cropped-qeerroo-edit.jpg

‘Basaastuu fi Basaastummaa’ Da’annoo Godhachuun Olola Qabsoo fi Qabsa’ota Bilisummaa Oromoo irratti oofama Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Caamsaa 11,2016

Finfinnee

Ololli torbaan muraasa darbaan irraa kaasee dhimma ‘Basaastuu fi Basaastumma’ jedhu jala dhokachuun Qasbsoo fi Qabsa’ota Bilisummaa Oromoo irraatti oofamaa jiru qaama imaammata diinni Sochii Qeerroon Bilisummaa Fincila Gabrummaatti Xumura gochuuf saganteeffate maseensuuf  wiixinate ta’uun isaa sabboontota Oromoo maraaf ifaa ta’uu qaba. Basaastota diinaa saaxiluu qofa osoo hin taane qindoomina gahaa horataa deemuun hundee ishee mancaasuuf qabsa’uun eejjennollee Qerroo Bilisummaa Oromoo masakan keessaa isa anagafa.

Sadarakaa Qabsoon saba keenya amma irra jirtu kanatti Basaastota diinni jaarmolee keenyatti bobbaafatu damaqinaan of irraa tiksuun dirqama sabboontota Oromoo hundaati. Keessattuu, sochii murteessaa Qeerroon yeroo ammaa geggeessaa jiru irraa basaastota diinaaf hojjetan dammaqanii tiksuun qabsicha shaffisaan milkeessuu keessatti gahee guddaa xabata. Tika sabboontotni ilmaan Oromoo milkaa’ina sochii isaaf godhan hunda Qeerroon ni kunuunsifata. Odeeffannoolee qabatamoo kan basaastota Qabsoo Bilisummaa Oromoo saaxilan Qeerroon akka gumaacha qabsootti keessumeessa. Keessaanis ta’e alaan sochii Qeerroon mirga Ummata isaa deebisuuf godhaa jiru kannneen diinaaf basaasan yogguu saaxilumuu qabu. Qeerroon yeroo fi haala barbaachisaa tahan keessatti waayiloota qabsoo haqaa waliin ta’uun basaastota diinaa saaxiluu qofa osoo hintaane tarkaanfilee jajjaboo tahan irratti fudhataa as gahe. Gara fuul-duraattis Qabsoo saba keenya miidha diinaa irraa baraaruuf, basaastota keessaa fi alaan jaarmaa Qeerroo fi guutumaaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraatii baba’anii irraatti tarkaanfiilee barbaachisaa tahan fudhachuu irraa Qeerroon of-duuba hindeebu.

Wayyaaneen imaammata ‘Gargar Qoodanii Bulchu’ jedhuun hoogganamtee ummata keenya sadarkaa gandaatti tokko-shaneen hidhuun sirna basaastummaa daanga hinqabneen biyya keenya saamaa jiraachuun ishee waan haalamu miti.  Qeerroon sirna tikaa wal xaxaa ta’e kana keessatti naamusa cimaan of-ijaaruun mirga saba isaa falmuu eegale. Qeeroon funyaan diinaa jala ta’ee gootummaa fi hubannoo cimaadhaan sochii Dargaggoota Oromoo kan gabroonfattuu Wayyaanee raasaa jiru kanaaf hooggansa gahaa kennaa as gahe.  Qeerroon Saba Oromoo qofaaf osoo hintaane saboota cinqurfamoo biyyatti guutummaaf abdii jijjiirama dhugaa kan ta’uu danda’e dirree irratti wareegama qaqqalii gomachuudhaan malee toora internetaan olola afarsuudhaan hinturre. 

ibsa-qeerroo-bilisummaa-oromoo-caamsaa-11-2016-dhimma-basaastummaa