Advertisements
jump to navigation

Xinxala gabaabaa haala yeroo June 16, 2019

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
trackback

Xiinxala gabaabaa haala yeroo

Yaya Beshir irraa


Oromoon of kabajsiisuuf ammas karaan qabsoo fagoo akka tahe dhihoo kana katabeen ture. Dubbii kana maaliif akkan jedhe keessa deebi’een gad jabeessuuf dirqama. 
Humni Amaaraa aangootti deebi’uuf karaa gurguddaa lamaan 
didichaa jira. Mooraan siyaasaa Amaaraa kun waan irratti sirriitti walii galan qabu. Oromoota maqaa ODPtiin aangoo federaalaa irra jiran yoo danda’an dhiibbaa irratti godhanii Oromoo gansiisuudhaaf hojjechaa jiru. Dr. Abiyyi faa aangoo jabeeffachuu yoo barbaadan Oromoo gananii jara waliin dhaabbachuu malee akka fala hin qabne itti himaa jiru. ”Maqaa Oromoo dhahachaa Itoophiyaa bulchuuf mirga hin qabdu” hanga jechuus gahaniiru. Warri ifa baafatee Amaarummaan deemus (ABN) “yoo Amaara tahe malee sabni biraa biyya kanatti abbaa tahuu hin danda’u” jechaa jiru, saalfii tokko malee.

Hogganoonni maqaa Oromoo dhahatanii masaraa jiran yoo dhiibbaa kana sodaachuu didanii saba keessaa dhalataniif dhimman ammoo hookkara irratti kaasanii dhiibanii aangoo irraa buusuun ofii bakka bu’uuf haala mijeeffachaa jiru. Wanni Dawit Walda Goorgis dhihoo kana DCitti dubbate iccitii jarri dhoksaan itti jiran ifa nuu baasa. Abiyyi irratti hookkara kaasanii mootummaa federaalizimii sabummaa kana diiguun mootummaa cehumsaa ittiin aangotti of deebisan dhaabuu dha kaayyoon. Dhiibbaa kana kana irraa ka’uun Dr. Abiyyi ejjennoo Oromummaan dhaabachuu irratti daddaaqama agarsiisuun waanuma tilmaamamu. Takka as fakkaachaa takka achi fakkaachaa urursaa deemuu akka falaatti kan fudhatee deemaa jiru fakkaata. Kun ammoo hin baasu. Gamattis gamanatti hin milkeessu. Oromoof hin amanamu, jaraafis hin amanamu. Haala kana keessatti osoo hoookkarri dhalatee kophaatti isa hambisa. Oromoon kooti jedhee akka sagalee guutuun isa hin abdannee fi isa hin ittifne qalbii guutuudhaan Oromoof hin amaamne. Jara gammachiisuuf jedhee dantaa Oromoo irratti laaffachuu isaaf Oromoo keessatti shakkiin laalama. Kun ammoo kufaatii cehumsichaaf karaa mijeessa.

Rakkoo kana hunda wanni fide tuffii Habashoonni ammas Oromoof qabduu dha. Humni karaa lamaan olitti eerreen deemaa jiru lachuu ergaan isaa ifaa dha. Abadan Oromoo waliin wal qixxaannee hin bullu, olaantummaan keenya deebi’uu qabaa dha. Humna Oromoon ittiin Wayyaanee buqqise sanis waan dagatan fakkaata. Akka dagatan kan godhe ammoo tokkummaan keenya akka bara Wayyaanee sanatti jabaa tahuu hanqachuu dha. Ummanni kun ofiif baay’ate malee laalcha dhaabota siyaasaa adda addaa jalatti qoqqoodamee kan wal gaarreffatu waan taheef yoo jabaanne mogolee isaa cabsinee bakkatti deebi’uu dandeenya jedhanii wal amansiisanii jiru. Xiqqoo wanti yaaddoo itti tahaa jiru hariiroo Oromoo fi saboota ollaa gara gadii, bahaa fi dhihaa gidduutti cimfamaa jiru kana. Kanas diiganii madaala humnaa gama ofii deebisuuf duula bal’aaf qophaahaa jiru.

Kanaafan Oromoon ammallee likkii isaa diina isa tuffattutti agarsiisuuf qabsoo cimaatu isa eega jedha. Oromoon humna siiviilii kan akka gaafa Wayyaanee sana ammas irra deebi’ee agarsiisuuf waan hundaaf fala taha: 
1. Warra Oromoo keessaa dhalatee aangoo irra jiru kan takka gama takka gamana fakkaachuun dantaa Oromoo salphisaa deemaa jiruuf ergaa dabarsa. Nu ceesifta taanaan Oromoof amanamii nu ceesisi, tahuu baannaan waan si goonu beeyna jechuun cita dubbii itti hima. Jarris humna Oromootti abdatanii akka arraba jabaatanii dantaa Oromoof dursa kennan hamilcha, dirqa. 
2. Humna Oromoo tuffattee gamaa fi gamasiin owwaara kaasuu barbaaddu abdii kutachiisa. Amma biyya kanaaf fala barbaaduun dabareen kan Oromoo akka tahe dirqiidhaan waga’a. Guddina Oromoo amananii fudhachuudhaan abjuu olaantummaa ofii deebisuuf qaban akka of keessatti ajjeesan godha. Itoophiyaan isaan deebisuu barbaadan kana booda gonkumaa akka hin dhufnee fi yoo nagaa barbaadan Oromoo kabajanii, dhagahanii buluu malee fala biraa kan hin qabne tahuu akka amanan taasisa. 
3. Ummanni ollaa akka Sidaamaa, Somaalii, Affaar, Benis Shangul, Gaambeellaa, Tigraay fi ummatoonni gama Kibbaa jiraa hundi Oromootti firoomuu malee karaan biraa akka isaan hin baafne, akka humna Amaaraatiin hin dogoggorfamne karaa iftuu itti garsiisa. 
Oromoon akkasitti madaala humna siyaasaa biyyattii harkatti jabeeffachuu yoo danda’e qofa rakkoo dhufaa jiru mara irra aana.

…………………………………………………………………………………………….

”Olaantummaa Oromootu olaantummaa Tigraayi bakka bu’ee jira” jechuun yaada ilmaan Nafxanyaa Daseetti itti kaasaniif Dr. Abiyy yeroo deebisu, ”Eega an aangootti dhufee booda Oromoon 0.1% yoo waan dabalataa argatee jiraateef sa’aa 24 keessan aangoo gadhiisa” jedhe. Jecha kana keessatti waan baay’een arga. Tokkoffaa, akka gaaffiin Oromoon qabsaayeef inni muudamuudhaan deebii hin argatin ibsa, innis akka sana beeku agarsiisa. Lammaffaa, kan jijjiirama dhufetti waan dabalataa argate Amaara malee Oromoo akka hin tahin amanuu isaa mul’isa. Sadaffaa, jarri gonkumaa galata akka hin qabne hubachuu isaas ni mul’isa. Afraffaa, ‘Oromoof waan addaa godhuuf as hin jiru, yoon sana godhe aangoo gadhiisuudhaanin isiniif adabama’ yaada jedhus qaba (waan kana jara gowwoomsuuf akka jedhetti hubachuun filadha). Kana jechuun ammoo (akka inni kakatetti) hoggansa isaa jalatti gaaffiin Oromoon kaasaa jiru deebii argataan shakkisiisaa taha.

Asirratti wannin hubadhe, Amaarri gama gaafatee gamana hargachaa jiraachuu isaati. Dr. Abiyyi osoo haqa jal’ate eenyuyyuu caalaa argaa jiruu hanga eessaatti jara sossobee akka deemu ifaa miti. Jarri bu’aa Oromoon hin argatin hoggansa Abiyyi irraa argate kun galanni jarri garsiisaa jiran abaarsa Oromootiin ibsamuun akka qabaan Dr. Abiyyi ittiin deemaa jiru kun milkiidhaan fagoo hin deemne mirkaneessa. Kana gidduutti Oromoonis callisa isaa cabsee ”Gahe!” jechuun waanuma eegamu. Dr. Abiyyi yoo abshaala tahe warra maaluu goonaanif galata hin qabne urursuu dhiisee dafee qehee isaa jabeessee of faana hiriirsuu qofatu kufaatii dhufaa jiru jalaa isas biyyas baasa. Sana gochuu dhiisee akkuma deemaa jiru kanatti itti fufnaan gaafa balaan dhufte lamaanuu of cinaadhaa dhabuudhaan xumura fokkataa mudata. Sun akka tahu hin hawwuuf.

Advertisements

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: