The iconic Oromo music star, singer, song writer and author of 5 books Daadhi Galaan murdered by unidentified gunman while on stage. February 15, 2019
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Artist Dadhii Galaan, Daadhii Galaan, iconic artist, Oromo music, Wellisaa Daadhii Galaan
4 comments

Wellisaa fi barreessaa beekamoo Daadhii Galaan nama eenyummaan isaa ammaf hin adda hin baaneen rasaasan ajjeeffame. Biyyoon isatti haa salphatu. Maati isaaf saba Oromoo maaraaf rabbi jajjabeenya haa kennu.
Wellisaa Daadhiin Oromiyaa, godina Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Jaarraa Gooroo bakka Buuyyamaa jedhamutti haadha isaa Likkee Damissee fi abbaa isaa Galaan Wadaajoo irraa bara 1977 dhalate.
Wellisaa Daadhii fi jaallan isaa Gurraandhala 11 bara 2019 godina Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa magaalaa Ashuffeetti ebba hoteelatiif sirbarra turan. Haala kana keessatti dhukaasa nama ammaf hin beekamne irraa banameen lubbuun artiist Daadhii Galaan darbeera.
Wellisaa Daadhin sirboota aadaa, jaalalaa, kan qabsoo fi sabboonummaa Oromoo jajjabeessan viidiyoo fi sagaleedhan weellisee maxxansiisuun gumaachaa guddaa godha ture.
Wellisaa fi barreessaa Dhaadhiin kitaabota 5 inni barreessee maxxansee gummaache matadureen isaanii:
Aangoo sanyiin dhaalan
Numalee
Yaadannoo jaallanii
Liiban Liibiyaa taate
Boolla nugusa
Sirboota baaqqee fi albamootas gumaachuun guddina aartii Oromootif uf qussannaa malee hojjechaa ture.
Sirboota isaa hedduuf walaloo fi yeedaloo qopheessaa kan ture isuma mataa isaa ture.
Daadhin weellisaa, barreessaa, waloo fi yeedaloos qopheessaa ture.
Artiist Daadhiin seenaa qoratu malee hin barreessu, hin sirbu jedhu hiriyoonni dhiyeenyan isa beekan.
#Ethiopia: #Ethiopian singer Dadhi Gelan killed by stray bullet https://t.co/fRu28Oe2ia "Dadhi was known for songs depicting the struggles of the #Oromo people, often urging them to stand up for freedom. He sang in the Afaan Oromoo language and was also an author of five books." pic.twitter.com/BKZm2AIzBV
— Addis Standard (@addisstandard) February 13, 2019
You must be logged in to post a comment.