jump to navigation

Yaadannoo Qaaqee April 29, 2020

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
trackback

Soressa Hundera ogeessa fayyaati. #Qellem Wallaggaa magaalaa Qaaqeetti yeroo qabame sana haala ture akkasiin ibsa.

QAAQEE— Harroojjii Hoboo (Yaadannoo koo)

[seenaa kana ji’a ja’a duran yaadannoodhumaaf barreesse. Garuu hin maxxansine. Mee yoo waan ilmi Oromoo tokko lixa Oromiyaatti argu keessaa waan xiqqoo irraa hubachuu dandeessaniif jedheen har’a maxxansuuf murteesse. Seenicha amman danda’etti gaggabaabsee barreessuu waanin yaaleef otuu hin nuffiin obsaan dubbisaa xumuraa]

Guyyaa: Adoolessa 11, bara 2011 ALHtti, yokiin immoo Adoolessa 18, 2019 ALGtti, aduu Kamisaarra ture. Guyyaa sana 11-11-11 jedheen akka salphaatti yaadachaa ture. Sa’aatiin waareerra naannoo 7:30 ta’eera. Laaqana koo nyaadheen mana galee taa’aa jira. Kootii diimaa gad dheeraa duubarraan hidhaa qabu, surree jiinsii bifa booraa qabu, akkasumas kophee ol dheeraa wayiin uffadhee jira. Sa’aatiin bakka hojiitti deebi’uu koo ga’eera. Garuu ani manan taa’aa jira. Ana malees hiriyoonni koo lama anaa wajjiin mana keessa taa’uutti jiru.

Akkan gara hojiitti hin deebine kan na godhe sababa lamatu jira. Tokko, guyyaan sun ganamaa kaasee guyyaa jireenyi koo itti dhiphuun guutame ture. “Har’a in duuta. Har’a kan si ajjeesee daandiirratti si gatee deemu dhufee jira.” na jedhaa ture keessi koo. Ganama ergan kutaa yaalii deddeebii (OPD) seenee kaasee amman laaqana ba’uutti maal akkan ta’e hin beeku; harki koo ni hollata. Kobbee qabadhee dhukkubsataaf qoricha barreessuun baay’ee natti ulfaataa ture. Takka gad ba’een bakka ijoolleen ‘staff’ koo walitti qabamanii haasa’an deema. Takka immoo ol galeen teessuma kutaa koorra taa’ee gomma. Kana hundasaa sababan akkas dhiphadhuuf baruu hin dandeenye.
Sababni koo lammataa, humni waraanaa mootummaa magaalaa xiqqoo ani ani keessaa hojii hojjedhu (Harroojjii) seenee ummata wal ga’ii yaasee waan jiruuf dhukkubsataan gara mana yaalaa dhufaa hin jiru. Bira darbanii mana yaalaan dhaqa jechuun hin yaadamu. Kan laga keessa dhokatee nu bira ga’e qofatu dhufee yaalamaa ture. Kanaafuu, xiqqoo afuura baafadhee, warri waraanaa kunis galaa waan jiraniif isaanis dabarseen deema jedheen taa’aa jira.

Otuma teenyee hiriyoota koo sana faana haasofnuu konkolaataan sadii balbala mana koo irra dhufee dhaabbate. Ani silas guyyaa sana guutuu qaamni koo dilallaa’ee ture. Hiriyoonni koo sun garuu ni rifatani. “Maalinni? maaliif asitti dhaaban?…Soore siif dhume….” jedhani. Hubadhaa: bakka sanatti namni heeruu deemee si kenneera taanaan yokiin immoo waraanuma mootummaa agarteetta taanaan ni rifatta. Yakka waan hojjetteef otuu hin taane, waan reebamuun kee hin oolleeef. Ni reebamta, ni hidhamta, yoo dubbiin kee shakkii qabaatemmoo ni ajjeefamta.

Bakkuman jiru taa’een babalarraan bakkeetti gad ilaale. Waraanni konkolaataa sanarra jiru baay’eedha. Humna addaa Oromiyaa fi raayyaa ittisa biyyaati wal makee jira. Meeshaan konkolaataa sanarratti hidhamee jiru kilaashii isaan baattatan sana malee kan ani maqaa beekuu fi hin beekne baay’eetu jiru. Diishqaa kan jedhan kan teessuma kaameraa fakkaatu of jalaa qabu tokko, bireenii isa miilla lama qabu lama, kan tumtoo moonyee fakkaatu sana tokko tu jira. Konkolaataan tokko 3F, tokko Ambulaansii waajjira Fannoo Diimaa, tokkommoo konkolaataa bulchiinsa aanaa ture. Kun hunduu waraana amma humnisaanii baachuu danda’u baatanii ana ogeessa fayyaa buufata sanaa hojjetu qabuuf dhufame.

Konkolaataa sanarraa akkuma harca’aniin, namni lama kara bitaa mana koo, lama kara mirgaarra fiigaa borootti darbani. Namni sadii immoo kallattiima fuula duraan dhufani. Hiriyoonni koo sun warra fuul duraan dhufaa jiran sana gaafa argan, “fiignuu? Sooressa maaliif teessee nu nyaachifta hin arreedduu boroodhaan baanaa” na jedhani. Ani garuu gogeeman isaan ilaala. Isaan warra duraan dhufe sana malee warra lama lamatti hiramanii mana koo karaa bitaa fi mirgaan itti marsan hin agarre. Ani garuu sanas argeera. Otuun hin agarre ta’ees, rasaasa caalaa akkan hin fiigne bareechee waanin beekuuf fiiguuf yaalii hin taasisu.
“Warra manaa buna haa dhugnukaa!” na jedhe warra sadan duraan dhufan keessaa inni uffata siivilii uffatee ture. Namni kun hoji geggeessaa komaandi-poostii aanichaa fi bulchaa aanaa yeroofii (kan KP) ture.
“Tole, nooraa seenaa ni dhugnaa”n jedhe isa duraan balballi tokkichi qofti banamee ture isa tokkos itti dabalee banaa.
“Sooressaan si’ii?”
“Eeyyee ana”
“Hojiin kee maali? Hakiimiidhaa?”
“Eeyyee”
“Kottu si barbaadnee”
“Tole” jedheen lafaa ka’e. Achuma dhaabadheen, “Garuu maaliif na barbaaddani?”n jedhe.
“Kottu isa dhiisiitii booda haasoftaa” na jedhe dheekkamsaan lafaa na kaasee. Waraanni isa faana jiran lamman cancala qawwee banatanii jiru. Harka koo na qabee bakkee na baase.

“Garuu, kan mana keessatti hafe jiraa?’ jedhee mana keessa gad ilaale mormasaa of duuba dabsee. Ijoollee sana lammantu jira. Manni koo dhiphoodha. Siree koo, firaashii qalloo lafa buutu biroo fi teessuma afur qofatu mul’ata. Namni bakka biroo bakka dhokachuu danda’u hin qabu. Akkasaan yaadanii fi dhaga’anii dhufanitti anatu waraana Bilisummaa Oromoo waamee guyya guyyaan mana kootti afeera, anatu isaan yaala, anatu isaan gargaara.

Gaafan gad ba’u konkolaataa isaanii sana sadan irratti meeshaalee waraanaa ajaa’ibsiisoo amma gararraatti barreesse sanan arge. Waraanni warri kaan, suuqa manoota mana kootti aananii jiranii qabatanii, garii da’oo goranii, gariin immoo akka meeshaa dhukaasaaf sirreeffatanitti konkolaataa bira dhadhaabatanii jiru. “Amma kun hundi anuma qabuuf guuramanii dhufan mitii?’n jedhe sammuu kootti. Akkan du’i naaf kaadhimamteettu ganama qalbiin koo natti himte. Amma sodaa otuu hin taane, miira boonuutu natti dhaga’amaa jira. Sooressaan namni tokko harka tokkoon rarraasee qabee gabaa Qaaqee dhaqachuu danda’u akkas baay’atanii qabuunuu natti tole. Ani nama qal’oo kilogiraama 57 ti. ‘Daampelii’ hin kaasu. Sa’aatii boqonnaa kootti kitaaban dubbisa. Ogummaa Ispoortiis baay’ee hin qabu. Qaama koo keessaa buqqee mataa koo qofatu guddaadha. Akkan du’a deemaa jiru garuu nan beeka. Kanin kana beekuuf, namni deemee heeruu si kennu akka ati qallabduu waraana Bilisummaa Oromoo taateettidha. Nama akkasiimmo inuma ajjeesu. Beekamaadha. Kanaafin akkan dirree du’aa deemaa jiru beeke.
“Kottuu kana yaabi” jedhee qubasaa gara 3F sanaatti qabe.
“Maaliif? Eessan dhaqa?”n jedhe. Kana dubbadhee otuun afaanii hin raawwatiin duuba kootii sagalee qawwee ‘kash kash’ jedhu dhaga’e. Waraana na duubaan jirutu Cancala sirreeffachaa jira.

“Mooji keeti? Yaabi amma” na jedhe. [Asitti arrabsoo na jedhamee fi taatee ta’e miiran amma keessa jiruun barreessuun natti ulfaata. Hiriyoonni koo in boo’an. Kurfiin immoo kellaa buufata fayyaa jala daa’imtee yeroo foqoqaa waaqatti harkashee ol facaaftu konkolaataarra taa’ee fageenyarraa nan arga.] Kanumaan daandii Qaaqeetti geessu qabannee, konkolaataa sana lamaan gidduu na galchanii na fuudhanii ka’ani. Anis, daandii Qaaqeerra na fuudhanii ka’uunsaanii na hidhuuf malee waan biroof ta’uu dhiisuu mala jedhee jajjabinni xiqqoon natti uumame. Jajjabinni koo kun garuu sodaa dhale. Duraan du’aan ture, amma abdii jireenyaa horadheen sodaa jalqabe.

Deemsa konkolaataan daqiiqaa digdama hin caallee booda bakka “Karra Waddeessaa” jedhamu geenye. Bakka kanatti, daandiin Harroojjiirraa gara Qaaqeetti geessuu fi kan Qotaa bakka jedhamurraa Qaaqeetti geessu walitti makama. Daandii kallattiin Qaaqee nu geessu dhiisanii dalga daandii Qotaa geessurra na fuudhanii ka’ani. Qotaa sana kaambii waraanaa yeroofii tu jira. Achi ga’uuf immoo bosona Gumaa Guddaa fi bu’aa ba’ii fi tabba homtuu si hin agarre dabarteeti. Daandii gara Qotaa geessu kanarra na fuudhanii ka’uunsaanii ammoo abdii sila na keessatti uumamtee turte na keessatti ajjeeste. Amma kana deemsisanii naa raawwachuuf kan jedhu natti dhaga’ame. Ani ilma sooressaa miti. Hojii mootummaa hojjechuufin deeme. Dirqama mootummaan ogummaa koon akkan raawwadhuuf natti kenne fudhadheen buufata sanatti ramadame. Obbolaan koo fi firoonni koo Naqamtee fi Finfinneerraa, harmeen koo fi abbaan koo Giddarraa “goda sanaa dhiisii ba’i. Hojiin sun sitti hafuusaa wayya nageenya keef sodaanne” yeroo naan jedhan deebiin koo, “ani hojii mootummaan hojjechaa jira. Dirqama koon alatti hojii siyaa hojjedhu hin qabu. Kanaafuu, homaa naaf hin sodaatiinaa” kan jedhu ture.

Dhuguma immo otuun otuu hojii hawaasni ragaa naaf ba’u hojjedhuu bifa akkasiin nan shakkama jedhee hin tilmaamne. Qaaman waliin hojjedhus bifa akkas jedhee oduu sobaa deemee haasa’ee itti na basaasa jedhee hin yaadne. Hundaaf jaalalan qaba; nama hin cufu. Yoo namni na cufes itti hin qabamu, ittis haasa’ee hin dhiphisu.
Daandii qotaa geessu sana qabannee, bakka Aallee Gumaa jedhamu gaafa geenyu, waraana keessaa tokko dugda konkolaataarra bakkan taa’ee jirutti siqee na bukkee ‘ispoondaa’ konkolaataarra gad taa’e.

“Hakiimii jaal ebelu akkam?” na jedhe maqaa miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ani dhaga’ee beeku keessaa tokko waamee. Homaa hin deebifneef, nan callise.
Ammas qolee koo rukutee, “Mootummaan kan as si kaa’e akka hawaasa yaaltuufi. Kana ni beektaa?” na jedhe. Baay’ee ija babaasa. Gaafan ilaalu, morma narraa gatuuf waan ariifate natti fakkaat. Garuu, abdiin waan na keessatti gogeef sodaa koo awwaaleen jira. Jiraachuu nan barbaada. Garuu, carraa jiraachuu dhabuu kootti gaddaan ija diimeffadhee callisee isa ilaale.

“Gidaamii deemtee jaal ebeluu yaalte. Jimmaa Horroo deemtee jaal ebeluu yaalte. Nan sobee?” na jedhe ammas maqaa miseensota waraana Bilisummaa Oromoo lama waamee. Namoota inni jedhu kana ani haasaa miidiyaa hawaasaarraa jedhamuunin dhaga’a malee eenyummaa isaaniis, bifa isaaniis hin beeku. Garuu, akka miidiyaa hawaasaarraa haasa’amutti jarri kun hooggansa olaanaa waraana Bilisummaa Oromoo keessaa qabu. Garuu ammas namichaaf homaa hin deebifneef.

Afaan Amaariffaatiin, “Eenyu haadha kee tuffattee na jalaa callifta hin dubbattuuy?” jedhee kaballaa humna cimaan fuula kootti erge. Kaballichi garuu na bira kutee uuruu qawwee waraana biroo na dubaan taa’ee jiru harkasaan rukute.

Na’een ture. Garuu, sichuu rasaasatu na eeggatawoo kan jedhu sammuu kootti dhufnaanin jajjabaadhe.
“Oduu durii haasa’aa jirtamoo?”n jedhe gaafan afaan banadhu.
“Ii? Oduu durii?” jedhe akka seequu ta’ee.
“Eeyyee. Namoota ati amma jettu anuu hin beeku. Kanaafin jedhe”n jedhe. Jajjabinni koo murannoo koorraa hin maddine. Dhugaa akkan qabu nan beeka. Dhugaa koo namni na dhaggeeffatu garuu akka hin jirre quban qaba. Kanaafin callisee ture.

“Konkolaataa dhaabikaa. Asuma mitiiree?’ jedhe waraana nu faana jiran keessaa inni tokko mormasaa gara konkolaachisaatti achi dheeressee.

Bakki sun bosonaan uffifameera. Biyyoo yeroo daandiin sun qotame diigamee tuulamee taa’uu fi dhagaa caccabaa qofatu jira. Namni biroon homtillee hin jiru. Konkolaataan sadanuu dhaabataniiru. Ija kootiin fageenyatti biyyoo tuulamaa sana akka awwaalcha koottin ilaale. Harmeen koo bakkan itti gatame hin argiin hafuusheetu natti dhaga’amuu eegale. Obbolaan koo, firoonni koo, jaalaleen koo hunduu karaa eegaa hafuusaaniitiigaa jedhee imimmaan ija na guute. Boo’icha miti, xiiqiidha. Mormi koo gorora liqimsuu dadhabe. Bosona sana keessaa waaqni karoora diinaa fashaleessu yoo naaf owwaate maal ta’a? Silaa dhugaa koo in argaa jedheen bosonicha keessa ija abdiin ilaalaa daandiirraa gadi na maqsani.

[Ammas bakka kanatti waan ta’e baay’eesaa miiran amma keessa jiruun seenessuu hin danda’u]
“Amma maal jettee turte? Jaal ebeluu, jaal ebeluufaa hin beeku. Oduu duriidha moo maal naan jette?” jedhe waraanni sila na qorachaa ture sun natti garagalee. Alaalarraa gama keessatti mana qorqoorroo tokko kan ‘kushinaa’n biraa aartun arga. Otuu mana warra keenyaa ta’een jedha yaada kootti. Fira tokkoyyu bakka sanaa hin qabu. Yoo jiraates akkaataa du’a koo gabaasa malee homaa naaf gochuu hin danda’u. Garuu, Oromo hunda fira koo jechaan jiraachaa ture.

“Eeyyee. ‘Indihum’ dhugaa tokko sitti himuu? Buufata fayyaa keenyaan alatti waraana miti, nama dhuunfaaf lilmoo tokko kennee yoon beeka ta’e hawaasicha duratti baasaatii na ajjeesaa”n jedhe. Kun dhugaa ani qabu yeroo hima tokkoon gudunfamtuudha. Dhugaa kana dubbadhee deemuun barbaade. Yeroon kana dubbadhu ajajaan isaaniis, warri kaanis na dhaggeeffatu turani. Kanuma gidduutti bilbilli wayii ajajaa sanaaf bilbilame. Eenyu akka itti bilbile beekuu baadhus, bilbilichi qaama isaan hoogganurraa akka ta’e ni akeeka. “Ol deebisaa Qaaqee geeffamaa” jedhe ajajichi bilbilicha haasa’ee erga raawwatee.

Baaltiin geeffame soba ta’uusaa mirkaneeffatan ta’ee hin beeku.

Waaqa ani bosona kana keessaa naaf birmadhuu karoorasaanii fashalsi jedhetu naaf owwaate ta’ees hin beeku.

Anatu akka dhuunfaatti waan isaan tilmaamanii dhufa ta’ee waanin itti hin argamiiniif isaan marare ta’ees hin beeku. Kaambi Qotaa sa’aa tokkoof na tursanii gara mana hidhaa Qaaqeetti na geessani. [Turtii koo ji’a tokkoo fi guyyaa 5 mana hidhaa Qaaqee keessatti maal akka fakkaatu yeroo biroo nan barreessa. Har’aaf kanuman isiniif qooduu fedha. Waaqni bowwaa kam keessaayyu yoo waammatan garuu dhugaa qabaannaan namaaf dhaga’a. Hunda caalaa dhugaa koo fi watwaannaa ani otuun sagalee koo hin baasiin waaqatti boo’e akka na baasetti amana. Hundaafuu bagan jiraadhee har’a gahe. Jiraachuu kootti gammadeera. Ammoo seenaa kana bu’aa polotikaa biroof akka sin hin oolfanne abdiin qaba. Kun yaadannoo kooti. Seenaa dhugaadha.

Galatoomaa!

Fuulaa Facebook Lammii Beenyaa irraa.

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: