jump to navigation

Oromia: Gootichi Barataa Yuuniversitii Haromaayyaa Gazzahinyi Oliiqaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegame. Gullisoo Keessatti Barattuun Oromoo Caaltuun Gootota Mirga Sabaaf Aarsaa Kafalan Keessaa Tokko December 3, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
trackback

???????????Oromo student protest at Haromaya University, Oromia, on 30 November 2015. The peaceful protesters ruthlessly attacked by TPLF (Agazi) fascist Ethiopian regime forces.#OromoLivesMatters!Stop killing Oromo Students

Barataa Yuuniversitii Haromaayyaa Department Cooprative Waggaa 2ffaa Kan Baratu Barataan Gazzahinyi Oliiqaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegame.

Muddee 2,2015 Haromayaa

on 30 November 2015, Second year Oromo student at Haromayya University, Gazzahinyi Oliiqaa murdered by TPLF/Agazi force.

Gootichi Barataa Yuuniversitii Haromaayyaa Department Cooprative Waggaa 2ffaa Kan Baratu Barataan Gazzahinyi Oliiqaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegame.

Barataa Gazzaahiny  dhalootaan godina Wallaggaa Horroo Guduruu yeroo ta’u University  Haroomayaa keessatti department cooperative wagga 2ffaa barata osoo jiruu sochii warraaqsaa FDG fi didda master pilanii Finfinne mormuuf hiriraa naaga sadaasa 30,2015 saboonta bartoota ilmaan Oromoo ba’aani turaan kessa isaa Tokko Ture .
Barataan gootichi Gazaahinyi rebichaa cimaa humnaa Agazitiin irra ga’een hospitala University  Haroomayaatti utuu yalamuu lubbun isaa darbitee hara’aa Muddee 2,2015 reeffi isaa gaara naannoo dhaloota isaa Horroo Guduruutti ergamee jira .

Qabsa’aan ni kufaa qabsoon itti fufaa !

 

Wallagga Magaalaa Gullisoo Keessatti Barattuun Oromoo Caaltuun Gootota Mirga Sabaaf Aarsaa Kafalan Keessaa Tokko

Guyyaa Har’aa Wallagga Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa Keessatti Barattooti Oromoo 3 Rasaasa Wayyaaneen Wareegaman.

Sabboonti Barattoota Magaalaa Calliyaa Keessaatti Wareegaman 

1. Guutuu Abarraa Dheeressaa n
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu

Oromo oromiaMuddee 02, 2015 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa fi Aanaa Ariyaa keessatti Warraaqsa FDG karaa nagaan uummatni gaaffii Mirga abbaa Biyyummaa fi mormii Master pilaanii Finfinnee irratti gochaa jiru Irratti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee waraana uummata irratti banuun ‘’Yaakka Duguuginsa sanyii (Genocide) uummata irratti gaggeessuun Ilmaan Oromoo 3 Wareegaman.
Mootummaan Abbaa Irree Fashitii wayyaanee gaaffii mirgaa Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo karaa nagaan dhiiyeeffachuun hiriira mormii abbaa irree wayyaanee irratti uUmmatni harka duwwaan ba’ee sagalee mormii waan dhageesisee fi isi jalatti hin bullu jechuun sirni
bulchiinsa wayyaanee hin fudhannuu, maqaa Master pilaanii finfinnee jidhuu fi Labsii Magaalota Oromiyaa hin fudhannu jechuun Uummatni Oromoo barattootni fi sabboontootni Oromoo FDG kaachisuun Sagalee isaanii Oromiyaa cufatti dhageesisaa kan jiran yoo ta’uu, Guyyaa hardhaas qawwee fi waraanaan dorsifamnee mootummaa gabromsaa jalatti hin bullu jechuun Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Barattootni Oromoo Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa keessatti FDG karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irratti mootummaan Wayyaanee Jibbinsa guddaa ilmaan Oromoo irraa qabuu irraa ka’uun waraana uummata hiriira bahan irratti banuun ilmaan Oromoo nagaan utuu gaffii mirga abbaa biyyummaa fi Oromummaa isaaniif falmanii waraana Wayyaaneen baneen Wareegamuu maddeen keenya gabaasan.

Ilmaan Oromoo yakka waraana Wayyaaneen rawwachaa jiruun wareegaman:
1. Guutuu Abarraa Dheeressaa
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu kanneen jedhaman keessatti argaman ilmaan Oromoo yakka genocide wayyaaneedhan ajjeefamuun mootummaan Wayyaanee mootummaa abbaa irree fi sharorkeessan ilmaan Oromoo fixaa jiraachuun ibsame jira. Namootni hedduun rasaasan dhamuu amma illee gabaafama jira dhukaasni Mootummaan Wayyaanee Gullisoo fi Ayiraa irratti har’a bane itti fufinsaan dhukaafamaa jiraachuu madden keenya ibsan.
Uummatni Wareegama fedhee kanfalla malee humnaa fi Qawween jilbeeffannee hin bitamnu jechuun FDG itti fufe jira. Ilmaan Oromoo
bakka jirtan hundaa sagalee FDG jabeessuun mootummaa nu fixaa jiru dura dhaabbannee mirga keenya haa kabachiifnu jechuun sabboontootni
Qeerroon dargaggootni Oromoo dhaamsa dabarfatan.

 

Wallagga Aanaa Gullisoo Ganda Calliyaa Keessatti Gooti Barataan Oromoo Karrasaa Caalaa Rasaasa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Wareegame.

Muddee 03,2015 Calliyaa

Hiriira barattoota Oromoo guyyaa har’aa  Muddee 03,2015 amma itti jiramu irratti  Wallagga Aanaa Gullisoo Ganda Calliyaa Keessatti Gooti Barataan Oromoo Karrasaa Caalaa Rasaasa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen erga rukutamee booda bayyaannachuu dadhabuu irraan Wareegame.

a Grade 10 student called Dajane Sarbessa shot dead on protests that held on 3 Dec. 2015 In South West Shoa Zone Tole town in Bantu Secondary School..png

Dajane Sarbessa, a Grade 10 Oromo student  shot dead on protests that held on 3 Dec. 2015 In South West Shoa Zone Tole town in Bantu Secondary School.

Godina Shawaa Kibbs Lixaa Aanaa Tolee Magaalaa Baantuu Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa guyyaa 3/12/2015 ganama keessa hirriiraa mormii maaster pilaanni mormuun bahame irratti barataan kutaa 10ffaa barataa Dajanee Sarbeessa du’aan kan boqote yoo ta’u barattoonni lama akka malee rasaasaan dhahamanni hospitaala walisoi geeffamanni jiru. Mucaan du’e kuni  rukutameePoolisoonni akka namni lafaa hin kasne dhowun  reefi isaa erga du’e namni lafa utuu hin kaasiin dhiigni isaa utuu lola’utti sa’aatti 2:00 irratti kan du’e  sa’aatti 4:13 irratti reefaa isaa humni darbata walisoo irraa dhufeen  lafa kaa’e. Rukkuutees kan ajjeese poolisii Oromiyaa yoo ta’u eenyu akka ta’e yeroof adda hin baane.

Video Shows Federal Police Attack on Oromo Students in Ethiopia

(Direct link to the video on Facebook)

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: