jump to navigation

OROMIA: LEENCI BADDAA NUUNNUU WAREEGAMUUN/BOQOCHUUNSAA MIRKANAA’E!! September 4, 2016

Posted by OromianEconomist in Biraanuu Haroo Yadataa, Oromia, Oromo.
Tags: , , , , ,
trackback

Odaa OromooOromianEconomist

Biranuu Haroo Yaadataa

 

LEENCI BADDAA NUUNNUU WAREEGAMUUN/BOQOCHUUNSAA MIRKANAA’E!!

 

Barruu kana akkan barreessuufi qoradhuuf kan nakakaase maatiin Jaal Biraanuu Haroo Yaadataa barbaacha qaroo ilma isaaniif taasisan keessatti waggaa 25 oliif jiraachuf du’uusaa waan adda hinbaafatiiniif har’a gala yookaan bor galaadhaan imiimmaan isaanii soorachaa jiraachuu isaaniiti. Anis boqochuu hayyuu kanaa dhaga’uunkoo bubbulus akka maatiin garaa kutatanii hirmii baafataniif jecha ifa taasisuu murteesse. Akka nama seenaa hayyuu kanaa dhaga’aa guddateefi fira dhiigaa haad ha nadeessee tokkootti; akka Oromoo seenaa dhokate ifa baasuuf dirqama qabu tokkoottis odeeffannoo walitti qabachuufi jaallan waliin turan argachuuf yeroo natti fudhateera. Seenaa Jaal Biraanuun kan walfakkaatu kan jaallan qabsoo keessatti gaaffii abbaa biyyummaatiif wareegaman kumataman akka jiran wal nama hingaafachiisu. Akkuma yeroo arganneefi madden raga arganneetti seenaa gootowwan kufani kana galmee seenaa qabsiisuudhaaf Oromoon baranne jennu dirqama qabna.

Birhaanuu Haroo Yaadata jedhama. Kan dhalatees abbaasaa Obbo Haroo Yaadataafi Haadhasaa aadde Taamuni Qixxeessaa irraati. Maatii qotee bulaa keessatti bara 1970 kan dhalate Birhaanuun lafti dhalootasaafi maatiisaa godina Wallagga Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa jedhamutti. Yeroo ammaatti maatiinsaa Nuunnuu ganda 01 keessa jiraatu. Akkuma umuriinsaa barumsaaf gaheen mana barumsaa Nuunnuu Gabaa Roobii jedhamutti sadarkaa 1ffaa (1-8) achumatti barate. Barumsasaa keessatti adda duree ta’uurra darbee akka mana barumsichaatti urjii ta’uun waggoota maran barate keessatti badhaasaan xumure. Qorumsa minisitirii biyyoolessaa kan kutaa 8ffaa barasaas 100% galmessee akka godinaatti nama addaafi badhaafamaa ture.

Bifuma walfakkaatuun yeroo sanatti manni barumsaa sadarkaa lammaffaa aanaa Nuunnuu keessaa waan hinjirreef imalasaa gara wallagga bahaa aanaa Jimmaa Arjootti taasifate. Geejjibni konkolaataas waan hinjirreef miillasaan sa’a 4 ol deemuun aduuf qorra utuu hinjedhiin barnootasaa itti fufe. Kutaa 9-12 ttis akkasuma daree keessaa baratu keessatti utuu namaan hindurfamiin barnootasaa haaluma walfakkaataan xumurate. Maatiin Biraanuu Haroo qotee bulaa waan turaniifi baayi’ina maatiirraan kan ka’e harka qalleeyyii waan turaniif jireenya siqiqii maatiinsaa keessa jiran kana seenaa taasisuuf kutannoon ciniinnate barataa ture. Biraanuun kanaafi sanan dhabe jedhee nama maatiisaa hinrakkisne, nama rakkoo obsuufi mar’immaansaa hidhatee argatu nyaatee dhabus hagabuu kaayyoof cite nama dalagaa ture ta’uu hiriyoonnisaa qaamaan isa beekaan addeessaniiru. Maatiinis mudhii isaanii hidhatani tokkicha maatiisaarra darbee biyyaasaa maqaa dhoofsisaa ture kana gargaaruuf waan danda’an maraan itti daguuggatan.

Jaal Biraanuu Haroo Yaadataa nama hojjaan giddu galeessa; magaala ifaa, dhaabbii toluufi maatiisaatiif mucaa jalqabaati. Hayyuun qaroo kun yeroo maatii isaatti boqonnaadhaaf galu namoonni isa arguufi gorsaaf haasaasaa dhaggeeffachuuf mana maatiisaatti walga’u. Haasaafi gorsi Biraanuu kan hinquufamneefi dhaloota naannoo sana jiraataniif fakkeenyummaa guddaa kan qabu ture. Biraanuun maatiisaatiif kabajaa guddaa nama qabudha. Yeroo boqonnaasaas maatisaa hojii gargaaruufi daa’immaan quxisuuwwansaa nama fakekenyummaan guddisaa tureefi maatiisaan eebba qabudha. Barattoota naannoosaati baratan gurmBiraanuu 22eessuun kan barsiisuufi kan gorsu ta’uunsaa hawaasasaa biratti kabajaa addaa isaaf kennisiiseera. Biraanuun qabxii olaanaa kutaa 12ffaa tti galmeessiseen Yunivarsiitii Finfinnee seenuun ogummaa bulchiinsaan (Public Administration) digiriisaa jalqabaa bara 1987 ALA qabxii olaanaan xumureera. Akkuma digiriisaa jalqabaa fudhateen magaalaa Finfinnee keessatti hojiif ramadamee hojjechuu eegale. Hanga mootummaan Dargii bara 1991 tti barbada’uutti Biraanuun hojiisaa kana si’aa’ina guddaan dalaguun itti fufe.

Jaal Biraanuu Haroo muummee qorannoosaa kana kan fuuleffateef inni guddaan hanqina ogummaa bulchiinsaa akka biyyattiitti jiru furuuf akka ta’eefi itti fufinsaan barnootasaa baratee akka biyyaatti rakkoowwan jiran furuuf nama kutate ta’uu hiriyoonni isa faana baratan nidubbatu. Keessumattuu sirna faashistii mootummaa Dargii keessatti daba argaa guddate sana qajeelchuuf nama hidhatee halkani guyyaa hojjetaa tureefi Prof. Hayile Fidaa faana (hayyuu abbaa qubee baddaa Arjoo) faana quba akka walqabaniifi akka ijoollee naannoo tokkootti gara dhiha biyyichaarratti jijjiirama addaa argamsiisuuf kan hojjeta ture ta’uu ragaan xalayaa isaan waliif katabaa turan tokkorraa beekuun danda’ameera. Hayyuun biyya sanaaf akka qaroo ijaatti ilaalamu kun gaafa mootummaan Dargii galagalu qabsoo Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) taasisaa turetti makamuun biyyicha harka Oromoo galchuurratti mul’atasaa godhatee kutannoon qabsootti dabalame.

Jaal Biraanuun hacuucamuu sabasaa nama balaaleffatuufi itti gaafatamummaan barnootaan fudhe kana hojiitti hiikuun qaba jedhee garaa qulqulluun nama sabaaf dalagaa turedha. Dalagaasaa mara keessatti dhaota qaruufi fuulduree Oromumama dhaloota agarsiisuu keessatti nama dorgomaa hinqabnedha. Jaal Biraanuun goota Oromoo qalbii qabuufi dubbiitti hin ariifanneef obsaa yaada bilchinaa dubbachuun beekamudha.

Jaal Biraanuu Haroo sabboonaa sabaafi biyyasaatiin boonu qaxalee du’a hinsodaanne ture. Erga Dargiin kufee bara mootummaan cehumsaa ijaarameeti kaasee sadarkaa ooggansaa garaagaraarratti muudamuun garaa guutuun sabasaaf dalagaa ture. Jaal Biraanuun sababa Oromummaasaatiif Magaalaa Finfinneefi laga dhidheessaa lafa jedhamutti hidhameera. Yeroo garaagaraattis du’a mootummaan Waayyaanee irratti xiyyeeffate jalaa miliquun Oromiyaa keessa nama naanna’aa ture ta’uu hiriyoonnisaa duraanii nidubbatu. Mana hidhaa Wayyaanee keessatti gidiramaa kan ture Biraanuun bara 1993 booda Oromiyaa keessaatti hinargamne. Akka keessa beektonni jedhanitti Adda Bilisummaa Oromoo faana ta’uun Keeniyaa keessa bosona akka tureefi gumaacha hayyummaasaati dhaabasaaf nama ba’aa ture ta’uu dubbatama.

Biraanuun maqaan qabsoosaati Ibsaa Jaawwee akka jedhamu hiriyoonnisaa nidubbatu. Biraanuun Oromoo Maccaa balbala warra Abbas Bil’ii Adaroo jedhamu keessaa dhalate. Nama ogummaa oogantummaa qofa utuu hintaane nama seenaafi aadaa gadi fagenyaan qoratee beekuufi galmeessaa ture ta’uunsaa nibeekama. Bara mana barnootaa ture keessatti barnoota qofaan utuu hintaane, dargaggoota sochoosuufi gumiilee akka naannoofi godinaatti qophaa’aan keessatti dorgomaafi adda duree nama turedha.

Abbaaf haati Jaal Biraanuu ilma isaanii kana rakkina guddaa keessa taa’uun kan barsiisan ta’uu imimmaaniin dubbataa nuuf himan. Ofii beela’anii qullaa adeemuun isa uffisuun, afaanii baasanii isa nyaachisuun ofiifi biyyaaf kana abdatan kun daraaraa bakkeetti hafe ta’uun garaa maatii qofa utuu hintaane saba naannoo sanaafi uummata Oromoo seenaa qabsoo Oromoo beeku mara kan dallansiisedha. Keessumattuu, maatiin akka jedhanitti gaafa kaassetta Abitoo Kabbadaa raadiyooniin darbu ‘fageenyaa nadhowwee malee siyaaduu hindhiisne deesseekoo…jedhu dhaggeeffatan imimmaan kan hinqabanneefi akka muka adaamii cobuudhaan Ilma isaanii waggaa 25 lafa inni jiru hinbeekne kana duukaa dararama seena hedduu baataniiru.Sababa kanaafis dhyukkubsatoo ta’anii sireetti galaniiru. Yeroo nama barate hunda arganitti boo’uufi cobuun amala itti ta’eera.

Haatiifi abbaan Biraanuu Haroo yeroo ammaa lubbuun kan jiraniifi haatiisaa akka waliigalaatti ijoollee torba (dhiira 6 fi dubara 1) kan qabaniifi abbaansaa haadha warraa biroorraa dabalataan ijoollee dubaraa 4 waliigalatti abbaa maatii ijoollee 11 ti. Hunduma isaaniif fakkeenyummaa gaarii dhiisee kan darbe Jaal Biraanuun ammas ijoolleen Obbo Haroo Yaadataa barnootaan jajjaboofi namoota hawaasa keessatti kabajaa qabanidha. Obboloonni Biraanuu marti isaanii lafa obboleessisaa kun jiru barbaachaaf waggaa 20 ol dhama’anii jirani. Akka obbolootasaa kana tokko tokko dubbisuuf yaalletti obboleessisaanii kun tarii jiraatinnaadhaan abdiin guutamaa ammoo shakkaa imimmaaniin seenasaa nuuf himani turan. Yoom obboleessa keenyaa kana ijaan argina jedhanis karaa ilaalaa akka jiraniifi isa argachuuf jecha miidiyaalee hedduu hordofaa akka turan quban qaba. Maal haagodhaniree obboleessisaanii akka isaan karaa eegan utuu hintaane akka lammata isaan arguu hindandeenyetti dhaammatee deemewo!

Dargaggoon utuu manallee hindhaabbattiin qabsoo barumsaarraa gara qabsoo sabaatti cehe kun utuu aara hingalfatiin addunyaa kana gadi lakkisee deemuun dirqama itti ta’e. Sabasaa qabsaa’uufi akka lubbuusaatti jaallatu; maatiisaa rakkatanii isa guddisaniifi barsiisan hunda karaa ilaalaa akka hafan ta’e. Duuti Jaal Biraanuu Haroo maatii qofa utuu hintaane Oromoo naannoo sana jiraatuufi akka waliigalaatti isa beekan hundaa garaa raase. Geeraraan Oromoo naannoo Nuunnuu;

‘’Marqaan gala ta’aaree,

Akka garaa taa’aree?’’ jedhu nidhugoome. Qaroon biyya bulcha jedhame eegamaa ture karaatti cituun wareegama qaalii kaffale. Utuu akka garaa ofiiti isa akkas lammii keessaa baratee ba’etu gaaffii sabaa haqaan deebisa ture. Magaalaan Nuunnuu Qabsaa’ota gurguddoo kaneen akka Nugusee Taaddasaa, Takkalenyi Dagoofi Geetinet Baqqalaa jedhamaniifi kanbiroo dhoksaafi mul’anitti biyya isaaniif qabsa’an hedduu magarsiteetti.

Keessumattuu rasaasa Wayyaaneetiin galaafattamuun Jaal Nugusee Taaddasaa kan uummata Oromoo keessaa baraan hinbannedha. Nugusee Taaddasaa, Geetinnet Baqqalaa,Takkaalinyi Degoo, Shifaa (maqaa abbaasaa hinbeeku) gandi isaa waalgaa Qacamaa, Nagaasaa Duulaa, Geetaachoo Dinqaa,Taammiruu Kabbadaa. Shifaafi Takkaalinyi Degoo amma eessa akka jiran hin beekamu. Barsiisaa Taammiruu Kabbadaa du’aan boqotaniiru. Nagaasaa Duulaa,Geetinnat Baqqalaafi Geetaachoo Dinqaa biyya keessa jiru. Gootichi Takkaalinyi Degoo goota cimaafi nama wayyaanee harkaa hidhaa kutee badedha. Akka wallagga bahaafi dhihaatti yeroo san baay’ee beekama ture.

Keessumattuu Nugusee, Geetinnat, Nagaasaa, Shifaa, Barsiisaa Taammiruu, Geetaachoo fi Takkaalinyi Degoo waliin turan. Isaan keessaa yeroo sana hoogganaa cimaa fi kan wayyaanee miliquuniifi tooftaa lolaa baasuun beekamu Takkaalinyi Degoo ture. Gaaf tokko aanaa jimmaa Arjoo naannoo mandaraa jedhamutti Wayyaanee halkan itti marsitee qabattee deemte, sibaagoo (foyaa cimaan) harkasaa hiitee osoo gara Arjootti geessaa jirtuu naannoo gabataa jedhamutti haada San harka isaa duubatti hidhamee jiru suuta suutaan laaffisuun of irraa hiikee citaa keessa harkaa miliqe. Wayyaanonni dhukaasa hedduu itti bantus hunda isaanii gidduu akka billaachaatti miliquun bakkeetti ishee hambisee kute. Salphinaanis harka qullaa manatti galan. Dhuguma inni dhiira.Leenca eenyuufuu hin jilbeeffanne. Amma garuu eessa akka jiru hin beekamu. Haatiifi abbaan isaa Nuunnuu Qumbaa ganda dur Daalattii jedhamtu ammammoo Horaa Baacaa jedhamtu keessa jiraatu. Oobboleessisaa yeroo har’aa kana magaalaa Nuunnuu keessa jiraata. Geetaachoo Dinqaa fi Geetinnat godina jimmaa jiru. Nagaasaan yeroo sana wayyaanee qabattee waggaa lamaa ol osoo itti xabattuu booda karchallee naqamtee geessitee achitti gatte. Achitti xiqqoo hidhamee waggaa lama booda gadi dhiifame. Amma magaalaa Finfinnee jiraata. Gootonni Nuunnuun Qumbaa magarsite hedduu waan ta’aniif irraa jalaan qindeessina…

Jaal Biraanuun dirqama dhaaba keessatti isatti kenname amanamummaan nama dalagaa tureefi hojii hundaa ija hayyummaatiin nama dirqamasaa ba’aa tureefi abbaa furmaataa jedhamuun nama beekamu akka ta’e jaallan isa faana turan nidhugoomsu.

Jaal Biraanuun dararaa bosonaafi jireenya qabsoo keessatti mudannoo qabaataa tureen dhukkubaachaa turee dandamachuu dadhabee Amajjii 2, bara 2000 tti du’aan addunyaa kanarraa godaane. Lafti awwalcha hayyuufi qaroo Oromoo kanaas Keeniyaa Magaalaa Nayiroobii bakka Laangaataa jedhamu akka ta’e keessa beektonni jaallan qabsoo waliin turan ifa nuuf godhaniiru.

Jaal Biraanuu Haroo Yaadata lubbuun keessaa ba’uun dura dhaamsa kanaa gadii dhaammate jedhu jaallan Qabsoo keessa waliin turan. Ani waanan fayyee maatiikoofi Oromoo qabsaa’eef deebi’ee argu miti. Kaayyoonkoo Oromiyaan dhala Oromootiin buluu, Oromoon abbaa biyyaafi kansaarratti hiree ofiin akka murteeffatu ture; hamma humnakoofi beekumsakooti dalageen jira. Obbloonnikoo quxisuuwwankoo gargaarsakoo eeggachaa turani anarra adhaban akka nan komanne; kaayyookoo kana ogummaa barataa jiraniifi toora irra jiraniin akka naa fdhugoomsan; maatiikoo anaaf jecha agartuun isaanii cabee cabani naguddisaniin garaa isinitti hinjaabaanne; roorrootu biyyaa nabaasee anaaf siniin gargar hambise waan ta’eef obsaan mudhii naaf hidhaa; abbaakoof haadhakoon imaanaan isin narra keessan uummata Oromoo qabsoon ani taasiseen marganin akka deebi’u haata’u naa jedhani jedhe. Keesumattuu, namoota barataniin ammoo, barumsi sabaafi biyya ofiif hintaane duwwaadha jechuun jaallan baratan ogummaa isaaniin imimmaaniifi gaaffii saba Oromoo jaarraa tokkoo ol ture akka deebisan jechuun imaanaa dabarfateera.

Maatifi firoottan Jaal Biraanuu Haroo Yaadataa, uummata wallagga Bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaafii uummata Oromoo maraf jajjabina guddaa hawwina. Maatiifi firoottnisaa marti akka hirmii baafataniifi boqochuun qaroo isaanii kun akka ifatti itti himamuuf murteessinee gaafa qaammee 3,09,2016 akka boossifamaniif murtaeera’. Jaallan odeeffannoo hayyuu kanaa naaf kennitan marti maqaa uummata Oromoo kabajamaadhaan singalatoomfanna.

Seenaan Jaal Biraanuu Haroo Yaadataa yeroo ‘#OromoProtests’ kana keessatti ifa ba’uunsaa seena qabeessaafi hoj-mannee akka sabaatti qabnu kan nutti agarsiisu ta’uusaa kudhammachuun dirqam seenaa ta’a!!

Kan qindeessee barreesse:

Beekan Gulummaa Irranaati!


 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: