Oromia: Iyyi iyya dabarsi: Oromoon Walloo naa dhaqabaa jedhee lammiitt iyyataa jiraa June 20, 2019
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Kamisee, Oromoo Walloo
trackback
Iyyi iyya dabarsi: Oromoon Walloo naa dhaqabaa jedhee lammiitt iyyataa jiraa
Iyyi iyya dabarsi: Oromoon Walloo naa dhaqabaa jedhee lammiitt iyyataa jiraa. Amaarri goleett galchanii federaalaan dahachuun itt roorrisuu eegalanii jiru. Biyya keessan miti nu keessaa maal gootu faa jedhamuutu dhagahama. Seenaa fi seeraan Oromoon kan himatan caalaanu hafee jira. Seenaa hololaaf dur dur uumame irra deddeebi’uun waan isa tokkoo kan biraaf hin ragaasisuu. Oromoon Kaabaa, bara dhufee darbe hunda diina ofirraa qolata yoonaa gahanii. Yeroo isaan weeraran, dachaasanii golee saaniitt galchuun akka itt hin xiixne karoora baasanii bulchaanis turanii. Haaloo sanaati, namichi gargaarsa faranjiin aangoott ol bahe Teedros jedhamu arfan irraa ciruun rifachiisuu kan yaale. Faranjiin ka’iisa saa gargaare kufaatii saafis maqaa haa fudhatu malee, Maqadallaa irratt kan biyyoo nyaachisaniin Oromoo sana turani. Garaa laaffifachuuf faranjii hidhe yoo gad dhiisu, hogganota Oromoo hidhaa saa turan qalee qileett gad darbe. Haaloo bahachuun mootota isa duuba dhufaniinis, Oromoo irraa dhaabbatee hin beeku. Miseensoti EPRDFis sanuma itt fufaa jiru. ODPiin ummata maqaa saaf ijaarameef dhaqabuu mamuun, kakuu ADWUI waliin qabu kan mararfate fakkeesisa. Kun, Oromoo hafan didha kan galchuu dandahu tahuu hin hubanne taha. Dhugaa, nagaa, tukkummaa, walqixxummaa fi jaalallli Dr. Abiy lallabu qilleensa keessatt akka hin hafne ni sodaachisa. Kanaaf shaffisaan itt yaaduu feesisaa. Amaarri hanga daba kanaan dura hogganooti saanii raawwatan amananii, gumaa baasuun, nagaa, walqixxumma, bilisummaa fi obbolummaan Oromoo waliin jiraachuun barbaadna jedhanii waltahiinsa haaraa mallateessanitt araarri bu’uu ni rakkata. Kun tartiiba dudhaa kan waldhaban hordofan hundi beekanii. Gaaffii bu’uuraa hunda dura deebii barbaaduu. Gurguddoon Amaaraa hamma yoonaa aarii Oromoon bilisummaa gaafachuu saani si’anaaf qaban malee, abbootin saanii badii irraan gahaniif gaabbii hin agarsiisne. Dadhabbii fi kufaatii saanii hundaaf Oromummaa saa qofaaf ABO bakka deeman hundatt abaaru. Isaaniif ABOn mallatoo Oromummaa waliigalaati. Goototi saanii kanneen gara laafina malee Oromoott roorrisan, Tediros, Minilik fi Hayila Sillaaseen guyyuu afaanii hin buhani. Oromoo hedduun, awwaalaa baasee lafee saaniillee utuu gubee hin jibbu. Abiy akka ofiitt malee akka jarri barbaadanitt gaggeessuuf fedha waan hin agarsiifneef balaaleffachuu eegalaa jiru. Garuu Taabota meeqaa wareegan, kan hamma saa yeroo si’anaaf hin argatanii. Hayyooti saanii akka Daawwit Walda Gorgis faa mootummaan abbaa gonfoof kan itt haananii dhufan maaliif akka kufan qorachuullee hin dhimmamne. Abiy heera rarraasee Oromoo fi somaalee callisiisu yoo hin dandeenye taahitaa akka gaddhiisu gorsaa jiru. Gorsii Daawit W/Gorgis Amaartichi amma saddeettaman keessa jiru, haaraa mitii; Dargii fi qondaalota Itophiyaa hedduu galaafate Wayyaanee fi Shaabiyyaa injifannoon gahe. Inni ofii miliqee jireenya saa durii irra basha’aa jiraataa. Yaadi isaa yeroo waliin hin deemu. Qarooma utuu hin tahin mura honga’aa. Empayerri Itophiyaa bosose utuu argu, barumsaa fi muuxannoo qabuun saboota fi sabaawoti akkamitt walitt hafuu dandahuu faluu dhiisee empayera bututtuu walitt erbuuf hidhatee as bahe. Dhugaa inni dubate, Itophiyaan finnaa (state) hoongaate tahuu seetii. “Qinyi gizatoch” (Kolonooti) see erga didanii of soneessuu dadhabdee burjaaja’aa jirti. Sabooti isee keessa jiran akka Amaaraa, Tigray, Agawuu fi Qimaanti eenyummaa ofiin of dandahanii dhaabbachuuf tattaafataa jiruu. Itophiyaa dullattiin arraba isaa fi abdattu sirna Nafxanyaa akka isaa irratt qofaa hafaa jirti. Daawitii baddaa Habashaa irra gad yoo ilaalan kan bilisummaaf lolatu karisaa, kan kufaatii empayeraa jala gugatanii lafa saammatan jaalbiyyoota tahanii mullatu. Empayericha keessa karisummaanis “saranyummaanis” hin jiranii; kan mirga ofiif qabsaawanii fi sana ukkaamsuu kan yaalan qofa. Oromoon hardha qabsoo saaniitiin haala “Qinyii” (kolonii) akka itt hin deebi’amnett jijjiiranii jiru. Sana yoo tolchan mirgoota ilmaan namaa fi seera abbaa gadaa irra hin ejjenne. Isaan garuu akka harka badu tuttuqaa jiru. Garuu namoota nagaan jiraatan, keessa sodaa Oromoon isin fixuuf jedhuu facaasuun bakka yartuu dha hanga buqqa’ee baqatuun gahanii jiru. Sanaaf kashalabbee ofii malee Oromoo komachuu hin qabanii. Seenaa darbe dabaluuf, gurguddoon Amaaraa akkuma durii saanii “Nagaariit” (dibbee) dillissuun ni dhagahama. Godina Oromoo bulcha saanii jala jiruu fi olla tokko tokkott roorrisuu eegaluun argamaa jira. Oromoon amma dhiisee duruu mirga ofii tole jedhe gaddhiisee hin beeku. Kan baasu, Itophiyaa dullattii deebisanii kabeebsuu utuu hin tahin, seera fi sirna kanaan dura jallatan hunda sirreessanii, kakuu haaraa irratt walii galuun wal qixxummaa, bilisummaa fi wal kabajan nagaa fi gammachuun jiraachuuf ifaajja’uu dha. “Akka durii fi harka xuriitt hin hafan” jedha Oromoon. Kaleessi dhiitee seenaa tahaa, hardhi jalaan bariitee egeree ifsaa jirtii. Dubbiin Walloo bariisaa jarjarsiti malee dukkanni ni deebi’aa hin yaadamu. Oromoon iyyaati isaan caalaa yoo hin tane isaaniin gadi hin qabu. Inni akka durii Taaboti deemuu didee, qoolloo isinii harca’ee jira, lafa kennaafi jedhan sadarkaa Oromoon si’anaa irra jiru baruu dadhabuun sadarkaa guddina saanii qofa agarsiisa. Daa’immi Oromoollee muka irraa harkaan bocamuu saa beekti. Kanaaf gargar cita hariiroo akka hin taane beekoti Amaaraa itt haa yaadanii. Qabateewan si’ana galmoota magaalaa keessatt, irratt mari’ataman godina keenyaaf utuu hin tahin dureeyyii fi kanneen aangoo qaban qofaaf dhimma baasuu. Sana irraa bu’aa argachuuf rakkinni bu’aaraa nuti qabnu, Gaaffiin Sabummaa furmaata argatee tokkummaan addunyaa waliin dorgomuu jalqabuu dandahuu qabna. Sana maleee fedha xixinnoof utuu wal danqinu korporeeshinoota addunyaan akka hiratamnu abaraamuu dandeenya. Rakkina fedha xixinnoo furru malee waan gurgudaa dandahuun keenyas mamii qaba. Oromiyaan haa jiraattu
Comments»
No comments yet — be the first.