jump to navigation

Oromia: Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname May 12, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , ,
add a comment

Odaa Oromoo

Caamsaa 11,2016 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

 

cropped-qeerroo-edit.jpg

‘Basaastuu fi Basaastummaa’ Da’annoo Godhachuun Olola Qabsoo fi Qabsa’ota Bilisummaa Oromoo irratti oofama Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Caamsaa 11,2016

Finfinnee

Ololli torbaan muraasa darbaan irraa kaasee dhimma ‘Basaastuu fi Basaastumma’ jedhu jala dhokachuun Qasbsoo fi Qabsa’ota Bilisummaa Oromoo irraatti oofamaa jiru qaama imaammata diinni Sochii Qeerroon Bilisummaa Fincila Gabrummaatti Xumura gochuuf saganteeffate maseensuuf  wiixinate ta’uun isaa sabboontota Oromoo maraaf ifaa ta’uu qaba. Basaastota diinaa saaxiluu qofa osoo hin taane qindoomina gahaa horataa deemuun hundee ishee mancaasuuf qabsa’uun eejjennollee Qerroo Bilisummaa Oromoo masakan keessaa isa anagafa.

Sadarakaa Qabsoon saba keenya amma irra jirtu kanatti Basaastota diinni jaarmolee keenyatti bobbaafatu damaqinaan of irraa tiksuun dirqama sabboontota Oromoo hundaati. Keessattuu, sochii murteessaa Qeerroon yeroo ammaa geggeessaa jiru irraa basaastota diinaaf hojjetan dammaqanii tiksuun qabsicha shaffisaan milkeessuu keessatti gahee guddaa xabata. Tika sabboontotni ilmaan Oromoo milkaa’ina sochii isaaf godhan hunda Qeerroon ni kunuunsifata. Odeeffannoolee qabatamoo kan basaastota Qabsoo Bilisummaa Oromoo saaxilan Qeerroon akka gumaacha qabsootti keessumeessa. Keessaanis ta’e alaan sochii Qeerroon mirga Ummata isaa deebisuuf godhaa jiru kannneen diinaaf basaasan yogguu saaxilumuu qabu. Qeerroon yeroo fi haala barbaachisaa tahan keessatti waayiloota qabsoo haqaa waliin ta’uun basaastota diinaa saaxiluu qofa osoo hintaane tarkaanfilee jajjaboo tahan irratti fudhataa as gahe. Gara fuul-duraattis Qabsoo saba keenya miidha diinaa irraa baraaruuf, basaastota keessaa fi alaan jaarmaa Qeerroo fi guutumaaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraatii baba’anii irraatti tarkaanfiilee barbaachisaa tahan fudhachuu irraa Qeerroon of-duuba hindeebu.

Wayyaaneen imaammata ‘Gargar Qoodanii Bulchu’ jedhuun hoogganamtee ummata keenya sadarkaa gandaatti tokko-shaneen hidhuun sirna basaastummaa daanga hinqabneen biyya keenya saamaa jiraachuun ishee waan haalamu miti.  Qeerroon sirna tikaa wal xaxaa ta’e kana keessatti naamusa cimaan of-ijaaruun mirga saba isaa falmuu eegale. Qeeroon funyaan diinaa jala ta’ee gootummaa fi hubannoo cimaadhaan sochii Dargaggoota Oromoo kan gabroonfattuu Wayyaanee raasaa jiru kanaaf hooggansa gahaa kennaa as gahe.  Qeerroon Saba Oromoo qofaaf osoo hintaane saboota cinqurfamoo biyyatti guutummaaf abdii jijjiirama dhugaa kan ta’uu danda’e dirree irratti wareegama qaqqalii gomachuudhaan malee toora internetaan olola afarsuudhaan hinturre. 

ibsa-qeerroo-bilisummaa-oromoo-caamsaa-11-2016-dhimma-basaastummaa

Oromia: Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname. January 23, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests, Oromia, Qeerroo.
Tags: , , ,
add a comment

Odaa OromooOromia map

Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Amajjii 21,2016

Lafa, qabeenyaa lafa jalaa jiru fi qilleensa Oromiyaa guutummaatti to’annoo ummata Oromoo jala galchuu qofatu gaaffii ummata Oromoo deebisa.

Habashooti,afaan qawweetiiin itti duulanii, Oromoo lafa isaa irraa buqqisuun walii fi firoottanii isaaniitii eerga qoodanii booda ummata Oromoo hiyyummaa fi wal’aalummaa keessatti  darbanii hojiisifachuun lafa fi  dafqa isaatiin duuroomuu  kan eegalan jaarraa 14ffaa irraa yoo ta’e illee, kan ummata Oromoo miliyoonatti herregamu dachii/lafa isaa irraa buqqisee roobaa fi qabbana keessatti facaasuun kadhattuu fi waaridiyaa qeyee habashootaa taasisee jiruu, akkasumas ammo, jireenya maatiilee Oromoo fi ilmaan isaa  dhabamsiise mootummaa  Ixoophiyaa/wayyaanee ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jiruu dha.

Mootummaan Ixoophiyaa/Wayyaanee, ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jiru kun, “Tigraay akka mishoomtuuf, Oromoo fi Oromiyaan hiyyoomuu qabdi” imaammata jedhuun, lafa Oromoo saaamuu fi maqaa Investment’n saamsiisuu hojii duraa godhatee gannoota 25 darbaniif irratti hojjechaa jira.Qotee bulaa Oromoo kumoota hedduu irraa buqqisuun mootummaan:Miniliki, Haayilesillaasee fi Dargii magaalaa Finfinnee kan ijaaranii fi babal’isan oggaa ta’u, mootummaan Ixoophiyaa/Wayyaanee ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jirus, kan abbootiin isaa armana dura hojjetan daranuu itti fufuun, qotee bulaa Oromoo miliyoona hedduu dachii/lafa inni irraa: nyaatu, dhugu, daara bahu, wal’aanamu, ilmaan barsiifatu, irratti horii horsiifatuu, mana ijaarratu  fi  wal horu, akkasumas, yeroo du’u irratti awwaalamu fi madda jiruu fi jireenya isaa ta’e irraa buqqisee biyya abbaa isaa irratti : hiyyummaa, beela, daara, dhukkuba, akkasumas, jireenya salphinaa akka jiraatu taasifameera. Kana malees, mootummaan kun, dachii /lafa Oromoo kukutee qooduun fira ittiin bitatuu fi Oromoo irratti diina heddumessuuf shirri inni hojjetuuf tattaafate seenaa gabrummaa kamuu keessatti kan argamee fi dhagahamee hin beeknee dha. Walumaagalatti, akeeki mootummaa wayyaanee, tigroota dureessaa fi ummata Oromoo hiyyeessa manaa fi oobruu tigrootaa keessaa hojjetu uumuudhaan ummatni Oromoo kabajaa fi boonee jiraachuu bare irkattuu tigrootaa akka ta’u godhuu dha.

Read more at:-

dachii-fi-daangaa-oromiyaa-irraatti-labsa-qeerroo-bilisummaa-amajjii-21-2016

 

Oromia:Statement of Qeerroo Bilisummaa and Union of Oromo Students on the Ongoing ‘Revolution to Culminate Slavery’ (RCS) January 1, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , ,
1 comment so far

Odaa Oromoooromoprotests-tweet-and-share11#OromoProtests, Qabosoon itti fufa jedhu aayyoleenOromo students Protests, Western Oromia, Mandii, Najjoo, Jaarsoo,....

Statement of Qeerroo Bilisummaa and Union of Oromo Students on the Ongoing ‘Revolution to Culminate Slavery’ (RCS)

cropped-qeerroo-edit.jpg

Statement of Qeerroo Bilisummaa and Union of Oromo Students on the Ongoing ‘Revolution to Culminate Slavery’ (RCS)

December 31, 2015, Finfinne Oromia.

We the new Oromo generation living close to the civilized world are not willing to live in slavery in the 21st century. As we are the most conscious of our society, we cannot watch idly as our people are evicted from their ancestral land; we cannot accept the fact that our country is a place where human liberty, dignity, and democratic and human rights are violated.  The minority TPLF-led Ethiopian government’s so called ‘Integrated Master Plan’ is a genocidal plan concocted to irradiate the Oromo race from the face of the earth and incorporate our forefather’s land, Oromia, into their own property. We are presenting our legitimate questions using our democratic rights in a peaceful manner and will not stop our non-violent struggle until all of our questions have been answered. Instead of answering our legitimate questions the government has dispatched the so called Agazi, Federal Police, and the regular army and committing a genocidal crime on Oromo students and the Oromo people in general. Over the past five or so weeks, the answer of the TPLF/EPRDF regime to our legitimate questions has been the following.

  1. The government ordered its brutal forces and committed a mass massacre which is equivalent to genocide. So far 125 people have been confirmed killed, thousands severely wounded, and hundreds of thousands arrested from every corner of Oromia.
  2. The government has declared war on the Oromo people who have peacefully opposed the Master Plan and the declaration of Oromian towns labelling the protesters as “terrorists” and ordered its armed forces to shoot and kill civilians and unarmed protesters.
  3. The Master Plan which has been an immediate cause for our protests still stands. Although the government officials are deceiving the public indicating that “the Master Plan will not be implemented if the public opposes it”, there is no law or declaration officially cancelling the Master Plan. Nothing is mentioned about the so called “Proclamation of Oromian towns”.
  4. The Oromo people do not have proportional power share and economic and political influence according to their population and the area of land they cover based on the rules of federalism.
  5. The government continues distorting our legitimate questions of democracy, human rights issues, and justice by labelling peaceful protesters as “terrorists” and charging them using the “terrorism law” which it uses as a weapon to quash dissenting voices since it was declared in 2009.

Read More:- 

statement-of-qeerroo-bilisummaa-december-31-2015-finfinnee

Statement of Qeerroo Bilisummaa December 31 2015 Finfinnee

Oromia: Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroo Bilisummaa) Irraa Kenname December 29, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
1 comment so far

Odaa Oromoooromoprotests-tweet-and-share11#OromoProtests December 28, 2015 Akkoon mormii irra jiru The struggle continuesSay no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo people. Say no.#OromoProtests, Qabosoon itti fufa jedhu aayyoleen

Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroo Bilisummaa) Irraa Kenname

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

 

 

 

 

 

Haala Yeroo Warraaqsaa Biyyoolessaa FDG Gaggeessa Jirru Ilaalchisuun Ibsa Gabaaba Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Gamtaa Barattoota Oromoo Irra Uummata Oromoo Hundaaf  Kenname!!

Muddee 28,2015

Finfinnee Oromiyaa

Nuti dhaloonni haaraan fi qaroon Hawwaasaa keenyaa addunyaa qaroomtetti dhiyoo jirru jarraa 21ffaa keessa gabrummaaf jilbeeffannee hin jiraannu, Uummata keenya adeemsa qe’eerraa buqqisuu teenyee hin ilaallu, Biyyaa keenya biyya mirgi ilma namaa fi mirgi dimookiraasii keessatti dhiitamaa jiru tole jennee hin fudhannu . Sagantaa fi karooraa duguuginsa sanyii (Genocide) Maqaa Master Pilaanii Finfinnee fi labsii Magaalota Oromiyaa jedhuun as ba’ee mormuu fi gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa, mirga dimookiraasii fi mirgi namummaa nuuf haa kabajamu jennee karaa nagaa dhiyeeffannee mormii waan jabeesinee fi dhimmichi dhugaa qabatamaa dhimma uummata Oromoo ta’uu uummatni Oromoo akka guutummaa Oromiyaatti gamtaan dhaabbatne falmachaa kan jirruuf Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/deebii armaan gadii kana nuuf deebisaa jiraachuun seeraa fi heera ofiin tume illee cabsuun yakka dugugginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwate jira.

  1. Uummata karaa nagaa fi Dimookiraasii gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun sagalee mormii dhageesisaa jiru irratti poolisii federaalaa,waraana agaazii, fi humna raayyaa ittisa biyyaa jedhamu bobbaasuun oromiyaa godinaalee cufa keessatti yakka ajjeechaa genocide’n wal madaalu fudhachuun hanga ammaa ilmaan Oromoo kan maqaan adda bahee beekamu 125 ol ta’an warreeguun,kumootaan kanneen lakka’aman madeessuun, kumoota dhibbootan kenneen lakka’aman immoo ukkamsee hidhuun mootummaa fashistii ta’uu isaan addunyaa biyyaa lafaa fi biyyoota dhiha warra mirga namaa fi dimokiraasii leellisan fulduratti ilaalcha keessa galee jira.
  2. Uummaata Oromoo karaa nagaa mirga isaa fi karooraa fi sagantaa master pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa hin fudhannu jedhee falmachaa jiru uummata Sivilii irratti waraana labsee uummata Oromoo irratti tarkaanfiin waraanaa fudhatamee namootni hedduun du’anii, hedduun madaa’uun hedduun immoo ukkanfamanii lafa buuteen isaanii kan dhabame ta’uun ifadha. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Muddee 28 2015                                                                         ibsa-qeerroo-bilisummaa-muddee-28-2015

Mootummaan EPRDF(TPLF) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa To’achuuf Baasee Caffeen Oromiyaa Raggasiise Guutummaatti Dura Dhaabbachuun Qeerroon Bilsummaa Ibsa Qabxii 8 Baase. October 16, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
add a comment

???????????Say no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo people. Say no.Say no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo peoplecropped-qeerroo-edit.jpg

Mootummaan EPRDF(TPLF) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa To’achuuf Baasee  Caffeen Oromiyaa Raggasiise Guutummaatti Dura Dhaabbachuun Qeerroon Bilsummaa Ibsa Qabxii 8 Baase.

Onkoloolessa 12,2015
Finfinnee

Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa to’achuuf labsame Caffeen Oromiyaa raggasiise duula Oromoo qe’ee isaa irraa balleessuu fi diigumsa Oromiyaarratti raggaasifame dha jechuun gadi jabeessee balaaleffachuun ibsa ejjennoo qabxii torba dabarsan.

Duula lammiilee Oromoo dhabamsiisuu fi Biyyaa Balleessuutu Uummata Oromoo fi  Oromiyaa  irratti labsame.Labsii mootummaan Wayyaanee maqaa OPDOn  Caffee Oromiyaa teessisuun yaa’ii Onkololessaa 1-3tti taa’ame  irratti labsii Master Plan Finfinnee mirkaneessuuf taa’ame , Finfinnee dabalatee Magaalotni Oromiyaa hundi akka harka mootummaa EPRDF/TPLF’n to’atamutti raggaaasifamee waan jiruuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhimma labsii Caffeen Oromiyaa dabarsee kana gadi jabeessuun balaaleffachuun ibsa murtii qabasoon dura dhaabbachuu baase!!

Jaarmiyaan Sochii Dargaggoota Oromoo biyyoolessaa ykn  Qeerroon Dargaggootni  Barattootni Oromoo labsii kana yeroo dhageenyutti Oromiyaan, Uummatni Oromoo, Aadaan,Afaanii fi eenyummaan Oromoo akkasumas qabeenyi Oromoo ,sirni Gadaa Oromoo, hawaasummaan,barnootaa fi dinagdee Oromoo harka sirna garboomsaa EPRDF/TPLF ‘n kan to’atamu ta’uu waan nutti  muldhateef gadi jabeessuun balaaleffanne.

Labsiin Kun akkuma bara 2014 Qeerroon, Barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo mormii master Plan Finfinnee,Magaalota naannawaa Finfinnee fi Magaalotaa gurguddoo Oromiyaa kanneen akka Amboo,Jimmaa, Mattuu, Neqemtee, Gimbii, Walisoo, Adaamaa, Shaashamannee,fi Harammayaa to’achuun bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin akka to’atamtuuf kan itti yaadamee as baheedha jechuun gaaffii iyyannoo keenyaa lakkoofsa 1ffaa hanga 9ffaatti jiru keessatti kallattii hundaan dhiyeeffannee sagalee guddaa fi wareegama qaalii itti kanfaluun kan dura dhaabbatnedha. Yoo xiqqaatee ilmaan Oromoo 280 olitti lakka’aman wareegamakanfalaniiru, ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’aman manneen hidhaa biyyatti garaagaraa keessatti jumlaan hidhamuun dararaa ulfaataa argaa kan jiranii fi barattootni Oromoo dhibbootaan lakka’aman barnoota isaanii irraa arii’atamaniru. Labsiin raggasifame kunlLabsii wareegama ilmaan Oromoo irra tarkaanfatee afaan qawweetti abdachuun Oromiyaa diiguu fi ilmaan Oromoo shororkeessuun jireenya dhorkatuu fi labsii seenaa keessatti yakka ol-aanaa ta’e baasuu fi raggaasisuun Caffee Oromiyaa Wayyaaneen dhaabde itti gaafachiisu dha. Uummanni Oromoo labsii raggaasifame kana tokkummaan dura dhaabbachuun aduunyaa jiru mara keessatti mormiin akka dura dhaabbachuun barbaachisaa dha. Gahee abbaa biyyummaa fi mirga tikfachuu qabnu mara kafaluun mirga keenyaa fi mirga biyyaa keenyaa kabachiifachuuf ibsa armaan gadii uummata Oromoo hundaaf dabarsuuf dirqamnee jirra!!.

1. Nuti Qeerroon dargaggootni Oromoo mootummaan Wayyaanee maqaa master Palan jedhuun duula uummata Oromoo irratti bane jiru kan Caffeen Oromiyaa raggasise, Balaaleffachuun kallattii hundaan FDG finiinsuun mirga keenya akka falmatnu dhaammatna. Akkuma Irreechaa Hora Arsadee fi malkaa Ateetee irratti tokkummaa isaa jabeeffate diina rifaasisaa ture; akkasumas wal arguun dhimmoota labsii duguuginsa sanyii fi diigumsaa Oromiyaa irratti labsamee raggasifame kana balaaleeffachuun walleelee warraaqsaa fi sagalee dhaadanoo mormii guddaa dhageesisuun, labsiicha balaaleffatan kun waadaa guddaa waadaa Oromummaa waliif seenuun labsii diinaa ni fashaleessina,bakka hundatti mirga Oromoo ni kafachiifna,ni falminas jechuun waadaa mirga namoomaa fi Oromoo tiksuuf qabdanii haaromfattan kabajuuf qophii haa taanu jechuun Qeerroon dhaamsa dabarsa.

2. Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa Onkololessaa 1-3tti taa’een seenaa gurracha fokkataa hojjechuun Master Plan Finfinnee raggasisuu irra darbee Magaalota Oromiyaa hunda dabarsee gurguree jiru kun uummata Oromoo kan bakka hin buune fi uummata Oromoof kan hin dhaabbatne ta’uu kan muldhisuu yoo ta’uu yakkaa ulfaata Oromoo fi Oromiyaa irratti raggasisee kana hattamaan irra deebi’uun akka haquu gadi jabeessinee gaafatna. Yoo labsii Wayyaanee EPRDF/TPLF kan qopheesse hin haquu ta’ee Caffeen Oromiyaa ofiin jedhuu yakkamaa ol anaa ta’ee seeratti akka dhihaachuu qabu uummanni Oromoo bakka jiruu irratti hojjechuu qaba jenna.

3. Yakka ajjeechaa fi saaminsa,akkasuman dararaa haraa hundaan mootummaan EPRDF/TPLF uummata Oromoo irratti fudhachaa turee fi jiruu, akkasumas yakka fulduratti uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo irratti fudhatamuuf Caffeen kun itti gaafatama guddaa jala jiraachuu Qeerroon hubachiisa!!

4. Miseensotni Caffee Murtii qomoo Oromoo balleessii Uummata irratti dabarse kun kan isaan jiraatan uummata Oromoo sadarkaa aanaa jiru keessa ta’uu beekuun Uummatni Oromoo dargaggootni Oromoo, hojjettootni Oromoo, Barattootni Oromoo, qonnaan bultootni Oromoo, ogeessootni fayyaa Oromoo , Poolisootni Oromoo , humni raayyaa ittisa biyyaa Oromoo taatanii fi hojii dhabdootni Oromoo yakka miseensota Caffee Oromiyaa uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisaa jiran dura akka dhaabbattan.

5. Uummatni Oromoo hundi Oromiyaa diigamaa fi gurguramaa jirtu, Saba Oromoo jumlaan ajjeefamaa, hidhaamaa fi jiruuf barnootarraa arii’atamaa jiru, uummata keenyaa qe’ee irraa buqqa’aa balaa beelaan haleelamaa jiruu garaa maalitu nuuf ta’aa? Kanaaf haalduree tokko malee yeroon gamtaan kaane falmannuu amma Oromoo harka walqabadhuun ka’ii!!

6. Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo fi beektootni Oromoo hundi Labsii uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti labsame kana utuu arginuu teenyee wal irratti ilaaluun itti gaafatama guddaa jala waan isin galchuuf, Oromoon kan qabsaa’uuf, Uummata isaa waanjoo garbummaa keessa jiru bilisa baasuu fi Oromiyaa harka abbaa irree keessatti qawween, saamamaa eegamaa turtee kana walaboomsuuf yoo ta’u, Erga biyyi ciicciramtee diigamtee maaliif akka qabsaa’amuu fi eenyuuf akka qabsa’amu gaaffii keessa waan isin galchuuf yeroon harka walqabatnee labsii waloon Oromiyaa fi Oromoo irratti labsame raggasifame kana waloon kaanee dura dhaabbachuun falmannuu amma ta’uu hubachuun waamicha lammummaa gadi jabeessuun isiniif dabarsina!!

7. Poolisootni Oromoo, korri bittinneessaa Oromiyaa, Milishoonnii Oromiyaa fi ilmaan Oromoo Raayyaa ittisa biyyaatti keessatti argamtan labsii Master Plan Finfinnee fi Magaalaalee Oromiyaa to’achuuf labsame raggasifame kana dura akka dhaabbattan waamicha keenya isiiniif dabarsina. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Humnoota caqafaman kana irraa meeshaa hidhannoo waraanaa hiikkachiisuu waan danda’uuf bakka jirtaan hundatti dammaqiinsaan of eeggannoo gootanii duula saba Oromoo irratti baname akka balaaleffattanii mirga saba keessanii falmattan jechuun waamicha keenya isinii goona . Jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa to’achuu fi Uummata Oromoo jumlaan hidhuu,fi aajjesuuf qophaa’e kana kutannoo fi muratnoodhaan dura dhaabbachuun falmachuutti kan jirruu ta’uu ibsa qabxii torba dabarfachuun labsii uummata keenyaa fi Oromiyaa irratti raggasifamee gadii jabeessuun balaaleffanna!!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan gadaa Bilisummaati!!

Onkoloolessaa 12/2015

Oromia: QEERROO: Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati! July 1, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromia, Self determination.
Tags: , , , ,
add a comment

???????????

Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati!

Kutaa 1ffaa …

Waxabajjii  18, 2015 Finfinnee

barruu

 

Oromoon erga Oromiyaa dhabdee, mirga, bilisummaafi demokiraasummaa isiis walumaani dhabde.

Dhimmi amantii dhimma siyaasaati. Amantiifi Siyaasaa addaan baasanii ilaaluun hin danda’amu. Sababiinsaa mirga amantii qabaachuun mirga demokiraasummaa qabaachuudha. Namni mirga demokiraasii hin qabne waan fedhe amanuu hin danda’u!

Erga Maqaan Oromiyaa, Daangaan Oromiyaa, Qabeenyaan Oromiyaa, Bulchiinsi Oromiyaa, Dinagden Oromiyaa, … kkf Itoophiyaa jalatti kolonneeffatamee jalqabee hanga guyyaa har’aatti Oromoon mirga demokiraasummaa waan barbaadetti amanuu dhabee, Amantii bittoota isaa akka hordofu, bifa garagaraatiin dhiibbaa gurguddaan, yakki jajjabaan iratti gaggeefamaati as ga’e.

Bara Minilik amantii Ortoodooksii akka hordofu dirqisiisuuf jecha, Hordoftoonni Waaqeffataa, Musliimaafi Protestaantii qawween ajjeefamaa turan. Hordoftoota amantaa Waaqeffataa adamsanii sassaabanii bakka tokkotti jumlaan rashanaa turaniiru. Akka fakkeenyaatti erga mootii Shawaa/Gullallee Tufaa Munaa ajjeesanii booda, Qaalluu Oromoo, Naannawa Finfinneetti argaman mara mana mana isaanii irra adeemanii guuranii fidanii magaalaa Finfinnee lafa amma piyaassaa jedhamutti bataskaana Giyoorgis ammaa cinaatti Jumlaan jiraa qotanii akka owwaalan seenaafi ragaaleen ni ibsan. Bara dabre kana Bakka awwaala qaallota Orommoo kana wayyaanticha Alaamuddiiniif akka gamoo guddaa gidduu gala gabaa/isa ‘Mall’ jedhan/ akka ijaaru yeroo kennaniifiitti wayta lafa kana bu’uura gamoo kanaa dhaabuuf qochisiisutti Lafeen qaalluulee Oromoo jumlaan ajjeefamanii kumaatamaan lakkaa’amu argamuu isaa irraa, akka uummanni seenaa kana beekee fincila hin kaafne dhoksaan halkan siinoo tiraakii chaayinaan guuramee bakka yeroof hin beekamnetti akka geeffame irra gahameera.

Akkasumas, Nama Macaafa Qulqulluu, Afaan Oromootti Hiike, Oniis Moos Nasiib /Abbaa Gammachiis/ Hiikaa irrattis amantii proteestaantii akka hin lallabne murtii du’aa itti murteessee akka ture seenaan dhugaa baha!

adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati

http://qeerroo.org/2015/06/18/adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati/

 

 

Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati (Kan dabreerraa kan itti fufe)

Waxabajjii 30, 2015 Finfinnee

barruuHariiroo Jorgoo – Qeerroo Bilisummaa Oromoo – Oromiyaa!

Lafa kana kan uume Waaqa yoo ta’ellee, lafa Oromiyaa kana irratti eenyuuyyuu dura kan uumame Oromoo waan ta’eef, lafti kun kennaa Waaqni Oromoof kennedha. Kanaaf lafti kun kan Oromooti! Akkasumatti Waaqxi ardiilee kaanittis biyyoota hundatti uummata uumeera. Biyyootni kunneen lafa Waaqxi isaaniif kenne seera ittiin tikfatan niqaban.  Lafti uumaa waaqaa ta’us, abbaan arge akkuma arge utaalee biyya namaatti hin seenu.

Kankeenya garuu lafuma keenya irratti; biyya abbaa keenyaa irratti kan silaa warra kaan gabbarsiisnee of jalatti seera keenya keessatti bulchuu malletti nuti halagaa biyya keenya seeraa ala humnaan nudhaaltee koloneeffatte gabbarree bulaa jirra.  Yeroo har’aa biyyattii kana irratti kan gibira ol aanaa kaffallu Oromoodha. Kan vaatiifi taaksii kkf biyyattiif galchu Oromoodha. Sharafa biyya alaatiis kan argamsiisu qabeenyaa Oromoofi Oromiyaati! Albuuda Oromoof Oromiyaa kanneen akka warqee Shaakkisoo,pilaatiniyeemii Yuubdoo, Oppaalota Harargeefi godinaalee hedduu saamanii gurgurachaa jiru.

Bunaafi jimaa gogaa beeyladaa, oomishoonni qibaa kanneen akka nuugii, salixaafi suufii kkf Oromiyaarraa maddan. Lafeen dugdaa dinagdeefii jiruu biyyattii kanaa Oromoofi

adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati1

http://qeerroo.org/2015/06/30/adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati-kan-dabreerraa-kan-itti-fufe/

 

Biyya Dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun hin danda’amu. March 14, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromian Voices, Oromians Protests, Oromo and the call for justice and freedom, Oromo News, Oromo Protests.
Tags: , , , , , , , , , ,
add a comment

O

Ibsa Ejjennoo Ariifachiisaa Barattoota Oromoo Dhaabbilee  Barnoota Olaanoo Hundaaf.

Biyya Dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun hin danda’amu.

Bitootessa 14,2015

logo-qeerroo-oromiyaa33.jpgAdeemsi amma biyya keenya keessatti lafa dimookiraasiin hin jirreetti filaannoo dimookiraataawaa gaggeessa jirra jechuun ololli lallabamaa jiru kun dhaabbachuu qaba. Biyyatti keessa bu’uurri dimookiraasii hin jiru, ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuramaa, Ajjeefamaa, barnoota irraa arii’atamaa fi doorsifamaa ,Oromummaan yakkamaa,  akkasumas Oromoon qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqa’aa, fi mirga abbaa biyyummaa dhabnee waan jirruuf biyya dimookiraasiin hin jirree fi mirgi namummaa fi dimookiraasii dhiitamaa jiru keessatti maqaa filannoo gaggeessina jedhuun  kaardii filannoo hiruu fi olola sobaa filannoo dimookiraasii jechuun lallabuu dura mirgootni dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qabu. Haalli rakkisaa kanaan uummatni keenya xaxamee utuu jiruu adeemsi amma Mooraa Yuunibarsiitii keessatti kaardii Filannoo hiruuf jirra jechuun Mootummaan EPRDF lallabaa jiru jabeessinee balaaleffachuun, ibsa ejjennoo armaan gadii dabarsina.

  1. Filannoo gaggeessuun dura Mirgootni dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qaba.
  2.     Filannootti seenuun dura gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii bara darbe Ebla irraa eegaluun hanga har’atti itti fufinsaan karaa nagaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba. keessattuu rakkoon uummatni keenya gama siyaasaa, dinagdee fi hawwaasummaan qabu akka furamuuf gaaffii keenya xalayaa Iyyannoon dhiyeeffachaa kan jirruuf deebiin ariifachiisaan nuuf kennamu qaba.
  3. Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa waan gaafatan qofaaf  jumlaan hidhatti guuraman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu. Kanneen ajjeefamaniif mootummaan yakka ajjeechaa rawwate seeratti dhiyaachuu qaba. Kanneen barnoota irraa arii’amanii fi doorsifamaa jiran irraa  Mootummaan hiraarsa dhaabuu qaba, beenyaan qaamota midhaman hundaaf kanfalamuu qaba.
  4. Bu’uurrii dimookiraasii hundeeffamee, boordiin filannoo gartuu mootummaa irraa bilisa ta’ee hundeeffamee filmaatni dhaabbilee Siyaasaa biyyattii hundaa fi kanneen bilisummaa uummata isaanii kabachiisuuf qabsoo gaggeessan hundi kan keessatti himatanii fi filmaatichi yoo qaamooleen leellistoota dimookiraasii addunyaa adeemsa filmata gaggeeffama jiru keessatti hirmachuun ‘’Observe’’ akka godhan yoo ta’ee filachuu fi filatamuun kan dada’amu ta’uu hubachiisuun adeemsa amma jiruu kanaan filamaata kanaatti kan hin hirmaanee fi kaardii filannoos fudhachuun gatii kan hin qabne ta’uu jabeessine hubachiifna.
  5. Mootummaan ani dimookiraatawaadha filannoo dimookiraasiin gaggeessa jechaa jiru kun waraanaa fi human tikaa mooraa barnoota keessa qubsiisuun mirga keenya guutummatti sarbaa jira, afaan qawweetti fayyadamuun dirqamaan dimookiraasiin jira kaardii fudhadhu jechuun falla dimookiraasii fi abbaa irreemmaa ija baase ta’uu uummata keenyaa fi addunyaan hubachuu qabdi, gaaffii dimookiraasii fi bilisummaa gama hundaan gaafachaa jirruuf filannoo dura deebiin  nuuf kennamuu qaba, hanga gaaffiin keenya deebii quubsaa argatuttii Warraaqsi FDG jabaate kan itti fufu ta’a jennee ibsa keenya dabarfannee jirra.

Injifatnoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Qeerroo Bilisummaa

http://qeerroo.org/2015/03/14/ibsa-ejjennoo-ariifachiisaa-barattoota-oromoo-dhaabbilee-barnoota-olaanoo-hundaaf/