Gabaasa Qeerroo Finfinnee Sadaasa 23,2015

Dhumaatii beelaan uummattoota naannoo roobni hin geenye irra gahaa jiru daa’immaan, haadholii fi horiiwwan yeroo itti wal faana dhumaatii sukkanneessaa irra jiranitti mootummaan Wayyaanee ofii cooma muree guddina biyyaa odeessaa jira.Kan baayee nama gaddisiisu keesssaa naannowwan kun beelli itti hammaatetti nyaataan mootummaan keenya isaan deggeraa jira jechunis miillii fi harki wayyaanee kan taate jaleen OPDO’n miidiyaa irraan oduu sobaa lafa naqaa jirti kan seenan lubbuu kumaan lakkawamaa jiru gaafatullee sobuudhaan uummata beelaan dhumaa jirutti qoosan. Yeroo biyyaaf boo’ichaa wayyaanee fi jala kaattuu sheef garaa guuttachuun nyaattee uummatatti dhaadatti. Kanumaanuu kan walq abate gaaffiii uummanni Baalee aanaalee garagaraa irratti mootummaan maaliif soba gargaarsi godhame nama dhuunfaa irraa kan hafe hin agine kan warra beela’aniif kan jedhanii wayyaanee soba ishee saaxilan yeroo kana gara siyaasatti harkifamanii qabamaa kan jiran jiru. Akkasuma sadaasa 25/2015 yuuniversirii Madda walaabutti barattotni gaaffii kaasan uummata keenya obbolaa keenya beelaan dhumaniif gaddina jedhuu fi akaksuma barattootni moora yuuniversitichaa mootummaa wayyaanee balaaleffatan.

Uummanni keenya osoo beelaan dhumu wayyaaneen aangoo irra jiraatuu hin qabu jechunis barattootni yuuniversitii Bulee horaas barruum facaasan. Yeroo kana gaaffii cinatti dhimma MP waliin wal qabatee gaaffiin mootumman wayyaanee sobeeuummata beelaan dhumaa jiruuf gargaarsi godhamaa jiru kana saaxiluun barattootni gaaffii  kaasaa waan jiraaniif wayita kana wayyanee qixa hundaattuu sodaadhaan kan guutamee jiru tahuun hubatamee jira. Kanaaf gaaffiidhuma kana fakkaatu namoota kaasan hidhuu fi hojii irraa gaggeesuunuu kan itti hammaataa dhufeedha.
Dhimma beela’un dhumaatiin uummata irra gahaa jiruuf gaaffii namootni naannoo Baalee, Harargee irraa kaasaniif toohatamaa hidhamaa jiran gabaasan dubbata.