Oromoota wayyaba, biyyaa Oromiyaa fi ummata Oromoof: gaddan , hinaafan fi rakkoo hamaan ummatni Oromoo keessa jiru irriba dhorku biratti, hara’aan tana, bu’ura siyaasaa guddaa ta’anii kanneen argaman keessaa tokko waa’ee ‘Master Plan’ mootummaan Impaayera Ixoophiyaa hojii irra oolchuufi deemuu ti.
Mootummaan gabroomfataa impaayera Ixoophiyaa, Oromiyaa nagaa dhowwaa jiru kun,kan ‘Master plan’ jedhuunii fi kan ummatni Oromoo ammoo ‘Master killer of Oromoo and Oromia’ ittiin jedhu, karoora: jireenya, eenyummaa, biyya Oromiyaa, abdii fi fuulduree Oromoo dhabamsiisuu irratti qiyyafate yeroo ta’u, mootii Impaayera Ixoophiyaa kan har’aan tana afaan qawweetiin ummata Oromoo ukkaamsee saamaa fi ajjeessaa jiru qofaan kan jalqabe osoo hin taane wal-irraa fuudhuun ykn wal-irraa dhaaluudhaan yakka moototi Ixoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi ammaan tana illee itti fufee irratti raawwataa jiruu dha.
Biyya Oromiyaa, afaan qawweetiin weeraranii, Oromoo irraa buqqisuudhaan ummata Ixoophiyaa irra qubsiisuun qabeenyaa dachii kana irratti argamu saamuu, Oromoo dachii isaa irraa buqqisan ammo hojjisiifatuu fi gabaatti baasanii gurguratuun qawwee bitatuuf karoorfatee kan jalqaba Oromoo fi Oromiya irratti weerara bane mootummaa Aksum kan Tigraay irratti jalqaba bar-kumee ijaarame dha.Mootummaan Aksum, ummata Kibba Yamanii irraa godaanee Galaana Diimaa cehuun qarqara Galaana kanaa jalqaba bar-kumee (first millennium) keessa ijaaramee weerara gabroomsaa gara:Kaabaa (Eritrea), Dhiha (Sudaani) fi Kibbaatti geggeessee ture. Mootummaan Aksum kun, weerara gara Kibbaatti geggeesse keessatti, laga Abbayyaa cehuun Kaaba Shawwaa qabachuuf haa yaalu maleee, duula farra gabrummaa Oromoon Waajjii bara 112 (AD) irratti geggeesseen duulli gabroomsaa mootummaa Aksum osoo bakka hin gahin hafe.lubbuun-ummata-oromoo-fi-dachiin-oromiyaa-1
Mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa, kan ammaan tana Oromiyaa fi biyyoota ummattoota akka: Sidaamaa, Kaffichoo, Shakkichoo, Kambaataa, Walaayitaa, Majangir, Oomoo, Beenishaangul, Gambeelaa, Ogaaden, Afaar, Agawu fi kkf bitaa jiru, akkuma gabroomfattoota Ixoophiyaa isa dura turanii, ummattoota kana: ajjeesaa, hidhaa, biyyaa baqachiisaa fi mirga hiree murteeffannoo isaa dhiitaa afaan qawweetiin mataa isaa irra taa’uun ummattoota kana:hiyyummaa, beela fi wal’alummaa eessattuu argamee hin beekne keessatti gannoota digdamaaf kan dararaa turee dha.Mootummaan kun, sirna gabrummaa fi nama nyaataa isaa kana itti fufuuf, filannoo seeraan alaa fi farra dimookraasii Oromiyaa fi biyya ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaa keessatti geggeessee, barcuma caffee gabroomfattuu Ixoophiyaa hunda injifachuu eerga labsatee hedduu osoo hin turre, aangoo seeraa fi dimookraatawaa osoo itti hin qabaatin, mootummaa ijaaruu isaa kaleessa gaafa 6/092015 nutti hime.
Impaayera Ixoophiyaatiin, mootummaan Oromiyaa fi biyyoota ummattoota Kibbaa keessatti ijaarame kun, uumanis ta’e dalagaan, mootummaa:Minilik, Haayile Sillaasee fi Dargii irraa adda kan hin taane, mootummaa gaabroomfattuu, mootummaa seeraan alaa fi mootummaa nama nyaataa dha. Waan kana ta’eef, seerri, tarkaanfiin, murtiin, ajaji, jaarmaani fi ramaddiin mootummaa kana irra maddu, ummata Oromoo fi ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaa hin ilaallatu. Seerri, murtiin, jaarmaan, ramaddiini fi ajaji mootummaa gabroomfataaa fi seeraan alaa kana irraa maddu fudhatee hojii irra oolchuuf ummatni Oromoos ta’e ummattooti :Walaayitaa, Kambaataa, Hadiyyaa, kaffichoo, Shakichoo, Gumuzii, Majangir, Beeniishaangul, Gambeelaa, Ogaan, Affaari fi Agawu dirqama seera irra madddu hin qaban. Seerri, murtiin, jaarmaan, ramaddiin fi ajajni mootummaa gabroomfataa kana irraa maddu kan seeraan alaa waan ta’eef, ummatni Oromoo fi ummattootni Kibba Impaayera Ixoophiyaa dura dhaabbachuun mootummaa gabroomfataa fi seeraan alaa kana of irraa kaasanii hanga walabummaatti hiree isaanii guutuutti mirkaneeffachuuf mirga seenaa fi seeraa qabu.
Mootummaan gabroomfattuu fi seeraan alaa, mata ummata Oromoo fi ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaa irra taa’aa jiru kun, afaan qawweetiin yoo ta’e malee seera fi fedhii ummattoota kanaatiin kan bulchaa jiru waan hin taaneefi: seera, murtii, ajaja, jaarmaa fi ramaddii isa irraa madduun waldhabbii isaa fi ummattoota cunqurfamoo gidduutti dhalatuuf deemu keessatti gaaga’ama uumamuufi gaafatama guutuu kan fudhatu isa mataa isaa ta’uu mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa beekuu qaba. Ummatni Oromoo fi ummattooti Kibba Impaayera Ixoophiyaas, mootummaan gabroomfattuu fi seeraan alaa Ixoophiyaa Tigrootaan hoogganamu kun, dantaa ummata Tgraayiif malee, dantaa isaaf jecha Tigraay irra ka’ee qawwee baatee akka hin dhufne hubatee, mootummaa fedha isaatiin seeraan ijaarratu daddaffiin argamsiifatuufi, yeroo inni qabsoo farra gabrummaa Ixoophiyaa gamtaan daranuu itti jabeeffatan har’a ta’uu qabu .
Sirni gabroomfataa fi seeraan alaa, mootummaa seerawaa ijaaruu hin danda’u
Leelloo Sabaa
You must be logged in to post a comment.