jump to navigation

'Karoora dhokataafi ijaarsa seeraa alaan Finfinneefi Amaara waltuqsiisuuf hojjetamaa jira' January 6, 2020

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
1 comment so far

BBC Afaan Oromo

Milkeessaa Miidhagaa (PhD): ‘Karoora dhokataafi ijaarsa seeraa alaan Finfinneefi Amaara waltuqsiisuuf hojjetamaa jira’

Karoora dhokataadhaan, qubsuma seeran alaafi ijaarsa seeran alaatiin Finfinneefi naannoo Amaaraa waltuqsiisuuf warri hojjetan ni jiru, jedhan Hoogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Itti-fayyadama Lafaa Oromiyaa Milkeessaa Miidhagaa (PhD).

Ijaarsi seeraan alaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti haala yaaddessaa ta’een dabalaa dhufeera.

Magaalli Finfinnees Amajjii jalqabarratti manneen seeran alaa aanaalee magaalichaafi naanawasheetti ijaaraman diiguu akka jalqabu ibsee ture.

Dhimma weerara lafaafi ijaarsa seeran alaa Godina Addaa keessatti mul’achaa jiru ilaalchisuun Hogganaan Bulchiinsaafi Itti-fayyadama lafaa Oromiyaa Dr. Milkeessaa Miidhagaa BBC waliin turtii taasisaniin, Ijaarsi seeran alaa Naannawa Finfinnee amma sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhan.

Wanti Godina Addaa keessatti ta’aa jiru kuni fedhii siyaasaarraa kan maddeefi galma lakkoofsa jiraattotaa jijjiiruu kan kaayyefate ta’uus himu.

“Wanti naannawaa Finfinneetti ta’aa jiru kuni siyaasa lakkoofsa jiraattotaa sabaan akka caalamu gochuuti.

Adeemsa keessammoo ‘lafti kun kan eenyuuti?’ kan jedhurratti gaaffiin ka’ee abbummaa dhabamsiisuu, aadaa, afaan duguuganii balleessuu kan kaayyefate,” jedhu.


Oduu kana waliin walqabatan biroo filadhaa:

Gochi kun galma siyaasaa qabaachuufi eenyummaa Oromoo dhabamsiisanii kan saba biraatiin bakka buusuu akka kaayyefate Biiroon isaanii qorannoo taasiseen mirkaneefachuus himan.

“Godina Addaatti qaamni ijaarsa seeran alaa irratti bobba’e hiyyeessa miti. Dureessota ergama siyaasaa sana galmaan gahuuf hojjetanitu qarshii guddaa ramadee qubachiisaa, ijaarsisaa jira.

Faddaaltonni ciccimoon ergama seenaa kana raawwachuuf halkaniifi guyyaa hojjetanis jiru,” jedhan.

Ijaarsi kuni erga raawwateen booda namoota rakkatoofi daa’imman qaban itti galchanii yeroo mootumman diigu miidiyaaleerrati iyyuuf akka dhimma itti bahanis himan.

Naannoolee kanneenitti manneen amantaa ijaaruunis karoora weerara lafaa kanaaf qabatanii namoonni kunneen hojjetanis jiru jedhan.

Gochi weerara lafaafi ijaarsa seerana alaa kana keessatti caasaan mootummaa naannoo Oromiyaas faayidaadhaan itti masakamee galma dhokataa diinaa kanaaf tumsuun gocha kana dursanii ittisuu akka hin dandeenyeef danqaa akka ta’es himan.

“Lafti Oromoo hammi kuni yeroo saamamu caasaan mootummaa inuma jira. Taa’etuma ilaala. Caasaa keenyatu keessa galee waliin hojjechaa jira. Kanaaf dhaabuus, dhaabsisuus dadhabne,” jedhan.

Oromiyaa keessa magaalli weerara lafaafi ijaarsa seeran alaa irraa bilisa ta’e akka hin jirres himan.

Manni seeraan alaa si’a torba diigamee ijaarama…

“Namoonni duula ijarsa seeran alaa kanarratti bobba’an ‘manni si’a torba diigamee hin ijaaramne mana miti’ dhaadannoo jedhu qabu. Kanaaf, yeroo diigame deebisanii ijaaru. Si’a torbaffaatti siif mirkanaa’a jedhanii wal onnachiisu. Kuni qorumsa guddaadha” jedhan Dr. Milkeessaan.

Qaama karoora dhoksaa kanaa kan ta’e qubsumni seeraan alaa lafa Oromoo irratti taasifamu kun naannawaa magaalaa Finfinnee qofa osoo hin taane baadiyyaa Oromiyaa keessattis haalaan dabalaa dhufuus eeran.

“Fakkeenyaaf, godina Jimmaa aanaa Sokorruutti tibba kana qubsumni taasifamaa jiru waan hamaadha. Gammoojjii Gibee keessaa Fagoodhaa dhufee namni bayinaan qubachaa jira.

Kana duras lafa Oromoorra qubsiisuun kun Shawaa Lixaa, Horroo Guduruu, Wallagga Bahaa, Iluu Abbaa Booriifi Boorana keessatti baayyee dabaleera,” jedhan.

Naannoo biraarraa qubsummni gara naannoo Oromiyaatti taasifamu kun seera maleessummaa qofa osoo hin taane qubsuma ummataa (Demography) jijjiiraa deema jedhan.

“Bara mootummaa cehumsaa keessa yeroo Taammiraat Laayineeti lafti duwwaan Oromiyaa keessa jiru qoratamee, ummanni gara kaabaa kanarraa dhufee akka irra qubatu gochuun kan eegalame.

Namoonni kunneen bakka bakkatti hidhannoo guutuu waliin qubatu. Bakki itti kana seeratti galchuuf deemamee poolisii keenya ajjeesanifaatu jira,” jedhu.

Waggoota 15 darbe keessa ‘Finfinneen kan Oromoo miti ‘warri jedhanii odeessan karoora dhokataadhaan naannoo Amaaraafi Finfinnee walqunnamsiisuuf hojjechaa jirus jedhan.

“Karoora isaanii ‘Finfinneen kan Oromoo miti’ jedhu sana mirkaneessuuf, qubannaa seeran alaatiin baayina lakkoofsa ummata isaanii dabaluudhan, Godina Addaatti manneen barnootaa Afaan Oromootiin akka hin banamne godhanii Amaaressuudhaan lafa fudhachuuf.

Kanaafimmoo ragaa qabatamaa of harkaa qabna,” jedhan Dr. Milkeessaan.

Karaa Kaaba Baha Finfinneetiin magaalota Lagaxaafoo, Sandaafaa Bakkee, Shanoofi kanneen biroo keessatti ijaarsa seeraan alaafi qubsumaan lafa weeraranii Finfinneefi naannoo Amaaraa waltuqsiisuuf karoora dhoksaan hojjetamu jiraachuus bira geenyeerra jedhan.

“Yoo danda’ameef naannoo Amaaraa Finfinnedhaan waltuqsiisuu kan jedhu Pirojektii jedhu qabu. Waraanni Asaaminoo Tsiggee leenjisaa ture Kanaan dura daangaa Oromiyaa keessa galchee qubachiisuuf yaaleera.

Karaa Kanaan Finfinnee too’anna kan jedhu yaaleera,” jedhan.

Qubannaan karaa kanaan taasifamu ispoonsara godhamee itti yaadamee lafa Oromoo weeraranii Finfinnee kan ofii gochuuf yaadamee pirojektii bocanii hojjechaa turuu ragaa quubsaa argachuu himan Dr. Milkeessaan.

“Lagaxaafoo akkuma darbaniin magaala seeran alaa ‘Arbaa Aratti’ jedhamtu hundeessaniiru. Baadiyyaa keessas akkanumatti itti fufeera.

Caasaan naannoo keenyaammoo waraqaa eenyummaa birriidhaan baasaafii oola. Pirojektiin kun Finfinneedhaa hooggansi siyaasaa kennamaaf.”

“Keessa darbanii lakkoofsa ummataa dabalumaaf yaadamee maallaqni ramadamee ‘Godina Addaatti mana kireefadhaa galaa’ jedhanii hojii demography jijjiruu hojjechaa akka jiran ragaadhaan beekna.

Caasaa Oromiyaammoo malaamaltummaadhaan waan barbaadan goosisu,” jedhan.

Akka angaa’aan kun jedhanitti, halli amma ‘Finfinneen kan keenya’ jechaa ‘aadaafi eenyummaa keenyammoo keessaa dhabneerra’ jennu, waggoota 30 booda Godina Addaattis carraan akkanaa muudachuun waan hin hafnedha jedhan.