jump to navigation

Oromia: Hidhaa fi Ajjeechaan Qabsoo Oromoo yo Finiinse Malee Duubatti hin Deebisu: Ibsa Ijjannoo Gurmuu Deeggarsa KFO Idil-Addunyaarra December 5, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
add a comment

???????????Say no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo people. Say no.Oromo Federalist  CongressOromo Federalist Congress Public Meeting in Finfinnee to protest TPLF's landgrab in the name of Master Plan. picture3

 

Hidhaa fi Ajjeechaan Qabsoo Oromoo yo Finiinse Malee Duubatti hin Deebisu!

Ibsa Ijjannoo Gurmuu Deeggarsa KFO Idil-Addunyaarraa
===============================================

Haalli Itoophiyaa keessa jiru yeroorrraa gara yerootti hammaachaaa dhufeera. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gama tokkoon uummanni beelaan dhumaa yennaa jiru kanatti gama biraatiin ammo mootummaan daa’imman ilmaan Oromoo hegeree biyyaa ta’an rasaasaan fixaa jira. Dhimmoota maasterpilaaii, beelaa fi ajjeechaa fi hidhaa mormitoota Oromoo irratti gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa armaan gadii kana baasneerra.

1. Gocha Faashistummaa mootummaan Woyyaanee saba Oromoorratti raawwatu ni balaaleffanna. Hidhaa , reebichaa fi ajjeechaan hatattamaan haa dhaabatu! Mirgi hiriira nagaa fi yaada ofii bilisaan ibsachuu haa kabajamu!

2. Bara 2014 keessa barattoonni 75 ol ajjeefaman. Amma torbaanuma kana keessa namni 3 ol ajjeefamanii dhibbootaan madaahaniiru. Miidhaan cimaan barattoota Oromoorra gahaa jira. Sanbi keenya kumootaan mana hidhaatti guuramaa jira. Namoonni ajjeechaa barattootaa fi hiriirtota irratti raawwatan hatattamaan seeratti haa dhiyaatan! Maatii ijoolleen irraa ajjeefamteef gumaan haa kaffalamu!

3. Karoorri Masterpilaanii Finfinnee kan seeraa fi heera biyyittii diiguu; kan sirna Federaalizimii fi birmadummaa sabootaa dhabamsiisuu fi eenyummaa saba keennaa miidhuurratt aggaammate hatattamaan haa haqamu.

4. Beelli biyya san keessatti dhalate sababa hongee qofa osoo hin taane sababa poolisii fi tarsiimoo dogoggora fi dhaba bulchiinsa gaarii fi olaantummaa seeraa ti jennee amanna. Uummata beela’eef gargaarsi barbaachisaan hatattamaan haa dhaqqabu.

5. Uummanni Oromoo biyya keessa jirtanu gaaffii mirgaa fi bilisummaa gaafachaa jirtan hanga mirgi keessan kabajamutti karaa nagaatiin kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa, dhiiraa dhalaan fi diqqaa guddaan qindoominaan bakka maraa wolbira dhaabattanii akka itti fuuftan fi mirga keessan kabajsiifattan waamicha keenna dabarsina.

6. Hidhattoonni, loltoonnii fi poolisoonni gaafatamummaan keessan heeraa fi seera kabajsiisuu dha. Keessattuu humni woraanaa daangaa diinarraa ittisuu dha. Uummata mirga heeraa fi seeraan taa’e gaafatu irratti hin dhukaasinaa; hin ajjeesinaa. Mootummaan ni dhufa ni darba. Isin mootummaa kamuu keessa dhaabbataa teetanii kan jiraatuu dandeessan sirna tokkoof looguu dhiistanii heeraa fi seera qofa yo kabajsiistan.Mootummaan abbaa irree akka isin isa tiksitanii umriisaa dheeressitanuuf barbaada; kanaafuu akka isin uummata isa mormu ajjeestan isin ajaja. Ajaja isaa kan seeraan alaa hin fudhatinaa! Uummata gaaffii mirgaa karaa seeraa fi nagaatiin gaafatu irratti qawwee akka hin dhukaasne waamicha isiniif taasifna.

7. Sabni keenya kan biyya alaa jiraattan haala barbaachisu maraan hatattamaan wolitti dhuftanii obbolummaa fi deeggarsa gaaffii mirgaa uummanni keenya kaasu kana bira dhaabbachuudhaan dirqama lammummaa akka baatan waamicha isiniif taasifna.

8. Dhaabbileen siyaasa Oromoo fi gurmuuleen deeggarsa qabsoo Oromoo marti yeroo murteessaa ta’e kanatti gahee isinirra eegamu harka wol-qabattanii tokkummaadhaan akka baanu waamicha isiniif goona!

9. Dahaabbileen mirga namoomaa fi miidiyaaleen idil-addunyaa yakka Itoophiya keessatti Oromoorratti deemaa jiru kana xiyyeeffannaa itti kennitanii akka gabaasitanii fi galmeessitan, addunyatti beeksiftan waamicha isiniif gooona!

10. Lubbuu gaafii kanarratti woreegamteef biyyoon itti haa salphatu. Maatii fi firoottan woreegamtootaa jajjabinna isiniif hawwina. Miidhamtoonni gaaffii mirgaa kanarratti miidhamtan fayyaa isiniif hawwina. Lubbuu fi dhiigni keessan bilaashaa miti. Akkuma Maammoo Mazammir ‘’ DHIIGI KIYYA DHIIGA BILAASHA BADEE MITI, DHIIGA MIRGA OROMOOTIIF JIGE’’ jedhe san dhiigi keessan gootota kumaatama dhala; BILISUMMAA FIDA. Woreegama keessan SEENAAN HIN DAGATU. SEENAAN keessan ni galmaawa; hanga bara baraa galmee seenaa keessaa calaqqisa.

Dhumarratti Koongiressiin Federaalawa Oromoo (OFC) ijoollee miidhaman, hidhamanii fi maatii ijoolleen irraa ajjeefamte haala itti gargaaraman mijeessuuf koree hatattamaa dhaabuusaa nuuf ibseera. Kanumaan wolqabatee nuuti Gurmuun Deeggarsa KFO Idil Addunyaa deeggarsa barattootaa fi miidhamtoota Oromoof taasifamu biyyoota alaattii guurree OFCn dhaqqabuuf qophii xumurreerra. Hawaasni Oromoo biyyoota garaa garaa dhimma kanarratti akka nu woliin hojjatu waamicha taasifna.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Gurmuu Deeggarsa Kongiressii Federaalistii Oromoo
Muddee 3, 2015
Minnesota

Oromia: KFO’n haala yeroo ammaa Oromiyaa irratti ibsa baase. December 3, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
add a comment

???????????Oromo Federalist  Congress

 

(OMN:Oduu Mudde 03,2015): Dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee fi Tarkaanffii Mootummaan Barattoota Mormii geggeessaa jiran irratti fudhachaa jiru ilaalchisuun Paartin Kongresii Fedraalistii Oromoo Har’a Ibsa baase.

Obbo Baqalaa Garbaa akka OMNtti himanitti Ibsa har’a Paartiin isaani baase Kana irratti Midiyaaleen biyya keessaaf biyya alaa iratti argamaniiruu jedhan.

Ibsa Paartin Kongresi Fedraalistii Oromoo har’a Sabaa Himaaleef qopheesse kana irratti Midiyaaleen biyya alaa maandhefatan kan akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Raadiyoon Jermanii fi akkasumas biyya keessaa ammo Telviziyoona Oromiyaa Dabalatee Midiyaaleen Mootummaa kanneen biroonis  kan irratti argaman ta’uu kan nuu himan Obbo Baqalaa Garbaa Mootummaanis bakka buutota isaa ergatee jiraa jedhan.

Oromiyaan yeroo kam caalaattuu haala hamtuu keessa jirti kan jedhan obbo Baqalaan, barataan seeraan barumsa isaa hordofuu hin dandeenyee, qotee bulaan rakkoo hamaa keessa jiraa, abbaan ijoollee duratti, Ijoolleenis maatii duratti reebamaa fi rasaasaan rukutamaa jiruu jedhan. Kaayyoon Ibsa Miidiyaa kanaaf rakkoo hamtuu akka sabaatti nu mudataa jiru kana hawaasa addunyaa akka quba nuu qabaatu barbaannaa jedhan.

Obbo Baqalaa Garbaa akka jedhanitti Miidhaan Yeroo ammaa barattoota Oromoorra ga’aatti jiru kan sabaa himaaleen gabaasaa jiran caala. Mootummaan Mooraa manneen barmootaa keessatti qofa osoo hin taane, daandii irratti akkasumas manneen namootaa cabsee seenee tarkaanfi barbaade fudhataa jiraa jedhu.

Tarkaanfileen Mootummaan barattoota irratti fudhatu haga ammaatti seeraan galmaa’ee mootummoota addunyaatiif dhihaataa akka hin jirre kan nuu himan obo Baqqalaan, hata’uuti garuu miidhaa barattoota kanarra ga’aatti jiruuf ijoo dubbii kan ta’e dhimma Maaster Pilaanii kanaa fi akkasumas barattoota ajjeefaman, mada’anii fi miidhaan garaa garaa irra ga’aatti jiru kana galmeessee seeraan kan hordofu koree tokko akka dhaabani jiraniif koreen kunis hojii isaa akka jalqabee jiru nuu himaniru.

Sochiin amma barattooti itti jiran kun bifa qindaa’een akka geggeeffamaa hin jirre kan nuu himan obbo Baqqalaa Garbaa, barattooti kun miidhaa Mootummaan Maatii isaaniirraan ga’aatti jiru, rakkoo akka barataattis isaan mudataa jirutu dhibee mormii kanaaf isaan kakaase malee qaamni tokkollee kan barattoota kana hoogganaa jiru akka hin jirre dubatu.

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa Yoo uummati Oromoo Maaster Pilaanii kana Morme humnaan hojiirra oolchuun hin danda’amu jechuu isaanii ilaalchisee Obbo Baqalaan yoo yaada nuu laatan, angaa’oti Mootummaa Oromiyaa dhimma kana irratti aangoo tokkoyyuu akka hinqabne erga himaniin booda dhugumaan yoo kan aangoo irratti qabaatan ta’eef, mormii kana qabbaneessuuf ittiin uummata gowoomsuu osoo hintaane labsiin isa raggaasisan deebisanii labsiidhaan haa kaasanii jedhan.

Xumura irrattis barattooti kun kan falmachaatti jiran haqa biyya isaanii waan ta’eef Mootummaan Tarkaanffii barattoota kana irratti fudhatu dhaabee ilaaf ilaameedhaan gaaffii barattoota kanaa hin deebisu yoo ta’e hegeree biyyattiifillee rakkisaa ta’uu dubbatu Obbo Baqqalaan.

Abdii Fiixeetu gabaase.

 

Related:-

Iyyata Dhiyeessaa Turreef Mootummaan Deebii Kennaa Hin Jiru Jedhu Mormitoonni

 

Kongresiin Federaalistii Oromoo har’a ibsa qabxii 10 of keessaa qabu baaasee jira. Iyyata isaa kanas mootummaatti dhiyeessuun isaa gabaafamee jira. Maastar Plaaniin Finfinnee lafa Oromiyaa waan dhiibbatuuf hojii irra ooluu hin qabu, barattoota mirga qaban fayyadamuun karaa nagaan hiriiran irratti humnootiin mootummaa tarkaanfii humnaa fudhaachuun haa dhaabatuu, qonnaan bultoota sababaa invastmentii Misoomaa jedhuun manaa fi qe’ee irraa godaansisuun haa dhaabatuu akkasumas qabxilee kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uu Obbo Baqqalaa Nagaa ibsanii jiru.

Rakkoo guddaan jiru Bulchitoota Oromiyaa kan sadarkaa adda addaaan wanni dubbatamuu fi kan aangawoonni mootummaa Federaalaa jedhan kan wal faalleessu ta’uu isaa ti kan jedhan Obba Baqqalaan kanneen Oromiyaa bulchan waa murteessuuf aboo hin qaban jedhu. Hidhaa fi ajjechaa Oromiyaa keessatti uumamaa jiruuf mootummaan Itiyoophiyaa  itti gaafatamaa ta’uus ibsi kun hubachisee jira.

Gaaffii fi deebii geggeeffame dhaggeeffadhaa

http://www.voaafaanoromoo.com/content/oromo-oppostion-master-plan/3084648.html

 

DW: የኦሮሞ ፊደራሊስት ኮንግረስ መግለጫ

የኦሮሞ ፊደራል ኮንግረስ የኦሮሞ ሕዝብን ማንነት ለመደፍጠጥ ያለመ ነዉ ያለዉን የአዲስ አበባ አጎራባች የኦሮምያ ማስተር ፕላን መንግሥት እንዲሰርዝ ጠየቀ።

http://www.dw.com/am/%E1%8B%A8%E1%8A%A6%E1%88%AE%E1%88%9E-%E1%8D%8A%E1%8B%B0%E1%88%AB%E1%88%8A%E1%88%B5%E1%89%B5-%E1%8A%AE%E1%8A%95%E1%8C%8D%E1%88%A8%E1%88%B5-%E1%88%98%E1%8C%8D%E1%88%88%E1%8C%AB/a-18889575