Gabaasa Qeerroo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ebla 20,2015

Because I am OromoWallagga, Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ganda qonnaan bultaa Furdisaa lafa qonnaa fi bososna Baanqoo jedhamu mootummaa Wayyaanee investerootaaf hiruu isaa irraan kan ka’e uummanni Oromoo naannichaa diddaa fi falmatnaa dachii isaanii taasisaniin ergamtootaa fi bulchitoota Wayyaanee waliin walitti bu’uu Qeerroon gabaase.

Gaafa Ebla 19,2015 Diddaa uummanni naannoo kanaa kaaseen wal qabatee mootummaan Wayyaanee loltoota isaa Naqamte irraa gara naannichaatti erguun fincila kaafatniittu, dachii mootummaan irraa buqaaa isiniin jedhe irraa ka’uu diddan sababoota jedhuun abbootii warraa kanneen ta’an qonnaan saddeettamaa ol manneen hidhaa beekamtii hin qabne kan akka Waamaa Adaree,magaalaa Nuunnuu, mana hidhaa Jimmaa Arjoo fi Jaatoo Naqamteetti guuramanii hidhamuu isaanii Qeerroon addeessa.

Kanneen keessaa maanguddoonni umuriin bulan lama haalaan miidhamanii mana hidhaa Naqamteetti darbatamanii jiru, kanneen kunis:-

  1. Obo,Qalbeessaa Donee
  2. Obbo, Firrisaa Waakkennee

Jedhaman yeroo ta’an hidhamtoota warreen hafan kaan keessas shamarran Oromoo maatii qonnaan bulaa keessaa akka keessatti argaman gabaasi addeessa.

http://qeerroo.org/2015/04/20/wallaggaaanaa-nuunnuu-qubmaa-keessaa-qeee-keenya-irraa-hin-buqqaanu-sababaa-jedhiif-qofa-qonnaan-bultooti-oromoo-80-ol-manneen-hidhaa-gara-garaatti-hidhaman/