Advertisements
jump to navigation

Aliyyii Cirrii, one of the pioneers of Oromo national movement against tyranny and injustice passes away at age 96. Gootichi Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii, abbaan Dhoombir dhalatanii waggaa 96 du’aan addunyaa kana irraa boqatan. November 11, 2017

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
trackback

Odaa Oromoooromianeconomist

Aliyyii Cirrii, Oromo national hero, 1912-2017.png

The iconic and national hero who gave so much to his suffering  people. Rest in Peace.

Colonel Aliyyii Cirrii lived (1912- 2017) an exceptional and impactful life as one of  the  pioneers and engineers  of Oromo national movement against historical, economic, political and cultural injustices.

Along with  General Waqo Gutu, Haji Adam Jilo Webo, Musa Bati , Colonel Aliyyi Cirrii is the pioneer and Oromo national hero of the 1960’s generation who embarked Oromo national struggle against autocratic  feudal regime of Aste Haile Selassie. 

Born and raised in Madda Walabu, Bale, Southern Oromia, Aliyyii Cirrii joined the Oromo national struggle in the early 1960s along with the late General Waaqoo Guutuu. He spent most of his youth and adult age worked to bring freedom and justice to the suffering Oromo people. He was known among his contemporaries as a brave hero, which he proved during the Bale People’s movement, also known as the “Dhombir” war.

“Aliyyii Cirriitu beekaa, isaa beekaa, karaa dhombiriin dhukaatee, way dhukaatee…”- artist Haacaaluu Hundessaa’s 2013 song.

Aliyyii Cirrii, Oromo national hero, 1912-2017

https://www.youtube.com/watch?v=lnNESnOG2Rg

https://twitter.com/Abbaacabsa/status/929403314273386502

 https://www.facebook.com/naftanan.gadullo.5/videos/497829927265119/

Seenaa Koloneel Aliyyii Cirrii Jaarraa

Seenaa Gooticha Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii‬

Aliyyii Cirriitu beeka …
karaa dhoombiriin dhukaate..
)Weellisaan keenya jaallatamaan Hacaaluu Hundeessaa )

( Kitaaba Sheleme K Jima #Seenaa #Gootota #Oromoo fi #Kaan“:2009:298, maxxansa 2ffaarraa kan fudhatame)

Koloneel Aliyyii Cirriin godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti; abbaa isaa obbo Cirrii Jaarraa fi haadha isaa aadde Badheessoo Miinaa irraa bara 1912 dhalate.
Koloneel Aliyyii Cirriin qabsaa’ota Fincila Baalee keessatti hirmaatan keessaa isa tokko. Gabrummaa ummatarra ga’aa tureen aaruun ijoollummaa isaatti; umriisaa 12ffaan qabsaa’uf bosonaa seene.

Qabsoorra osoo jiru, Jeneraal Waaqoo Guutuun qabsoo jalqabuu yeroo baru, waliin qabsaawuu jalqaban. Koloneel Aliyyiin sana duras ummata biratti qabsoon beekkamaa waan tureef, Jeneraal Waaqoo hedduu gammachiise.

Sirna Hayilasillaasee keessa bara 1957 Waxabajjii keessa Oborso aanaa Madda Walaabuutti nafxanyaa muddees waraanera. Qabsoo Oromoo Baalee finiinsuunis nama maqaa adda durummaa qabu.

Koloneel Aliyyii Cirriin hiriyoota fi qabsaa’ota akka isaa Haji Goobanaa Yuuboo, Saamoo Kormee, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Adam Jiloo, Koloneel Dubroo Waaqoo, Koloneel Huseen Bunee, Koloneel Kadir Waaqoo Shaaqeefaa waliin diinan lolaa turan.

Aanaa Dalloo Mannaa fi Madda Walaabuu kan waldaangessu Malkaa Amaanaarratti guyyoota 7f nafxanyaan saamichaa fi weeraraaf bobba’e akka hin dabarre dhoorkera.
Camarrii, Horri Korree, tulluun Araaraa, tulluun Habbisuu (lafti dhaloota warra isaa) nafxanyaa muddaa ofii injifannoon keessa burraaqaa turani.

Aliyyi Cirriin; Jaarraa Habbisuu Jiloo Galma Odaa Guljuu Bariisoo Huqqaa jechuun abbootii isaa lakkaa’a. Lakkoofsichis gosa isaa Karrayuun isa geessa.
Koloneel Aliyyii Gubbaa, Dalloo, Angeetuu, Bidiree, Oborsofaatti goota diina irriiba halkanii dhoorkee guyyaa abjoochise ture. Magaalaa Oborsootti waraanni Aliyyii Cirrii waraana nafxannaa barbadeessera. Aliyyiin nama cunqursaa danda’ee baatu hin turre.
Aliyyi, magaala, jajjaba, dhaabbata qajeelaa qabu.
Koloneel Aliyyii haadha warraa afur irraa ijoollee 25 horateera.

Hacaaluu Hundeessaas sirba isaa keessatti; Aliyyii Cirriitu beeka … karaa dhoombiriin dhukaate…. jechuun Aliyyiin dhukaasa dhoombiriin gita akka hin qabne dhugaa ba’eefira.
Aliyyi goota qawwee dhoombiriin xiyyaara samii buusus ture.
Ayyaana Iid Al faxir 1437ffaa, bara 2008 sababeeffachuun OBS Aliyyii Cirrii waliin turmaata taasiseet ture. Koloneel Aliyyiin “Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaa fi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre.” Jedha seenaa isaa yoo himatu.

Koloneel ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaa fi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa turan obbooloota isaa A/Raamaan Cirrii, Awwaluu Cirrii,Usmaan Cirrii,Isaaq Cirrii,Harbisee Cirrii waliin ture.
Abbaan isaanii loltuu cimaa loltoota sirna nafxanyaa waliin yeroo dheeraa wal waraanaa turuun haaloo ilmaan Oromoo lubbuun isaanii darbe gumaa deebisaa turani. Mootummaa Hayilasillaasee hidhannoon Oromoorraa qolachaa turan.

Qabsoo isaanitiin mootummaan H/sillaasee uummata Oromoo irratti cunqursaa gaggeessaa ture keessaa garee waraana shaambaal Baqqalaan hoogganamu waliin bakka Sannaatee jedhamutti wal waraanuun shaambaal Baqqalaa ajjeesun loltoota isaa hedduus barbadeessuun injifannoo argataniru.

Mootummaan H/Sillaasee loltootni isaa dhumachuu dhaga’ee hoomaa waraanaa baay’ee erguun akka obbo Cirrii Jaarraan qabamu godhe. Mana hidhaa Gobbaattis darban. Waggaa shaniif mana hidhaa Gobbaa keessaas turan.
Dhuma waggaa shanii booda qaamni mootummaa H/sillaasee Cirrii Jaarraa lubbuu baay’ee balleessitee jirtaan, umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedhame. Innis dheebuu qabsoo ilmaan Oromoof qabu waan itti urgooftef mana hidhaa keessa taa’urra gumaa kaffalee ba’uu wayyaan kaffalee ba’e.

Madda Walaabutti deebi’ee galuunis maatii isaa fi ijoollen isaa maal irra akka jiran erga hubatee booda Aliyyii Cirrii, Awwaluu Cirrii, A/ramaan Cirrii, Usmaan Cirrii, Isaaq Cirrii fi Harbisee Cirriin waraana akka baran taasise.

Baaletti yeroo Aliyyii Cirriifaanti ijoollee turan qabsoo kan jalqabe Mahaammad Gadaa Qaalluuti. Qawwee Xaaliyaanirraa bara 1938 argateeni lolichas kan jalqabe.Sirna Hyilasillaasee sanarra gabrummaan filatamuu baatus Xaaliyaanii wayyaayyu Oromoof jedhu Haji Adam Tiinnaa seenaa Koloneel Aliyyii fi hacuuccaa bara sanaa yoo himan.

Aliyyii Cirriifaanti lola Mahaammad Gadaa Qaallurraa baratan. Sirni nafxanyaa Mahaammad Gaadaa Qaalluurratti karaa 3n duula irratti bane. Isaanis karaa Gadab, Raammii W/mikaa’eel, Muloo Daadhii, Saannata, Hangeetuu, Manniisaan lola guddaatu ta’e. Wraana kanarratti gootonni Oromoo 3n; Huseenonni loltoota nafxanyaa 56 ajjeesuun wareegamaniiru.
Waraannii Mahaammad Gadaa Qaalluu laafee hiikkachuu jalqabe. Innis Raayituu Galdii seenan. Booddees qabamee mootummaa Hayilasillaaseef dabarfamee laatame. Mana hidhaa Gobbaattis summii nyaachifamee ajjeefame.
Boodas Aliyyi Abdullaahiifaa waliin Aliyyi Cirriifaan falmaa turan. Diinni maqaa isaanii dhageenyan ofirratti fincaa’aa ture.

Waaqoo Guutuu namoota 40 fudhatee Somaaliyaa dhaquun qawwee 40 argatee deebi’ee. Aliyyii Cirriinis yona Waaqoofaatti dabalame. Waaqonis Aliyyiin bosana seenee diinan loluun cimaa akka ture waan beekuf yoo isa argatu guddaa gammade.Maddattis walga’anii walii kakatan.
Bara 1956 Madda Walaaburraa nafxanyaa ari’uun to’annoo ofii jala oolchan. Maddatti yoo walga’anis hoogganaa filatan.
Waaqon jeneraalummaan hoogganaa olaanaa, Aliyyiin koloneelummaan itti aanummaan akka tajaajilu filatame. Koloneel Dubroo Waaqoo, koloneel Adam Jiloo Waaqoos hoggantummaa argataniiru.

Waggoota 7 mootummaa Hayilasillaasee waliin ega lolaa turaniin booda jidduutti waggoota 4 Dargiin gara aangoo yoo dhufu boqatanii lolli akka haaraa cimee itti fufe.
Jaagamaa Keelloo mootummaa Haylasillaaseen muudamee gara Baalee yoo deemu ummata sossobee ofitti akka qabachuu yaalaa ture. “Gootonni Baalee harka akka kennatan kan nu taasise Jaagamaa Keeloo ture.” jedha Aliyyi Cirriin seenaasaa yoo himatu.

Loltoota Baalee lafatu isaan gargaara. Sanaaf yeroo heduu injifannoo gonfatu.Sulula Gannaalee, sulula Weelmal, bosona Harannaa Bulluq keessatti injifannoowwan jajjaboos galmeessisaa turaniiru.
Baale Waaqoo Luugoo, Soomoo Kormaa, Ibraahiim Qaalluu, Suufii, Kadir, Usmaan, Awwaluu Cirrii fi gootota jajjaboo horateera.

Aliyyii Cirrii Somaaliyaatti baqatee bara mootummaa ADWUI biyyatti deebi’ee jiraachuu jalqabe. Umrii ofiis guutuusaa qabsootti fixee maanguddummaan sireerratti deebi’an.
Aliyyii Cirriin qabsootti fuudhee, maatii bosonuma keessa deemaa horate. Aantummaa ummataa kanas yoo Koloneel Adam Jiloo ajajaa waraanaa fi hayyuun Oromoo Somaaliyaatti maqaa Oromoon waggaa 11f hidhamanii turan biyyatti yoo deebi’an, “Nama ijoollee fi niitirraa du’e osoo hin taane, nama biyyarraa du’e natti himaa; silaa waggaa 11n hidhamee ala turee deebi’ee.” jedhan jedhama. Biyyaaf du’uun Baaletti akkanaan barsiifamaa ture.

Waajjirri Dhimmoota Koomuniikeeshinii aanaa Madda Walaabuu (2008) waa’ee Koloneel Aliyyii raga yoo ba’u, Koloneel Aliyyii Cirrii jeneraala waraanaa diina isaanitiin maalif isaaninakka lolan yoo itti himan; “Nuti kan isiniin lolluuf isin diina keenya waan taataniifi. Yoo isin injifannes yoo duune seenaa arganna. Isin injifannaanis lafa keenya; lafa ummata Oromoo isa bareedaa kana isa uummanni duraanii lafa isaatti boonee loon isaa irratti bobbaafachaa ture, seera isaa irratti tumataa aadaa fi afaan isaa itti guddifataa ture kana arganna” jedhee deebiseef.

Koloneel Aliyyii Cirrii Jeneraal Walda Sillaasee Barakat, Jeneraal Kabbadaa Yaa’iqoob, Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyeefaan ummata Oromoo irratti hacuuccaa gaggeessaa turan nuffuun, “Yoo nu dhiisuu baattan qabsoon keenya ittuma fufa!” jechuun kutannoon nama dubbataa ture.
Keessattuu Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyee Amaara ta’ee, Dalloo bulchaa turuun ilmaan Oromoo irratti hacuuccaa daangaa hin qabne geessisaa ture. Kana malees, Fitawuraarii Galchuu Toogee ammoo gosa Oromoo ta’ee Madda Walaabuu bulchaa ture. Fitwuraariin kun mootummaa Hayila Sillaasee biratti fudhatama argachuuf jecha ummata Oromoo lammii isaa fixaa ture.

Gama biraatiin lammiin Oromoo dhalootaan Angeetuu; ajajaa kudhanii kan ture Bulloo Gammadaan immoo gidduu deemtuu ykn haala mijeessaa nafxanyaa ta’uun tajaajilaa ture. Kunis dubbiin Oromummaa amma galuufitti ture.
Kana jechuun waraanni koloneel Aliyyiin hoogganamu iddoo inni qubatuu fi bulu waan beekuuf odeeffannoo nafxanyaa mootummaa Hayila Sillaaseef dhiyyeessaa ture. Haaluma kanaan otuma nafxanyaa waliin ummata Oromoo waraanaa jiruu loltoota Oromoo Madda Walaabuun booji’amuun waraana Shaalaqaa Awwaluu Cirriin hoogganamu jala gale.
Yeroo kanatti ajajaan kudhanii Bulloo Gammadaan kaayyoo ummata Oromoo fi kallaatti deemsa isaanii erga hubateen booda garee waraana ummata Oromoo waliin ta’uun Oromummaa isaa amanee ummata Oromoo waliin gara waraana nafxanyaatti seenuun Godina Gujii bakka ‘Gurraa’ jedhamutti harka nafxanyaan du’e.

Yeroo sanatti waraanni kun humnaan ol waan cimeef ummanni Oromoos ta’e nafxanyaan osoo wal baqatanii galaana bishaan Gannaaleen lubbuu isaanii dhabaniiru. Haaluma kanaan gareen waraana koloneel Aliyyii Cirrii magaalli Oborsoo fi Bidiree akka nafxanyaa yeroo saniif hin taane guban.Akkasumas Riqicha laga Gannaalee gubuuf ka’anii yoo hafe nu fayyaduu danda’a jedhanii gubuu dhiisan.Yeroo kanatti bakka Maddaatti waraanni akka hin gaggeeffamne dhaamsi isaanii bineensi illee ykn Allaattiin illee bakka kanatti akka hin ajjeefamneef beelladoota manaa keessaa immoo Gaala akka hin qallee dhaamsa walii dabarsanii waraana isaanii itti fufan.
Koloneel Aliyyiin mootummaa Hayila Sillaasee gaaffii ciccimoo gaafatee ture. Finfinnee deemuun, “Erga ummata keenya injifattee akka durii gadi nu hin qabin; jiruu keenya ol qabi, Dalloo Mannaatti erga biyya Somaaliyaatii nu waamtee kunoo dhufne gaaffii keenya duraa akka deebinee si hin gaafanne waan dura balleessite lammata akka nutti hin deebisne.” jedheen.
Haaluma wal fakkaatun bara mootummaa Dargii, mootummaa Hayila Sillaasee caalaa cunqursaa guddaan ummata Oromoorra gahaa ture. Bara muutummaa Dargii kana keessatti waraanni meeshaalee waraanaa ammayyaa waan qabuuf ilmaan Oromoo hedduu irratti ajjeechaa raawwachaa tureera.

Koloneel Aliyyiin sirnicha kana cal jedhee hin ilaalle ture. Akkuma mootummaa Hayila Sillaasee irratti qabsaa’een mootummaa dargii jalas dhaabbachuun hacuuccaa cunqursaa ummata oromoo irratti gahaa ture ofirraa qolachuuf hoomaa waraanaa isaa qabatee dargiin lolaa turuun isaa ni beekama.

Koloneel Aliyyiin uummanni Oromoo tokkummaa kan qabaatuf ilaalcha biyyoolessummaa qabu ture.
Koloneel Aliyyiin mirgi ummatichaa qawwee qofaan mirkanaa’uu danda’a amantii jedhu qabaachuun, waraana Dargii jala dhaabbachuun erga waraanaa turee, mootummaan Dargii waraanni isaa humnaan ol cimachaa adeemuun, koloneel gara mootummaa Somaaleetti baqachuun waggaa 11 achi ture.

Koloneel Aliyyiin fedhiin isaa inni guddaan ummata Oromoo gabrummaa keessaa baasuu ture. Erga sirnoota mootummaa Hayila Sillaasee fi Dargii keessa umurii isaanii guutuu qabsaa’anii booda ummata barnootaaf kakaasuun namni hunduu akka baratu gochuun hojii bu’a qabeessa hojjataa ture.
Seenaa namoota jajjaboo kaanii kitaabicharraa akka dubbistan isin affeerera.

Seenaa Koloneel Aliyyii Cirrii‬

Finfinnee, Sadaasa 2,2010(FBC) -Koloneel Aliyyii Cirriin godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti; abbaa isaa obbo Cirrii Jaarraa fi haadha isaa aadde Badheessoo Miinaa irraa bara 1912 dhalate.

Koloneel Aliyyii Cirriin qabsaa’ota Fincila Baalee keessatti hirmaatan keessaa isa tokko. Gabrummaa ummatarra ga’aa tureen aaruun ijoollummaa isaatti; umriisaa 12ffaan qabsaa’uf bosonaa seene.

Qabsoorra osoo jiru, Jeneraal Waaqoo Guutuun qabsoo jalqabuu yeroo baru, waliin qabsaawuu jalqaban. Koloneel Aliyyiin sana duras ummata biratti qabsoon beekkamaa waan tureef, Jeneraal Waaqoo hedduu gammachiise.

Sirna Hayilasillaasee keessa bara 1957 Waxabajjii keessa Oborso aanaa Madda Walaabuutti nafxanyaa muddees waraanera. Qabsoo Oromoo Baalee finiinsuunis nama maqaa adda durummaa qabu.

Koloneel Aliyyii Cirriin hiriyoota fi qabsaa’ota akka isaa Haji Goobanaa Yuuboo, Saamoo Kormee, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Adam Jiloo, Koloneel Dubroo Waaqoo, Koloneel Huseen Bunee, Koloneel Kadir Waaqoo Shaaqeefaa waliin diinan lolaa turan.

Aanaa Dalloo Mannaa fi Madda Walaabuu kan waldaangessu Malkaa Amaanaarratti guyyoota 7f nafxanyaan saamichaa fi weeraraaf bobba’e akka hin dabarre dhoorkera.

Camarrii, Horri Korree, tulluun Araaraa, tulluun Habbisuu (lafti dhaloota warra isaa) nafxanyaa muddaa ofii injifannoon keessa burraaqaa turani.

Koloneel Aliyyi Cirriin amma aanaa Madda Walaabuu magaalaa Bidiree keessa jiraata.

Aliyyi Cirriin; Jaarraa Habbisuu Jiloo Galma Odaa Guljuu Bariisoo Huqqaa jechuun abbootii isaa lakkaa’a. Lakkoofsichis gosa isaa Karrayuun isa geessa.

Koloneel Aliyyii Gubbaa, Dalloo, Angeetuu, Bidiree, Oborsofaatti goota diina irriiba halkanii dhoorkee guyyaa abjoochise ture. Magaalaa Oborsootti waraanni Aliyyii Cirrii waraana nafxannaa barbadeessera. Aliyyiin nama cunqursaa danda’ee baatu hin turre.

Aliyyi, magaala, jajjaba, dhaabbata qajeelaa qabu.

Koloneel Aliyyii haadha warraa afur irraa ijoollee 25 horateera.
Hacaaluu Hundeessaas sirba isaa keessatti; Aliyyii Cirriitu beeka … karaa dhoombiriin dhukaate…. jechuun Aliyyiin dhukaasa dhoombiriin gita akka hin qabne dhugaa ba’eefira.
Aliyyi goota qawwee dhoombiriin xiyyaara samii buusus ture.

Ayyaana Iid Al faxir 1437ffaa, bara 2008 sababeeffachuun OBS Aliyyii Cirrii waliin turmaata taasiseet ture. Koloneel Aliyyiin “Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaa fi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre.” Jedha seenaa isaa yoo himatu.

Koloneel ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaa fi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa turan obbooloota isaa A/Raamaan Cirrii, Awwaluu Cirrii,Usmaan Cirrii,Isaaq Cirrii,Harbisee Cirrii waliin ture.

Abbaan isaanii loltuu cimaa loltoota sirna nafxanyaa waliin yeroo dheeraa wal waraanaa turuun haaloo ilmaan Oromoo lubbuun isaanii darbe gumaa deebisaa turani. Mootummaa Hayilasillaasee hidhannoon Oromoorraa qolachaa turan.

Qabsoo isaanitiin mootummaan H/sillaasee uummata Oromoo irratti cunqursaa gaggeessaa ture keessaa garee waraana shaambaal Baqqalaan hoogganamu waliin bakka Sannaatee jedhamutti wal waraanuun shaambaal Baqqalaa ajjeesun loltoota isaa hedduus barbadeessuun injifannoo argataniru.

Mootummaan H/Sillaasee loltootni isaa dhumachuu dhaga’ee hoomaa waraanaa baay’ee erguun akka obbo Cirrii Jaarraan qabamu godhe. Mana hidhaa Gobbaattis darban. Waggaa shaniif mana hidhaa Gobbaa keessaas turan.

Dhuma waggaa shanii booda qaamni mootummaa H/sillaasee Cirrii Jaarraa lubbuu baay’ee balleessitee jirtaan, umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedhame. Innis dheebuu qabsoo ilmaan Oromoof qabu waan itti urgooftef mana hidhaa keessa taa’urra gumaa kaffalee ba’uu wayyaan kaffalee ba’e.

Madda Walaabutti deebi’ee galuunis maatii isaa fi ijoollen isaa maal irra akka jiran erga hubatee booda Aliyyii Cirrii, Awwaluu Cirrii, A/ramaan Cirrii, Usmaan Cirrii, Isaaq Cirrii fi Harbisee Cirriin waraana akka baran taasise.

Baaletti yeroo Aliyyii Cirriifaanti ijoollee turan qabsoo kan jalqabe Mahaammad Gadaa Qaalluuti. Qawwee Xaaliyaanirraa bara 1938 argateeni lolichas kan jalqabe.Sirna Hyilasillaasee sanarra gabrummaan filatamuu baatus Xaaliyaanii wayyaayyu Oromoof jedhu Haji Adam Tiinnaa seenaa Koloneel Aliyyii fi hacuuccaa bara sanaa yoo himan.

Aliyyii Cirriifaanti lola Mahaammad Gadaa Qaallurraa baratan. Sirni nafxanyaa Mahaammad Gaadaa Qaalluurratti karaa 3n duula irratti bane. Isaanis karaa Gadab, Raammii W/mikaa’eel, Muloo Daadhii, Saannata, Hangeetuu, Manniisaan lola guddaatu ta’e. Wraana kanarratti gootonni Oromoo 3n; Huseenonni loltoota nafxanyaa 56 ajjeesuun wareegamaniiru.

Waraannii Mahaammad Gadaa Qaalluu laafee hiikkachuu jalqabe. Innis Raayituu Galdii seenan. Booddees qabamee mootummaa Hayilasillaaseef dabarfamee laatame. Mana hidhaa Gobbaattis summii nyaachifamee ajjeefame.

Boodas Aliyyi Abdullaahiifaa waliin Aliyyi Cirriifaan falmaa turan. Diinni maqaa isaanii dhageenyan ofirratti fincaa’aa ture.

Waaqoo Guutuu namoota 40 fudhatee Somaaliyaa dhaquun qawwee 40 argatee deebi’ee. Aliyyii Cirriinis yona Waaqoofaatti dabalame. Waaqonis Aliyyiin bosana seenee diinan loluun cimaa akka ture waan beekuf yoo isa argatu guddaa gammade.Maddattis walga’anii walii kakatan.

Bara 1956 Madda Walaaburraa nafxanyaa ari’uun to’annoo ofii jala oolchan. Maddatti yoo walga’anis hoogganaa filatan.

Waaqon jeneraalummaan hoogganaa olaanaa, Aliyyiin koloneelummaan itti aanummaan akka tajaajilu filatame. Koloneel Dubroo Waaqoo, koloneel Adam Jiloo Waaqoos hoggantummaa argataniiru.

Waggoota 7 mootummaa Hayilasillaasee waliin ega lolaa turaniin booda jidduutti waggoota 4 Dargiin gara aangoo yoo dhufu boqatanii lolli akka haaraa cimee itti fufe.

Jaagamaa Keelloo mootummaa Haylasillaaseen muudamee gara Baalee yoo deemu ummata sossobee ofitti akka qabachuu yaalaa ture. “Gootonni Baalee harka akka kennatan kan nu taasise Jaagamaa Keeloo ture.” jedha Aliyyi Cirriin seenaasaa yoo himatu.

Loltoota Baalee lafatu isaan gargaara. Sanaaf yeroo heduu injifannoo gonfatu.Sulula Gannaalee, sulula Weelmal, bosona Harannaa Bulluq keessatti injifannoowwan jajjaboos galmeessisaa turaniiru.

Baale Waaqoo Luugoo, Soomoo Kormaa, Ibraahiim Qaalluu, Suufii, Kadir, Usmaan, Awwaluu Cirrii fi gootota jajjaboo horateera.

Aliyyii Cirrii Somaaliyaatti baqatee bara mootummaa ADWUI biyyatti deebi’ee jiraachuu jalqabe. Umrii ofiis guutuusaa qabsootti fixee maanguddummaan sireerratti deebi’an.

Aliyyii Cirriin qabsootti fuudhee, maatii bosonuma keessa deemaa horate. Aantummaa ummataa kanas yoo Koloneel Adam Jiloo ajajaa waraanaa fi hayyuun Oromoo Somaaliyaatti maqaa Oromoon waggaa 11f hidhamanii turan biyyatti yoo deebi’an, “Nama ijoollee fi niitirraa du’e osoo hin taane, nama biyyarraa du’e natti himaa; silaa waggaa 11n hidhamee ala turee deebi’ee.” jedhan jedhama. Biyyaaf du’uun Baaletti akkanaan barsiifamaa ture.

Waajjirri Dhimmoota Koomuniikeeshinii aanaa Madda Walaabuu (2008) waa’ee Koloneel Aliyyii raga yoo ba’u, Koloneel Aliyyii Cirrii jeneraala waraanaa diina isaanitiin maalif isaaninakka lolan yoo itti himan; “Nuti kan isiniin lolluuf isin diina keenya waan taataniifi. Yoo isin injifannes yoo duune seenaa arganna. Isin injifannaanis lafa keenya; lafa ummata Oromoo isa bareedaa kana isa uummanni duraanii lafa isaatti boonee loon isaa irratti bobbaafachaa ture, seera isaa irratti tumataa aadaa fi afaan isaa itti guddifataa ture kana arganna” jedhee deebiseef.

Koloneel Aliyyii Cirrii Jeneraal Walda Sillaasee Barakat, Jeneraal Kabbadaa Yaa’iqoob, Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyeefaan ummata Oromoo irratti hacuuccaa gaggeessaa turan nuffuun, “Yoo nu dhiisuu baattan qabsoon keenya ittuma fufa!” jechuun kutannoon nama dubbataa ture.

Keessattuu Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyee Amaara ta’ee, Dalloo bulchaa turuun ilmaan Oromoo irratti hacuuccaa daangaa hin qabne geessisaa ture. Kana malees, Fitawuraarii Galchuu Toogee ammoo gosa Oromoo ta’ee Madda Walaabuu bulchaa ture. Fitwuraariin kun mootummaa Hayila Sillaasee biratti fudhatama argachuuf jecha ummata Oromoo lammii isaa fixaa ture.

Gama biraatiin lammiin Oromoo dhalootaan Angeetuu; ajajaa kudhanii kan ture Bulloo Gammadaan immoo gidduu deemtuu ykn haala mijeessaa nafxanyaa ta’uun tajaajilaa ture. Kunis dubbiin Oromummaa amma galuufitti ture.

Kana jechuun waraanni koloneel Aliyyiin hoogganamu iddoo inni qubatuu fi bulu waan beekuuf odeeffannoo nafxanyaa mootummaa Hayila Sillaaseef dhiyyeessaa ture. Haaluma kanaan otuma nafxanyaa waliin ummata Oromoo waraanaa jiruu loltoota Oromoo Madda Walaabuun booji’amuun waraana Shaalaqaa Awwaluu Cirriin hoogganamu jala gale.

Yeroo kanatti ajajaan kudhanii Bulloo Gammadaan kaayyoo ummata Oromoo fi kallaatti deemsa isaanii erga hubateen booda garee waraana ummata Oromoo waliin ta’uun Oromummaa isaa amanee ummata Oromoo waliin gara waraana nafxanyaatti seenuun Godina Gujii bakka ‘Gurraa’ jedhamutti harka nafxanyaan du’e.

Yeroo sanatti waraanni kun humnaan ol waan cimeef ummanni Oromoos ta’e nafxanyaan osoo wal baqatanii galaana bishaan Gannaaleen lubbuu isaanii dhabaniiru. Haaluma kanaan gareen waraana koloneel Aliyyii Cirrii magaalli Oborsoo fi Bidiree akka nafxanyaa yeroo saniif hin taane guban.Akkasumas Riqicha laga Gannaalee gubuuf ka’anii yoo hafe nu fayyaduu danda’a jedhanii gubuu dhiisan.Yeroo kanatti bakka Maddaatti waraanni akka hin gaggeeffamne dhaamsi isaanii bineensi illee ykn Allaattiin illee bakka kanatti akka hin ajjeefamneef beelladoota manaa keessaa immoo Gaala akka hin qallee dhaamsa walii dabarsanii waraana isaanii itti fufan.

Koloneel Aliyyiin mootummaa Hayila Sillaasee gaaffii ciccimoo gaafatee ture. Finfinnee deemuun, “Erga ummata keenya injifattee akka durii gadi nu hin qabin; jiruu keenya ol qabi, Dalloo Mannaatti erga biyya Somaaliyaatii nu waamtee kunoo dhufne gaaffii keenya duraa akka deebinee si hin gaafanne waan dura balleessite lammata akka nutti hin deebisne.” jedheen.

Haaluma wal fakkaatun bara mootummaa Dargii, mootummaa Hayila Sillaasee caalaa cunqursaa guddaan ummata Oromoorra gahaa ture. Bara muutummaa Dargii kana keessatti waraanni meeshaalee waraanaa ammayyaa waan qabuuf ilmaan Oromoo hedduu irratti ajjeechaa raawwachaa tureera.

Koloneel Aliyyiin sirnicha kana cal jedhee hin ilaalle ture. Akkuma mootummaa Hayila Sillaasee irratti qabsaa’een mootummaa dargii jalas dhaabbachuun hacuuccaa cunqursaa ummata oromoo irratti gahaa ture ofirraa qolachuuf hoomaa waraanaa isaa qabatee dargiin lolaa turuun isaa ni beekama.
Koloneel Aliyyiin uummanni Oromoo tokkummaa kan qabaatuf ilaalcha biyyoolessummaa qabu ture.

Koloneel Aliyyiin mirgi ummatichaa qawwee qofaan mirkanaa’uu danda’a amantii jedhu qabaachuun, waraana Dargii jala dhaabbachuun erga waraanaa turee, mootummaan Dargii waraanni isaa humnaan ol cimachaa adeemuun, koloneel gara mootummaa Somaaleetti baqachuun waggaa 11 achi ture.

Koloneel Aliyyiin fedhiin isaa inni guddaan ummata Oromoo gabrummaa keessaa baasuu ture. Erga sirnoota mootummaa Hayila Sillaasee fi Dargii keessa umurii isaanii guutuu qabsaa’anii booda ummata barnootaaf kakaasuun namni hunduu akka baratu gochuun hojii bu’a qabeessa hojjataa ture.

—————————————–

Advertisements

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: