayyaanni Irreecha arfaasaa Jimmatti bifa hoaa fi adda taeen kabajame.
Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa kana Irraatti goototni dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraalee Yuunibarsiitichaa arfan irraa iyyuu uuffata gaddaa uffachuun gootota dargaggoota barattoota Oromoo fi uummata Oromoo bara darbee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa naagaa fi dimookiraasii gaafachuun baatii Eblaa 2014 keessa wareegama qaalii kanfalaniif yaadannoo bifa adda taeen gochuun gootota Oromoo fi dargaggoota Oromoo Wareegama qaalii uummata Oromoo bilisoomsuuf baasaa jiran faarfachuun, tokkummaa uummata Oromoo jabeessuuf walleelee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo, fi gootota oromoo faarsuun haala adda taeen ayyaanni Irreechaa Arfaasaa bara 2015 kun bifa haalan qindaaeen kabajamaa olee jira.
May (Caamsaa) 6, 2015 – Adaamaa (Oromia) May (Caamsaa) 5, 2015 – Naqamte (Oromia)
Irreecha Arfaasaa (Oromo Spring Celebration) colorfully celebrated with great joys.
Irreechi Tulluu Shanee Adaamaa qaama mootummaatin dhoorgamuu yaalamus haala gaariin gaggeeffameera mootummaan abbaa irree Irreechi Tulluu akka him bahamne jedhee sodaachisaa tire human isaatii ol taanaan baasastota isaa garage ayyaanichaatti bobbaasuun yaalii maqa balleessii amanttii Waaqeffannaa taasisus hin milkoofne. Waaqeffattoonni iddoo garagaraa jiranis ayyanicharratti argamuun sirnicha dabarsaniiru milkiidhan roobaan galanii kadhatanii argataniiru. Naqamtettis haala wal fakkatuni Caamsaa 5 bara 2015 ayyaaneffatamee oole.
Akka aadaa Oromootti, Irreechaan yeroo bonni dhumatu kabajamu kun nagaan bona keessa darbanii gara gannaatti dhiyaachuuf Waaqa itti galateeffatanii dha.
Abbootiin Gadaas sirna kana irratti eebba gabbinaa namaa fi sa’aaf kan dhiyeessaniiru.
Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama: Irreecha (Irreessa) Birraa fi Irreecha (Irreessa) Arfaasaa jedhamuun Birraa fi Arfaasaa keessa Akabajama.
https://www.oromiamedia.org/2015/04/omn-london-oduu-ebla-26-2015/
You must be logged in to post a comment.