Shira habashaan Afaan Oromoo irratti xaxamaa jiru hayyootni Oromummaa qaban mormaniiru August 20, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.trackback
#Oolmaa Har’aa: on the Roadmap and Afaan Oromoo issue
“Shira habashaan xaxamaa jiru, hayyootni Oromummaa qaban mormaniiru. Shirri ‘education road map’ haaraatiin xaxamee, “Afaan dhalootaan barachuun hanga kutaa 6tti ga’aadha, Afaan Amaaraa immoo kutaa 1 eegalee kennamuu qaba” jedhu, sabboontota Oromoo, pirezedaantota yuunivarsiitiitiin mormii guddaan irratti ka’eera. Gaaffileen ka’aa turanis:
1. Dhuguma Afaan dhalootaan barachuun qulqullina barnootaa miidheeraa?
2. Qorataan tokko akkamittiin mirga heeraan naannoleef kenname diiguu danda’a?
3. Afaan Oromoo ol guddataa deema jennee utuu abdannuu, isin akkamittiin hanga 6 qofaatti murteessitu?
4. Abbaan dhimmaa Afaanii, warra afaan Sana dubbatu ta’ee utuu jiruu, akkamittiin qaamni afaanicha hin beekiin murtee dabarsuu danda’a?
5. Qorannoon kun haaromsaan dura waan eegaleef, akkamittiin amanamuu danda’a?
6. Compositioniin qorattootaa sirriidha?
7. Dookumentii kana erga waggaa 3 dura eegaltanii maaliif hanga ammaa dhoksitan? fi gaaffilee kanneen biroo gaafataa oolaniiru. Pirezedaantota yuunivarsiitilee Oromiyaa keessaa dhufanii dhimma Oromoo miidhu balaaleffataniifi kan habashota gammachiisuuf dubbatan adda baasuun saaxilaa deemuunis dirqama. Kanaaf, gantoota akka Dr Saamu’eel Kiflee(kan ministeera barnootaa keessaa hojjetu), Silashii Geetahuun(kan dhiyeenya koree giddugaleessaa DHDUO keessaa ari’ame) fi Dr Jeyluun Umar(itti aanaa pirezedaantii yuunivarsiitii Finfinnee), namoota akka qorannoon kun guutummaatti hojiirra ooluuf hirmaattota walga’ii har’aa sossobaa oolanidha. Kanaaf, dhimma Oromoo keessa galanii murteessaa waan jiraniif akka irraa of qusatan jenna. Dr Abiyi immoo rakkoon qulqullina barnootaa jiraachuu malee Shira habashoonni xaxuuf deeman kana Waan hubate hin fakkaatu. BBO immoo dhimma qorannoo kana quba akka hin qabne odeeffanneerra. Walumaagalatti, hayyuun Oromoo, qorannoo Oromoo miidhu xiinxalee yoo hin mormine, Oromoof hayyuu ta’uu hin danda’u.
Galatoomaa.
FB irratti share taasisuun Oromoo nuuf dhageessisi maaloo.”
Hayyoota dhaloota qube jirra!! nan sobe!! ammalee nin jirra!! galanni isaanif hata’u warraa wareegamanif wanjoo garbummaa bachuu dadhabanii lubbuu isaani itti gabbaranif… nin dadhabee immimman….
Imaammata Barnootaa waliin walqabatee Oromoof kan fayyadu Afaan ofii dagaagfachuu fi isaan cinatti ijoollee ofii afaan Ingilizii barsiisuu dha. Mallasaa Dirribsaa akka nama dhuunfaa tokkootti akka kanatti yaada.
1ffaa. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuu dha. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taanaan waanti daa’imman Oromoo Afaan Amaaraa akka barataniif dhiphifaman hin jiru. Sadarkaa federaalaatti yoo afaan Oromoo fayyadamuun danda’ame, naannoo Oromiyaa biyya Itoophiyaa keessatti geopolitically bal’aa fi bakka murteessaa ta’e keessa hanga Oromoo harka guddaan jiraatutti, naannoo Oromiyaan alas bakka Oromoon heddumminaan jiraatutti afaan Oromoo afaan bal’inaan dubbatamu hanga ta’etti wanti daa’imman afaan Amaaraa barsiisuun dhiphisaniif hin jiru. Wanti resource heddu kanaaf baasaniif natti hin mul’atu. Kanaafuu Afaan Amaaraa barsiisuu caalaa Afaan Oromoo saffisaan Afaan federaalaa gochuu irratti xiyyeeffadhaa. Mentality dogoggoraa hunda caalaa afaan Amaaraa very crucial jedhamee jiru amma qabannee deemnetti afaan Oromoo otuma afaan hojii mootummaa federaalaa ta’eeyyuu qabatamaatti active akka hin taane godha. Jalqaba ilaalcha dogoggoraa kana keessaa bahuu gaafata.
2ffaa Amma addunyaan ganda tokko taatee jirti. Kana keessattis afaanota ijoo addunyaa keessattuu afaan Ingilizii beekuun Oromoof dhimma murteessaa dha. Biyya keessatti bakka Afaan Amaaraa Afaan Oromoo buusuun ni danda’ama. Sadarkaa addunyaatti ammaaf afaan Ingilizii afaan Oromoo sadarkaa bakka buusuun danda’amu irra hin jirru. Kanaaf afaan Ingilizii beekuun dirqama ta’a. Kanaaf immoo Ijoolleen Oromoo afaan Oromootti aansee kan sirriitti beekuu qaban afaan ingiliziiti. Kana milkeessuuf waanti godhamuu qabu afaan Oromoo gara kutaa 6tti gadi deebisuu miti. Afaan Oromo daran olguddisaa afaan ingiliziis akkamitti cinaadhaan ijoollee keenya barsiifna jedhanii qorachuu dha falli isaa. Fakkeenyaaf yeroo fi resource afaan Amaaraa barsiisuuf bahu gara afaan ingiliziitti deebisuu dha. Ijoollee grammar qofaa barsiisuu irratti xiyyeeffachuu keessaa bahuu dha. Kutaa 1ffaa irraa jalqabee spoken English akka subject tokkotti barsiisaa subject English language kan biraa dabalataa yoo xiqqaate subject 2 dandeettii afaan Ingilizii dubbachuu, dhagahuu, barreessuu fi dubbisuu cimsan ilmaan Oromoo akka baratan gochuu feesisa. Kun kan gargaaru 1. Ijoolleen afaan heddu(kan Amaaraa fi Ingilizii) baruuf yeruma tokko dhiphatuu dhiiftee tokkotti(Ingiliziitti) xiyyeeffattee isa sirriitti akka bartuu fi fluent taatu gargaara. Lamaan isaa erga tokko barsiiisuuf yaaluun lamaanuu sirriitti akka hin barre carraan gochuu isaas guddaa dha. 2. Afaan ingiliziif xiyyeeffannaa guddaa kennuun subject Afaan ingilizii garaagaraa spoken, grammar gargar baasanii kutaa 1ffaa irraa jalqabanii subject addaa addaan akka baratan gochuuf gargaara. Kan sanaan achii gosoonni barnootaa kanneen akka fiiziksii, ji’oogiraafii, herrega, seenaa fi kkf hanga kutaa 8tti afaanuma Oromoon itti fufuu qaban. Mallasaa Dirribsaa muuxannoo qabu irraa ka’ee kana recommend godha.